FAYOFAYE Telegram 75
KITAABA KOO

Atimoo....
Atimee, ija keenya saaqxee
Kan tureyyuu jaamaa
Yoonaa wallaalummaatu
Sammuurra nu garmaamaa

Koompaasii jireenyaatu
Si keessatti argamaa
Namni sirraa gorraan
Ofumaaf wargama

Atii, kennuu malee
Tasa fudhachuun barre
Xiqqaaf guddaa utuun jedhin
Kan nama biran tarre

Isa daandiirraa kaate
Haalaan qajeelchita
Kan mul'atan qabnes
Galmasaa bareechita

Situ nuuf oomishe
Gootota gita hin qabne
Fiixeen kaayyoosaanii
Kan salphaatti hin dabne

Addunyaa kana ijaaruuf
Humnikee miti laayyoo
Miiltoo dhaloota qubee
Si jaallanna akka aayyoo

Abdii nutti horteem
Waa'ee keetu nu marara
Utuu ati hin jirree
Wallaalummaan nu darara

Hibboo nurratti walxaxeef
Situ nuuf tahe fala
Goota keenya jenna
Yoo jennes siif mala

Ihiiim! Erga si barree
Ofii keenya hubanne
Utuu sin barin dura
Bara baay'ees gubanne

Dhaabbata dhalootaati
Gaafa jilbi isaan muduqu
Nuu jiraadhu tokkichakoo
Wallaalummaan haa buruquu

#FAYISAA_TASFAA
JOIN👇
@FayoFaye
@FayoFaye
@FayoFaye



tgoop.com/FayoFaye/75
Create:
Last Update:

KITAABA KOO

Atimoo....
Atimee, ija keenya saaqxee
Kan tureyyuu jaamaa
Yoonaa wallaalummaatu
Sammuurra nu garmaamaa

Koompaasii jireenyaatu
Si keessatti argamaa
Namni sirraa gorraan
Ofumaaf wargama

Atii, kennuu malee
Tasa fudhachuun barre
Xiqqaaf guddaa utuun jedhin
Kan nama biran tarre

Isa daandiirraa kaate
Haalaan qajeelchita
Kan mul'atan qabnes
Galmasaa bareechita

Situ nuuf oomishe
Gootota gita hin qabne
Fiixeen kaayyoosaanii
Kan salphaatti hin dabne

Addunyaa kana ijaaruuf
Humnikee miti laayyoo
Miiltoo dhaloota qubee
Si jaallanna akka aayyoo

Abdii nutti horteem
Waa'ee keetu nu marara
Utuu ati hin jirree
Wallaalummaan nu darara

Hibboo nurratti walxaxeef
Situ nuuf tahe fala
Goota keenya jenna
Yoo jennes siif mala

Ihiiim! Erga si barree
Ofii keenya hubanne
Utuu sin barin dura
Bara baay'ees gubanne

Dhaabbata dhalootaati
Gaafa jilbi isaan muduqu
Nuu jiraadhu tokkichakoo
Wallaalummaan haa buruquu

#FAYISAA_TASFAA
JOIN👇
@FayoFaye
@FayoFaye
@FayoFaye

BY Fayisa Tesfa Oljira


Share with your friend now:
tgoop.com/FayoFaye/75

View MORE
Open in Telegram


Telegram News

Date: |

The public channel had more than 109,000 subscribers, Judge Hui said. Ng had the power to remove or amend the messages in the channel, but he “allowed them to exist.” How to create a business channel on Telegram? (Tutorial) Joined by Telegram's representative in Brazil, Alan Campos, Perekopsky noted the platform was unable to cater to some of the TSE requests due to the company's operational setup. But Perekopsky added that these requests could be studied for future implementation. Some Telegram Channels content management tips Telegram Channels requirements & features
from us


Telegram Fayisa Tesfa Oljira
FROM American