tgoop.com/KitaabafiJijiirama/249
Last Update:
55. “Akka afaanii harki kofoo hin maru.”
56. "Naan bitanis nyaadhee naaf bitanis nyaadha.” jette gadheen.
57. “Baay’inni tisiisaa qodaa buqqisee hin beeku.”
58. “Hudduutti hin qabdu, haguugattee hagdi.”
59. “Gadi deebiin dhukkubaa cittoodha.”
60. “Hiriyaankee xuuxee dammeessaa; ati ana dandeessaa?” jette qurciin tisiisaan.
61. “Yartuun deega firaatti gammaddi.”
62. “Aariin ijoollee namaa hudduu nama guba.”
63. “Reefuu natti ife.” jedhe gowwaan mana gubee.
64. “Ati daakuma daaki hamman nyaadhu anatu beekaa!” jedhe namichi.
65. “Intala salma geesse durbii bira hin raffisan.”
66. “Jarjaraan saphii sala.”
67. “Sittis tolee nattis tolaa; Jiisii na haadi!” jette saphiin.
68. “Lola goodaa baqadheen ollaa handhuuraa ta’e.” jette saphiin.
69. “Gurbaaf humna hin taane, Anaaf ulfa hin taane!” jette hintalli luka gidduu salamtee.
70. “Hintala harma baafte saphii hin gaafatan.”
71. “Anatu caalaan qinxiraamaa qarabaa afaan buuse.”
72. “Itti dhiibaan dhalcha hin ta’u.”
73. “Mootummaan dubartii karra cufaatti oolcha.”
74. “Dubartiif 'baatirii'n jilbaa gaditti.”
75. “Durbaaf gundoon keessummaa hin qabdu.”
76. “Dubartiif qawwee abbaa bira jirutu dhukaasa.”
77. “Durbaaf harree hammasheen nama bira jirtutti ergatu.”
78. “Durbaaf agadaa bira hin darban.”
79. “Dubartiin gara golaatti.”
80. “Bakka waalluun baay’atu raafuun hin bilchaatu.”
81. “Hamma taa’an durba dhalchu.”
82. “Dubartiin hin nyaattu utubaa arraabdi.”
83. “Dubartiif 'raadiyoo' abbaa bira jirutu tuttuqee kaasa.”
84. “Ijoolleef dubartiitu qe’ee balleessa.”
85. “Dubartiin beektuu hin qabdu beekaa deessi malee.”
86. “Beekumsi dubartii balbalaa olitti.”
87. “Fagaara dhuufetu naha.”
88. “Akka abbaan taa’etti mataa dibu.”
89. “Tole jedhee sii laannaan na keessa baaftee?” Jette niitiin waarsaadhaan.
90. “Kankoo kan qawwaa itti baldhisu malee; kan dhiphisu hin dhufu.” jette hintalli.
91. “Toltee hin toltu hintalli akkoon guddifte.”
92. “Dubartiif citaan gaafa jigdu dheeratti.”
93. “Abshaalummaa hindaaqqoo ganama namaa gadi, galgala namaa oli.”
94. Re’een kan ofii hin beektuu, sareedhaan “eegee qabadhu!” jetti.
95. “Kan daakuu nyaattu baasanii kan daaraa nyaattu.” fuudhu jedhan.
96. “Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti.”
97. “Jaarsa ijoollee wajjin nyaatu imimmaantu fuula dhiqa.”
98. “Gola waaqayyo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju.”
99. “Dhiirri garaa kutate gabaatti garagalee fincaa'a.”
100. “Gaafa qaanessu reeffa dhuuffisa.”
101. Kan waa namaaf hin goone, “mucaakee harma guusi!” jetti.
102. “Nama Ayyaanni ergare Ayyaantuutu ergata.”
103. “Barri hin darbaa gurri hin darbu.”
104. “Kan abbaan ofitti fide anaa nyaatuu hin qabu.”
105. “Quufta ba’aa suphee!” jette tumtuun durba deessee.
106. “Ulfooftee fooniif boonyaan dorrobaa qalanii nyaachisan, deessee aananiif boonyaan waan elmanii obaasan dhaban.”
107. “Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba.” jedhe namtichi.
108. “Muka rirmi nyaate utubaa manaaf hin soofan.”
109. “Simbirri risaa duuba fiigdu waan inni jalaa baqatu itti fakkaata.”
110. “Lilmoon isa uffata seentu malee, kan duubaan ishee seenu hin agartu.”
111. “Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.”
112. “Yaa qeensaan qabdu nuyi keessaa hin qabnu.” jedhe namtichi.
113. “Fagaaratti hin jiru mormattimmoo sagal.”
114. “Afaan tolfattee reettiin kosorruu dheeddi.”
115. “Jaalalli fiigsaan jibba fiigsaa fida.”
116. “Argee siin hin qixxaadhuu, jaamii naan qixxaadhu!” jedhe ballaan.
117. “Garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti.”
118. Simbirri iyyitee hin beekne “badaa, badaa” jetti.
119. “Bishaan bakka bulu hin beekne jirma guuree yaa’a.”
120. “Dukkanni gowwaa hin bari'u.”
121. “Bishaan xiiqii hudduu cuqqaallatanii dhugu.”
122. “Miiccaan ni addeessa, Dubbataan ni fakkeessa.”
123. “Bookkisaan gaafa callise fokkisa.”
124. “Reettiin gaafa iyyitee mar’ataa turte of hin beektuu; Gaafa harka qerransaa galte of agarti.”
BY Forward-Looking Dreams
Share with your friend now:
tgoop.com/KitaabafiJijiirama/249