tgoop.com/Biqiltuuu/479
Last Update:
"Ani Leensii ijaa siif jijjiira!, Ifa ka siif kennu garuu Rabbi!"- jedhe Dr Jacob
Mucaan xiqqaan armaan olitti waahe isaa dubbistan kun jiraata godina arsi lixaa, aanaa Nansaboo yoo ta'u rakkoo duumessaa'uu leensii ijaa(moora ijaa) waliin dhalate waan ta'eef hanga waggaa 12ttu hin argu ture.
Manneen yaalaa gara garaas deeme yaala hin arganne. Gaaf tokko hospitaalli walii galaa fi koollejjiin meedikaala nageellee arsi ogeessota biyya alaa irraa fiduun rakkoo kana bilisaan yaaluuf akka jiru raadiyoo irraa dhagahanii Maatiin
fidan. Haa ta'uu malee rakkoon kun yoo umrii waggaa tokko keessatti hin yaalamin akkuma
umriin dabaluun carraan fayyuu gadi bu'aa deema waan ta'eef yaalamees carraan jiru xiqqoo akka ta'e ogeessi maatiif ibse.
Dhuma irratti Dr Jakob(kan yaalu) akkas je'eetu itti himi naan jedhe "Ani leensii ijaa siif jijjiiraa, ifa ka siif kennu garuu Rabbii" jedhe. Boodas tajaajilli baqaqsanii yaluu erga godhamee leensiin namtolcheen jijjirameefi booda yeroo jalqabaatiif maatii isaa fi addunyaa tana arge.
πKanaaf nuti waanuma dandeenyu haa goonu, bu'aan xumuraa garuu harka Rabbiiti jira waan ta'eef hin yaada'inaa.
πErgaan itti fufa...!
Copy from Dr Belayneh Leta
@Biiflee1 @Biqiltuuu
BY π₯π π Γπ ΓΓπ £ΓΓπ
Share with your friend now:
tgoop.com/Biqiltuuu/479