"karameellaa siif kenna" jechuun namtichi daa'ima waggaa 9 gowwomsuun gudeede hidhaa waggaa 14'n adabame.
Magaala Yirgaa-caffeetti namtichi dhuunfaa daa'ima waggaa 9 dirqiin gudeede hidhaa waggaa 14 itti murtaa'eera.
Namtichi kun gudeeda kana kan raawwate gaafa guyyaa 10/9/2016 tilmaamaan naannoo sa'aatii 4tti magaala Yirgaa Caffee ganda Kaarra bakka addaa beetakiristaana Qiddis kidaana mihrat jedhamuun waamamutti dha.
Miidhamtuun dhuunfaa daa'imni waggaa 9 tun barattuu yoo taatu, barumsa dabalataaf waamamte osoo barattee deebi'aa jirtuu mana dhugaatii keessa taa'uun koottu Karameella fudhadhu jedhee waamun, karameellaa daasta jedhamu akkuma nyaatteen of wallaaluu ishee ibsameera.
Achiin booda daa'ima waggaa 9 tana gudeeduun yakka kana dalageera.
Yakkamaan kunis hidhaa waggaa 14 itti murtaa'uu poolisiin magaalichaa beeksiseera.
@QarooPost

Godina Boorana Bahaa aanaa #Waacileetti namoota dubartiin haadha ijoollee sadii taate tokko abbaa warraasheetin gara jabinaan reebamtee miidhaa qaamaa cimaa akka gahu taasisuun himataman hidhaa cimaan adabaman.
Viidiyoon gocha kana mul’isu ji'a tokkoon dura miidiyaarratti qoodamuu hordofee namoota yakka kanaan shakkaman himatamtoonni 1ffaa Galgaloo Waariyoo [abbaa warraa miidhamtu], 2ffaan Jaarsoo Boruu, 3ffaan Galgaloo Jaatani fi 4ffaan Dhibaa Goollicha jedhaman to’annoo jala oolaniiru.
Himata irratti dhiyaateen miidhamtuun waldhabbii ishiif himatamaa 1ffaa (abbaa warraashee) gidduu jiruun himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan jaarummaan taa'uun miidhamtuun akka mukatti hidhamte abbaa warraatin reebamtu taasisuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu ibsameera.
Himatamaa 4ffaan ammoo hogganaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Ganda Qaqalloo yoo ta'u, miidhamtu osoo hin reebamiin dura gargaarsa yeroo gaafattu gargaaruu diduu fi erga reebamte booda milishaa ajajuun ishee hiisisuu isaatin himatameera.
Manni Murtii Aanaa Waacillee dhaddacha Sadaasa 19, 2017 ALI ooleen himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa irratti adabbii hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji'a 4, himatamaa 3ffaa irratti ammoo adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi ji'a 2 murteesseera.
Akkasumas himatamaan 4ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi qarshii 5,500 irratti murtaa'uu odeeffannoo kominikeeshinii aanaa Waacilee irraa arganne ni mul'isa.

Tiraamp biyyoonni miseensa BRICS Doolaara Ameerikaa maallaqa biraatiin akka bakka hin buusne akeekkachiisaniiru.
Biyyoonni Doolaara akka hin fayyadamne murteessan gabaa Ameerikaa keessaa akka ari’aman eeggachuu qabu jechuun Pirezidaantiin Ameerikaa filatamaan Doonaald Tiraamp dubbatan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee hidhattoota WBO irraa adda bahe waliin waliigaltee nagaa mallatteessuun beekame.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahe, kan ajajaa zoonii giddu galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise.
Waliigalteen Kun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaa’us hamma ammaatti bal'inaan wanti ifatti ibsame hin jiru.
Sanyii Nagaasaan Ji’a Fulbaana darbee gareen isaanii kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan. Akkasumas mootummaa waliinis mari'achuuf fedhii akka qaban himanii turan.
Yeroo sanas Waajjirri Sab-qunnamtii ABO-WBO, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu ibsee ture.
Haatahu malee WBOn dhimma waliigaltee araaraa har'a mallatteeffame ilaalchisee hanga ammaatti ibsa kenne hin qabu.
#Addis Standard wabeeffanne.

Liiverpuul Maanchester Siitii 2 - 0 injifachuun dursummaasaa cimsate.
Taphni cimaan torbee 13ffaa Piriimeer Ingilaandi olaantummaa Liiverpuuliin xumurame.
Liiverpuul morkataa isaa Maanchiister Siitii galchii 2 fi 0n injifachuun dursummaa isaa cimsateera.
Gakpo taphaan Mohaammad Saalah rukkuttaa adabbiin Liiverpuuliif galchii tokko tokko lakkoofsisaniiru.

Atileet Siifan Hasan, Taammiraat Tolaa fi Simboo Alamaayyoo atileetota Ciccimoo bara 2024 ta'uun filataman.
Monaakootti filannoo fi badhaasa atileetiksii isa guddaa kaleessa galgala gaggeeffameen, dhalattuun Itoophiyaa lammii Nezerlaands Siifan Hasan atileetii dubaraa jabduu bara 2024 ta'uun filatamte.
Dhalootaan Itoophiyaa lammummaan ammoo kan Nezerlaands kan taate Siifan Hasan, gama isheen Olompikii Paaris irratti fageenya 5,000m fi 10,000m nahaasa injifattee booda maaraatoonii fiiguun warqee injifatteetti. Dorgommii tokko irratti fageenya sadiin hirmaattee meedaaliyaa injifachuun seenaa waggoota 72 dura galmaahe irra deebiteetti.
Sirna badhaasaa sagalee deeggartootaan gaggeefamu kanaan Atileetiin ganna 31 Siifan, atileetii cimtuu isaadiyoomiin alaa jedhamuunis filatamteetti.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa ishee gubbaa maxxansiteen badhaasichi an, garee koo fi biyya koo qofaaf osoo hin taane dubartoota ol adeemoo kana ilaalanii, abjootaanii fi amantaa horatan ispoortiidhaan milkaa'ina guddaa argachuun akka danda'amu agarsiisa'' jette.
Dabaluunis 'ciminaan hojjedhaa, cimaa shaakalaa, ammoo wanta tokko yaadadhaa abjuun guddaadha jedhamu hin jiru''jechuudhaan dhaamteetti.
Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa kan Olompika Paaris irratti eeggatummaan deemee dhumarratti hirmannaa dorgommii argachuun injifate ammoo gama dhiiraan atileetii cimaa Istaadiyoomiin alaa jedhu goonfateera.
Taammiraat Tolaa riikardii olompikii haara agalmeessuun ture kan injifate.
Atileetiin Itoophiyaa kan biraa Simboo Alamaayyoo atileetii cimtuu lafaa dhufaa jirtu ykn Female Rising Star damee jedhuun filatamteetti.
Gufachiisa 3000m kan fiigdu Simboon, bara 2024 keessa Shaampiyoonaa addunyaa fi Olompiika Paaris irratti biyya bakka buutee hirmaateetti.
Simboon Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ganna 20 Gadii Peeruu, Liimaatti adeemsifame irratti gufachiisa 3000m riikardii shaampiyoonaa cabsuun injifachuunshee ni yaadatama.
#BBC wabeeffanne.

Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa wabiin akka gadhiifaman murtaa'uun beekame.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turanii fi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii heeyyamuunsaa dhaga'ameera.
Haati warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo obbo Taayyeen ganama har’aa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu fi dhaddachichi Obbo Taayyeef mirga wabii heeyyamuu himaniiru.
Dabalataan manni murtichaa Maallaqa 20,000 qabsiisanii yookiin nama waammatanii akka bahuu danda’an murteessera. Adeemsa godhamuu qabus gochuudhaaf sa’aatii 8:00 irratti nu beellamaniiru” jedhan.
Obbo Taayyeen Bara darbe keessa aangoorraa erga kaafamanii booda to’annoo jala kan oolan yoo ta'u, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himanni irratti banamuun isaanii kan yaadatamuudha.

Itoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaan hariiroo gidduu isaanii jiru guddisuuf waliigalan jedhame
Itoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaan hariiroo gidduusaaanii jiru guddisuuf waliigaluu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.
Deetaan ministeera alaa Misgaanuu Araggaa ministeerri dhimmaa alaa Sa’uudii Injinar Waaliid Abdulkariim waliin Riyaaditti marii gaggeessaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru gara “sadarkaa olaanaatti guddisuun” faayidaa waloo mirkaneessuuf argachuuf aanga’oonni waliigalaniiru jedhame.
Aanga’oonni kunneen waliigaltee biyyoota lamaan gidduu jiru hojiitti hiikuuf waliigaluu odeeffannoon Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa baase ni agarsiisa.

3/12/2024
Yakkamtoota Shamarree Maahileet Takilaay ajjeesan irratti adabbii cimaan murtaa'e.
Naannoo Tigraayitti manni-murtii giddu-galeessaa magaalaa Maqalee shamarree Maahilet Takilaay irratti yakka ajjeechaa namoota raawwatanirratti murtee kenneera.
Shamarreen ol adeemtuu umuriin ishee wagga 16 taateefi jiraattuu magaalaa Adawaa turte Maahilet Teklaay A L I Bitootessa 10, 2016 osoo mana barumsaa deemaa jirtuu butamtee Waxabajji 12, 2016 ajjeefamtee argamuun ishee ni yaadatama.
Akka TVn naannichaa gabaasetti, himatamaan tokko mormashee hudhee qabuun, himatamaan lamaffaa ammoo baajaajiin butee fuudhee deemuun hidhaa kopheetiin daqiiqaa 30f gidirsanii akka ajjesan abbaan alangaa magaalaa Maqalee ibseera.
Ragaa abbaan alangaa dhiyeesse kan qorate manni-murtichaa himatamaa tokkoffaa du'aan, himatamaa lamaffaa ammoo hidhaa umurii guutuun akka adabaman murtee dabarseera.

Hidhattoonni Faannoo Aanaa Amuruutti lammiilee nagaa shan ajjeesuun himame.
Haleellaa hidhattoonni Faannoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessatti ALI Wiixata Sadaasa 23, 2017 raawwataniin lammiileen nagaa shan ajjeefamuu jiraattonni fi Aangawaan Aanichaa himan.
Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaa, hidhattootni kun ''namoota konkolaataadhaan deemaa jiran ganda Jawajaa jedhamu bakka addaa naannoo Laga Abbayyaatti haleellaa lubbuu nama shanii dabarsee fi sadiimmoo madeesse raawwataniiru" jedhan.
Namoonni haleellaan irratti raawwatames ‘’dargaggoota gabaa daldalanii jiraatanidha” kan jedhan bulchaan aanichaa, “qabeenya konkolaataa Isuzu tokkos bakka sanatti barbadeessanii deeman” jedhan.
Namoonni haleellaan irratti raawwatame “konkolaataa Isuzu jedhamurratti hoolaa fe’anii gara iddoo Caaboo jedhamutti imalaa turan. Hidhattoonni Faannoos Laga Mormor (Abbayyaa) irratti eeggachuun dhukaasa itti bananii ijoollee shan battala lubbuu baasan” jechuun kanneen haleellaa sanarraa hafan himaniiru.
“Ijooleen lubbuunsaanii bahe kun daldaltootadha. Hoolota kana gama ceessisanii Oromoo gama jiranitti gurguratanii deebi’u. Kaleessammoo lubbuunsaanii akkasitti wareegame” jedhan.
Haleellaan guyyaa Wiixataa kun hidhattoota Faannoo lakkoofsaan naannoo 30 ta’aniin raawwatamuusaa Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaa dubbataniiru.
Jiraattonni Aanichaa sababa hidhattoota Faannootiin yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuu kan himan yoo ta'u, dabalataanis Sodaa nageenyaa qabaachuu fi of-eeggannoon isaaniif godhamus laafaa akka ta'e ” himan.
Taatee Wiixata darbe raawwate kanaan gaddi guddaan akka itti dhagahame kan himan Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaan gama isaaniitiin komii ‘gama mootummaatiin laafinni jira’ jechuun jirattota biraa ka’eef yeroo deebisanis, “karaa aanaa keenyaa dhugaa dubbachuuf mootummaan hinteenye, hojjetamaa jira” jedhan.
Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhihoo dubbii taasisaniin hidhattoota Faannoof haala kan mijeessu hidhattoota 'Shaneedha' jechuun himachuunsaanii kan yaadamuudha.
Hidhattootni WBO badiiwwan garagaraaf himatamanis, himannaa dhugaarraa fagaateedha jechuun waakkachaa turaniiru.

Somaaliilaandifi Amerikaan hariiroo qaban caalmaan cimsuuf waliigalan
Somaaliilaandi fi Ameerikaan marii tumsa waloo cimsurratti xiyyeeffate gaggeessaniiru.
Jilli Ameerikaatti Ambaasaaddara Somaaliyaa Riichaardi Raayilii fi komaandara Humna Waloo Afrikaa Bahaa meejar Jeneraal Biriyaan Tii Kaashmaaniin durfamu Pireezidaantii haaraa Somaaliilaandii waliin Hargeessaatti mari’ateera.
Marii isaaniin jilli Ameerikaa kun filannoo Pireezidaantummaa Somaaliilaandi gaggeessite dinqisifachuun, Pireezidaantii Haaraa Somaaliilaandi ta’uun kan filataman Abdurrahmaan Mohammad Abdullaahii Iroof ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.
Somaaliilaandi nageenya Bahaa Afrikaa mirkaneessuu fi hariiroo Somaaliilaandii fi Ameerikaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf mariin gaggeeffamuun ibsameera.
Abdurrahmaan Mohammad Abdullaahiin gamasaaniin, jila Ameerikaa waliin marii Ardichatti nagaaf tasgabbii mirkaneessuufi Demookiraasii babal’isurratti xiyyeeffate taasisuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Mariin kun Ergama Somaaliilaandi fi Ameerikaa kan mirkaneessuu ta’uu ‘Horn Diplomat ‘gabaaseera.

4/12/2024
Hidhattooti WBO lakkoofsaan 800 ta'an waamicha mootummaan isaaniif taasise Simachuun harka kennachuu OBN gabaase.
Hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo bakkeewwan giddugaleessa Naannoo Oromiyaa gara garaatii meeshaa isaanii waliin bosonaatii galuun gabaafame.
Kunis, erga Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhihoo gartuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo araara buusuu barbaadan waliin waliigalteen raawwatame boodadha.
Ajajaan duraanii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugalaa, Sanyii Nagaasaa, booji'amanii osoo hin taane ''gidiraa ummataaf'' dursa kennanii waliigaluu dubbatan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ‘’uummanni nageenya dheebotee nagaa gaafachaa ture WBO kallatti hundarraa gara giddu galeessaatti dhufaa jiruuf simannaa ho’aa taasisaa jira,’’ jedhe.
Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa immoo ''miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru,'' jechuun ibseera.
Haatahu malee Mootummaan kana ibsus; ABO-WBO'n waliigalteen godhame ajajaa duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa waliinidha malee, nu waliin kan taasifame miti '' jedhe.
Gorsaa Olaanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Jireenyaa Guddataa ''Kun diraamaa mootummaan hojjetudha. Haala akkasiin nagaa uummanni gaafatu sana fiduu hin danda'amu. Warri amma galan kanneen kana dura sababa rakkoo naamusaan miseensummaa keessaa baafamanidha,'' jedhe.
Mootummaan ammoo waliigalteen mootummaafi ''WBO waamicha nageenyaa fudhatan gidduutti mallattaa'e qabatamaan hojiirra oolaa jira,'' jedhe.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, guyyaa Kibxataa hidhattoonni dhibbaan lakkaa’aman hidhannoo isaanii waliin galaniiru.
Miidiyaan OBN hidhattootni kun aanaalee Godina Shawaa Lixaa 6 jechuunis Gindibarat, Cobii, Ilfataa, Aanaa Amboo, Midaaqanyiifi Jibaat keessa turan 800 ol waamicha mootummaa simatanii harka kennataniiru jedhe.
Suuraawwan miidiyaalee mootummaatti hidhata qabaniin qoodaman yeroo hidhattooti bakka qophaa’eef seenaniifi jaarsolii biyyaan simataman mul’isa.
Waliigaltee xumura torban darbe mallattaa’e aangawooti mootummaa yoo jajan, hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo garuu busheessaniiru.
Qeeqxonni hedduunis "gartuu hidhattoota keessaa fottoqe waliin waliigaluun nageenya waaraa hin fidu jechuun qeequ.
Kana dura mariin marsaa lamaaf mootummaafi hidhattoota WBO gidduu Tanzaaniyaatti taasifamee ture.
Ta’us, mariin akkaan eegame dhukaasa dhaaburrattillee osoo wal hin galin xumurame.
Mariin sunis milkaa’uu dhabuu isaatti qaamoleen lamaan quba walitti qabuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Taayyee Danda'aa Qaallittiidhaa Osoo bahanii balbalarratti poolisootaan qabamuu maatiin himan.
Angawaan duraanii mootummaa federaalaa Obbo Taayyee Danda’aa guyyaa har’aa mana hidhaa Qaallittiidhaa yeroo bahuuf jedhan balbalarratti poolisoota federaalaan fudhataman jechuun maatiin BBC'tti himaniiru.
Jalqaba torban kana Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi ijibbaataa Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murteessee ture.
Haa ta’u malee, ''dogongora baraa'' xalayaarra tureen hanga yoonaa osoo hin gadhiifamiin turuu fi kunis guyyaa har’aa erga sirratee booda simachuu dhaquu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo dubbataniiru.
Ta’us, namoota ‘’huccuu poolisii federaalaa’’ uffataniifi konkolaataa ‘’taargaa poolisii maxxanfate’’tiin fudhatanii deeman jedhan.
‘’Nuti nagaa jechuuf gaafa itti deemnu nu daddarbatanii waan gaafanneefillee deebii osoo hin argatin obbo Taayyee fudhatanii deeman"jedhan.
Dhimma kanarratti hanga ammaa gama mootummaatiin wanti jedhame hin jiru.
Waggaa dura erga aangoorraa kaafaman booda kan hidhaman miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa himannaan garagaraa sadii irratti banamee ture.
Kunneenis, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuu kan jedhanidha
Dhimmi isaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa jira.
Manni murtii himatawwan irratti saaqame sadi keessaa lamaan bilisa jechuun himata meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu kan jedhu akka ofirraa ittisan manni murtii kennee ture.
Obbo Taayyeenis aangawoota mootummaa dhimmicha beeku jedhan shan jecha ragummaa akka kennan waammatanii muraasa jecha yoo kennan, kan hafan ALI Mudde 03, 2017 akka kennan bellamni qabamee ture.
Osoo kanaan jiruuti gaafa Wiixataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi ijibbaataa akka wabiidhaan bahan murteessuu maatiin kan BBC’tti himan.
Ta’us, guyyaa Roobii har'aa erga bahanii booda poolisootaan qabamuu fi bakki jiran akka hin beekamne maatiin himan.

Hogganaan fayyaa Ameerikaa Niiw Yoorkitti dhukaasa banameen ajjeefamaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa United Health Care Biraayyan Toompsan Niiw Yoorkitti rasaasaan ajjeefame.
Haleellaan kun dursanii karoorfamee kan raawwatame ta’uu kan himame yoo ta’u, haleellaan kun kan raawwatame hoteela isaan walgahiif deeman Manhattan keessatti ta’uu himamee.
Akka komishinarri kutaa poolisii Niiw Yoork jedhanitti kun haleellaa tasaa miti.
Itti dabaluunis, namni haleellaa raawwate kun fuula isaa haguuggii gurraachaan haguugee, teeknooloojii adda addaa fayyadamuun tahu ibsaniiru.

5/12/2024
Waraanni geggeeffamaa ture erga dhaabbatee booda Tigraay keessatti tamsa’inni dhibee #HIV dachaa lamaan dabaluu qorannoon akeeke.
Qorannoon dhiheenya kana Inistiitiyuutiin Qorannoo Fayyaa Tigraay gaggeesse naannoo Tigraay keessatti tatamsa’inni HIV/AIDS dabaluu mul’ise. Kunis waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen dura 1.4% ture irraa gara 3% ol guddachuu ibsameera.
Qorannoon aanaalee 30 keessatti gaggeeffame kun kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an kanneen akka buqqaatotaa biratti tatamsa’inni dhibee kanaan 5.5%, dubartoota daldala saalqunnamtii irratti bobbahan biratti ammoo 8.5% gahuu ibseera.

Addabaabaayiin Gaamoo Birrii miiliyoona 100 oliin ijaarame eebbifame.
Addabaabaayiin Gaamoo Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 22’n ijaarame eebbifameera.
Pirojektichaas Pireezidantiin Naannoo Kibba Itoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan eebbisiisaniiru.
Addabaabaayichi aadaa fi duudhaalee ummatoota Godinichaa haala calaqqisiisuun kan ijaarame ta’uun eerameera.
Sirna eebbichaarratti qondaaltonni olaanoo mootummaa naannichaa, abbootiin amantaalee, jaarsolii biyyaa fi jiraattoonni Magaalaa Arbaa Minci argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Egeree hidhattoota WBO galaa jiranii ilaalchisee mootummaa waliin waliigaltee amansiisaarra geenyeerra- Jaal Sanyii Nagaasaa.
Egeree Waraana Biliisummaa Oromoo nagaatti amananii galan ilaalchisuun mootummaa waliin waliigalteen qabxii 13 qabu mallatteeffamuu qondaalli WBO jaal Sanyii Nagaasaa himaniiru.
Egeree WBO nagaa filatee galee kan mari'atu koreen Walabaas hundaa'uu Jaal Sanyiin Ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Koreen hundaa'e kun Abbootii Gadaa Shaniifi Mootummaarraa akkasumas WBO irraa miseensummaan nama tokko tokko akka of keessatti haammatus himaniiru.
Waliigaltee nageenyaa taasifame booda qondaaltonni olaanoo Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaatti hojiilee misoomaa daawwataa turaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii giddugaleessaa harka kennate osoo hin taane waamicha karaa nagaa filate kan gale ta'uu Jaal Sanyii Nagaasaan himaniiru.

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy gaaffii Dabratsiyoon akka Geetaachoo Raddaan aangoorraa kaafaman dhiyeessan fudhachuu didan jedhame.
Ji'oota jahaa oliif waldhabdeerra kan jiran Dura Taa'aa TPLF Dabiratsiyoon Gabramikaa'el fi Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa marii tibbana MM Abiy Ahimad waliin taasisan irratti wal-himachuu isaanii gabaafame.
Gareen TPLF Dabratsiyooniin hogganamu rakkoo Tigraay keessatti uumamaa jiruuf dadhabina bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uu eeruun, ''Geetaachoon aangoorraa ka'ee iddoosaa ittaanaan isaanii Lt. Jeneraal Taaddasa Warrada akka qabatan" yaada dhiyeessan.
Geetaachoo Raddaan gama isaaniin, "bulchiinsi yeroo sirnaan hojiisaa akka hin dalagne gufuu kan taatan isinii" jechuun Dabrtsiyoon fa'a himatan.
Dabratsiyoon Obbo Geetaachoon aangoorraa ka'anii iddoosaanii Lt. Jeneraal Taaddasaan bakka haa bu'an isa jedhan Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka hin fudhanne gabaafameera.

Humni elektirikii addaan cituu
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise.
Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera.
Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira.
Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a.
Humna Elektirikii Itoophiyaa
Sadaasa 28 bara 2017