Warning: Undefined array key 0 in /var/www/tgoop/function.php on line 65

Warning: Trying to access array offset on value of type null in /var/www/tgoop/function.php on line 65
1657 - Telegram Web
Telegram Web
Injifannoo biyyaa ofii ...! 🥇

Gammachuun walii lamaa
Hin jirtu tan akka biyya ofii
Injifannoon tun tan biyyaatii
Yaaboo sitti hin ta'in gaafii

Jarana waa hin goomtu
Injifannoon biyya ofii
Injifannoodha kan har'aatiif
Kan dhufuuf seenaafii

Injifannoon har'aa tuni
Na gammachiiftee
Warqeen har'aa tuni
Baga milkooytee
Waan laayyoo hin se'in
Warqee galmooytee
Injifannoo 20yrs duraa
Nu yaadachiiftee

Qeerroo biyya tiyyaa
Taammiraat tolaa
Seena baduuf ka'e
Baga baafte golaa
Nama biyyaaf tahe
Hundaatu itti tolaa
Baga Record haaraya
Cabsite ilma tolaa

Gaafa injifannoo qofa
Biyya tiyyaan hin taatuu
Rakkoof hin jibbin
Biyyi ofii hin goomtuu
Sababa garagaraatiin
Sitti haa hammaattuu
Gaafa hadhooyte bar
Isi tan si haammattuu

Haa kaanuu nama koo
biyyatti ba'aa ta'uurraa
Boodatti hin je'inaa
Bu'aa argamsiisuurraa
Fuulduratti haa ceenuu
Kaanee bakka jirrurraa
Hin laafina yoomuu
Bu'aa argamsiisuurraa

||T.me/TertibA70 ..🥇🌹
||
T.me/TertibA70 ..🥇🌹
👍81
Alhamdulillah rabbii kiyya Khan gammachuu guddoo tana na badhaasee. Osoon an hin Egin ALHAMDULILLAH.

BAGA GAMMADDE NAA JA'AA HORDOFTONNI KIYYA. GALATOOMAA 🙏
10🥰2❤‍🔥1👍1
Kottaa keyrii waliif dhaamnee
Hamtuurraa wal dhorkinaa.
Kan hin beynee barannee
Kan beeynu barsiifnaa.

Yadda keysan nuuf qoodaa
Hamilee nu jajjabeeysaa.
Yaadaa keysaan warqii
Comentiin naaf barreeysaa.
👍84💔1
As wr wb akkam jirtan namaa jabaa Makmaksonnii garaa garaa kumatama ol sammuu saa keysa jiruudha pls JOIN GODHUUN
https://www.tgoop.com/Kuusaa_Mammaaksaa
4👍4🥰3
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Karoorri kee maali
Naaf ibsitaa laataa?
Gaariif moo hamaafi
Maaf itti rarraataa?
Murteessuun ni cima
Kan taa’ee yaaduufi
Harkistee buusuuf moo
Qabattee yaabuufii?

Ayii hiriyaa koo....
👍113
yaanni koo barrisee

si gubbaa nanna'a.
yaadaan of harkiseen
fuula keef hanga'a.

allattii tahee
barrisee hin dhufuu.
onnee koo dandahee
ammaas sirraan cufuu.

Sowtii kee dhagahee
dandahee hin obsuu.
guyyuu siin yaaddahee
siif imimmaan obsuu.

yaa obsituu tiyyaa
jalatamtuu tiruu
wly kakadhee
kan siin gitu jiruu.

hammenya koo laaltee
anarraa dheysituu.
badii feteefillee.
ana fageeysituu.

ta onneen tiyyaa
jalalaa keen raabsuu.
Ummii an fagadhe
hin fedhu si Arsuu.

milaa keen dhungadha
jalala tee anii.
jannanni kiyya bar
faana kee jalaanii..

Ummii
👍148
Forwarded from Filee bayaan (bayan)
WAAN BAATEEF HIN DAGATIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namoota lamatu rakkatanii jennaan wal duraa duubaan mana nama sooressaa tokko dhaqani. Namichi inni duraa akkuma "Warra Manaa!"
jedhee ol lixeen isaanumaa irbaata dhiyeeffatuu itti
dhaqe. Jarris "koottu nyaadhu" jedhanii teessisani. Innis fiigee dhiqatee maaddii isaaniitti dhiyaatee nyaata eegale.

➬ Otuma hin turiin ammas rakkataan inni lammaffaan dhufee "Warra Manaa" jedhe. Isaanis "noori koottu nyaata
nyaachaa jirra" jedhaniini. Inni garuu, "otuun waanan dhufeef isinitti hin himatin nyaata hin
nyaadhu!" jedheeni.

➬ Isaanis "tole waan dhufte
himadhukaa!" jedhan. Innis "bor ganamatti farda keessan barbaadeeni maaloo naaf ergisuu dandeessuu?" jedhe.

➬ Kana gidduutti namichi dura dhufee otuu dhimma isaa hin himatin nyaatatti gad jedhe sun "maal anisoo farda keessan barbaachan dhufe" jedhe. Isaan "garuu lakki ati durfamteetta". Jedhanii isa lamaffarra dhufeef farda laatani.

➬ WAAN BAATEEF HIN DAGATIN!

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
📌📌📌📌📌
Facebook © https://www.facebook.com/Bayanmsiraj1
📌📌📌📌
Join US ➡️https://www.tgoop.com/fileemarketingandpromotion
👍3
💝💯💗💗💓💓
4🥰3❤‍🔥2
Banii Aadam as wr wb
👍61
Saahibban Koo ❤️❤️🙏🙏

Saahibban gaafa rakkoo
Riqicha jireenyaa.
Dalagaalee jiruu koo
Ati naaf jabeenyaa.

Isaan caba koo
Guutuuf yaalii godhu
Isaan waa hundattuu
Keeyrii naan fedhu.

Isaan rabbiif jechaa
Jaalala qabsiifnee.
Kanneen haalaa fi yeroon
Narraa hin dabsinee

Kanneen haala gaarii
Wal barsiisaa deemnu
Kan toltuu yoon raabseef
Toltuma naaf kennu.

Isaan anaaf dhiisu
Dogongora kiyya.
Umrii naaf dheeradhaa
Yaa saahibban kiyya.

Hedduun isin jaaladha
Rabbiif jecha anii.
Duniyaa aakiraa
Naaf taa'aa qananii ❤️❤️

JOIN GODHAA❤️❤️🙏🙏

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://www.tgoop.com/Kuusaa_Mammaaksaa
👍42
JECHAA NAMAA GURRI NA DHAGAHUU BAR GAA😂😁
4👍4💔3
As wr wb akkami nuf jirtan kabaajamtoota fi Jalaatamtoo keenya

☆HUDHUD QURAN BANK☆

Namni Miseensa tahu feetan biyyaa feetan yoo jiratan tahu ni dandeessan isiinin jana


Miseensa tahudhaf Toora
Telegram 👉 👉 @Fahmi_4k
Nu dubbiisa ammantena

Hubaachisa:-
Yeroo text nuf gootan Miseensa tahu feena jaha bareessa galatooma 🙏🙏
👍4
2025/07/13 21:28:48
Back to Top
HTML Embed Code: