tgoop.com/Inspire_Oromia/30
Last Update:
JIREENYA NAMOOTA BIROO IRRAA KOPHII GOCHUU DHIISII
JIREENYA ABJUU KEE GUUTU JIRAACHUU JALQABI.
Osoo ati hin dhalatin illee jireenyi kee hundi siif karoorfamee ture.
Akka Barattu, hojii akka argattu, bultii akka ijaarrattu, akka ijoollee godhattu, akka soorama baatu, akka duutu.
Waan namni hundi hojjechaa jiru qofa naannoo keenyatti ilaallee akka isaanitti makamuuf koppii goona.
Yeroo baay’ee akkaataan jireenyaa kun gammachuu siif hin fidu sababiin isaas dhuguma filannoo kee waan hin turreef, ati itti fakkaachuu qofa barbaadde.
Dhumarratti gammachuu eeggata garuu lubbuun kee waan baay'ee waan hawwiteef gonkumaa hin ta'u.
Gammachuu mataa keetii fi daandii mataa keetii gara jireenya gammachuutti si geessa.
Yeroo ammaa kana filannoo adda ta'e gochuu fi kallattii adda ta'een deemuuf humna qabda.
Guyyaa guutuu akka nama gammachuu qabduu fakkeessuu dhiisii abjuu kee amma jiraadhu.
━━━━━━━━━━━
@Inspire_Oromia
@Inspire_Oromia
@Inspire_Oromia
BY Inspire Oromia
Share with your friend now:
tgoop.com/Inspire_Oromia/30