Telegram Web
Dubbiin tanuma.

☞ Jireenya kee keessatti, nama kamiinuu gadii buustee hin ilaaliin,
Namni ati gadbuufte laaltusun sicaalu danda'a waan ta'aef
☞ Cimaa ta'uu dandeessa!! garuu, yeroon si caalaa jabiina akka qabu beeki!!
.
☞ Mukti tokko, kibriitoota, kuma dhibba tokkoo ol oomishuu danda'a!
☞ Kibriitiin ijii tokko garuu, Muka kuma dhibba tokkoo ol balleessuu dandeessi.
(Gochi badaan, hojiiwwan gaarii ni balleessa ykn ni barbadeessa!!).
kanaaf gaari namaaf yaadi gaari yaadun kee sumaafi waan ta'aef
☞ Waantii sirraa eegamu,
☞ Namoota kan ittiin kabajju, ilaalcha bareedaa fi gaarii qabachuudha.
Akkas taanaan eenyu wajjiinuu nagayaan jiraatta.
Ergaan itti fufa......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Ati nama bu'a qabu malee kashlabbee namaati miti.
Namni bu'a qabu mataa isaatif qofa osoo hin taane namoota biraatifille ifaa ta'a beeki.
garuu yoo nama dubbi asii olii tanaan faalla taate namaaf bu'a dhiisi ifii teetifu bu'a hin arkattu.
Bu'a gizeen ja'u waan guddoo takka goote hin laalin bu'an jalqabaa ati jiruu teetif mala yoo dhawatte jirreenya kee akka itti deemu qabutti yoo oofte tunuu bu'aa takkarraahi quba qabaadhu.
namoota muraasatu jira garuu kan bu'a qabaachu saani kan beekan akkasuma namoota garaagaraalle karaa isaanif bu'a qabutti kan qajeelchan garuu mataa saanitif ammoo namoota talisummaan jireenya saani injifatte kan tahan argita ato isaan kana keeysatti ramadamta moo?
Yoo kana hin ta'in ammoo bayyee namatti tolta irra deebi'e ati nama bu'a qabuudha talisummaan jireenya kee hin in jifatin namoota talisummaan jireenya isaani injifattee wajjiinille hidhata hin qabaatin oromoon yeroo makmaaku akkas ja'a "Raaddi Harree jala ooltu dhuufu barti ja'ani quba qabaadhu".
Kanaaf jireeny
πŸ‘ŒJireenya keetin gammadii jiraadhu.
⚑️Hiraartuus,gammaduus duniyaan numa dhumti waan ta'e jireenya keetti gammadii jiraadhu.
Jireenyaan gammaduun namoota baayyee biratti wal dhaba gariin jireenyaan gammaduu kana qabeenyafaa likkitti qabaachu,ilmaan fi k.kfdha itti fakkaata siif san tahullee osoo qabeenya hin qabaatin jireenya kee gammachuu arkachuu ni dandeeysa.
Gammachuun duraa jireenya keetin gammaduuf nama kaayyoo qabu tahi gaafa kaayyoo qabaatte ammoo kaayyoo kee galmaan gahuuf laffa'ii gaafa laffaate ammoo firii laffaati teeti yoo argitu bagaan jiraadhe guyyaa kana arge jachuun kee waan hafuu miti.
Jireenya keetti gammaduun siif hiikaa qaba dhugaan siin ja'a rakkoon namoota baayye kan arraa addunyaa guutu shoorar keeysaa jiru keessa tokko kana kanaaf ati nama ta'e nama eegu hin ta'in nama bu'a qabeessa akka taate addunyaa kanaaf bu'aa akka qabdu of amansiisi.
Gaafas jireenya keetti itti gammaduun salapha.
kanuma Ergaan itti fufa.......
@Biqiltuuu
Yaadaf,Komiif,Gaaffiif,HundaafπŸ‘‡ @BarisaaaBot
πŸ”₯ Namalee/Numalee πŸ”₯
Numaalee namuu jiraachu hin qabu. numalee namni adduunya tanarra jiraachu hin danda'u.
Gamaa gamanaanis numaatu qaba isin mirga hin qabdan numalee namni mirga qabu hinjiru.Nuti aangoon waaqarra nuuf kannamte kanaaf numalee namni aangoon hin tolu jechaa warri ture warri if malee nama biraaf waa hin quune numalee walmalee haala ja'un Oromoo nama hundaaf garaa laaftu tana afaan qawweetin ifjalatti bulchaa turan.
Tahuus garuu oromoon isaan irra qaroome sirna saani kan dur san waan fedhaniif jaalaa dide.
Itti barame.
@Biqiltuuu
#Gabaabumatti
dhalli nama kun wanta baayye of keessati dagatee tokkotu jira inniis maali jachuun kee gaaridha iniis "Sammuudha"
Sammuun ilma nama kun waan baayyee fudhachuu dandeeysi yoo abbaan itti fayyadame.
Sammuun ilma nama kun akka burcuqqoo dhaati yoo waa itti waraabde ni fudhatti garuu Sammuun koo beekumsa cufaan guutudha kan jattu yoo taate waan tokkole baruun rakkisadha kanaaf adaduma waan haarawa agrtuun Sammuu kee amnsiisi akka fudhachuu dandeeysu
Ergaan itti fufa......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
πŸ”₯Ati addunyaa kanaaf barbaachisaadha.
~Nama addunyaaf barbaachisu ta'u kee namatti osoo hin ta'in ofitti agarsiisu danda'u qabada.
Ati ani addunyaa kanaaf nama barbaachisa miti jattee kan ofyaadduu taanan ofii keetif ta'e hawaasa keessa jiraattuuf waan gaari yaadu, karoorsuus ta'e hojjachuu hin dandaeeysu.
Maati keenya keessatti,hiriyoota keenya keessatti,hawaasa keessa jiraannu kana keessati namoonni hedduun miira kanaan miidhamoodha. Maliif?
sababnii isaa guddaan inni addunyaa kanaaf niin barbaachisa ja'e waan ofitti hin himiniif.
kanaaf ati adunyaa kanarra lakkoofsa guutu taate dhalatte malee lakkoofsa guutuf hin dhalanne.
Akkasitti of beeki.
Ergaan itti fufa.....
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaada keessaniif
@BarisaaaBot gubbaan jirra.
Ah way yaa Hiriyaa!!
Hiriyaan kun hedduu tokkootu jira inni tokko #hiriyaadha inni kaan #Hirrina (jechuun nama dubbiif gochisaa hamilee sicabsudha)
Hiriyummaan waan laafa miti hiriyaa kee hin ganin. Tarii ati ilmoo warri keeysan qbeenya qabu tahuu dandeeysa qabeenyaaf mana bareeda keessan san laalte hiriyaa kee isa miskiina san tuffachu hin yaalin sababni qabeenyi san kee osoo hin ta'in kan abbaa keetiti waan ta'ef tarii anaaf abbaan koo garaagarummaa qabnaa jattee sitti dhagahamu dandaha tahuus garuu siif abbaan kee addaa tana liqimsii inni miskiina ammoo miskinummaan warra saani xuuyxe itti hin fuftuu beeki guyyaa tokko akka namatti mataa ol qabatee jirachuuf ta'a namni miskinummaa kontiraata fuudhe hin jiru qarshii abbeetitti Rabbiin kannee akkamitti warra miskiina Rabbiin irraa hin jijjiirree jattee yaadda?
"So" horiin ni dhumaas ni dhufaas kana amanii hiriyummaa teeysan jabeeysi.
waan ofii tahuu hin barbaanne inni akka tahu hin jaalatin lubbuun teeysan lachuu takkuma akkuma tee waan ati irraa qaanfattu san inniis qaanfata quba qabaadhu.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
#Barnootaaf
Barnoota jechuun bu'ura ykn ka'umsa jalaqaba jireenya ilma namaa jeechuun nidanda'ama.
Ilmi namaa barnootan malee jireenya isaa foyyeeysuus ta'e of arkachuufis karaan waan jiru natti hin fakkaatu.
#Barnoota jechuun maqaa walii galaa kan gosa muxannoo garaagara of keessa qabu yoo tahu akkataan arkama isaa karaale adda adaatin arkama san keessa tokkoof lama haailaallu
*1 Barnoonni jalqabaa maati biraa ka'a barnoonni maati amala ilmoo isaa muuxee basuuf gahee guddaa kan qabuudha.
Namoonni tokko tokko ilmoo keenya qananiin guddifna yaada ja'urraa kan ka'e ilmaan isaani guddisaa balleeysantu jira kun garuu deebi'e hanqina maatirra kan ka'e dhiibba ilmaan isaani irratti fida.
rakkoollen akkanaa kanarra ka'e dhalonnii booda kun maqaa qananiin guddifna ja'u kanarraa badaa kan dhufuu agarta.
*2barnoonni inni khaan kan namoota ganda jiran irraa muxannoo horataniidha,hiriyaas tahee jarsooli gandaas haa ta'u barnoota guddaatu bakka kana keeysatti argama.
Ati nama ilmaan qabu yoo taate ilmaan kee qartee basuudhad gahee sirra jiru hunda bahi.
πŸ‘‰Kanaaf ati sammuu barnootaaf qopheeysuun bayyee barbaachisaadha.
πŸ‘Barnoonni namummaa kee kan ibsu yoo waa baratte qofaadha.
#Ergaan itti fufa.......
@Biqiltuuu
Yaada kessan ergachuuf πŸ‘‡
@BarisaaaBot
Atiin kun/tun nama qaaliidha nama kabajamaadha. Nama meeqaatuu "odoon si argadhee, odoon sumaanillee taatu wal baree" ja'ee si hawwutti jira. Sumaan baana atuma nama barreeyfama kana dubbisutti jiru kana. If kabaji sadarkaa siin maltu ifiif kanni.

Ati nama guddaadha, ati nama sadarkaa qabu. Miira keetu si sobe malee ati namaa gadii miti, ati jibbamaa/tuus miti, ati rakhishaa miti. Ati qaaliidha. Ati nama cufaan jibbamaa/tuu miti kan si jaalatu hedduutu jira atii beekuu baattullee. Kan siin wal baruuf dharra'u jiruus baayyedha. Numaatuu kan si argachuuf hawwii qabufaan lakkooysa hin qabuuhuu.

If hin tuffatin onnee tee qaalii tana bakka hin taanetti hin kuffisin. Sadarkaa isiin hin malle isiif hin laatin. Haga ati if kabajju, haga ati akka nama guddaa taateetti if yaadduu, haga ati qaalii tahuu ifitti himtuutti namni akka sadarkaa siif hin laanne beeki. Sadarkaa ifiif kannuun jalqaba atumti mataa keeysatti ifiif kabajaa kannuu irraa eegalaa beeki.
Madda @Biqiltuuu @Biqiltuuu
πŸ’₯Kan dabre dabree jiraπŸ’₯
Dabree maalu taanaan hin deebi'u hulii.
kan daree yaaduun kan arraa balleeysudha malee kan dabree sirreessuu miti.
#Namoonni tokko tokko wanta dabre irratti yeroo gaabban arkita gaabbuun saani kan dabre ni sirreeysa jattee yaadda? Ee ka jattuu yoo ta'e sababaa mataa keef kaii bara dabri.
#Abshaala namaa jachuun nama waan dabre irratti gaddaa oolu osoo hin ta'in kan amma harkaa qabu irratti xiyyeeyfatee jiruuf jireenya saa kan bakka guddaan gahuudha.
Sii dubbifamaami kan dabree dabree jira beeki hulii argamsiisu hin dandeeysu feetu irratti boii feetulle waan barbaadde godhi deebisuu hin dandeeysu.
Namoonni baayyen amala badaa wantoota dabre qofa yaaduudhaan ogummaa amma gammachuudhaan jiraachisuu qisaasu.
#Akkas haa goonu wanti dabre Abjuu yeroo dabranii ykn gaaddisa wantoota sijala dabranii jala jiraachuu hin qabnu.
Namni waan dabre yaada jiraatu akka nama sanyii ficaa facaasuuf yaaduti.garu sanyii ficaa facaasuun nita'a?
πŸ‘‚wanti baayye nama gaddisiisu waa'ee wanta dabree osoo yaannu kan arraa haala bareedaan itti fayyadamuudhabuu keenya.
Kanaaf kan dabree dabree jira kan arraa haala gaariin itti fayyadamii jechaatin golaba.
@Biqiltuuu
Kanneen yaada keessa nubiraan gaha jirtan marti keessanu galata namaaf tahuu arkadhaa isiniin jechaa ammalle yaada keessan isinirra fuune ittiin ce'uuf qophii.karaa yaada @BarisaaaBot
🀐,,,,,Akkasi laaltee,,,,,,?

#Umrii amma jirtu tanaa gad gaafa turte hiriyyaa tokko qabda turte gaafa hiriyyaa sanii wajjiin jiraattu zalaalam waan addaan baatu hin seene,garuu ammaan tana addaan baataniiti jirtan. Gaafa san Hiccitii namni tokko hin beeyne tan namni biraa akka si duraa dhagahu hin feene takka isatti himatttee turte. Inniniis hiriyyaa biraa ammaan tana hiriyyoomfateeti jira yeroo waan sii wajjiin dabarse hiriyyaa isaa kha ammaa khanatti himu tarii Hiccitii ati gaafa san itti himte inniniis "nama tokkotti hin himin" ja'eeti hiriyyaa isaa kha ammaa kanatti himuu mala. #Ati ammaas umrii amma jirtu kanatti hiriyyaa biraati qabda kha ka duraa san hin tahin. Hiriyyaa amma wajjiin jiraachaa jirtu kanattiis Hiccitii addaa takka himuu malta ykn ganaa himuufii teeysa. #Ammaas yeroo sadarkaa kanarraa sadarkaa biraa takkatti jijjiiramte hiriyyaa haariyaaan wal qunnamuuf teeysa sanittiis hiccituma addaa takka isattiis himuuf teeysa. #Hiriyyaa yeroon walitti isin fidde cufatti Hiccitii jabduu silaa sirraa bahuu hin qabne baasaa baasaa yoo deemte gaafa takka Hiccitiin ati nama biratti dhalchaa dhalchaa deemtu tun deebiteetuma si sheeneeysuuf teeysi...!
#Na amantuus na amanuu baattuus iddoon yoo hiccitii tee itti qabatte itti hin sheenooyne garaa keetiifii garaa kee qofa. πŸ€”Yaadimee Hiccitii meeqa ilaa arraa namatti himteeti meeqa ilaa arraa siif dhokheeyfamtee taa'utti jirti? meeqaatuu bahee si sheeneeysehoo? meeqatu bahuuf ta'a jatteeti shakkiin mataa if nyaachu jirtahoo?πŸ€”
#Waan ifiifuu oobsitee qabachuu dadhabdee namatti himte namni naaf qaba jattee ni yaadda yoo tahe kasaaraa keeysa jirta. #Nama tokkotti hin himin jatteeti nama akkaan jaalattuufii amantu tokkotti himta namni ati itti himte saniis "nam tokkotti hin himin naan ja'eeti nama tokkotti hin himin"ja'eeti nama akkaan jaalatuufi amanu tokkotti hima dubbiin akkasumatti wal qaqabachaa deemti.
#Waan yoo namni dhagahe itti hin gammanne ni jaalattaamii hiriyyaa akka feetetti jaalattu yoo qabaattees itti hin himin.
#Namni ammaa waa odeeysuu malee waa jabeeysuu ka beeku ni takkata !
😍Ergaan itti fufa...!
@Biqiltuuu
Jireenya kessatti jachoota 4 kan hedduu barbaachisaa.πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ‘‰ 1. Dhugaa
πŸ‘‰ 2. Jaalaala
πŸ‘‰ 3. Amanamummaa
πŸ‘‰ 4. Kabajaa
Kana qabaachun kee nama guutu sitaasisa beeki.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Dhaga'i siifan dhaamaa
================+++
"kan kootu caala" jettee
Hin faca'in yaa tiruu
Namni qaamasaa hiree
Milkaa'ee beekun jiruu

Ilaallachaa adeemi
Akkan kufne boollatti
Dafiitoo of deebisi
Duudha oromoo jalatti

Warra sabbata jettutu
Bofa ta'eetoo si hidda
Gadi taa'ii mari'adhu
Kan si caalu maaf didda

Gogaa harreen ijaartee
Dallaa jettee eeggattaa
Yuusa warabeessaatin
Jiguusaa maaf dagattaa

Walitti dhoqqee dibaa
Gaarii ormaan faarsinaa
Sareen ofii guddiste
Deebi'ee si ciniinaa
Maalif gatii dhabsiistu
Seenaa qabsoo ganamaa
Waliin malee hin bareednu
Dhaga'i siifan dhaamaa!!
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaanni Kee Yeroo Faca'u.
Yaanni nama ni faca'a garuu akkamitti akka Yaada kee waliqabdu irratti xiyyeey fadhu.
Abshaala namaa jechuun nama yaada saa ka faca'e walitti qabeedha.
Namni hundi yaada saa ka faca'e walittiin qaba numa ja'a garuu walitti qabuurratti hanqinni inni mulisu numa jira.
garuu namni hunduu hanqina haa qabaatu malee hanqinni inni mullisu waldhaba.
kanaaf atoo namoota hanqinaa saa qixa sirriin sirreeysu ta'ai.
#Yaada kee kan faca'e walitti qabadhuu irra aani.
#Tomas edisan akkas ja'e "namni tokko yaada irraa karaa itti dhokotu hin qabu ja'e"
Kanaaf yaada kee kan faca'e sassaabbachu bari.
Arraaf kanuma
Ergaan itti fufa....
@Biqiltuuu
Cop to Alikhlaas
Jecha Hayyoota islaamaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

πŸ“Œ Hay! ilma namaaa "isa qaamaan du'eef ni booyani, ka qalbiin du'etti ammo caluma jedhan.".
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

πŸ“ŒTola ooltonni addunyaa irratti hedduudha, Garuu kan hanga Ergamtoota rabbii namaaf tola oolan tokkonis hin jiru. "Isaan qaamaa qalbii ilma namaa ibiddarraa baraaruuf warra laffa'ani" itti aansee ulmaa'a.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

πŸ“Œ Kennaan gaariin meeshaa miti, kennaan gaariin jecha gaaridha. Qalbii jecha hamaan cabsite meeshaan suphuu hin dandeettu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
@Biqiltuuu
πŸ”₯ Kaleen Gubatee jira !
Kaleen dabreef arraa maaf gaddita kaleen dabre arra deebisu hin dandeeysu waan ta'ef. Ati nama arraa ta'i nama kalee hin ta'in jechuun kalee arra godhuu hin dandeeysu jechuu kooti.
Addunyaan kun namoota hubannoo garaagara qaban of keessa qabdi.
#inni tokko kan kalee dabreef yaadda'u
#inni lammaffa Kan boruuf kan yaadda'u
Inni saddaffa guyyaan dabre dabree jira kan fuuldura ammoo natti hin dhufnee waan ta'ef guyyaan kiyya kan arraa qofa ja'e waan barbaachisa itti hojjata guyyaa qabu kana keeysatti.
ati hoo isaan armaan olii kana keessa kami mee?
Haala kanaan namni gargar baafama kanaaf nama guyyaa arra kun kan kooti ja'e itti fayyadamu tahi.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaada ni qabdaa sa? Yoo qabaatte khunoo @BarisaaaBot
Jiruun gaabbiin ykn sheenaan sirrooytu hin jirtu.
waan gaabbuufi teeysu san dursii ofirraa dhiisi ykn osoodhuma ah ah ah jattuu jiruu tee fixxaa beeki.
sitti hin tolu tanaan dursii firraa dhiisi yoo waan dhiifamuu qabu ta'e namaaf jattee hin godhin waan gammachuu tee booreeysu saahiba kee ykn nama sitti dhihaatuus haa ta'u wanta sammuun kee itti gaabbuu sodaatte ofirraa dhiisi.
@Biqiltuuu
Assalamu aleeykum cufa nama Rabbiin amantii Muslimaatin qananiise marti keessanuu baga Rabbiin baati Ramadaana guddoodhaan isin eege warra ngy qeebalu nuhaa taasisu
 

Hadiisa Abuu Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbii Muhammadο·Ί "nama cubbuu dubbachuufi itti dalaguu hin dhiisin(kan hamtuu irraa hin fagaatin) nyaataafi dhugaatii dhiisuu isaarraa Rabbiin haajaa hin qabu." Jedhe.

.

[Bukhaarii 1903]

 

- Hadiisni kun, Soommanni nyaataafi dhugaatii dhiisuu qofaaf akka hin dhufin ibsa. Hamtuu irraa fagaachuun waan Soommana keenya guutuu godhaati. Arraba keenya gad dhiisnee jechoota haqa hin tahin dubbachuun, ragaa sobaa namarratti bahuun, hamaafi arrabsoon Soommana keenya miidha. Akkasuma badii Rabbiin keenya irraa nu fageessetti dhihaachuun, warra Rabbitti Kafaretti fakkaachuun hin tahu. Nyaataafi dhugaatii irraa if qabuun cinatti yoo waan fokkottuu laganne qofa Rabbi Soommana nurraa Qeebala.
Redirectsbot 2.0.2:
"Odoo Rabbiin akkuma namni dilii dalaguun nama qabee; silaa waa takka waan lafa tanarra yaatu lafatti hin dhiisu. Haa tahuu garuu isaan hin qixaaxu(booda aansa) haga yeroo beekkamtuu maqaa dhawamteetti( guyyaa Qiyaamaa baana). Yeroon isaaniif qabamte hoggaa isaanitti dhufte 'Rabbiin isaan qixaaxaa haa beekhanii'. Allaahaan kan waan gabroottan isaa dalagan hunda beekhu tahe"
Faaxir Aayata 45🌹

@Biqiltuuu @Biqiltuuu
2024/11/27 08:16:50
Back to Top
HTML Embed Code: