tgoop.com/Biqiltuuu/518
Last Update:
Hadiisa Abuu Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbii Muhammadο·Ί "nama cubbuu dubbachuufi itti dalaguu hin dhiisin(kan hamtuu irraa hin fagaatin) nyaataafi dhugaatii dhiisuu isaarraa Rabbiin haajaa hin qabu." Jedhe.
.
[Bukhaarii 1903]
- Hadiisni kun, Soommanni nyaataafi dhugaatii dhiisuu qofaaf akka hin dhufin ibsa. Hamtuu irraa fagaachuun waan Soommana keenya guutuu godhaati. Arraba keenya gad dhiisnee jechoota haqa hin tahin dubbachuun, ragaa sobaa namarratti bahuun, hamaafi arrabsoon Soommana keenya miidha. Akkasuma badii Rabbiin keenya irraa nu fageessetti dhihaachuun, warra Rabbitti Kafaretti fakkaachuun hin tahu. Nyaataafi dhugaatii irraa if qabuun cinatti yoo waan fokkottuu laganne qofa Rabbi Soommana nurraa Qeebala.
BY π₯π π Γπ ΓΓπ £ΓΓπ
Share with your friend now:
tgoop.com/Biqiltuuu/518