FAYOFAYE Telegram 59
Forwarded from Daandii Guddinaa Caalii
OF TUFFACHUU

Namaa gaditti of ilaaluun mul'ata ofii of keessatti maseensanii kufaatiif of saaxiluudha. (DG)

Namoonni miirri gad aantummaa itti dhagaa'amu dafanii kufaatiif saaxilamu. Miirri gad aantummaa afuuffee qilleensa hin qabne ta'uudha. Afuuffeen qilleensa hin qabne sochii gochuu hin danda'u. Gargaarsa qaama biraan iddoo tokkoo gara iddoo biraatti sochii taasisa. Akkuma kana namoonni gaafa miira of tuffii yookaan miira gad aantummaan mo'aman dandeetti isaanii fayyadamii wanta tokko hojjechuu hin danda'an. Miirri gad aantummaa eenyummaa namaa ishee dhugaa nama dhabsiisa. Namoonni akka of shakkan godha. Amantii isaan of irratti qaban ajjeesa. Namoonni amantii of irratti hin qabne immoo hojii isaanii keessatti milkaa'uuf baay'ee rakkkatu.
Ofii isaaniif kabaja dhabuu fi namaa gaditti of lakkaa'uu irraan kan ka'e namoonni yeroo baay'ee iddoo isaaniif hin malletti argamu.

Kabaja ofiif kennuu dhabuun dhiibbaa guddaa nama irraan geessisa. Akkuma Oromoon "Horii abbaan gaanfa cabse ormi ija jaamsa" jedhu yoo ati ofii keetiif bakka gad aanaa ofiif laatte, namni biraan immoo sadarkaa ati ofiif laatte gaditti sadarkaa siif laata. Yoo ati kabaja of dhowwatte namni kabaja siif laatu hin jiru. Yoo ati sadarkaa kee xiqqeessitee namaa gad of goote malee namni namaa gad si gochuuf aangoo hin qabu. Kanaafuu ofii kee namaan gaditti hin ilaaliin! Eenyummaama kee dhugaan jiraadhu! Of irratti amantii guutuu qabaadhu! Sadarkaa siif malu ofiif kenni! Sababni isaas yoo ati mataa keetiif kabaja barbaachisu hin kenniin kan si kabaju hin jiru. Kabajamuuf dursa ati ofii kee kabajuutu sirra jiraata. Namoonni yeroo ati of kabajju yoo si argan si kabaju. Kanaafuu of hin tuffatiin! Kabajas of hin dhowwatiin!

Join godhaa!

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@QarooDG
@QarooDG

tgoop.com/FayoFaye/59
Create:
Last Update:

BY Fayisa Tesfa Oljira

Share with your friend now:
tgoop.com/FayoFaye/59

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

4How to customize a Telegram channel? A Telegram channel is used for various purposes, from sharing helpful content to implementing a business strategy. In addition, you can use your channel to build and improve your company image, boost your sales, make profits, enhance customer loyalty, and more. Over 33,000 people sent out over 1,000 doxxing messages in the group. Although the administrators tried to delete all of the messages, the posting speed was far too much for them to keep up. Public channels are public to the internet, regardless of whether or not they are subscribed. A public channel is displayed in search results and has a short address (link). How to Create a Private or Public Channel on Telegram?
from us

Telegram Fayisa Tesfa Oljira
FROM American