BFWALALOO Telegram 3263
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~MEETOO~~~~~~

..........Kutaa 8ffaa...............

...Meetoon yeroo ergaan Sabaaf kun ishee bira gahu waan jettu wallaalte. "Eenyu laata?, Sabakooti moo" jechaa ija ishee kuullee urjii fakkaatu sana imimmaan jaalalaan guutamee gammachuu addaan bilbila ishee gara laphee isheetti qabachuun "baayyeen si jaaladha Sabakoo" jette, kophaa ishee akka waan isa ofitti qabdeetti. Meetoon erga bilbila fayyadamuu eegaltee takkaa 'miseejii' (ergaa) ittiin barreessitee beekuu baattullee arra garuu "Sabayyee dharraa jaalalaa teetii osoo dhandhamee hin quufin nabiraa fagaatte, hanga wal agarrutti anis sin obsa Sinjaaladha" jettee ergiteef. Sabaafis ergaa ishee dubbisee bilchinni jecha ishee hamilee isaaf tahuun jaalala ishee onnee isaa keessatti amma biqilte sana akka guddattee daraartuuf waadaa ofiif seene. Meetoof duruu hawwiin ishee kanadha.

Haala kana keessatti Meetoonis gara kutaa 8ffaa dabruun barumsa eegaltee jirti. Meetoon dur barumsaan baayyee cimtuu tahuu baattus yeroo isheen kutaa torba turte sanatti akkataan Sabaaf itti qayyabachiise hamilee isheef tahuuf jaalala keessa mallattoo isaa taheef. Akkana kaa waan gaariidhaan wanta gaarii namaaf kudhaamu mitiiree. Haaluma kanaan barumsaan jidduu galeettii taatus joollummaa isheerraa kan ka'e qormaata jireenyaa keessa darbuuf obsaafi gorsa barbaaddi.
Kanaaf Sabaaf yeroo waliin haasawan hunda jechoota gorsa isheef tahan keessaa dhiisee hin beeku. Sabaaf erga mooraa yuunibarsiitii Aamboo dhufee ji'a afur guuteera. Dhimma barumsa isaafi jaalala kichuu amma Meetoo waliin habaqaalan dagaagsee firii itti godhuuf jechoota mimmi'aawaa isheef dhaama. Keessattuu erga barumsa isaa seemisteera jalqabaa xumuruuf guyyaan muraasni hafetti jechoota tarreeffamanii qindaa'an kana ergeef
"Jaalalli tee mi'ooftuudha
Dammarra naaf caala
Yoomuu na duraa hin baddu
Suuraa teetin laala
~
Kunoo Aamboon jira
An sirraa fagaadhee
Yaada keetu na cinqaa
Yoomin boqonnaa argadhe
~
Hin turuu siifin dhufaa
Baayistee na hin yaadinii
Obsumaan na eeggadhu
Abdiis narraa hin kutinii"

Jechuun haala hamileefi gammachuu ishee kakaasutti jechoota tarraa'anii toora galan kanaan akeeka ishee cimseef.
Garuu osoo isheen mi'aa jaalalaa kan jaalala jalqabaa kana keessa gangalataa jirtuu wanti onnee ishee kan duruu jaalala Sabaafiin miidhama keessummeessee ture bakka lamatti dhoose tokko ishee mudate. Meetoon kofaltuun, jaalattuunifi yeroo hunda Sabaafiin bilbiltee addunyaa jaalala dhugaa dhandhamaa turte harra akka waan addunyarra jiru hunda dhabdetti gadditee imimmaaniin of coollessaa guyyaa lamaaf turte. Yeroo kana Sabaaf kan ganamaaf galagala akka araada(haraaraa) bunaa yoo sagalee ishee dhabe mataan dhukkubu guyyaa lamaan sana bilbilus hin kaaftu yoo ergaa itti barreessus hin deebistu. Meetoon garuu erga guyyaa lama haala sana keessa turteen booda silkii ishee banattee haala keessa jirtu Sabaafitti himatuuf murteessite. Haala kana keessatti Sabaaf yoom bilbilli ishee banama jedhee rakkoo hamaa keessatti ishee yeroo eegaa jirutti Meetoon bilbilteefii waan ishee mudateefi haala keessa jirtu sagalee boohaatiin hiqq... hiqq jechaa itti himte. Sabaafis rakkicha erga isherraa bareen booda haala safuu hawaasa keessa jiraatanii funaanuunifi kaayyoo jaalala isaanii hammam akka waliif jiraatan itti himuun akka isheen hin dhiphanne itti hime. Garuu dhimmichi haala isaa sirritti keessa beekuu baatus rifaatuun ishee sun isas waan godhu wallaalchifte
Wantichi isaan mudates akkanadha... #ITTI_FUFA.

Kutaa itti aanuuf nu eeggadhaa!...

Aartii Saba keenyaa keenya dhaloota boruutiif haa qoodnuu.
💥Share💥share💥share💥

Barreessaan:- Shamil N
Yaadaaf:- @Shaminasir qunnamaa!.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@orolovechats

tgoop.com/bfwalaloo/3263
Create:
Last Update:

BY Buufata Walaloo

Share with your friend now:
tgoop.com/bfwalaloo/3263

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Private channels are only accessible to subscribers and don’t appear in public searches. To join a private channel, you need to receive a link from the owner (administrator). A private channel is an excellent solution for companies and teams. You can also use this type of channel to write down personal notes, reflections, etc. By the way, you can make your private channel public at any moment. The channel also called on people to turn out for illegal assemblies and listed the things that participants should bring along with them, showing prior planning was in the works for riots. The messages also incited people to hurl toxic gas bombs at police and MTR stations, he added. With Bitcoin down 30% in the past week, some crypto traders have taken to Telegram to “voice” their feelings. Polls Click “Save” ;
from us

Telegram Buufata Walaloo
FROM American