This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Namni Hundu wanta kana Dhagahu Qaba!!
Forwarded from Barruu Walaabuu (Bilisummaa Shibbiruu)

Warri ati fidalaan
Gaafattee gaaffii Qoosaa
Afaan isaan sitti hime
Bakka quuqqaa garaasaa
Waan sabicha jibbituuf
Afaansaa Xireeffatta
Gaarii isaa dhoksitee
Yaraasaa iyyaafatta
Sitti hime dhalootichi
Waan Garaa keessaa qabu
Siif sirbee dhaggeeffadhu
Seenaan yaraa hin qabuu
Daa'ima seetaa tarii?
Ijoollee aariin gubee
Xiqqoonshii Guddaa caalti
Argi dhaloota Qubee
Lafa ilma oromoo
Isa Impaayerri saamee
Kana booda hin hatamu
Dhalootichat siif Dhaame
Daa'imni jabbii eeguu
Ilmaan Walee walisoo
Gootummaa Garasuutiin
Guddateera Hammasoo
Ati hin jiru seetaa
Dhaloonnii waa dammaqe
Lakkii Waan muraasadha
Inni karaarraa maqe
Dhaloonni kana boodaa
Waan isaa ni eeggataa
Gaaf dhalatus siyaasaan
Afaan isaa saaqqata
Kanaafuu.....
Hin jiru inni durii sun
Dhalooticha Jabaadha
Oromoo Gadi qabuu
Hin kajeeluun dhugaadha!
Dhaloonni kana boodaa
Xiiqii nyaataa guddata
Afaan qawwee duratti
Ija baasee dubbata.
Ati Garuu, ......
Haasaa Qoosaaf Haasofte
Gurri osoo sin dhageenye
Waanta yoo si gaafatan
Deebisuu hin dandeenye
Dhalooticha gaafattee
Argatteetta Dhugaasaa
Deebii Dhaloota qubee
Gubduu akka rasaasaa
Midiyaa irraa haqxee
Yoo feetemmoo Ol baastu
Seenicha godaannisa
Garaa keessaa nun baaftu
Egaa hammana geenye
Xiqqaafi Guddaan keenya
Yoom himne yoo dubbanne
Gubataa garaa keenyaa?
Akkasiin sitti hima
Dhaloonni quuqamasaa
Dagataniiru hin jedhiin
Hin irraanfannu tasa!
@Bilisummaa_Shibbiiruu tiin!
Qopheessaa @Barruu_Walaabuu
Gaafattee gaaffii Qoosaa
Afaan isaan sitti hime
Bakka quuqqaa garaasaa
Waan sabicha jibbituuf
Afaansaa Xireeffatta
Gaarii isaa dhoksitee
Yaraasaa iyyaafatta
Sitti hime dhalootichi
Waan Garaa keessaa qabu
Siif sirbee dhaggeeffadhu
Seenaan yaraa hin qabuu
Daa'ima seetaa tarii?
Ijoollee aariin gubee
Xiqqoonshii Guddaa caalti
Argi dhaloota Qubee
Lafa ilma oromoo
Isa Impaayerri saamee
Kana booda hin hatamu
Dhalootichat siif Dhaame
Daa'imni jabbii eeguu
Ilmaan Walee walisoo
Gootummaa Garasuutiin
Guddateera Hammasoo
Ati hin jiru seetaa
Dhaloonnii waa dammaqe
Lakkii Waan muraasadha
Inni karaarraa maqe
Dhaloonni kana boodaa
Waan isaa ni eeggataa
Gaaf dhalatus siyaasaan
Afaan isaa saaqqata
Kanaafuu.....
Hin jiru inni durii sun
Dhalooticha Jabaadha
Oromoo Gadi qabuu
Hin kajeeluun dhugaadha!
Dhaloonni kana boodaa
Xiiqii nyaataa guddata
Afaan qawwee duratti
Ija baasee dubbata.
Ati Garuu, ......
Haasaa Qoosaaf Haasofte
Gurri osoo sin dhageenye
Waanta yoo si gaafatan
Deebisuu hin dandeenye
Dhalooticha gaafattee
Argatteetta Dhugaasaa
Deebii Dhaloota qubee
Gubduu akka rasaasaa
Midiyaa irraa haqxee
Yoo feetemmoo Ol baastu
Seenicha godaannisa
Garaa keessaa nun baaftu
Egaa hammana geenye
Xiqqaafi Guddaan keenya
Yoom himne yoo dubbanne
Gubataa garaa keenyaa?
Akkasiin sitti hima
Dhaloonni quuqamasaa
Dagataniiru hin jedhiin
Hin irraanfannu tasa!
@Bilisummaa_Shibbiiruu tiin!
Qopheessaa @Barruu_Walaabuu
Forwarded from Booka Beekumsaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬*▬▬▬▬▬▬▬▬▬
“Mammaaksatu dubbii fixa!”
Mammaaksota oromoo lakkoobsaan 350 ta’an akkaataa asii gadi jirutti wal yaadachiifna jedhee waanan katabeef dubbisuu dandeessu.
_____________________________
⛔️Hubachiisa!/ 🚫Akeekkachiisa!
Jechoonni safuu keessatti lagataman tokko tokko as keessatti nii argamu. An safuu wallaalee yookaanis addaggee ta’ee utuu hin taane, Isaanis kanuma hawwaasa kanaa waan ta’aniif Oromoonis waa malee hin mammaakne jedhee waanin yaadeef barreessuuf dirqameera.
Na oofkalchaa!
Fnkf:-
ⓐ. “Hintala harma baafte saphii hin gaafatan.”
ⓑ. “Baraa fi cidhaan iddoo tokko hin teessu.”
Ⓒ. “Hintala salma geesse durbii bira hin raffisan!”
Dubbisa gaarii isiniif haa ta’u!
* * * * * * * * * * * * * * * * * * * *
_____________________________
Kutaa 1ffaa.
1. “Fayyaa tapha seetee
Qayyaan laga ceete.”
2. “Hiriyaankoo dhalte.” jedhee Sangaan ittane.
3. “Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu!” jette hintalli.
4. “Wacan jibbaa, Lafa gabaatti mana naa ijaaraa?” jette jaartiin.
5. “Ani barana qalbii hin qabuum!” jedhe namichi amaatii qimmiidee.
6. “Tokko badde!” jedhe namichi eeboo gabaa walakkaatti darbatee.
7. “Isa qabuufin dabala.” jette harreen galaanatti fincooftee.
8. “Ulfi ulfina qabdi!” jennaan gowwaan garaa dhiibe.
9. “Hudduu guddinni dhuufuu hin dhorku.”
10. “Kankoo firri gaara.” jette saphiin.
11. “Okkoteen waaqa hin beekne eelee bishaan kadhatti.”
12. “Namni bara dhufu maraatu barana soqolata.”
13. “Warra gadhee aara manaatu ajaa’a.”
14. “Iji waan arge kadhataa, okkoteekoo naa dhoksaa!” jette jaartiin.
15. “Utuu ollaa jirruu wal hin agarru.” jette iji ijaan.
16. “Nama lilmoo qabuu fi nama ilmoo qabun dadhabe.” jette buujaleen.
17. “Nama haguugatee nyaatu ciisanii kajeelu.”
18. “Amma tole!” jette niitiin dhirsa manaa ariitee.
19. “Kan itti tole udaanirra taa’ee geerara.”
20. “Namni garaa kaasaan gidirsu dukkana hin sodaatu.”
21. “Kan nyaatee bare haaduu qarataa fiiga.”
22. “Durbaaf dinnichi hudduu bilchaatti.”
23. “Kan citaa kabaa tokko namaa hin laanne mana bal’isii nama gorsiti.”
24. “Moluu cululuqaa ijoolleen buqqee seeti.”
25. Kaleessa heerumtee, “yaa durba ammaa!” jetti.
26. “Okkotee nu gidduu jirutu na dhibe malee; Ibidda ofirraa dhowwuu hin dadhabne” jedhe bishaan.
27. “Koo dhibdeen achi mitii, lafuma gooftaankoo jedhe na koobaa!” Jette garbittiin.
28. “Dhuufuun udaan biraa dhufti; Qoosaan dhugaa biraa dhufti.”
29. “Liqimsaa baddee budaa nama gooti.”
30. “Utuu dhirsa hin argin siree korti.”
31. “Bakkaaf diddi Hudduun hin urgooftu.”
32. “Namni isa du’eef boo’aa; Du’i isa hafeef boo’a.”
33. “Tafkiin lafarratti wal nyaatti,
namaratti wal baatti.”
34. “Gaafa kiyyaa nii boossaa; Gaafa keetii nii geerarata!” jedhe gafarsi.
35. “Du’a miti sukkuummaan jibba.” jette tafkiin.
36. “Doqnaaf garbuu sukkuumanii nyaatu.”
37. “Reeffa ofii sagal gala galachu.”
38. “Bareedina gurraachaatiif dubbii gamnaa nama bira ga’etu hubata.”
39. “Akkam yoo barri tolee barri bades; Nyaaraaf moortuun hin guddattu.”
40. “Buutiin lafa buutee; Dhagaan lafa guute.”
41. “Qaawwaa cuqqaalaniif bubbee hin ittisan.”
42. “Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisa oolti.”
43. “Garaa guddina harreen lakkuu hin dhaltu.”
44. “Akka meeshaa guddinaaf biyyi kan dhaddeeti.”
45. “Kan dhiqantu nama dhiqa.” jette wacciitiin.
46. “Ariifataan waraabessaa gaanfa ciniina.”
47. “Aariin garaacha gubaa; Garaachi fuula guba.”
48. “Soddaaf kofoo wajjin kufu.”
49. “Jiruuf amaatii hin tuffatan.”
50. “Siifuu” jennaan “siiquu” jette.
51. “Hin bari’u seetee manatti hagde.”
52. “Boolla jaartii jalloo jallisanii qotu.”
53. “Kennuu warratu dide, Aseenaa natu dide. Wal qixxee wal dhabne!” jette hintalli.
54. “Nagaaf nagaadee bulchuu waaqaaf keessa ofiitu jaallata.”

55. “Akka afaanii harki kofoo hin maru.”
56. "Naan bitanis nyaadhee naaf bitanis nyaadha.” jette gadheen.
57. “Baay’inni tisiisaa qodaa buqqisee hin beeku.”
58. “Hudduutti hin qabdu, haguugattee hagdi.”
59. “Gadi deebiin dhukkubaa cittoodha.”
60. “Hiriyaankee xuuxee dammeessaa; ati ana dandeessaa?” jette qurciin tisiisaan.
61. “Yartuun deega firaatti gammaddi.”
62. “Aariin ijoollee namaa hudduu nama guba.”
63. “Reefuu natti ife.” jedhe gowwaan mana gubee.
64. “Ati daakuma daaki hamman nyaadhu anatu beekaa!” jedhe namichi.
65. “Intala salma geesse durbii bira hin raffisan.”
66. “Jarjaraan saphii sala.”
67. “Sittis tolee nattis tolaa; Jiisii na haadi!” jette saphiin.
68. “Lola goodaa baqadheen ollaa handhuuraa ta’e.” jette saphiin.
69. “Gurbaaf humna hin taane, Anaaf ulfa hin taane!” jette hintalli luka gidduu salamtee.
70. “Hintala harma baafte saphii hin gaafatan.”
71. “Anatu caalaan qinxiraamaa qarabaa afaan buuse.”
72. “Itti dhiibaan dhalcha hin ta’u.”
73. “Mootummaan dubartii karra cufaatti oolcha.”
74. “Dubartiif 'baatirii'n jilbaa gaditti.”
75. “Durbaaf gundoon keessummaa hin qabdu.”
76. “Dubartiif qawwee abbaa bira jirutu dhukaasa.”
77. “Durbaaf harree hammasheen nama bira jirtutti ergatu.”
78. “Durbaaf agadaa bira hin darban.”
79. “Dubartiin gara golaatti.”
80. “Bakka waalluun baay’atu raafuun hin bilchaatu.”
81. “Hamma taa’an durba dhalchu.”
82. “Dubartiin hin nyaattu utubaa arraabdi.”
83. “Dubartiif 'raadiyoo' abbaa bira jirutu tuttuqee kaasa.”
84. “Ijoolleef dubartiitu qe’ee balleessa.”
85. “Dubartiin beektuu hin qabdu beekaa deessi malee.”
86. “Beekumsi dubartii balbalaa olitti.”
87. “Fagaara dhuufetu naha.”
88. “Akka abbaan taa’etti mataa dibu.”
89. “Tole jedhee sii laannaan na keessa baaftee?” Jette niitiin waarsaadhaan.
90. “Kankoo kan qawwaa itti baldhisu malee; kan dhiphisu hin dhufu.” jette hintalli.
91. “Toltee hin toltu hintalli akkoon guddifte.”
92. “Dubartiif citaan gaafa jigdu dheeratti.”
93. “Abshaalummaa hindaaqqoo ganama namaa gadi, galgala namaa oli.”
94. Re’een kan ofii hin beektuu, sareedhaan “eegee qabadhu!” jetti.
95. “Kan daakuu nyaattu baasanii kan daaraa nyaattu.” fuudhu jedhan.
96. “Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti.”
97. “Jaarsa ijoollee wajjin nyaatu imimmaantu fuula dhiqa.”
98. “Gola waaqayyo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju.”
99. “Dhiirri garaa kutate gabaatti garagalee fincaa'a.”
100. “Gaafa qaanessu reeffa dhuuffisa.”
101. Kan waa namaaf hin goone, “mucaakee harma guusi!” jetti.
102. “Nama Ayyaanni ergare Ayyaantuutu ergata.”
103. “Barri hin darbaa gurri hin darbu.”
104. “Kan abbaan ofitti fide anaa nyaatuu hin qabu.”
105. “Quufta ba’aa suphee!” jette tumtuun durba deessee.
106. “Ulfooftee fooniif boonyaan dorrobaa qalanii nyaachisan, deessee aananiif boonyaan waan elmanii obaasan dhaban.”
107. “Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba.” jedhe namtichi.
108. “Muka rirmi nyaate utubaa manaaf hin soofan.”
109. “Simbirri risaa duuba fiigdu waan inni jalaa baqatu itti fakkaata.”
110. “Lilmoon isa uffata seentu malee, kan duubaan ishee seenu hin agartu.”
111. “Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.”
112. “Yaa qeensaan qabdu nuyi keessaa hin qabnu.” jedhe namtichi.
113. “Fagaaratti hin jiru mormattimmoo sagal.”
114. “Afaan tolfattee reettiin kosorruu dheeddi.”
115. “Jaalalli fiigsaan jibba fiigsaa fida.”
116. “Argee siin hin qixxaadhuu, jaamii naan qixxaadhu!” jedhe ballaan.
117. “Garbittiin gargaarsa argatte majii daakuu dhoksiti.”
118. Simbirri iyyitee hin beekne “badaa, badaa” jetti.
119. “Bishaan bakka bulu hin beekne jirma guuree yaa’a.”
120. “Dukkanni gowwaa hin bari'u.”
121. “Bishaan xiiqii hudduu cuqqaallatanii dhugu.”
122. “Miiccaan ni addeessa, Dubbataan ni fakkeessa.”
123. “Bookkisaan gaafa callise fokkisa.”
124. “Reettiin gaafa iyyitee mar’ataa turte of hin beektuu; Gaafa harka qerransaa galte of agarti.”

With the sight of the new moon, Ramadhan Kareem is finally over. May Allah (SWA) grant us the Tawfeeq to apply the gems of wisdom from Ramadhan into our daily lives. Happy Eid al Fitr Mubarak.
Forwarded from Aanu®Ofii®©©©®®™™™™™™ $$
Wiirtuu Koompituraa Aanuu
Iddoon Riiftivaalii Yuunivarsiti Nannoo Manahara Duranii(buufata Konkolaata Duranii) Jiru Keessatti Nu Argachu dandeessuu.
Dabalatan
Kitaboota Afaan Adda Addatiin barrahaan Nu Biratti Argachuu Dandeessuu.

Forwarded from Huzeif Hulei
Forwarded from Huzeif Hulei