tgoop.com/GumaatAartii/129
Last Update:
"I miss my cat so much, Namoota si biraa boqotani yeroo yaadattu hedduu si dhukkuba, keessumattuu yeroo sagalee isaanii dhagahuufaa hawwitu ammoo hedduu si dhukkubsa" jedha maxxansi wayii. Yeroo hedduu sadarkaa biyya keenyaa kanatti yeroo namni tokko maxxansa wayii maxxansu, qoosaa taphaaf wantoota maxxansa sanaan wal hin qabanne argina. Keessumattuu wanti baay'ee faayidaa qaba jedhamu saanduqa yaadaa keessatti yeroo baay'ee hin argamu.
Maxxansa irratti
"Namoota si biraa boqotani yeroo yaadattu hedduu si dhukkuba, keessumattuu yeroo sagalee isaanii dhagahuufaa hawwitu ammoo hedduu si dhukkubsaakkanatti maxxanfama. Yaadota achi jalatti kennaman yeroon ilaalu hedduun of taajjabe. Baay'een namicha maxxanse kana miidhama wayii qaba jedhanii waan yaadaniif gorsa adda addaa fkn fudhachuudhaan jajjabeessu.
Kaan immoo Abbaa koo sin yaada, harmee koo ati yoomiyyuu na keessa jirta, obboleessa koo ati anaaf waan hunda kooti jechuun namoota of biraa dhabaniif jechoota yaadannoo isaanii tarreessu. Kana gidduudhan tokko ammoo yaada jalqaba irratti kenname kana maxxansite." I MISS MY CAT SO MUCH" jette. na dinqe akka biyya keenyaatti yoo adurreen duute namni bakka guddaa kennuf hin jiru.
Kun maal na taajjabsiise seetani, haguma waan xiqqaaf bakka dhabaa deemnu waan guddaaf illee bakka dhabnee laata na jechisiise waanuma fedheefuu Uumama hundumaaf jaalala qabaachuun gaariidha. Ilmi namaa hogganaa uumama hundaa waan taheef garajabummaan hamaan isaa barbaachisaa miti.
@GumaatAartii
@GumaatAartii
BY GumaatAartii
Share with your friend now:
tgoop.com/GumaatAartii/129