FAYOFAYE Telegram 78
Waadaan waadaa galeen, Waadaan gale eeguuf waadaa ofiif gale. Waadaan waadaa ta'ee akka hin hafneef waadameen waadaa eege. Waadaa waadame waadamee baadheen, waadaa, waadaa dhugoomu taasisuuf waadaan fudhadhe.(Kitaaba WAADAA)

Yoo eegame waadaadha
Kanaan achi hima himamsaa
Yoo ari'ee dhale malee
Eessa isaatu goromsaa

Tabba fiigee yoo hin baane
Dargaggummaan yoomiifii
Waadaa ofii eeguunis
Bar mataa ofiifii

Waadaa hin cabsinuu
Aadaa keenya durii
Kan seente ba'adhuu
Waadaa kees xumurii

Waadaan sitti ulfaatus
Hirmiidha Kan hin nyaatamne
Bu'uurri isaa dhugaadha
Dhugaa tasa hin haalamne

Of bira hin tuttursin
Waadaan ha raawwatuu
Warri waadaa nyaate
Gahaannamii wawwaatuu

Itti yaaddee seentee
Waan humna kee garasii
Yaadadhu siin jedhamaa
Meerre waadaan barasii

Deebisuuf rakkatta
Jechatu si hanqata
Gatii har'a boonte
Dhugaan si baqata

Maal raawwattaree
Yeroon hoo dhumatee
Mataatti baattee deemta
Waadaa waadamee gubate

Gabaa galtuttii
Harree hin oofani
Wawwaatanii bo'anis
Murtoo hin oolani

Erga akkas tahee
Maaf waadaa hin xumurru
Qooda gaabbiin booda
Hidhii of murmurru....!

Fayisaa Tasfaa ti (Fayyoo Fayyee)



tgoop.com/FayoFaye/78
Create:
Last Update:

Waadaan waadaa galeen, Waadaan gale eeguuf waadaa ofiif gale. Waadaan waadaa ta'ee akka hin hafneef waadameen waadaa eege. Waadaa waadame waadamee baadheen, waadaa, waadaa dhugoomu taasisuuf waadaan fudhadhe.(Kitaaba WAADAA)

Yoo eegame waadaadha
Kanaan achi hima himamsaa
Yoo ari'ee dhale malee
Eessa isaatu goromsaa

Tabba fiigee yoo hin baane
Dargaggummaan yoomiifii
Waadaa ofii eeguunis
Bar mataa ofiifii

Waadaa hin cabsinuu
Aadaa keenya durii
Kan seente ba'adhuu
Waadaa kees xumurii

Waadaan sitti ulfaatus
Hirmiidha Kan hin nyaatamne
Bu'uurri isaa dhugaadha
Dhugaa tasa hin haalamne

Of bira hin tuttursin
Waadaan ha raawwatuu
Warri waadaa nyaate
Gahaannamii wawwaatuu

Itti yaaddee seentee
Waan humna kee garasii
Yaadadhu siin jedhamaa
Meerre waadaan barasii

Deebisuuf rakkatta
Jechatu si hanqata
Gatii har'a boonte
Dhugaan si baqata

Maal raawwattaree
Yeroon hoo dhumatee
Mataatti baattee deemta
Waadaa waadamee gubate

Gabaa galtuttii
Harree hin oofani
Wawwaatanii bo'anis
Murtoo hin oolani

Erga akkas tahee
Maaf waadaa hin xumurru
Qooda gaabbiin booda
Hidhii of murmurru....!

Fayisaa Tasfaa ti (Fayyoo Fayyee)

BY Fayisa Tesfa Oljira


Share with your friend now:
tgoop.com/FayoFaye/78

View MORE
Open in Telegram


Telegram News

Date: |

You can invite up to 200 people from your contacts to join your channel as the next step. Select the users you want to add and click “Invite.” You can skip this step altogether. Telegram iOS app: In the “Chats” tab, click the new message icon in the right upper corner. Select “New Channel.” With the sharp downturn in the crypto market, yelling has become a coping mechanism for many crypto traders. This screaming therapy became popular after the surge of Goblintown Ethereum NFTs at the end of May or early June. Here, holders made incoherent groaning sounds in late-night Twitter spaces. They also role-played as urine-loving Goblin creatures. Choose quality over quantity. Remember that one high-quality post is better than five short publications of questionable value. To edit your name or bio, click the Menu icon and select “Manage Channel.”
from us


Telegram Fayisa Tesfa Oljira
FROM American