Telegram Web
Falme:
#Dhugaa

Abdii bara kumaa
Furtuu waa hundumaa
Sagalee ol qabeen
Ofitti si waama.
Manni koo isa sana
Maqaan koo isa kana
Ifaajee tokko malee
Dafii koottu mana.
.......................................
Naaf koottu yaa michuu
Maaf didde ariifachuu
Baayyina beellamaa
Barii lakkaawwachuu
...................................
Maaloo! Ariifadhuu
#Dhugaa

Abdii bara kumaa
Furtuu waa hundumaa
Sagalee ol qabeen
Ofitti si waama.
Manni koo isa sana
Maqaan koo isa kana
Ifaajee tokko malee
Dafii koottu mana.
.......................................
Naaf koottu yaa michuu
Maaf didde ariifachuu
Baayyina beellamaa
Barii lakkaawwachuu
...................................
Maaloo! Ariifadhuu
Miilaan tarkaanfadhu
Barrisi kaa amma
Takkaa si hammadheen
Seenaatti waa dhaamaa.


Toofiq Ahimad Ibraahim
Na dhagahi lukkuu
Yoomuu ilmoo hin dhaltuu
Iyyituu iyyuu baattuu
Bari'uun hin haftuu!

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~MEETOO~~~~~~
........Kutaa 7ffaa......

...Meetoon tan duraan jaalalti Sabaaf qophaa ishee akka aduu saafaa ishee gubaa ture arra garuu nama jaalattu argattee, yeroo isa biraa deebitu Meetoon intalti xiqqoon sun gammachuu of wallaaltee, akka nama hundarra guddattetti of ilaalte. Kanaanis sirba abbush kan inni affeere sana irra deddeebitee dhaggeeffachuun onnee of qabbaneessiti.
Ganamas galgalas yeroo Sabaaf Caaliifaa bira dhufu namni isa waliin nyaata nyaatus isheedha, bira darbees harka isaa isheetu dhiqaaf.

"Egaa jaalala jaalalaan injifatu" jedha mitiiree oromoon.

Onneen Sabaaf jaalala ishee qofaan booji'amuu bira darbee, gaafa ijaan ishee arguu oole ni dhukkubaan dubbisus kitaabni waan jedhu hin galuuf wanti hunduu ishee itti fakkaata. "Ahhhh yaa kurfoo haadha jaalalaa ana injifattekaa" jedhaan yeroo ishee arge mara.

Sabaaf barataa kutaa 12maa waan ta'eef yeroo baayyee dubbisarratti waan dabarsuuf jaalala ishee dhandhamuuf yeroo bayyee argachuu baatus(oolus) guyyaarraa sa'aatii murtaa'aaf ija Meetoo argu malee dubbisuu hin danda'u.
Keessattuu Sabaafirraa wanti ishee ajaa'ibe yeroo ishee waliin dabarsuuf qabu sa'aatiidhaan 'alarm' guuttachuun kan inni ishee waliin taphatu.

Erga nyaata waaliin nyaatan booda iddoo Meetoon itti dubbistu seenuun kan waliin taphatan, yeroo kana osoo isaan hin quufin 'alarm' iyyiti "Saba your rest is enough" jettiin. Yeroon boqonnaa kee dhumatee ka'i jechuusheeti.
Meetoon garuu otoo wal hinquufin haala saniin yeroo inni biraa deemu itti toluu baatus jaalalti dhugaa kaayyoo waliif eegurraa madda jedhee kan inni ishee amansiiseef obsiti.
Haala kana keessa otoo jiraanii Sabaaf 'entrance' fudhachuun barumsa kutaa 12 xumure. Qabxii gaarii fiduun Yuunibarsiitii Aamboo isa ga'e. Yeroo kana Aamboo dachee gootaatti barachuun gammachuu guddaa kan isaaf ta'e Sabaaf nama jaalala dhugaan dabaalee kaayyoo isaafis isa jajjabeessu nama akka Meetoo argachuun akka jaalala isheef bakka guddaa kennu taasise.
Meetoon maatii isaaniitiif dubara keessaa ishee quxisuuti waan taateef maatiin isaanii baayyee eeganiin. Sababa kanaa yeroo boqonnaarra turanis haala gaariin wal arganii mi'aa jaalala jalqabaa wal bahuu hanqatan. Osoo akkanaan jiranii Yuunibarsiitiin Aamboo joollee 'fresh' ykn waggaa jalqabaa ta'an waaman. Yeroo kana Sabaaf galgala sanbata xiqqaa gara Aamboo deemuuf borsaa isaa qabatee mana isaaniitti itti dhufee wal hammatanii Meetoon geggeessite. Sabaaf guyyaa wiixataa baha Oromiyaa irraa ka'uun giddu gala lixa Oromiyaa Aamboo gale.
Akkuma galeen Xalayaa kana walaleesseef.
"Yaa kurfoo jaalalleetoo
Yaa takkittii akka dhibbaa
Qaamaan sirraa fagaadhee
Cehee tulluufi tabbaa
~
Kunoo kophaakoon jira
Yaadaan qalbii koo hiraa
Jaalala kichuu dhaabbanne
Fagaadhee Aamboon jiraa
~
Onnee koo siif kudhaamee
Kee natu siif jabeessaa
Hadaraa yaa Meetoo koo
Onnee koos sitti dhiisaa
~
Kichuu jaalala keenyaa
Kan kaleessa laga turee
Awaash dabarraa kunoo
Galaana guddaa taree
~
Kunoo sirraa fagaadhee
Lixa oromiyaa keessaa
Meetooyyee naaf jiraadhu
Kiyyaa keetu siif barreessaa"... #ITTI_FUFA


Warri channel creater taatan karaa @Shaminasir na dubbisaa.

Barreessaan:- Shamil N
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@orolovechats
💥JION💥
Forwarded from Afoola Oromoo
Jechoota wareegamtoota Oromoo muraasa

1. ''Namni seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati, gara argetti jallata''
Ebbisaa Addunyaa

2. ''Gabrummaarra duuti bilisummaadha''
Elemoo Qilxuu

3. ''Qawwee dandeenyu haa tolfannu, qabeenya qabnuun haa bitannu, dadhabnu diina keenyarraa haa hiikkannu''
Jaarraa Abbaa Gadaa

4. ''Uummanni Oromoo barachuu qaba; lammiin barate ammoo mirgasaaf falmata''
Jeneraal Taaddasaa Birruu

5. ''Gabrummaa dandeennu hiddaan biqqifna, dadhabnu ilma itti guddifna''
Waaqoo Guutuu

6. ''Duutii koo du'a gootaati. Dhiigni kiyyaa dhiiga bilaash dhangala'e miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangala'ee dha''
Maammoo Mazammir

7. ''Ofumaa dhamaatu malee ana rasaasni na hin danda'u''
Agarii Tulluu


www.tgoop.com/asoosamas
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#ABDII_FURTUUDHAA

Kan kaayyoof Imalu
Gufuun hin Hanqisuu
Cabsee bira Tara
Waan isa Rakkisuu
🎤🎧🎆🆓🔐
Nama abdii kutetuu
Jireenyaaf Of jibbaa
Booda Qullaa buusee
Marxifatee Sirbaa
🎤🎧🎆🆓🔐
Eessaa akka ka'e
Beekuutu itti ulfaataa
Galmasaa milkeessuuf
Hin kaa'us furmaataa
🎤🎧🎆🆓🔐
Kaayyoof osoo Imaluu
Karaatti Dagataa
Ofitti gabaabsees
Addunyaa Lagataa
🎤🎧🎆🆓🔐
Abdiinoo Furtuudhaa
Kaayyoodhaan Bareedaa
Namni ishee Qabu
Galmasaatti Arreedaa
🎤🎧🎆🆓🔐
Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif 👉@UmerAbdela
Forwarded from Soreti Official
KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
*******************************
Kintaarootiin dhiitaa qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo ta'u innis hiddi dhiiga deebistu kan naannoo ta'uumsatti gurmuun argamu yoo iita'u kan dhufu dha. iitaa kanaaf wontootni
hedduun sababa ta'uu malu. Isaan kessaas:

* Yeroo bobbaaf taa'an baay'isanii ittanuu

* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.

* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu.

* Wol qunnamtii saalaa qaama taa'umsaatiin raawwachuu.

* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture

* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama
saaxiluu jiraachu

* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota
rakkinna kanaaf nama siixilan keessa isaan ijoo ta'anii dha.

* Irra jireessaan ga'eeyyiiwan woggaa 20 ol ta'anifi haadholii
ulfaa irratti ni hedduminnaan mul'ata.
----
----
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda'an:

- IItaa qaama taa'umsaa irratti mula'atu ykn iitaa qaama taa'umsaa keessaa gadi bahe mula'tu. Kintaarootiin keessa
qaama taa'umsaa kessatti bahus ni jira; inni kun sadarkaalee afur kan qabu yoo ta'u; dhiitaan isa kanaa fagomaa ijaan mul'achuu dhabuus mala.

- Yeroo bobbaaf taa'an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii
namatti dhagahamuu.

- Akkasumas dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.

- Naannoo ta'umsaa nama hoqsisuu/hossisuu/

- Yeroo tokko tokko sagaraan/bobbaan to'annaa malee ofuma
gadi bahuu.

-Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda'uuf ykn dhiigni
suuta suutaan dhiigu kun hanqinna dhiigaatiif nama saaxiluu
danda'a.

- IItaan kunis micciramuun ykn guduumfamuun, akkasumas
dhiigni ititee hidda dhiigaa naannoo saanaa cufuun dhukkubbiin hamaan tasa akka nutti dhagahamu gochuu mala. Yeroo dhukkubbiin hamaan akkasi namatti dhagahame
hatattamaan mana yaalaa deemuu.
----
Tooftalee armaan gadiitiin fayyadamuun Kintaarootii of irraa
hanga isaa xiqqeessuun ykn dhukkubbii namatti dhagahamu
San balleessuun ni danda'ama
:

* Bishaan hoo'isanii sooqida moonqaa lama/sadihii itti naqanii
daqiiqaa digdamaaf qaama teessumaatiin keessa taa'uu.
Bishaan xiqqoma ha hoo'uu barbaadama malee nama gubuu
hin qabu. Kana gochuun dhukkuboota nannoo ta'uumsatti mul'atan hedduuf faayidaa guddaa qaba.

* Cuunfaa loomii itti dibuu.

* Fuduraleef Kudurallee adda addaa (kan akka shaanaa, kaarotii, dinnichaa, atara, muuzii, abukaadoo fi kkf) nyaachuu.

* Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha,
fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo
xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu.

* Cabbii qabanahaa ta'e iddoo taa'umsaatti qabuun. Guyyatti
yeroo hedduu akkas gochuun iitaa san haalaan ni xiqqeessa.

* Bobbaa dabarsuu dhabuu. Yeroma inni namatti dhufe/mudde
taa'uu, dabarsuu dhabuun faayidaa hedduu qaba.

* Akkasumas mana yaalaa deemanii rakkina jiru iftoominnaan
erga Doktoratti ykn ogeessa yaalatti himan booda qoricha ykn
yaala biraa (Opireeshiniis ta'uu mala) isaan namaaf ajajan
haalaan fudhachu/fayyadamuu

* Mallatooleen armaan olitti eeraman keessaa tokko tokko
malattoo dhukkuba kaansarii mar'umaan guddaas ta'uu waan
danda'aniif, keessattu umriin keenya woggaa 50 ol yoo ta'e
mana yaalaa deemanii qoratamanii adda baafachuun


©Dr Nuredin L.
Maddi : @bokkumedia

@dhalootaaf
@dhalootaaf
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~MEETOO~~~~~~

..........Kutaa 8ffaa...............

...Meetoon yeroo ergaan Sabaaf kun ishee bira gahu waan jettu wallaalte. "Eenyu laata?, Sabakooti moo" jechaa ija ishee kuullee urjii fakkaatu sana imimmaan jaalalaan guutamee gammachuu addaan bilbila ishee gara laphee isheetti qabachuun "baayyeen si jaaladha Sabakoo" jette, kophaa ishee akka waan isa ofitti qabdeetti. Meetoon erga bilbila fayyadamuu eegaltee takkaa 'miseejii' (ergaa) ittiin barreessitee beekuu baattullee arra garuu "Sabayyee dharraa jaalalaa teetii osoo dhandhamee hin quufin nabiraa fagaatte, hanga wal agarrutti anis sin obsa Sinjaaladha" jettee ergiteef. Sabaafis ergaa ishee dubbisee bilchinni jecha ishee hamilee isaaf tahuun jaalala ishee onnee isaa keessatti amma biqilte sana akka guddattee daraartuuf waadaa ofiif seene. Meetoof duruu hawwiin ishee kanadha.

Haala kana keessatti Meetoonis gara kutaa 8ffaa dabruun barumsa eegaltee jirti. Meetoon dur barumsaan baayyee cimtuu tahuu baattus yeroo isheen kutaa torba turte sanatti akkataan Sabaaf itti qayyabachiise hamilee isheef tahuuf jaalala keessa mallattoo isaa taheef. Akkana kaa waan gaariidhaan wanta gaarii namaaf kudhaamu mitiiree. Haaluma kanaan barumsaan jidduu galeettii taatus joollummaa isheerraa kan ka'e qormaata jireenyaa keessa darbuuf obsaafi gorsa barbaaddi.
Kanaaf Sabaaf yeroo waliin haasawan hunda jechoota gorsa isheef tahan keessaa dhiisee hin beeku. Sabaaf erga mooraa yuunibarsiitii Aamboo dhufee ji'a afur guuteera. Dhimma barumsa isaafi jaalala kichuu amma Meetoo waliin habaqaalan dagaagsee firii itti godhuuf jechoota mimmi'aawaa isheef dhaama. Keessattuu erga barumsa isaa seemisteera jalqabaa xumuruuf guyyaan muraasni hafetti jechoota tarreeffamanii qindaa'an kana ergeef
"Jaalalli tee mi'ooftuudha
Dammarra naaf caala
Yoomuu na duraa hin baddu
Suuraa teetin laala
~
Kunoo Aamboon jira
An sirraa fagaadhee
Yaada keetu na cinqaa
Yoomin boqonnaa argadhe
~
Hin turuu siifin dhufaa
Baayistee na hin yaadinii
Obsumaan na eeggadhu
Abdiis narraa hin kutinii"

Jechuun haala hamileefi gammachuu ishee kakaasutti jechoota tarraa'anii toora galan kanaan akeeka ishee cimseef.
Garuu osoo isheen mi'aa jaalalaa kan jaalala jalqabaa kana keessa gangalataa jirtuu wanti onnee ishee kan duruu jaalala Sabaafiin miidhama keessummeessee ture bakka lamatti dhoose tokko ishee mudate. Meetoon kofaltuun, jaalattuunifi yeroo hunda Sabaafiin bilbiltee addunyaa jaalala dhugaa dhandhamaa turte harra akka waan addunyarra jiru hunda dhabdetti gadditee imimmaaniin of coollessaa guyyaa lamaaf turte. Yeroo kana Sabaaf kan ganamaaf galagala akka araada(haraaraa) bunaa yoo sagalee ishee dhabe mataan dhukkubu guyyaa lamaan sana bilbilus hin kaaftu yoo ergaa itti barreessus hin deebistu. Meetoon garuu erga guyyaa lama haala sana keessa turteen booda silkii ishee banattee haala keessa jirtu Sabaafitti himatuuf murteessite. Haala kana keessatti Sabaaf yoom bilbilli ishee banama jedhee rakkoo hamaa keessatti ishee yeroo eegaa jirutti Meetoon bilbilteefii waan ishee mudateefi haala keessa jirtu sagalee boohaatiin hiqq... hiqq jechaa itti himte. Sabaafis rakkicha erga isherraa bareen booda haala safuu hawaasa keessa jiraatanii funaanuunifi kaayyoo jaalala isaanii hammam akka waliif jiraatan itti himuun akka isheen hin dhiphanne itti hime. Garuu dhimmichi haala isaa sirritti keessa beekuu baatus rifaatuun ishee sun isas waan godhu wallaalchifte
Wantichi isaan mudates akkanadha... #ITTI_FUFA.

Kutaa itti aanuuf nu eeggadhaa!...

Aartii Saba keenyaa keenya dhaloota boruutiif haa qoodnuu.
💥Share💥share💥share💥

Barreessaan:- Shamil N
Yaadaaf:- @Shaminasir qunnamaa!.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~Meetoo~~~~~~~~

..........kutaa 9ffaa..............

...Rakkoon isaan mudates akkanadha.
Caaliin obboleettiin Sabaaf obbolessa Meetoo kan isheef angafaan wal fuudhaniiru. Kunis kan ta'e erga yeroof wal jaalachaa turanii boodadha. Kan isaan wal baranis yeroma Sabaafi Meetoon wal baran sana walbaruun akkuma isaanii waljaalatuu eegalan.
Garuu osoo Sabaafi Meetoon hin beekin walfuudhuun Meetoo rifachiise. Sababnis Meetoon Sabaafiin waan baayyee jaalattuuf jiruudhaan isa dhabuu mitii guyyaa tokkoofuu ija duraa dhabuu waan hin feeneefi. Garuu akkanattii miti, akka Aadaa naannawa CARCARitti keessattuu bartee Warra(hortee) isaanii sanitti warri Meetoonfaan yoo dura warra isaanii warri biraa irraa fuudhe isaan immoo deebi'anii akka jijjiirraatti intala irraa fuudhuun ykn warra irraa fuudhaniif kennuun dhiheenyatti waan baratamaa hin tahiniifidha.

Meetoon rakkoo kana hunda dhandhamaa ija imimmaaniin, onnee madaa lama madoofteen bilbiltee Sabaafitti himattus inni danda'ee waan rakkoo kana jalaa ishee baasu hin seetu ittis hin fakkaatu. Garuu Sabaaf dhimmichi waan baayyee ulfaatu itti hin fakkaatu. Osoo dhimmichi kan isa daangessu tahees karaa ittiin Meetoo argatu barbaada malee jaalala Meetoo karaatti hin kuffisu. Jedhees beeka waan ta'eef dubbicha kallattii hundaan akka jaalala isaanii jidduu galuu hin dandeenye cimsee hubachiisuun Meetoo abdii kutannaa jala geesse deebisee abdii itti horuun kutate. Isheen garuu kan inni waa baayyee fakkeenya godhuun isheetti himu yeroo hunda ni rakkatti, ni dhiphatti. Haala kanaan yeroo hunda ishee arguu waan dadhabeef dubbii "dhimmi keenyas keenya, kan isaaniis kan isaaniiti nu maaltu nu galche waliin dhiphattaa" inni yeroo hedduu irra deddeebi'ee isheen jedhu hamilee tahaafii dhufuun Meetoon jaalala isaanii kan duriitti deebi'aa dhufte.
Yeroon booda barumsa seemisteera tokkoffaa dhumatee waa'ee jaalala isaanii erga deebi'anii booda ganamas tahe galgala Sabaaf bilbilee Meetoo jajjabeessuu homtuu addaan nun baasu 'Abshiir' jedheenii ture.
Kanumaan osoo jiranii guyyaa tokko Meetoon gara guyyaa keessa sa'aatii 10tti isaaf bibiluudhan osoo jecha tokkollee nagaa booda ittu hin dubbatin "Sabakoo ati waa dhageessee"jetteen. Yeroo inni "maalin dhagahee, humaa hin dhageenye maaltu tahe" jedhee isheetti deebisu isheen garuu "Hayyee baga dhagahuu oolte" jechuun silkii ishee cufatte. Sabaaf deebisee bilbileef bilbilli ishee hin hojjetu. Yeroof inni chaarjii jalaa fixxe itti fakkaachuun dhiise garuu...#ITTI_FUFA.


"Aadaaf afaan keenya nu malee eenyu qaba"
Ustee hin ilaalin waa irraa baradhu!.

Barreessaan:-_______.
Admin:- @Shaminasir
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
Forwarded from Bariisaa10Ka'i👁️‍🗨️🤳 (Bikila Hamza)
Ati mee naaf ta'i

Gubbaa sammuu kootii
Hiraariin dhuunfatee
Yaadaan jabaachuu koof
Gufuun na mudattee
-
Qaamni koos ni oowwa
Gogaan koo gubatee
Coraan qaama kootiin
Haphatee addaatee
-
Foon koo dhumee jira
Lafeen koo olbahee
Dhiphuun yaada kootiis
Roorroon itti walgahee
-
Nama tokko dhabee
Kan dhufee naaf nahu
Hunduu kophaa fiiga
Iyyaa koon dhagahu
-
Eenyuun naaf rifata
Jedhee kanin boohu
Jiruudhaan si dhabee
Kophaakoo yaaddahu
-
Ati eessa jirtaa?
Ati eessa kuttee
Lubbuukoo jiruukoo
Nan dhaqqabduu dhuftee?


©Shamil Nasir
❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@bariisaan_dhufe
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
kutaa 10ffaa...


...Garuu yeroon boodas deebisee yoo itti bilbilu ammas silkiin ishee hin hojjettu. Meetoon bilbila ishee cufatteet jirti. Sabaaf guyyaa hunda ganamarraa jalqabee hanga ijji isaa hin cufaminitti numa bilbila garuu inni ammallee waan ta'e hin beekne.
Meetoon haalli hedduun irratti wal xaxeera, heddummina rakkoorraa kan ka'e abjuun ishee jalaa dukkanaa'eera. Kanaafidha waan gootu wallaaltee bilbila cufatteef. Garuu jaalalli isheen Sabaafiif qabdu osoo baqaqsanii baasanii waan ishee keessaa baduu miti.
Onnee isheerratti mana ijaarrateera. Garuu isheen intala daa'ima, kana gubbaanis aadaa hawaasa keessa jiruun walqabatee intalti dhalaa(shamaraa) takka fedhii ishee maatiitti ibsachuu hin dandeessu.

Akka oromootti dubartiin safuu qabdi, akkuma safuu qabdu seeraafi heera Gadaa keessatti bakka guddaa qabdi. Dubartiin araarsituudha, dubartiin jinfuudhasi.
Garuu jireenyi gabrummaa kun ummata keenya waa hedduu dhabsiise. Aadaa keenya nu lagachiisuun, akka nuti of wallaallee ilmaan keenya kanaafillee qixafi gita hin keenye nu taasise. Kanumaan amma abbaan ilma dhiiraafi intala dubaraa walqixatti hin ilaalu. Yoo ilmaaf yaadanii qooda(handhuuraa) godhan intala dubaraaf immoo waa laachuu mitii miidhama isheefuu waa hin gumaachan. Yaa waan ofii, yaa of wallaaluu!.

Kanadha kan Meetoos rakkise, haala hamaa irratti wal gahe kana akka itti ibsattu dhabde, ibsattus eenyutu hubataaf ree.
Way jaalala kana ahhhh!

Meetoon erga bilbila ishee cufattee guyyaa sadaffaatti bilbila ishee banatte. Obsuu dadhabde kaa, yoonuma sagalee Sabaaf xiqqoo dhagahe jetteeti.
Sabaaf silkii cufachuun ishee erga dubbii wahii dhagahee itti qabbanaahus sagalee ishee yaadeera. Keessattuu jecha tokkicha sana jetteenii callisuu ishee osoo argatee gaafachuu fedha. Erga ishee akkas jetteen dubbii gaddisiisaa ta'e dhagahe. Isheen bilbilteefii guyyaa lammaffaa namni wahii karaa 'message' akkas jechuun ergeef "Sabaaf baayyeen gadda, gadda keessa dabrees sagaleen sitti dubbachuu waanin dadhabeef asiin sii barreesse sababnis Caaliidha dhabne, eeyyenn Caalii. Dhukkubsatteet duute. Ati barumsaaf biyya ormaa baatee akka hin jeeqamne. Hadaraa!" Jechuun yeroo erguuf waan tahus dhabe. Mataatu gara gale, waliin as gahan kaa isatu guddise, dhiiga ofiit dhabe. Haala jireenyaatu isa fageesse, bakka jiruttis nama akka garaa isaa bira waan hin jirreef nama gadda kana keessaa isa baasu hin qabu. Kanuma keessa Meetoo dhabuunis baayyee isa miidhe. Yeroo kophaa isaa tahe hunda nu booha ni gangalata. Haala kana keessattidha Sabaaf kan barumsa yuunibarsiitii isaa seemisteera lammaffaa eegale.
Meetoon guyyaa sadaffaa booda silkii banattus rakkoon sammuu ishee mudate qaama guutuu kottee hanga hanga harkatti waan ishee hadoocheef manaa hin baatu. Kanaa f teessee bilbila isaa qofa eeggatti. Kana keessatti torbee tokko turan. Amma Sabaaf isheef bilbile, kunoo silkiin ishee ni waama. Sabaaf yeroo isheen jalaa kaaftu maaf otuun an qaama koo walakkaa dhabee jiruu jecha tokko qofaan narraa badda, sanuu achumaan bilbila kees cufattee jechuun gaafate dubbii ariitiin. Inni maaliifi akkan dhiphadhu na goota jechuu isaati. Meetoonis intala bilchaattuu tahuu ishee haaluma salphaadhan garaa isaa qabbaneessite, "Saba waan biraa miti akka dhiphattee gaddaan hin jeeqamne barbaadeeni, kanaaf yoon sitti hime waan darbeef najalaa dabarta jedheeti" jetteen. Kanumaan Sabaafis dhiiseef, waan jabaaf isa jalaa akka usteetti fudhateera. Garuu Meetoon waa yaaddeetti kan kana goote...#ITTI_FUFA.


'Keenyaan boonna hin feenu kan alagaa'
Keenya dubbisnee keenyarraa waa barra
#Oromootaafi.

💥Share💥share💥

Barreessaan:- Anuma.
Admin:- @shaminasir
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@orolovechats
🔥JOIN🔥
Buufata Walaloo pinned Deleted message
Forwarded from Walaa_Meme
𝙖𝙠𝙠𝙖𝙢 𝙟𝙞𝙧𝙩𝙖𝙣 𝙠𝙖𝙗𝙖𝙟𝙖𝙢𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖𝙛𝙞 𝙟𝙖𝙖𝙡𝙖𝙩𝙖𝙢𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 ?

Akkuma beekamuti channel kana gubbaati amma dura wal dorgommii 𝙥𝙝𝙤𝙩𝙤 godhamee ture akkasuma ammas wal dorgommii addaa takka tan namuu irrati hirmaachu danda'u namni dandeeti Baaco barreesu danda'u hundii irrati hirmaachu dandeessan warreen Baaco barreesu dandeesan irrati hirmaachu ni dandeessan Wal dorgommiin tun marsa 3 qabdii Baaco marsa 3 barreedu tan wal dorgommiif taatu qopheefadhaati irrati hirmaadha
Isiinin janna

Namni 1ffaa bahe badhaasa qaba akkasuma kan 2ffaa bahees badhaasa qaba kan 3ffaa bahees badhaasa qaba


𝙝𝙪𝙗𝙖𝙘𝙝𝙞𝙞𝙨𝙖

1. Baacon keessan hedduu dheera ta'u hin qabaatin

2. Yaro baaco nuuf ergiitan username keessan waliin nuuf ergaa

3. wal dorgomtoota hangii nutti barbaanu nama 15n qofa

Channel irrati dorgommiin taasifamu
Channel 𝙬𝙖𝙡𝙖𝙖 𝙩𝙚𝙭𝙩 𝙢𝙚𝙢𝙚 (@Galleryketchw) ja'u gubbaati iddoon isin irrati nu duubistani Baaco keessan nuuf ergiitan @Walaaoromo kan ja'u kana gubaati nuuf ergiitan


Forwerd godhaati hiriyoota keessan hunda biraan nuuf gahaa
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~Meetoo~~~~~~~

...Asoosama gabaabaa
kutaa 11ffaa...

...Garuu Meetoon waa yaaddeeti kan kana goote. Sabaaf Meetoo baayyee jaalateera. Jaalalli isheen isaaf qabdu garuu waan himamee dhufu miti. Dhimmi maatii kan ishee mudate garuu madaa laagaa itti taheera.
Guyyaa Caalii lubbuun dabarturraa kaasee haalli maatii Meetoofaa fi maatii Caaliifaa adda fagaachaa dhufe. Addaan fagaachuun isaanii kun dhimma fuudhaafi heerumaarratti yoo ta'u, waldhabdeen sunis otuu hin furamin hafe.
Meetoon Sabaafiin onneerraa waan jaalattuuf haadha manaa isaa tahuuf hawwii qabdi ture. Garuu haalli maatii kun gufuu isheetti tahuun yaaddoofi gadda keessa ishee waan galcheef murteessu dadhabde. Sababnis maatiin isaan lamaanii dhimmicha kana dhiifama walii godhanii yoo furan malee asiin booda walirraa fuudhuufi walitti kennuu hin danda'an. Kanaaf Sabaafiif bilbiluun waliin haasawuu dhaabuuf murteessitee jirti. Garuu Sabaaf homaa irraa hin beeku.
Kanumaan murtee ishee kana booda bilbilteefii nagaa gaafattee osoo dhimma biratti hin ce'in addaan bahan. Lamaan isaanii jaalala isaanii mi'ooftuu sana keessa yeroo walii bilbilan qoosaafi taphaan kan dabarsan arra garuu jalaa qabbanaahaa bilbila cufaachuun Meetoo isa yaachisuun hin oolle. Xiqqoo turuun guyyuma kana gama galgalaa bilbileef, silkiin ishee hin hojjettu. Irra deddeebi'ee bilbiluufis ammas hin hojjettu. Isheen garuu bilbila ishee cuftee lafa keessee jirti. Sabaaf guyyaa tokkollee bilbila isheerratti yaaluu hin dhiifne.
Haala kanaan turuu isheef waan godhu wallaallaan yaada isaa baasee bifa walalootiin barreessee akkana jechuun ergeef.

Isaatu na yaada jettee
Hin fagaatin naduraa
Hanguma narraa fagaattun
Si dagachaa jiraa
~
Heloo! Siif jira nan jedhi
Ganamaa fi waaree
Akkan sin daganne
Nama biraa baree!...

Jechuun barreessuufillee garuu bilbilli ishee cufaa waan tureef ishee hin agarre. Meetoon waan garaa kutatte fakkaata Sabaaf lubbuu isheerra jaalattullee rakkoon gama maatiin isaan qunname akka isa argachuu hin dandeenye itti fakkeesseera. Daa'imummaadhaan nama onnee ishee seene dhabuunis ba'aa itti taheera. Ganamaafi galgalaas otuu isa hin yaadatin ooltee hin beektu, keessattuu akka itti waliin turaniifi akkamitti akka itti wal jaalatan yoo yaadattu otuu isheen hin beeyne imimmaan ija kukkuula sanirraa yaa'a. Haaluma kana keessaa jiraachaa osoo sagalee Sabaaf hin dhagahin ji'a 2 guutteerti. Sabaaf garuu guyyaarraa yaada isheef dhiphachaa ooluus, hiriyoota isaa kan biyya jiran kan ishees beekan gaafachuun akka isheen nagaa qabdu hafuura ishee bare. Sababa kanaaf dhiphuun isaa irraa fooyya'eera. Meetoon maaliif akka bilbila cufatte hin beekuu, gaafatees nama irraa baru hin qabu.
Rakkoo maatii isaanii lamaan jidduu jiru kanas hin dhageenye. Kanaaf erga jiraachuu ishee hiriyoota isaarraa baree booda Meetoon waan ittiin naaf bilbiltu dhabdeeti jedheetuma hanga ijaan ishee arguu abdiin ishee eegaa jira. Sabaaf barumsa seemisteera lammaffaa ji'a lamaafi bultii 15 baratanii waan jiraniif qorumsaafi assaayimantiinis itti baayyattee waan jirtuuf akkam akka tahuu qabuufi maal gochuu akka qabu murteesseera. Kanaaf akkana gochuun narra jira jedhe, hanga qorumsa 'final' qoramutti dubbisaa hanga isheen bilbiltuu eeguun qaba jedhe.
Kanumaan Meetoon gara ji'a salgaffaa irratti jechuun erga Sabaafiin wal dhagahuu dhiisanii ji'a sadii 3 booda bilbila ishee banatte. Akkuma bilbila ishee banteen misseejii Sabaaf isheef barreessee ture agarte. Gaafa dubbistu ni naate, onneen ishee akka farda irra gulufsiisaa jiranitti dhahatti. Ijji ishee imimmaaniin fuula ishee kurfaa sana coollesseera. Kana hunda kan taate turtii hanga kanaa booda dhaamsa akkasii kan Sabaaf namni lubbuuf jaalattu erge arguu isheeti.
Rafaatuun ishees sirruma kaa, ergaan walalichaa ishee naasiseeti. Kanaaf Meetoon waan gootu wallaalte. Akkam akka taatus dhabde...#ITTI_FUFA!.


'Nama ogummaadha, of beekuun garuu Qaruuxummaadha'
~Kanaaf aadaafi aartii kee bari.

Barreessaan:- Anuma
Yaadaaf :- @Shaminasir qunnamaa.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@orolovechats
@dmwaamaraa
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Walaa_Meme
𝙖𝙠𝙠𝙖𝙢 𝙟𝙞𝙧𝙩𝙖𝙣 𝙠𝙖𝙗𝙖𝙟𝙖𝙢𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖𝙛𝙞 𝙟𝙖𝙖𝙡𝙖𝙩𝙖𝙢𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 ?

Akkuma beekamuti channel kana gubbaati amma dura wal dorgommii 𝙥𝙝𝙤𝙩𝙤 godhamee ture akkasuma ammas wal dorgommii addaa takka tan namuu irrati hirmaachu danda'u namni dandeeti Baaco barreesu danda'u hundii irrati hirmaachu dandeessan warreen Baaco barreesu dandeesan irrati hirmaachu ni dandeessan Wal dorgommiin tun marsa 3 qabdii Baaco marsa 3 barreedu tan wal dorgommiif taatu qopheefadhaati irrati hirmaadha
Isiinin janna

Namni 1ffaa bahe badhaasa qaba akkasuma kan 2ffaa bahees badhaasa qaba kan 3ffaa bahees badhaasa qaba


𝙝𝙪𝙗𝙖𝙘𝙝𝙞𝙞𝙨𝙖

1. Baacon keessan hedduu dheera ta'u hin qabaatin

2. Yaro baaco nuuf ergiitan username keessan waliin nuuf ergaa

3. wal dorgomtoota hangii nutti barbaanu nama 15n qofa

Channel irrati dorgommiin taasifamu
Channel 𝙬𝙖𝙡𝙖𝙖 𝙩𝙚𝙭𝙩 𝙢𝙚𝙢𝙚 (@Galleryketchw) ja'u gubbaati iddoon isin irrati nu duubistani Baaco keessan nuuf ergiitan @Walaaoromo kan ja'u kana gubaati nuuf ergiitan


Forwerd godhaati hiriyoota keessan hunda biraan nuuf gahaa
Forwarded from Walaa_Meme
𝙖𝙠𝙠𝙖𝙢 𝙟𝙞𝙧𝙩𝙖𝙣 𝙠𝙖𝙗𝙖𝙟𝙖𝙢𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖𝙛𝙞 𝙟𝙖𝙖𝙡𝙖𝙩𝙖𝙢𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 ?

Akkuma beekamuti channel kana gubbaati amma dura wal dorgommii 𝙥𝙝𝙤𝙩𝙤 godhamee ture akkasuma ammas wal dorgommii addaa takka tan namuu irrati hirmaachu danda'u namni dandeeti Baaco barreesu danda'u hundii irrati hirmaachu dandeessan warreen Baaco barreesu dandeesan irrati hirmaachu ni dandeessan Wal dorgommiin tun marsa 3 qabdii Baaco marsa 3 barreedu tan wal dorgommiif taatu qopheefadhaati irrati hirmaadha
Isiinin janna

Namni 1ffaa bahe badhaasa qaba akkasuma kan 2ffaa bahees badhaasa qaba kan 3ffaa bahees badhaasa qaba


𝙝𝙪𝙗𝙖𝙘𝙝𝙞𝙞𝙨𝙖

1. Baacon keessan hedduu dheera ta'u hin qabaatin

2. Yaro baaco nuuf ergiitan username keessan waliin nuuf ergaa

3. wal dorgomtoota hangii nutti barbaanu nama 15n qofa

Channel irrati dorgommiin taasifamu
Channel 𝙬𝙖𝙡𝙖𝙖 𝙩𝙚𝙭𝙩 𝙢𝙚𝙢𝙚 (@Galleryketchw) ja'u gubbaati iddoon isin irrati nu duubistani Baaco keessan nuuf ergiitan @Walaaoromo kan ja'u kana gubaati nuuf ergiitan


Forwerd godhaati hiriyoota keessan hunda biraan nuuf gahaa
Gubataanoo guggubatee
Laalaa jibbaaf roorroo diigaa
Mudhii isaa jabeeffatee
Gaafa xiiqii dhugaaf fiigaa
Atoo maaf akkasi mee of argi
Duuba fiigdee afaan dammaa
Maaf sakaalta obbolaa kee
Of yaadachuun maaf siif cimaa
~
Kuunis fuudhee siin fifiigaa
Kaanis dhufee siin fe'ataa
Atihoo...?
Maal argatte maqaa malee
Maqaan sanuu seenaa nyaataa
Abbaan haqaa siin dhiibamee
Akka dhabee siin miidhamee
Ati hin yaadduu kan fuulduraa
Takka turtee waan hubattuu
Maqaafi garaa keetiif fiigdaa
Haqa obbolaa maaf kan nyaattuu?

Shamil Nasir
@dmwaamaraa
@dmwaamaraa
2024/06/26 18:01:38
Back to Top
HTML Embed Code: