Telegram Web
Sirni walharkaa fuudhinsi Baalii Gadaa Michillee irra gara Gadaa Birmajii Aanaa Noonnootti taasifamaa jiraachuun ibsame.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti sagantaan walharkaa fuudhinsa Baallii Michillee irraa gara Birmajiitti dabarsuuf miseensonni Gadaa Galma Giddu Gala Aadaa Oromoo Jahaan Noonnootti jilarra jiraachuu waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Noonnoo gabaase.

Jilli kunis guyyaa shaniif walitti fufinsaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, kaleessa guyyaa sadaffaa isaatti miseensonni Gadaa korma dagaagaa qaluun seerota garaa garaa raawwataniiru.

Jila gaggeeffamaa jiruun Birmajiin Gadaa kan ofkalu yommuu ta'u horanni jifuu kan dhaabbatu ta'ee Birmajiin baallii fudhatee waggoota itti aanan saddeetiif abbaa gadaa ta'a jedhame eeggama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
441👍55👏45😁31🔥19🥰1
ODUU:

Yuunivarsiitiin Finfinnee Yeroo 75ffaaf Barattoota ni eebbisiisa

Yuunivarsiitiin Finfinnee yeroo 75ffaaf barattoota digirii jalqabaatii hanga digirii 3ffaatti barsiise ni eebbisiisa.

Yuunivarsitichi digrii jalqabaatiin barattoota 3,334, digrii 2ffaatii 2,859, akkasumas digrii 3ffaatiin 304 fi digrii ‘Specialty’ fi ‘Sub-Specialty’ tiin 352, waliigalaan galatti barattoota 6,849 har’a ni eebbisiisa.

Sirna eebbaa kanarratti ammoo qondaaltonni ol’aanoo mootummaa, bakka bu’oonni Ministeera Barnootaa, maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni kabajaa akka argaman eerameera.

Sirna eebbaa yeroo muraasa booda eegalu kana irratti kan affeerramana keessummoonnii fi eebbifamtoonni bakka isaanii qabaachaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
609👍97🏆43🔥35😁33🤯18👏15😱11🎉8🥰3🫡1
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
😢431282😭135💔62🥰37👍24🔥13👏12🤯2
#Gameeysa_Aartii_Oromoo_jaarraa_21ffaa
#Aartist _Hacaaluu_Hundeeysaa_Boonsaa

Gameeysi sagalee kiloolee aartist Hacaaluu hundeeysaa boonsaa bara jireenya isaatti aartii fayyadamuun halkaniifi guyyaa mirga dhala namaaf qabsaa'uun dhiibbaa uumeen jaalala hangana hin jedhamne ummata Oromoo fi saboota biyya teenyaa kan guutuu adunyaa irra jiraatan biraa argatee ture.

Aartist Hacaaluu hundeeysaa joollummaa isaa irraa jalqabee jaalala aartiif qabu garsiisuu kan jalqabe yommuu tahu haaluma saniin itti fuufuun erga umriin isaa gahoome aartitti dabalamuun roorrifama saba oromoo sagalee kiloollee isaa saniin adunyatti mullisaa ture. Art Hacaaluun bara jireenya isaa guutuu gaafa sabni isaa rakkate lixa Oromiyaatii hanga baha oromiyaa gaafa sabni oromoo soomaalee irraa buqqaafame san Kaambii hammarreeysaatti argamuun gargaarsa qofa osoo hin taane haala isaan keeysa jiran ija booyichaa fi imimmaaniitiin achitti argamee qooddachaa ture rakkoo saba isaa.

Haaluma kanaan aartistiin ija sabaa tahe kun osoo halkaniifi guyyaa nin boqodha hin jedhin rakkoo saba isaa aartiin mullisaa welluu jaalalaatiin ummata isaa bohaarsaa Album guutuu #Maal_Mallisaa jedhu hojjatee osoo xumuraa jiruu haala hin eeggamneen gaafa waxabajjii 29/2020 harki diinaa qaroo saba guddaa kana osoo gara Mana isaa galaa jiruu karatti hanbise.

Aartist Hacaaluuf torbee 1kko kabajuu qofa osoo hin taane osoo bara meeqa fudhannee waa'ee isaa dubbanne oolmaa inni saba kanaaf oole deebisuu hin dandeenyu kanaaf onnee qulqulluu saba oromoo keeysa barabaraan jiraata. Akkuma inni jedhe san "SEENAA RIIRMI HIN NYAATU"

#Gameeysa_Aartii_Oromoo_jaarraa_21ffaa
#Aartist _Hacaaluu_Hundeeysaa_Boonsaa

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
417👍52😢29🤯6👏3😭3
ABDII SABAA
#Gameeysa_Aartii_Oromoo_jaarraa_21ffaa #Aartist _Hacaaluu_Hundeeysaa_Boonsaa Gameeysi sagalee kiloolee aartist Hacaaluu hundeeysaa boonsaa bara jireenya isaatti aartii fayyadamuun halkaniifi guyyaa mirga dhala namaaf qabsaa'uun dhiibbaa uumeen jaalala hangana…
Haacaaluu namni hin ajjeefne,
Haacaaluu namni hin ajjeesus.

Namni nama hin ajjeesu. Keessumaa nama akka Haacaaluu Hundeessaa namni ni ajjeesa jechuun of sobuudha. Ajjeesuun dhoksudha. Ajjeesuun dhabamsiisudha. Ajjeesuun irraanfachisudha. Ajjeesuun leelloo dhorkachiisudha. Ajjeesuun akka lammeessoo maqaa fi mandiidaan hin kaanetti awwaaluudha. Nama dhokatetu ajjeefameera jedhama. Nama irraanfatametu ajjeefameera jedhama. Nama maqaan isaa hin kaanetu ajjeefameera jedhama. Nama leelloo gurraaf guurrata hin qabnetu ajjeefameera jedhama. Dhugaa namni hin ajjeesu. Dhugaa ilmoo waaqaa tasuma namni hin ajjeesu.

Haacaaluun wiirtuu (concentration) xiin-yaada hawaasaa bal’aa Oromoo qofa osoo hin taanee, kallacha warra dhugaa leellisanii ta’ee darbe. Namni bara baraan laphee biiliyoonootaa keessaa rukutaa jiraatu ajjeefameera akkamiin jedhamaree? Jiruun Haacaaluu xiyya guddaa waan baay’ee, namoota baay’eef agarsiisaa jiraatudha. Namni Haacaaluu ilaalu, cunqursaa keessa taa’ee, bilisummaa guddaa ilaala. Namni Haacaaluu yaadu, ajjeechaa, hidhaa fi gidiraa keessa taa’ee, birmadummaa qaamaa qalbii yaada.

Haacaaluun ka’umsaa fi ga’umsa. Dhagaa bu’uuraa gaaraa ol fagoo fiixeetti dhaabbatedha. Ibsaa guddaa gaaraa Everestii gubbaarratti qabsiifameedha. Haacaaluun baraan ifaa jiraata. Haacaaluun baraan waa ibsaa jiraata.

Raajjata dhalootaati. Abbaa mul’ata fagoo fi arraata miiliyoonotaaf qabata ta’ee tare, jiraatu. Jette jettee kaleessaa kan gootota addunyaa seenaarraa dhaga’aa turre, Haacaaluu irratti garuu, guutummaa gootummaa gootaa agarre. Fuullee warri waa yaaduu danda’an ittiin of ilaalani.

Faajjii muuziqaa addunyaati. Gabatee wal dorgommii fi agarsiisaa muuziqaa (Board of Musics) akka addunyaatti dhihatan 6 ol irratti injifatadha. Artiin isadha. Walaleessuu, yeedaleessuu fi qindeessuu bira darbee, qor-qalbiin isaatuu, dhaabbiin qaama isaatuu muuziqaadha, artiidha.

Haacaaluun ni jira. Jiraachuu isaa ammoo laphee keenyatu guyyuu isa yaadachaa nuuf mirkaneessa. Osoo du’ee silaa yoona daganne. Ayyaantuu bara fagoo. Dhallaadduu jaarraan faarfamu. Dambalii dhugaan itti marfatu. Sansaka dhaloota keessatti itite. Seexaa dhalootni ittiin boba’u. Michuu dhugaa! Osoo du’ee silaa irraanfannee. Namni hin dagatama, garuu Haaceen borulleen hanga saarri dhaloota kanaa jirutti yaadatama.

Garuu, Haacaaluun wareegameera. Wareega lubbuu kafaleera. Kun ammoo bu’aa dhugaa fi dhugaa dhabdootaf kafalamedha. Lubbuun dhugaan aarsaa taatu Yoomuu hin ajjeefamne. Garuu, wareegamuu taati. Haacaaluun ilma sabaaf wareegamedha. Ilma sabaaf qaalii❤️

Haacaaluu Hundeessaa namni ajjeesuu hin danda’u. Haacaaluu onnee isaatuu, dhugaadhaaf akka wareegamu isa taasise. Haacaaluu dhugaa malee namni foon uffatu ajjeesuu hin danda’u. Dhiira Onnee isaatu isa ajjeesa

Via Wabii Beekaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
1.24K😢140👍135😭90💔64💯51🔥27🫡15👏14🤯13🥰8
#Kutaa_12ffaa
#Qormaatni_kennamuu_jalqabee_jira

Qormaatni seensa dhaabbiilee barnoota ol'aanoo bara kanaa ganama arraa waxabajjii 23 barattoota saayinsii uumamaatiin gosa barnootaa afaan English 'in kennamuu eegalamee jira.

Qormaatichi online fi waraqaaniis kan kennamuu eegale yommuu tahu guyyaa arraa waxabajjii 23 irraa eegalee hanga Adoolessa 08/2017 tti kan xumuramu taha.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
340👍88👏25🥰24😁23😱6🤯3
ODUU:

Tiraamp dhukaasni akka dhaabbatu dhiibbaa cimsanis Israa'el uummanni akka Kaaba Gaazaa gadhiisu akeekkachiiste

Humni waraanaa Israa'el akeekkachiisa kana kan labseef haleellaa cimsuuf akka ta'e beeksiseera.

Yeroo Israa'el haleellaa cimsuuf dhaadattu kanatti michuunshee Ameerikaan dhukaasi akka dhaabbatu dhiibbaa cimsaa jirti.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp waraanni Israa'el fi Iraan akka dhaabbatuuf akka sababaatti kan of ilaalan yoo ta’u, ergasii ammoo Gaazaa keessatti dhukaasni akka dhaabbatu dhiibbaa cimsaa jiru jedhameera.

Oppireeshiniin Israa'el itti hammaannaan jiraattonni Gaazaa Siitii fi Jabaliyaa gara al-Mawasi akka godaanan dirqamsiifamaa jiru.

Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu akka beeksisetti, sa'atii 24 keessatti haleellaa Israa'eliin yoo xiqqaate namoonni 86 ajjeefamaniiru.

Tiraamp ammallee Gaazaa keessatti dhukaasi dhaabbatee namoonni butaman akka gadhiifaman irra deddeebiin gaafataa jiru.

Pirezidantichi Sambata darbe miidiyaa hawaasummaa isaanii ‘Truth Social’ irratti akka maxxansanitti, Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu garee Hamaas waliin marii dhukaasa dhaabuu eegaluuf adeemsarra akka jiran ibsan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
556👍69😢41👏38🕊32🤯22😁11🥰10🔥9😱5🙏1
ODUU:

Raashiyaan anniisaa Niiwukilaraa Afrikaa keessatti babal’isuuf hojjechaa jirti


Raashiyaan anniisaa Niiwukilaraa Afrikaa keessatti babal’isuuf xiyyeeffannaa hojjechaa akka jirtu himameera.

Dhaabbanni anniisaa Niiwukilaraa mootummaa biyyattii Roosaatom biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti hirmaachaa jira.

Dhaabbatichi dhiheenya kanas anniisaa Niiwukilaraa babal’isuuf Maalii wajjin waliigaltee mallatteessuu isaa beeksiseera.

Pirojeektiin Maaliitti hojjetame kun dhiheessii humna ibsaa biyyattii haalaan guddisuuf kan gargaaru ta’uun eerameera.

Raashiyaan kanaan dura Itoophiyaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Tuuniiziyaa, Aljeeriyaa, Ijiptii fi biyyoota Afrikaa biroo hedduu waliin damee kanaan tumsuuf waliigaltee irra gahuun ni yaadatama.

Gorsaan Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Antoon Koobiyaakov, biyyi isaanii Afrikaa waliin tumsa hunda galeessa cimsuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru.

Pirojeektoonni anniisaa Niiwukilaraa dhaabbatichi Afrikaa keessatti hojjetu kaayyoo nagaa qofaaf akka ta’e RTn gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
243👍24😁20👏8🔥7👌6
Siidaa Yaadannoo Aartist Hacaaluu Hundeeysaa

Aartist Haacaluu Hundeeysaaf Siidaan yaadannoo Magaalaa Ambootti ijaaramaa ture xumuramuun eeybifame

Aartist Hacaaluu Hundeeysaa oolmaa inni saba kanaaf oole fi dhiibbaa inni mirga dhala namaaf jecha godhaa ture yaadannoo isaatiif jecha Magaalaa Ambootti Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin Siidaan yaadannoo gootaa hojjatamuun bakka Itti aanaan P/M/N Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, haati warraa Aartist Haacaaluu Hundeeysaa Aadde Faantuu Damiseefi hoggantootni ol'aanoo naannichaafi hoggansi magaalaa Amboo akkasumaas keessumootni kabajaa fi hawaasni ballaan jaalattootni fi dinqisiifattootni Aartist Hacaaluu Hundeeysaa argamanitti sirna ho'aan eeybifamee jira.

Seenaa gootaa nama dhaloota kanaaf oolmaa guddaa hin dagatamne oole siidaa yaadannoo hojjatanii dhalootaaf olkaayuun fakkeenya guddaadha, ummataas hedduu gammachiisa waan taheef.

"SEENAA RIIRMI HIN NYAATU"

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
665👍74💔40👏29🥰27❤‍🔥8🤯6🔥4
Iyyaafannoo

Mucaan suuraa irratti mullatu kun maqaan isaa Falmataa Kabadaa Gaddafaa jedhama. Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa gafarsa gujee aanaa gafarsa magaalaa keellaati mucaan kun daa'ima waggaa 10 ni yoo tahu mana barumsaa Model tti kutaa 3ffaa barachaa jira. Daa'imni kun eega gaafa Waxabajjii 20/10/2017 akka bade hanga guyyas arraatti hin argamin maatiin iyyataa nu beeksisan.

Mucaan kun yeroo manaa bahe uffata tuutaa daalacha suuraa irratti mullatu kana akka ofirraa qabu maatiin isaa ni dubbata. Kanaafuu namni daa'ima kana arke karaa bilbila asii gaditti argamuun qunnamtanii maatii isaatiif eeruu akka kennitaniif isiniin jenna. Galatoomaa.

lak bil 0935684706
lakk bil 0965041567

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
254😢58👍47😭13🥰12👏9🤯4
ODUU:

Awurooppaatti ho'a hamaa muudateen manneen barnootaa cufamaa jiru

Biyyoota Awurooppaa keessatti ho'a hamaa muudateen manneen barnootaa fi iddowwan hawwata tuuriizimii magaalota adda addaatti cufamaa jiru.

Hanga ammaatti sababa ho'a kanaan namoonni lama Itaaliitti, lama Jarmanitti, lama ammoo Ispeenitti du'aniiru.

Ispeen, Poorchugaal, Jarman, Firaans, Ingilizii fi Itaaliin biyyoota ho'a ol'aanaa galmeessan keessaa ni eeramu.

Firaans sababa ho'aatii manneen barnootaa cuftee, Eiffel Taawoorii daawwattootaaf cufame, Itaaliin mana barumsaa malees hojii manaan alatti hojjetamu daangessiteetti.

Poorchugaal keessatti ho'i digrii Seentigireedii 46 ol, Siwiidinitti digrii Seentigireedii 40 ol, Jarmanitti ammoo digrii Seentigireedii 40 ol galmaaheera.
Biyyoota Awurooppaatti namoonni mana isaanii keessaa baafamuun gara wiirtuuwwan kunuunsa hatattamaa galfamaa akka jiran DW gabaaseera.

Ho'i guddaan galmaahe kun waan hin baratamnee fi biyyoota Awurooppaa birootti babal'achaa kan jiru yoo ta'u, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii of eeggannoo akka godhan akeekkachiisaa jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
245😢38👍27👏18😱15😁5🤯3🔥2
ODUU:

Helikooptarri waraanaa Ugaandaa Somaaliyaa keessatti kufe

Helikooptarri waraanaa Ugaandaa namoota saddeet feetee turte magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo buufata xiyyaaraa idil addunyaatti kufe.

Qondaalli Aviyeeshinii tokko BBCtti akka himanitti, helikooptarri waraanaa kun magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo buufata xiyyaaraa idil addunyaa Aden Addeetti erga kufee booda ibiddi kan qabate yoo ta'u, hojjettoonni balaa tasaa dafanii ibiddicha to'ataniiru.

Hogganaan ol’aanaan Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Somaaliyaa Ahimad Maaliim, Helikooptarri kun naannoo Shabalee gara gadii, Buufata Humna Qilleensaa Baaliidoogilee irraa erga ka’ee booda qubata xiyyaaraa idil addunyaa Aden Addeetti kufuu himan.

Sababni ka'umsa balaa kanaa ammoo qoratamaa jiraachuu hoggantichi eeraniiru.

Ugaandaan biyyoota Afrikaa Somaaliyaa keessatti humna gamtaa Afrikaa Shororkeessummaa lolaniif loltoota gumaachan keessaa ishee tokko.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
170😢15👍9😱7🕊6🥰3👏3🤯3
2025/07/13 16:41:29
Back to Top
HTML Embed Code: