Telegram Web
Waggaa saddet guutuu ulfaa'uuf yaaltee waan isheef hin milkaa'iin hafeef ilma baattee jirtumaqaan isaa Hoop jedhamu akka mucaa dinqii [raajii] isheef kennameetti ilaalti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/DxJjrNW
Sadaasa 16, 2024 hidhattoonni Finxaaleyyii Amaaraa (Faannoo) godina Wallaga Bahaa aanaa Limmuu-Galiilaa, ganda Fiixee Baqqoorraa gara Angar Guutee (Guttin) gabaa dhaqanii osoo galaa jiranii namoota afur butanii lama ajjeesanii, tokko madeessanii kan ammoo jalaa miliquu maatiin BBCtti himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/xKkVmrL
Abbaan Alangaa fi Poolisiin Federaalaas Komishinii Mirgoota Namoomaan akka qoratamaniif Obbo Taayyeen gaafatanii kan turan yemmuu ta’u, Komishinichi qorannoo isaatiif guyyoonni 30 akka kennamaniif mana murtichaa gaafateera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3wlOgeX
"Mootummaan jira kan jedhamu yoo nageenya lammilee biyyaa keessa jiranii qofaa utuu hin taanee kanneen biyyoota biraa jiran, lammii ta'an eguu dandaa'eedha," jedhu. Garuu kun Oromiyaa keessatti waan dagatame fakkaata akka hayyuun kun jedhutti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HtGlPV7
Israa’el biyya taatee erga hundoofte reefu waggaa 76 guutti- unurii manguddoo tokkoo jechuudha. Waraana Addunyaa Lammaffaarratti Yihudoonni Awurooppaa keessa jiran miliyeena 6 ta’an Hitilariin duguuggan sanyii irratti raawwachuu hordofee hedduunsaanii gara Baha Giddu Galeessaa biyya amma Israa’el jedhamtuutti baqachuu eegalan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HPM129R
Daandiin dukkanaa'ee konkolaataan cufamee jira. Namoonni lafoo adeeman miya isaanii korojoon baatanii iddoo deeman beekuu baatanillee as turuu akka hin dandeenye garuu beeku.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/U8zFkvJ
2024/11/27 13:19:03
Back to Top
HTML Embed Code: