ABDII SABAA
Poolisiin Magaalaa Finfinne du'a Qananii Addunyaa Waaqoo qorataa jiraachuu akkasumas Weellisaa Andu’alemiin to’annaa jala oolchuu beeksise. Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa Gamoo Wuddaasee Manneen Sunshine Fuulduratti argamu keessa kan jiraachaa kan…
Du'a Qananii Addunyaa ilaalchisee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hin gabaasne Manni Murtii Federaalaa dhorke.
Galmeen saaqamee daqiiqaawwan muraasa booda miidiyaaleen dhaddacha gadi dhiisanii akka bahan taasifameera.
Manni Murtii Federaalaa Jalqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddachi beellama yeroo tokkoffaa du'a jaalallee weellisaa Andu'aalam Gosaa shamarree Qananii Addunyaan walqabatee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hingabaasne dhorke.
Manni Murtichaa bu'aa qorannoo Poolisii dhaggeeffachuuf har'atti beellamee kan ture yemmuu ta'u, akkuma dhaddachi eegaleen Poolisiin miidiyaaleen dhaddacharraa naaf yaa ittifaman jechuun iyyateera.
Miidiyaaleen odeeffannoo sobaa tamsaasuun adeemsa qorannoorratti dhiibbaa geesisaa jiru kan jedhe Qorataan Poolisii, hawaasni ilaalcha dogongoraa akka qabaatu taasisaa jiru jedheera.
Kanaafis miidiyaaleen dhaddacha akka hinseenne manni murtichaa jala murtii akka kennu gaafataniiru.
Iyyata Poolisiin dhiyeesseen akka waliigalan mana murtichaatti kan himan abukaatoon weellisaa Andu'aalam Gosaa, miidiyaaleen odeeffannoo dhaddacha keessatti hindubbatamne gabaasuun shakkamaa, maatii shakkamaafii isaanirratti dhiibbaa kan qabu ta'uu himan.
Akka fakkeenyaattis odeeffannoowwan 'shakkamaan koonsartii akka dhiyeessuuf mirgi wabii yaa eegamuuf akkasumas abukaatoon shakkamaa yaadannoon guyyuu miidhamtuu (Qananii Addunyaa) harkakoo jira jedheera' jedhan kaasan.
Yaada poolisiifii abukaatoo kan dhaggeeffate manni murtichaa, dhaddachawaan kanaan dura turanirratti miidiyaaleen karaa sirriifii madaalawaa ta'een akka gabaasan ajaja dabarsuusaa yaadachiise.
Itti aansuunis miidiyaaleen adeemsa qorannoofii dhaddachaarratti dhiibbaa geesisaa jiru jechuun dhaddachi miidiyaaleef cufaa ta'ee akka adeemsifamu jalamurtii dabarseera.
Miidiyaaleen dhaddacha keessa turanis galmeen ilaalamee osoo hinxummuramin dhaddacha dhiisanii akka gadi bahan ajajeera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

👍768😭136❤99👏31😢25🥰12🔥3💔3😱1
Hordoftoota amantaa kiristaanaa marti baga Ayyaana Fannoo nagaan geessan.
Ayyaanni Fannoo biyyoota garaagaraatti kabajama
Ayyaanni Fannoo biyyoota garaagaraatti sirnoota Adda Addaan ni kabajama. Ayyaanichi manneen Amantaa Kiristaanaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota akka Ijiptii, Isiraa’eelii fi Giriikitti haala hoo’aa ta’een kabajama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Ayyaanni Fannoo biyyoota garaagaraatti kabajama
Ayyaanni Fannoo biyyoota garaagaraatti sirnoota Adda Addaan ni kabajama. Ayyaanichi manneen Amantaa Kiristaanaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota akka Ijiptii, Isiraa’eelii fi Giriikitti haala hoo’aa ta’een kabajama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍695❤283🥰51👏38🤬24😁15🤝10🏆9💔9🙏6🔥5
ABDII SABAA
#Video Asbeks Qarshii 10,000 eenyutu injifate! Haala ho’aan eegamaa ka ture, waldorgommii Asbeks, injifataan marsaa kanaa barameera! Waldorgommii Asbeks geggeeffamaa ka ture hojjetaan Mulugeetaa Darajjee Roobaa qabxii 6,122,571 galmeessuun qarshii 10,000…
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
#winner
Asbeks Qarshii 10,000 eenyutu injifate!
Haala ho’aan eegamaa ka ture, waldorgommii Asbeks, injifataan marsaa kanaa barameera!
Waldorgommii Asbeks geggeeffamaa ka ture hojjetaan Asladdiin qarshii 10,000 injifateera.
Ergaan Injifataa kanaa viidiyoo armaan olii irraa daawwadhaa.
Dabalataan injifattoonni sadarkaa 1-50 ba’an akkaataa sadarkaa isaaniitti yeroo ammaatti marti isaanii qarshii isaanii karaa Waleetii Bilookcheenii TON isaan qaqqabuu gareen @AsbeksPlatform beeksiseera.
Asbeks yeroo yeroo sagantaa garaa garaan hojjettoota isaa badhaasaa kan jiru yommuu ta’u marsaa itti aanuufis badhaasa addaa qopheesseera.
Asladdiiniin baga gammadde jechaa, waldorgommii marsaa itti aanuuf @AsbeksPlatform hordofaa.
Asbeks carraawwan hedduu fidee dhufaa kan jiru yommuu ta’u, yeroo dhihootti Asbeks shop eegalchiisuun namoonni Asbeks isaanii fayyadamuun meeshaalee dhihaatan bitachuun lafa jiranitti akka ergamuuf hojjetamaa jira!
@asbeksplatform Ammuma hordofaa !
Asbeks Waliin Fuulduratti!

👍244❤55😁22💔12👏8😱4😨4🤯3👌2🔥1
ABDII SABAA
Hordoftoota amantaa kiristaanaa marti baga Ayyaana Fannoo nagaan geessan. Ayyaanni Fannoo biyyoota garaagaraatti kabajama Ayyaanni Fannoo biyyoota garaagaraatti sirnoota Adda Addaan ni kabajama. Ayyaanichi manneen Amantaa Kiristaanaa Itiyoophiyaa dabalatee…
Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamoo Abuna Maatiyaas dabalatee abbootiin amantaalee ayyaana du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.
Hawaasni Kiristaanaa ayyaana du'aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos wayita kabaju walgargaaruun qaba jedhan.
Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamoo Abuna Maatiyaas ayyaanicha ilaalchisuun ibsa laataniin, ayyaanni yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos jaalala, qajeeltummaa fi cichoomina ni barsiisa jedhan.
Wayita ayyaannichi kabajamu nageenyaa fi tokkummaa Itoophiyaaf kadhachaa, lammiilee sababa garaagaraan rakkoo keessa jiran gargaaruu barbaachisa jedhan.
Phaaphaasiin Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatooliikii Itoophiyaa Kaardinaal Abuna Birhaane Iyyesuus Suraafeel gama isaaniin Fannoo Iyyesuus Kiristoosirraa dhiifama, qajeelummaa fi kabaja baranna jedhan.
Barreessaan Mana Maree Waliigalaa Manneen Amantaa amantoota Warra Wangeela Itoophiyaa Luba Darajjee Janbaruunis ayyaana yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoota wayita kabajnu kan rakkate gargaaruun ta’uu qaba jedhan.
Ayyaanni Hiikaan kan waldhabe kan itti araaramu, kan walirraa fagaate walitti dhiyaatu, araaramani araarsuun fakkeenya ta’uutu barbaachisa jedhan.
Pireezdaantiin Gamtaa manneen Amantaa amantoota Wangeelaa Paasteer Tsaadiquu Abdoon gama isaaniitin, gochaan Iyyesuus Kiristoos Hoosaa’iina hanga du’aa ka’uutti raawate dhala namaa qajeelummaa, jaalalaa fi kabaja kan barsiisuudha jedhani jiru.

👍228❤138👏12😁11🥰7🔥5🤬5
#IYYAAFANNOO
Mucaa maqaan ishe SUMAYYAA MOHAMMED ABDULKARIIM jedhamtu dhalattuu Godina Jimmaa Aanaa Maannaa, Ganda Baballaa Kossaa yoo taatu, gaafa guyyaa 7/8/2017 ganama sa'aatii 5:00tti manaa baatee waaree booda naannoo sa'aatii 10:00tti Magaalaa Jimmaa buufata konkolaataa (mannaarraa) Aggaarootti akka argamte odeeffannee turre.
Erganaa garuu hanga har'aatti achi buutee ishee dhabnee rakkataa waan jirruuf maaloo intala keenya kana nuuf barbaadaa. Mucaan kun gaafa manaa baatu, Jalbaaba gurraacha uffattee jirti. bifti ishee magaala, umriin ishee 12 waan taateef, namoonni argitan gatii dadhabbii keessaniis isiniif kaffallaatii karaa lakkofsa bilbila armaan gadii nuuf eeraa!
Lakk bilb:- 0917793484 ykn 0966335685

👍418❤53😢44😱25🥰16💔13🙏12👏10😁6🔥5🤯2
#Baga_Geessan
Hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa maraan baga ayyaana Faasikaa nagaan geessan jechaa, ayyaana kana yemmuu kabajjan inni qabu isa hin qabne gargaaraa waliin kabajuu akka qabdan isiniif dhaamna.
Ayyaanni kun:-
Kan gammachuu
Kan jaalalaa
Kan tokkummaa
Kan bilisummaa
Isiniif haata'u.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa maraan baga ayyaana Faasikaa nagaan geessan jechaa, ayyaana kana yemmuu kabajjan inni qabu isa hin qabne gargaaraa waliin kabajuu akka qabdan isiniif dhaamna.
Ayyaanni kun:-
Kan gammachuu
Kan jaalalaa
Kan tokkummaa
Kan bilisummaa
Isiniif haata'u.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤423👍231👏30🥰25🔥22🤯14😱6🤬5💔5
Tajaajilaafi oomisha keessan karaa Pilaatfoormii qophaa’aa jiruun haala salphaan gurguraachuuf akka “Gurguraa” ykn “Seller” ta’uun galmaa’uu namooti feetan karaa @AbdiiSabaadm nu qunnamaa.
Pilaatfoormiin qophaa’aa jiru namooti mana isaanii taa’uun tajajila kennitan akka ajajataniifi lafa jiranitti akka ergamuuf taasisa. Kanaaf Gurgurtooti fayyadamtoota jalqabaa ta’uuf guyyaa harraa irraa ka’uun karaa @AbdiiSabaadm nu qunnamuun galmaa’uu ni dandeessu. Gosa daldalaa kamuu kan keessummeessinu yommuu ta’u , odeeffannoo dabalataaf nu qunnamaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Pilaatfoormiin qophaa’aa jiru namooti mana isaanii taa’uun tajajila kennitan akka ajajataniifi lafa jiranitti akka ergamuuf taasisa. Kanaaf Gurgurtooti fayyadamtoota jalqabaa ta’uuf guyyaa harraa irraa ka’uun karaa @AbdiiSabaadm nu qunnamuun galmaa’uu ni dandeessu. Gosa daldalaa kamuu kan keessummeessinu yommuu ta’u , odeeffannoo dabalataaf nu qunnamaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍234❤33👏14😁13🥰10🔥9😭6🆒6🤯5😱3
Poop Firaansiis boqotaniiru.
Kana hordofuunis biyya keenya dabalatee biyyooti garaa garaa gadda isaanii ibsaa jiru
Hangafti Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Roomaa Poop Firaansiis addunyaa kanarraa du’aan boqochuu hordofee hooggantooti , manneen amantaafi namooti garaa garaa gadda isaanii ibsaa jiru.
Poop Firaansiis umrii waggaa 88ffaa isaanitti har’a ganama kan boqotan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Kana hordofuunis biyya keenya dabalatee biyyooti garaa garaa gadda isaanii ibsaa jiru
Hangafti Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Roomaa Poop Firaansiis addunyaa kanarraa du’aan boqochuu hordofee hooggantooti , manneen amantaafi namooti garaa garaa gadda isaanii ibsaa jiru.
Poop Firaansiis umrii waggaa 88ffaa isaanitti har’a ganama kan boqotan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍332😢165😁87❤65👏32😭21😱12🥰8🤯8🆒6🤝5
#ExitExam
Beeksisa
Qormaata ba’iinsaa(EXIT EXAM) irra deebiin fudhachuuf galmeen isaa jalqabameera
Ministeerri barnootaa haala galmee keessa deebii qormaata ba’iinsaa addoomseera.
Haaluma kanaanis Galmeen qormaataa Eebla 14/2017 hanga Caamsaa 05/2017 tti kan banamu yoo ta’u, barattoonni marsariitii https://exam.ethernet.edu.et jedhu fayyadamuun galmaa’uu qabu. Guyyaa qormaati itti kennamu kan hin moramne yommuu ta’u fuulduratti akka beeksisu ministeerri barnootaa ibseera.
Galmaa’uuf:
1. Waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa(National Id)
2. kaffaltii tajaajilaa qarshii 500 karaa Telebirr kafaluun dirqama.

👍417❤72😁19🤯19😱19🥰6🔥5❤🔥4👏4
#Xiyyeeffannoo
Har'as irra deebiin uummanni oromoo godina wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda cabbii (baddeessaa) shiftoota faannoon rukkutamaa jira!
“Guyyaa harraa jechuunis 14/08/2017 ganama irraa eegalee lola jabaatuu qotee bulaaf shiftoota faannoo birgeediin socho'an waliin deemaa jira! “ jechuun jiraattoonni miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himan
hanga ammaa qaamni mootummaa uummataaf birmate hin jiru! Kan jedhan jiraattonni, guyyaa dheengaddaa 08/08/2017 shiftoonni kunneen ganda sana weeraruun qabeenya uummataa saamanii turan,har'as irra deebiin lola banan! Jedhaniiru.
saba sagalees ta’e waraana hin qabne kanaaf sagalee haa taanu! Jechuunis waywaataniiru.

😭720👍317❤86😢61🔥19😱16🥰10😁9👏3
ABDII SABAA
#Xiyyeeffannoo Har'as irra deebiin uummanni oromoo godina wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda cabbii (baddeessaa) shiftoota faannoon rukkutamaa jira! “Guyyaa harraa jechuunis 14/08/2017 ganama irraa eegalee lola jabaatuu qotee bulaaf shiftoota faannoo birgeediin…
#update
Haleellaa guyyaa har'aa finxaaleyyiin faannoo godina wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda cabbii(baddeessaa) tti uummata nagaa irratti raawwataniin lubbuun qonnaan bultoota oromoo namni 13 darbee jiraachuu jiraattonni miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himan.
Haleellaa kanaanis manneen uummataa gubatanii jiru, kana malees namoonni hanga ammaa hin argamiin jiran waan jiraniif lubbuun namoota du'anii dabaluu danda'a! Jedhu jiraattonni.
Qaamoonni mootummaa erga miidhaan dhaqqabee barfatanii deemanis,garuu ammas humnoonni faannoo birgeediin 3000 oliin sochitti jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Ammas uummanni oromoo aanichaa sodaa guddaa irraa kan ka'e gara aanaa giddaa ayyaanaa magaalaa ayyaanaatti godaanaa jira!
maqaan qonnaan bultoota lubbuu dhabanii:
1. Faqqadaa Goobanaa
2. Taaddalle Abbabaa
3. Tafarraa Wayyeessaa
4. Tasfaayee Maammoo
5. Abbitti Tasfaayee
6. Tamoo Dayyee
7. Gonfaa Kiikkoo
8. Geetahuun Nagarii
9. Baabbee Alamayyoo
10. Addunyaa Hirphaa
Kunniin namoota muursa , gariin ammaaf adda hin baane!

😭705👍276❤65💔45😱20😢20🤯8❤🔥6👏5
ABDII SABAA
#update Haleellaa guyyaa har'aa finxaaleyyiin faannoo godina wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda cabbii(baddeessaa) tti uummata nagaa irratti raawwataniin lubbuun qonnaan bultoota oromoo namni 13 darbee jiraachuu jiraattonni miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himan.…
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Bo’icha Sabaa Viidiyoon.
Haleellaa finxaaleyyiin faannoo godina wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda cabbii(baddeessaa) tti uummata nagaa irratti raawwataniin bo’icha sabaa suur sagalee jiraattonni miidiyaa @Abdii_Sabaaf ergan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Haleellaa finxaaleyyiin faannoo godina wallagga bahaa aanaa kiiramuu ganda cabbii(baddeessaa) tti uummata nagaa irratti raawwataniin bo’icha sabaa suur sagalee jiraattonni miidiyaa @Abdii_Sabaaf ergan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
😭921👍189❤72😢51💔47🔥17😨17🤯15😱14👏13