tgoop.com/bashannanuuf/3754
Create:
Last Update:
Last Update:
Ayii.......πππ
Waanti ati burqaa seetuu
Isheen edaa cobduudhaa
Namni ati guddaa seetus
Isheen edaa sobduudha..!
....
Wanti ati nagaa seetuu
Jireenyisaa bir'uudhaa
Wanti ati guutuu seetuus
Keessoon isaa hir'uudha...π₯±
...
Inni ati hoolaa seetes
Keessoon ishee majaadhaa
Wanti ati shittoo seetus
Fooliin ishee ajaadhaa.... π
...
Biqilaankee gaafa goguu
Dadhabbiinkee kantuudhaa
Irri namaa bareedullee
Keessoon ishe gantuudha... π
Afaniin sobee fakkeessa
Keessoon isaa dhagaadhaa
Nama hundasimmoo miti
Tokko tokko nagaadhaa..... β€
.....................................
βοΈ Chala Beyisa
BY Sona walaloo
Share with your friend now:
tgoop.com/bashannanuuf/3754