tgoop.com/GumaatAartii/50
Last Update:
#Jireenyi_Murteeffannaadha.
Yeroo tokko tokko waan tokko raawwachuuf ykn immoo jalqabuuf qabeenya qabaachuu fira jabaa qabaachuu akka qabnu yaadna. Yaadni waan tokko jalqabuu fuuldura isaanii qabeenya tuullachuu akka waan jalqabaatti fudhatu. Fira si gargaaru ykn qabeenya jabaa qabaachuunis gaariidha. Yoo dhabame garuu ulaagaa jalqabaa nuuf tahuu hin qabu.
Namoota fakkeenya nuuf tahuu danda'a naannoo keenyaaf Addunyaa irraa qabna. Hedduun isaanii duwwaa irraa kahuudhaan duureyyii taha. Namoota qaama biroo maatiif qabeenya qabaachuun qabeenya horatan muraasa argina.
Warreen duwwaa irraa eegalan kun jireenya isaanii keessatti mudannoo hagana hin jedhamne keessaa bahuudhaan sadarkaa biliniyeera tahuu gahan. Kun kutannoo isaan jireenya isaanii jijjiruuf murteeffatan irraa madda. Kanaaf of jijjiruuf ulaagaan nuti qabaachuu qabnu Murtoo dhumaa ofii keenya ceesisuuf qabachudha.
@GumaatAartii
@GumaatAartii
BY GumaatAartii
Share with your friend now:
tgoop.com/GumaatAartii/50