tgoop.com/QarooPost/930
Last Update:
10/12/2024
Dhaabbileen Siivilii ugguramanii jiran ‘hireen keenya balaa irratti kufe’ jechuun yaaddoo isaanii ibsan.
Dhaabbileen siivilii “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaatan” jedhamuun Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaatin ugguraman hireen isaanii balaa irratti kufuu ibsan. Herreegni baankii isaanis jalaa ugguramuu hordofee hojjattootaaf mindaa kaffaluuf rakkachuu himan.
Dhaabbilee Giddugala Dagaagina Mirgaafi Dimookraasii (CARD) fi Waldaa Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf jedhaman herreegni baankii isaanii waan uggurameef hojjattootaaf mindaa kaffaluu fi sochiilee biroo gaggeessuu dadhabuu hoggantoonni dhaabbilee kanneen himaniiru.
Daareektarri Giddugala Dagaagina Mirgaafi Dimookraasii (CARD) Mogas Damissee sochiin giddugalichaa waan dhaabbateef rakkoo mudateef furmaata laachuu akka hin danda’amne VOAtti himaniiru.
#Addis istaandaardi wabeeffanne.
@QarooPost
BY Qaroo Post
Share with your friend now:
tgoop.com/QarooPost/930