Telegram Web
Nageellee Arsiitti Balaa konkolaataa Guyyaa kaleessaa gaafa guyyaa 15/8/2017 mudateen lubbuun namoota 16 darbeera.

Isaan keessa barataa Yuunivarsitii salaalee kan ta'e, barataa waggaa Afuraffaa eebbifamaa bara kanaa, ayyaanaaf gara biyyaa shaashamanneetti dabarsee gara mooraa salaaleetti otuu deebi'aa jiruu balaa konkolaataa kanaan lubbuun isaa darbeera.

Namoota kanneen keessa muraasa isaanii kanneen suuraan irratti mullatan Saadaam Bullii, Ismaa’il Abdallaafi wondimmuu abbabaa jedhamu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa gaddaa guddaa itti dhaga’ame ibsaa maraaf jajjabina hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
😭953👍31877😢67💔63👏11🫡10🔥9🥰8🤯4😁1
ABDII SABAA
#winner Asbeks Qarshii 10,000 eenyutu injifate! Haala ho’aan eegamaa ka ture, waldorgommii Asbeks, injifataan marsaa kanaa barameera! Waldorgommii Asbeks geggeeffamaa ka ture hojjetaan Asladdiin qarshii 10,000 injifateera. Ergaan Injifataa kanaa viidiyoo…
Asbeks walitti qabachuun tajaajiloota Asbeks kennu mara fayyadamaa. Jabaattanii hojjechuunis badhaafamaa.

Asbeks Pilaatfoormii egereeti ammuma eegalaa👉 @AsbeksPlatform

Asbeks Waliin Fuulduratti
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍16834😁21👏10🤬7🤝4🥰2🔥1😱1
Gareen Asbeks miidiyaa Abdii Sabaaf karaa salphaa maatiin miidiyichaa ittiin miidiyaa isaanii deeggaran mijeessuu isaaf miidiyaan @Abdii_Sabaa guddisee galateeffata.

Asbeks kalaqaafi Teeknooloojii zamanaan adda durummaan garee dursaa jiru yommuu ta’u miidiyaa @Abdii_Sabaa waliin ta’uun jijjiirama guddaa fiduuf dalagaa kan jirudha.

Maarree guyyaa harraa irraa eegaluun maatiin miidiyichaa miidiyaa keessan tumsuu barbaaddan karaa salphaa Asbeks mijeesseen Telebirr fayyadamuun miidiyaa keessan deeggaruu ni dandeessu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa gama isaatiin tajaajila “Asbeks Donation” fuulduraatti maraaf ifoomu irratti fayyadamaa jalqabaa ta’uu isaaf gammachuu guddaa itti dhaga’ame ibsaa, karaa hidha armaan gadiitiin seenuun deeggarsa barbaachisaa miidiyaa kana cimsuuf oolu akka gumaachitan kabajaan gaafata.

Qarshii 1 irraa eegaluun nama haga danda’e gumaachuu ni danda’a.

Miidiyaa @Abdii_Sabaa gargaaruuf:
DONATE NOW 👉 https://www.tgoop.com/asbeksbot/start/?startapp=donation-AbdiiSabaaMedia

@AsbeksPlatform hordofaa🤝

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍34674😁41🥰22🤬10🔥9👏9🤯1
Walfuudhuuf, Ogeeyyii Qunaamuufi Duroomuuf, PayChat Furmaata!

Tajaajila PayChat eegaluuf adeema Asbeks.🥰

PayChat jechuun karaa namoonni nama fedhan itti argatan, ogeessota qunnaman, kaadhimaa barbaaddatan akkasumas itti bohaaranidha.

PayChat irratti namoota amanamoo qofatu galmaa’a , namoonni fedhanis namoota kanniin qunnamuuf tola osoo hin taane qarshii kafalataniiti.

“Yoo barbaadde karaa PayChat na qunnami🥰

Shamarran abbaa manaa barbaadan PayChat irrattu galmaa’u, namootis isaaniif kafaluun haasofsiisu , yoo kan walii galan ta’e wal kaadhimatu, garuu bilisa miti, shamarreen kun namni kun yeroo itti haasa’utti akka kaffaluuf taassisuu ni dandeessi, yeroo ofii bilaasha gubuun hafeera🙈

Akkasumas ogeessi tokko namni akka Isaan qunnamuuf PayChat irratti ni galmaa’a, maamiltooti isaas isaaf kafalanii haasofsiisu🥰

PayChat kana qofa miti faayidaawwan hedduu qabatee dhihaataa jira, martuu garee Asbeksiin dhufaa jira. Asbeks waliin fuulduratti yeroo jennu sababa wajjin.

PayChat yeroo gabaabaa gidduutti tajaajila kan eegalu yommuu ta’u, PayChat irratti galmaa’uuf fedha kanneen qabdan karaa @AbdiiSabaaDm dursaa nu qunnamaa. Shamarran galmaa’aniif dursi kan kennamu ta’a!

PayChat fayyadamnaan yeroo kee salphaatti gara maallaqaatti jijjiirratta!

Asbeks Waliin Fuulduratti 🥰

@AsbeksPlatform hordofaa🤝

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍333😁26880🤬21🥰14😍11👏9🤯7😱7
Qormaanni Kutaa 8ffaa waxabajjii 3-5 bara 2017 kennama!

Qormaanni kutaa 6ffaafi 8ffaa sadarkaa naannootti kennamu baatii Caamsaa fi Waxabajjiitti walduraa duubaan kan kennamu ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Qormaanni kutaa 6ffaa caamsaa 26-27,2017 kan kennamu yoo ta’uu, kan kutaa 8ffaan immoo waxabajjii 3-5, 2017 kan kennamu ta’uun ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍814179😨32👏29😁26😱19🤯15😭12🤬10🤩9
Dhimma Galmee Qormaata “Exit Exam”

Miidiyaa Abdii Sabaa rakkina barattoonni galmee qormaata “Exit Exam” irratti mudachaa jiran irratti gabaasa argateera. Akka gabaasa kanaatti, yeroo ammaa kana Ministeera Barnootaan galmeen qormaata kanaa banameera, barattoonni hedduun akka galmaa’aniifis kallattiin kaawwamee jira.

Rakkoo “National ID” fi Ergamuu Dhabuu Isaa
• Barattoonni baay’een galmee isaanii haala gaariin fixachuu dadhabanii jiru; sababni isaas erga galmeen raawwatee booda “National ID” dhaamsi mirkaneessaa hin ergamne jedhameera.
• Barattoonni “Dhaamsi National ID” dhaqqabuun dhabuun isaan yaaddessaa jiraachuufi carraan isaan qormaataaf galmaa’uuf qaban shakkii keessa galuu dubbatu.

Yaada Barattootaa

“Ji’a lama dura galmeeffannee turre, garuu hanga ammaatti dhaamsi mirkaneessaa nu bira hin geenye. Yeroo Teelee gaafannus, ‘adeemsarra jira’ jedhanii obsaan eeguu nu gaafatu. Guyyoota hafan keessatti dhaamsi nu bira hin ga’in taanaan carraan qormaaticha irratti hirmaachuu keenyaa shakkisiisaadha.”

Barattoonni miidhaa rakkoo kanaan isaan qunnamuu malu irratti yaaddoo fi dhiphina isaanii ibsachaa jiru.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa Qaamolee dhimmi kun ilaallatu marti rakkoo barattootaa kanaaf kallattiiwwan kaa’uun, furmaata dhimmichaa irra deebii cimaan akka ilaalan kabajaan gaafate.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍755118🥰37😱18😭15🔥6👏6🤯5
#Iyyaafannoo

Naaf barbaadaa

Maqaan kiyya Leulsegd Alemayyoon jedhama. Paaspoortii kiyya kan suuraan armaan olitti argamu Adaamaa marfata Alii Birraatti baajaajii qabadhee humna ibsaa deemee achirraa ammoo gara Booleetti deeb’iee, na jalaa badee jira.

Yeroo kana Paaspoortiin kun baayyee kan na barbaachisuufi haaraa baafachuunis jabaa sababa ta’eef namooti Paaspoortii kana agartan karaa lakkoofsa bilbilaa +251911586233 na qunnamaa. Gatii dadhabbii keessanii nan kafala.

Galatoomaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍53998😢35🥰27😨22🤯14🫡12👌11🔥8👏5
Hatattamaan miidiyaa @Abdii_Sabaa qunnamuuf ASBEKS PAYCHAT fayyadamaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍503105😁67👌43🤬28🥰17👏16😱15🆒15🔥10🤯5
"Ani biyya kootiif maalin godhe jedha malee, biyyi koo maal naaf goote hin jedhu." Art. Kadir Martuu

Art. Kadiir Martuu dararaa yeroo dheeraaf irratti raawwatameen dhibamee biyya UK Magaalaa Maanchistar Hospitaala Jeneraalaa (General Hospitaal) keessatti wal’aanamaa jira.

“sababa qabsoo ummata Oromootiif jecha reebicha waggaa 19 dura humni tikaa Itoophiyaa narratti raawwateen cinaachi koo bitaa sadi na miidhame” jedhe Art. kadir

Humni tikaa Itoophiyaa iccitii qabsoo akka baasuuf reebichaa fi dararaa garagaraa narratti raawwatan jechuun dararaa isa irratti raawwatame kan ibsu art. Kadiir Martuu, iccitii kennuu dhabuu kootiif cinaachi koo caccabee jedha.

Yeroo hedduu TPLF dararaa garagaraa irratti raawwataa turuu yaadachiisuun kun aarsaa qabsoo ummata kootiif kafaleedha jedha.

Mirga ummata isaatiif akka falmu kan dubbatu art. Kadiir Martuu, namni mirga umamaan argateen kabajamee jiraachuu qaba jedha.

Dubbii isaa keessattis "Ani biyya kootiif maalin godhen jedha malee, biyyi koo maal naaf goote hin jedhu. Ummanni koo garuu ilma isaatiif waan godhu beeka" jechuun dubbateera Art. Kadir Martuu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa gameessa kanaaf dafee akka fayyuuf hawwii guddaa qabu ni ibsa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍1.31K235😢214😭95💔77🔥22👏21😍19🥰18💘14👌4
ABDII SABAA
#DV2026 Iyyanni US Diversity Visa (DV) bara 2026 boru irraa eegalee banaa ta'a. Ameerikaan namoota kumaatamaan lakkaa’aman Itoophiyaa dabalatee biyyoota adda addaa irraa karaa Diversity Visa (DV) akka fudhattu beekamaadha. Guyyaa boruu irraa eegaluunis…
Oduu Ammee

Injifattoonni DV 2026 ifoomaniiru

Iyyattoonni DV 2026 marsariitii https://dvprogram.state.gov/ESC/ seenuun carraa isaanii mirkaneessuu akka danda’an fi iyyattoonni lakkoofsa dhoksaa isaanii jalaa bade https://dvprogram.state.gov/ESC/ seenuun deebi’anii argachuu akka danda’an himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍1K231👏68🤬51🔥38😁29🆒25🥰23🤯20😢20😨15
ODUU:

Sirni cufiinsa ayyaana hundeeffama Poolisii Itoophiyaa waggaa 116ffaan bakka Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

Sirna cufiinsa guyyaa hundeeffama poolisii Itoophiyaa waggaa 116ffaan Dirree Masqalaatti gaggeefamaa jiru irratti, Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad argamaniiru.

Saganticha irratti Ministirri Muummee Dr Abiyiy Ahimad malees Ministirri Muummee Itti aanaa Tamasgeen Xurunaa, Af-yaa'iin Mana Marii Bakka Bu'oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Af-yaa'iin Mana Marii Federeeshinii Aganyehu Tashaagar, pirezidaantonni mootummoota naannolee, itti aanaan Shuumii Itaamaajorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa fi qondaaltonni mootummaa ol’aanoo biroon argamaniiru.

Sagantaa kana irratti hoggantoonni Poolisii fi bakka bu’oonni biyyoota adda addaa, akkasumas hoggantoonni fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa BRICS affeeraman hirmaachaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍50885😁39👏20🤯13😨9🥰6
ODUU:

Guyyaa yaadannoo goototaa sababeeffachuun madfiin si’a 21 ni dhukaafamaa jedhame.

Guyyaa boruu guyyaa yaadannoo goototaa 84ffaa sababeeffachuun madfiin si’a 21 akka dhukaafamu Ministeerri Raayyaa Ittisaa beeksisee jira.

Ministeerichi akka himetti guyyaa yaadannoo goototaa 84ffaa sababeeffachuun boru ganama sa’aatii 12:00 irratti madfiin si’a 21 ni dhukaafamas jedhe.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍584😁12775💔40👏31😱14🏆12🤝10🤯9💘7🥰2
ABDII SABAA
Walfuudhuuf, Ogeeyyii Qunaamuufi Duroomuuf, PayChat Furmaata! Tajaajila PayChat eegaluuf adeema Asbeks.🥰 PayChat jechuun karaa namoonni nama fedhan itti argatan, ogeessota qunnaman, kaadhimaa barbaaddatan akkasumas itti bohaaranidha. PayChat irratti namoota…
Walfuudhuuf, Ogeeyyii Qunaamuufi Duroomuuf, PayChat Furmaata!

Tajaajila PayChat eegaleera.🥰

PayChat jechuun karaa namoonni nama fedhan itti argatan, ogeessota qunnaman, kaadhimaa barbaaddatan akkasumas itti bohaaranidha.

PayChat irratti namoota amanamoo qofatu galmaa’a , namoonni fedhanis namoota kanniin qunnamuuf tola osoo hin taane qarshii kafalataniiti.

“Yoo barbaadde karaa PayChat na qunnami🥰

Shamarran abbaa manaa barbaadan PayChat irrattu galmaa’u, namootis isaaniif kafaluun haasofsiisu , yoo kan walii galan ta’e wal kaadhimatu, garuu bilisa miti, shamarreen kun namni kun yeroo itti haasa’utti akka kaffaluuf taassisuu ni dandeessi, yeroo ofii bilaasha gubuun hafeera🙈

Akkasumas ogeessi tokko namni akka Isaan qunnamuuf PayChat irratti ni galmaa’a, maamiltooti isaas isaaf kafalanii haasofsiisu🥰

PayChat yeroo ammaa tajaajila eegalee jira, PayChat irratti galmaa’uuf fedha kanneen qabdan karaa https://www.tgoop.com/asbeksbot/start/?startapp=paychat irratti galmaa’aa.

PayChat fayyadamnaan yeroo kee salphaatti gara maallaqaatti jijjiirratta!

Asbeks Waliin Fuulduratti 🥰

@AsbeksPlatform hordofaa🤝

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍279😁23575😢21👏15🤯15🥰9🔥5🫡5😱2
Oduu:

Godina Jimmaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbuun ibsame.

Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo ganda Mirgaanoo Basootti rooba cimaa  halkan roobe hordofee lafti sigigaachuun balaa uumameen lubbuun namoota lamaa darbe.

Rooba fi bubbee cimaa wal makatee roobeen lafti sigigaachuun maatii tokko keessaa lubbuun namoota lamaa yoo darbuu, miidhaan qabeenya garaagaraa irra gahuu Waajjirri Buusaa Gonofaa Aanaa Shabee Somboo ibse.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
😭447👍25556😢49🔥13💔13🤯10👏4🥰1
ABDII SABAA
“lubbuu namaa baraaraa turre, amma yeroon kan lubbuu keenya baraarruudha” jechuun Ogeessonni Fayyaa Itoophiyaa duula adeemsisaa jiru. Jireenya gadadoo ogressota fayyaa Itoophiyaa qeequun ogeessonni fayyaa duula adeemsisaa jiru. Biyya kana keessatti ogeessoonni…
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ogeeyyiin fayyaa Itiyoophiyaa caamsaa 3/2017 irraa eegalee labsii waliigala Hojii dhaabuu taasisuu akka danda'an akekkachiisan.

Gaaffii daballii miindaa ogeeyyiin fayyaa biyyaa keenyaa keessatti argaman kaasan irratti hangaa caamsaa 3/2017ttii deebii kan hin arganne yoo ta'e akka waliigala  biyyattiitti labsii Hojii dhaabuu taasisuuf qophaa'aa jirus jedhame.

Maaddonnii keenyaa akka ibsanitti ogeeyyiin fayyaa kunneen mootummaadhaaf turtii ji'a tokkoo kennanii Kan turan yoo ta'u torbeen tokko qofaan akka hafee fi hanga hammaattii ministeera fayyaa irraa deebiin kennamee akka hin jirres himan.

Ogeeyyiin fayyaa gaaffiiwwaan mootummaaf dhiheessan keessaa gaaffiin daballii miindaa Isa tokko  yoo ta'u innis giddu galeessaan ji'aan doolaara 1000 gaafataniiru.

Yaadaa dhabbannii fayyaa addunyaa kaa'eerratti hundaa'uudhaanis yeroon Hojii saatii 48 fi torbeedhaanis akka daanga'u akkasumas yeroon boqoonnaa gahaan akka jiraatuus gaafatan.

Ogeeyyii fayyaa kanaaf maannii kiraa isaaniif malu,deeggarsa baankii fi durgoo akkasumas ogeeyyii fayyaa osoo hojiirraa Jiranii dhukkubaaf saaxilamaniif Beenyaan dabalataa akka kennamuuf gaafatanii jiru.

Ogeeyyiin fayyaa kunneen akkuma hojjeetaa mootummaa kamiittiyyuu Waraqaa enyummeessaa fi tajaajila geejjibaa bilisaan fayyadamaa akka ta'aanillee gaafataniiru.

Dhabbilee dhuunfaa fii mootummaa Ogeeyyiin fayyaa gaatii hojjetan akka hin gaafannee hidhaa fii dararaa akkasumas sodaachisuudhaan gochaa seeraan alaa irratti raawwachaa jiran irratti qorannoon akka geggeeffamuu fi tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamuuf gaaffii isaanii dhiheessaniiru.

Tibba kanas ogeeyyiin fayyaa muudannoo isaan muudatee fi haala keessa Jiran tokko tokko gama miidiyaa hawwaasaa garaagaraatiin ba'anii dubbachuu irrattis argamu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍1.04K128😢56😁49💯34💔25👏23🤯20🔥18😭14😱5
Oduu:

Televjiinii EBS fi Birtukaan Tamasgen dabalatee namoota 16 irratti himannaan sadii banamuun ibsame.

Televijiinii EBS fi dhaabbata abbaa qabeenyummaan isaa kan EBS waliin tokko ta’e kan biraa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa tamsaasuun yoo himataman, Ma’azaa Mohaammad fi Birtukaan Tamasgen dabalatee shakkamtoonni 6 himata shororkeessummaa irratti banameera.

Himannaan kun kan dhiyaate dookmantarii sagantaa televijiinii EBS “Boqonnaa Haaraa” jedhamu irratti Bitooteessa 14, 2017 ALI tamsa’ee fi hawaasa biratti dheekkamsa kaase hordofee akka ta'es himame

Himatamtoonni “barattoota Oromoo yuunivarsiiti naannoo Amaaraa adda addaatti baratan irratti haleellaan akka raawwatamu, dabaree isaatiinis dhalattoonni Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa jiraatan irrattis miidhaan akka gahu gochuun biyyattii keessatti jeequmsa guddaa uumuuf shira xaxuu” himatni kun nii agarsiisa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍80596👏40😱29🫡29😁17😍11🤗11🆒10💔8🔥6
2025/07/13 21:04:03
Back to Top
HTML Embed Code: