Telegram Web
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
Kutaa 12ffaa.

Kutaalee darban dubbisuu yoo barbaaddan @dhwalaloo irratti argattu!.

...Imimmaan ishee lakkuu lakkuu ta'ee ija isheerra dhimmisu harka isheetiin ofirraa haxaawaa bilbila ishee harka tokkoon qabattee lakkoofsa sabaaf keessa barbaaddatti. Waan jiru itti himuuf yaaddeeti, garuu yeroo inni jalaa kaasu dhimma akkasii itti kaasuu hin dandeenye. Sababni Sabaafis baayyee ishee yaadee waan jiruuf yeroo sagalee ishee dhagahuu gammachuu keessa akka nama miira dhiphuu keessa jirutti itti dubbata, garuu gammachuudhaan. Kun amala jaalala dhugaati.
Sabaaf erga suuta hafuura isatti deebi'ee booda Meetoo maaliif osoo natti hin himin ji'a hedduu kana narra fagaattee na miita jedhee gaafate. Meetoonis akka waan haalli mijatuufi ooleetti dabaltees bilbilli ishee akka waan hojjechuu didetti itti himte.
Kanumaan asiin booda akka wal hin daganne wal amansiisanii adda bahan.

Akkanumatti isaan lachuu haala ho'aadhaan jaalala isaanii dhandhamaa ji'a tokko erga walirraa fagaatanii dabarsanii booda guyyaan sabaaf barumsa yuunibarsiitii waggaa tokkoffaa xumuree gara maatii deebi'u gehe. Sabaafis guyyaa dhufee isheedhaan wal argan itti hime.
Yeroo kanafaa Meetoon gammachuu akka taatu dhabdeetti. Sabaafis ija ishee arguuf halkanii guyyaa dheebotaa jira. Kanumaan haala duraaniirraa addatti galgalaa fi ganama bilbilaaf. Bilbileefi waan quufu itti hin fakkaatu, deebi'ee ergaa(miseejii) kan hin barreesine hin oolu.
Osoo jedhanii guyyaan Sabaaf dhufu gaheera. Sabaaf Aamboo biyya gootaa irraa karaa bu'eera. Kanaaf Meetoon qophii isa simachuuf teessee eegaa jirti.
Yeroo Aamboorraa ka'ee handhuura oromiyaa Finfinnee gahu Sabaaf dharraa isheef qabuufi yeroo dhufe akkamitti akka dharraa kana bahu ergaa walaloo kanaan garaa ishee raase.
Ija kootu dheebotee
Si arguuf dharraate
Qaama kootu sidhabee
Si hammachuuf fagaatte
Onnee keetu jaalalaan
Gorora keef hamuunte
Meetoo koo sif dhufeera
Yoo haalli nuuf mijate!. Jedhee ergaa walaloo kana ergeef isheenis dubbistee gammachuun gangalataa yaadaan isa hammatti.
Sabaaf Aamboo ka'ee magaalaa Adaamaa buluun guyyaa itti aanu gara sa'aatii sagaliitti hiriyoota isaa hanga nama sadihii tokkon wal arguun akka gara mana Meetoo faa deemanii ishee arguu barbaadu itti hime.
Sabaaf rakkoo gama maatiitiin isaan mudate kana ammallee hin dhageenye. Meetoon wanti fedhe haa dhufu jettee teessee eegaa jirti.
Garuu akkuma mana Meetoofaa bira gaheen osoo isheedhaan wal hin argin haalli yaaddeessaan tokko gurra isaa seene.
Innis hiriyoota isaa kanarraahi...#ITTI_FUFA.


Namni kan ofii hin beekne namaa miti.
Sababni bineensu adda beeka waan ta'eef.

Kanaaf Aartii saba keenyaa barree haa wal barsiisfnuu!.

Barreessaan:- Shamil Nasir
Admin:- @samii_koo
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@orolovechats
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Qualitymovbot
Abjuu_jallaa

Abjuu hiika hin qabneef
Jiruu kootti qoosee
Tuulaa abdii baachuuf
Laphee koo of buusee

..................'''''....................

Barris baraan taree
Baratti na laatee
Abjuun galma hin qabnes
Umurii koo nyaatee

.............'''''''...............

Kanaaf osoon filadhee
An abjuu qajeelaa
Arra quubseen quufa
Yoomin nama kajeela.
.
.

Walaloo waa hunda hammate argachuu yoo barbaaddan...👇
Forwarded from Qualitymovbot
Qilleensi na fuudhee
Bubbeenis na kuffisu
Qoraattiin hiddamee
Gufuunis na dhiigsu

Haalli hamaan dhufee
Yoo na miidhes barri
Gufuun baraa hammaattee
Natti cufamus karri

Nan xumura malee
Hin hifadhu kaayyoo koo
Gaafa guyyaan koo gahe
Numan gaha galma koo

.
.
.
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~~~Meetoo~~~~~~

Asoosama gabaabaa
Kutaa 13ffaa.

...Hiriyoonni isaa dubbicha waa'ee isaa ni beeku waan ta'eef mana Meetoofaa isaa waliin deemuun itti toluu baatus isa achi geessanii deebi'uuf murteessan.
Isaanis isarraa siqanii suura gurratti wal hasaasaa deeman, Sabaaf haalli hiriyoota isaa kun isaaf hin tolle. Utuu jedhanii balbala gubbaa gaafa gahan ati deemii seeni nuti iddoo biraa deemnaa isaan jedhan.
Sabaaf "maali hoo, maal taatan, moo anatu isin dabbare, maaf najalaa deebi'uuf murteessitan" jedheen.
Isaanis akkam akka jedhaniin gaafa dhaban, "nuti erga Caaliin asii deemtee nuti mana kana seenuu nutti waan hin tolleefi malee waa biraa miti" jedhaniinii ija keessa wal ilaalaa achi biraa gara galan.
Sabaaf dubbiin Ciigoo itti waan taateef, isaan keessaa tokko qabee gaafate. Innis warri Meetoo fa'anii fi warri Caaliifaa gaafa du'a isher irratti wal dhabuun amma booda akka fuudhaafi heerumas tahe dhimma tokkoyyuu ammaan booda walirraa hin raawwannetti wadhabdeen akka jirtu ittu himuun isa achumatti dhiisanii biraa deeman.
Sabaaf ol seenuuf hulaa banee ture, deebi'us fedheera. Garuu osoo inni dhaabatee hiriyoota isaatti haasahuu Meetoon isa agartee waan jirtuuf akkamitti akka deebi'u dhabe.
Haalli isaa babbadeera, onneen isaa tan dura gammachuun guutamte amma akka cilee bishaan buutetti qabbanooftee jirti.
Meetoo bira gahee ija keessa ilaale, isheenis miira dhiphuufi sodaatiin guutamtee jirti. Wal hammatanii, inni immoo maddii ishee burtukaana sana gama lachanuu dhungatee waliin gadi taa'an.
Ija walii keessa wal ilaalanii akka waan yaada wal bahuu takka erga tahan booda waliin haasawuu eegalan.
Kanuma gidduutti hiriyaan Sabaaf kan Yuunibarsiitii baratu tokko nama sadi tahanii itti olseenan. Innis hiriyaa Sabaaf kan 'batches' ykn bara tokko waliin baratanidha. Ijoollee dubaraa lamaa waliin dhufe. Lamaan isaaniyyuu Sabaafiin wal baratanii waliin JIMAA qamahuu eegalan.

Egaa Jimaan Harargee biyya jaalalaatti waliin tahanii qamahuun aadaadha mitiiree!.

Meetoon gammaddee fifiigdee cilee ejersaa libaanataa wajjin aarsitee urgeessistee, bishaanis qiccee teessee qamahaa haasawaa jettiin.
Isheen gara mataa Sabaaf teessaa itti siqxee ilaalaa haasawaafi jecha isaa dhaggeeffatti. Keessa yaada waggaa tokkoo bahachaa jirti.
Sabaafis jidduun as garagalee "Meetoo numa jirta mi" jechaanii ishee jechaan boharsaa gara hiriyaa isaafi dubartii isa bira jirtuu kanatti as deebi'ee haasawa.
Haasawa kana keessa waa hedduu waliin dubbatan, intalli Caaliifi haala maatii lamaanii waan sirritti beektuuf kana keessa waa hunda itti himte.
Yeroo kana Meetoon warra isaaniif takkittiidha waan taateef hojii biraa baatee jirti.
Sabaaf dubbiin Meetoon isa dhoksaa jirtu bareera. Haalli ishee cinqaa ture isattis darbeera.
Ba'aan jaalalaa ulfaatus akka hiriyoonni isaa dubbicha isaaf ibsanitti, garuu waadaa maatii irraa dhalattee diiguun akka jabaatu fudhate.
Kanaanis harra irraa jalqabee mana Meetoofaa dhufuu akka hin qabne murteesse, isaa miti kaa dubbii murtii hin qabnetu kana qabaa.
"Dubbiin murtiin qabne murtii si dhoorkiti" jetti oromoon.

Garuu Meetoon akka dhagahe hin beeytu, murtiu akkanaa akka murteesses hin beeytu.
Kanaaf akkuma dura jaalachaa turtetti ammas jaalatti. Dubbii xiqqoo kanaa miti osoo wanti fedhe dhufeehuu wanti addan nu baasu hin jiru jettee murteessitee jirti.
Murteen lama hin jiru kaa, takkaa gubattee waan murteessiteef, murtee jibbaa osoo hin taane murtee jaalalaa.
Kanumaan Meetoon yeroo alaa itti ol deebitu Sabaaf fa'aan ka'uuf waan qaban lafaa fudhataa jiru. Otuma isheen taa'aa jettuunii akka guyyaa biraa wal argan itti dubbachaa hiriyaa isaa sanaa waliin biraa bahe.
Sabaaf waan asitti deebi'ee isheen wal argu hin fakkaatu...#ITTI_FUFA.


'Aadaafi aartii saba keenyaa bifa ajaa'iba taheen addunyatti muldhisuu ni barbaaddaa taanan atis gahee eenyummaa kee bahadhu'.


Barreessaan:- Shamil Nasir
Yaadaaf:- @samii_ko

@dhwalaloo @dmwaamaraa
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosaba gabaabaa
Kutaa 14ffaa

...Sabaaf waan deebi'ee isheen wal argu hin fakkaatu. Meetoon garuu haala isaa kanarraa homaa isheef galle. Dubbii ishee rakkisaa turtes akka Sabaaf dhagahes hin barre.

Egaa kanumaan Sabaaf erga Meetootti goree guyyaa jalqabaa sanarraa eegalee utuu deebi'ee ijee ishee hin argin turee bubbuleera. Meetoon teessee guyyaarraa guyyaatti yoom nabiraan baha jettee eegaa ooltus, abdiin ishee waan karaatti hafe fakkaata.
Sabaaf akkuma Meetoodhaan jaalala keessa galetti, haala hamaa isa qunnameef jaalala keessaa bahuu murteessullee jaalala keessaa bahuu hin gonkumaa dandeenye.
Meetoon garuu tasumaa jaalala Sabaaf ni dhiisti hin fakkaattu. 'Ittiin of bartee, ittiin nama taate' .
Sabaaf Meetoo jireenya isaaf filatullee haalli maatiin isaanii danqaa isaan gidduu kaa'an, isaaf immoo danqaa sana tarkaanfachuun safuufi duudhaa hawaasa bira darbee maatii fi hawaasa ofii dhabuu danda'a waan taheef abdii murannoo keessa galeera.
Haala kana keessaa taa'ee akkas jedhee yaada "Wanti fedhe haa dhufuu yoon callisee fuudhehoo" jedhee "lakki eenyutu nama jedhee natti seena, osoo bakka guddaatti na eeganii akkamittin safuu hawaasaa cabsee namummaarraa bahaa" jedha. Ammas hin obsu deebi'ee "kana hundarra yoonin ishee fudhee asii badee hoo" jedha. Jedhus garuu barnootaanis sadarkaa kana gahee wanta hundaanuu gargaarsa maatiitiin waan ta'eef yoo dhiisee bade akkamin taha yaada jedhuun of jeeqaa deema.
Meetoon garuu ija isaas dhabdeetti, tahus iddoo inni oolu darbee darbee ni dhageessi.
Sabaaf dhiphina fi yaaddoo kanarraa baasuuf hiriyoonni isaa waan hin goone hin qaban. Isa boharsuu bira darbee jaalalaanis isa qabuuf waa hedduu godha jiru. Keessattuu intalli guyyaa inni Meetoo waliin wal arganii haala maatii isaanii isatti himte sun Sabaaf jaalatteetti. Innis maal godharee dirqamee waan ofii dhabeera, dirqamee hiriyaa ofii kunuunfachuu qaba. Kanaafidha kan haala kana keessa galeef.
Erga Meetoo dhabees jaalala dhaabuu hin dandeenye waan ta'eef.
Sabaaf akka yaada isaatti Meetoonis dhimmichi ishee rakkisuun murtii natti himuu sodaatteeti malee yaaduma kootu ishee keessa jira jedhee yaada. Sababni Meetoon Sabaaf guyyaa wal arganis dhimmicha waan itti hin himiniif akka itti Sabaafiin marihattu dhabde.

"Dursitee yaaduun waa lana si oolcha"
"Mari'atan malee maraatanii hin argatan" jetti oromoon.

Kunoo Meetoon nama baayyee jaalattu akka wan dhabdeeti. Guyyaarraa kophaa ishee teessee boossi. Yeroo kophaa isheetti waan yaadannoo Sabaafiin wal qabatu yoo agarte boochee gangalatti. Yeroo namni jirus mataatu na dhukkuba jettee marattee boochi. Jireenya baayyee nama gaddisiisu keessa galtee jirti.

Sabaaf jaalala haaraa keessa seenuu baatus akka nama jaalala dabarsaa jirutti hiriyoota isaa waliin jiraachaa jira, guyyaas yeroo baayyee ishee isa jaalatte sana waliin oola. Meetoon kana fa'a yeroo dhageessu bakka jirtu wallaalti.
Hiriyoonni isaa baayyee isa gargaaruuf yaalanis Sabaaf jireenya haarawa seenuu hin dandeenye. Meetoon haala Sabaafiifi hiriyoonni isaa itti jiran kana gubbaa isaa dhageesseetti, garuu Sabaaf maal akka yaadaa jiru wallaaltus. Kanaaf Meetoon akka Sabaaf nama biraa jaalatetti fudhatteetti. Kanaaf isheenis jireenya booyichaarraa akka bahuu qabdu murteessite.
Kanumaan osoo jiranii yeroon boqonnaa gannaa dhumatee barumsi bara haaraa eegalame. Sabaafis yuunibarsiitiin waamteetti. Meetoonis qorumsi kutaa saddeetii dhufeefi barumsa kutaa sagalii eegalaniiru.
Sabaaf kanuma gidduu deemuuf waan ka'eef, osoo ishee ijaan hin argin deemee yuunibarsiitii keessa ji'a kudhan guutuu turuu waan itti ulfaateef ishee dhabus ija ishee argee deemuun qaba jechuun mana isaanii deeme. Achi gahee ishee ofitti gad waamee dubbisuun geggeesse.
Meetoon duraan garaa abduu kutannaatiin gara obsuutti dhufte ammas imimmaan fuula isheerraa akka hin qoorree taasisee biraa qajeele.
Inni yuunibarsiitii Aamboo galeera, isheen immoo argaan isaa kan dhumaa ishee keessatti 'save' itti taheera...#ITTI_FUFA.

'Of beekuutu dursa'

Kutaan itti aanu 15 like booda taha!.
By:- Shamil N
Comment @samii_koo
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
Kutaa 15ffaa...

...Meetoon "uhhhh,ahh, hmmm", jettee kaatee anoo dhiiseeraa maaliif dhufee madaa koo natti kaasaa" jettee of gaafatti.

●Meetoon Sabaaf baayyee jaalataa turte, osoo wanti fedhe tahee waan isa obsitee qophaa jiraattu of hin seetu. Garuu erga rakkoo ishee miidhaa tureen isheerraa daanga'ee akka isa dhabdeetti waan laaltuuf dhimma jaalalaa hunda baqachuu eegalte. Kanaafidha kan "maaliif dhufee madaa dabre natti kaasaa" jetteef.

●Sabaafis erga dhimmichi isheerraa isa danqee fagaachuu qofa osoo hin taane, haalli jireenya isaa kan Meetoof gonkumaa hin tolle ta'eera. Sababni hiriyoonni isaa akka inni miira Kophummaa keessaa bahuuf wanti isaan gochaa turan akka inni hariiroo jaalalaa(jireenya) biraa intala hiriyaa isaa sana waliin eegalu taasiseera. Garuu jaalalli dhugaa biqiltuudha, biqiltuullee tan gaaddisa kophummaa sana waan ta'eef takkaa Meetoon onnee isaa keessaa hin baane.
Isheen waldhabee miti kaa kan isheerraa fagaateef, rakkoo maatiif jedheeti malee.

Akkanattidha kaa Sabaaf kan barnoota isaa waggaa lammaffaa eegale. Guyyaa tokkoof ishee dagatee hin beeku. Dagachuu qofaa miti ammallee jaalalleen isaa akka ishee tahetti amana. Bilbilee kan argatu taanaan bilbilas ni bilbilaaf ture.
Maal jennee dubbannaree jireenyi ishee akka Sabaafiin booji'ameeti.
Yoo isa yaadatte qaama ishee to'achuu hin dandeessu. Kanaafidha kan yoo isa dhabde deebitee jaalala keessaa akka hin seenne murteessiteef.

Rakkoo maatiitiin kaayyoo ofii dhabuun Meetoo baayyee ishee gubaa jira. Kanaaf mala tokko malte. Dura Sabaaf anarra mala dhahee akka rakkoo kana keessaa baanu waa kaahuu hin oolu jettee abdii isarra kan keesse, garuu Sabaaf hin dandeenye inuu faallaa kanaa dubbii isa dhibuun isheerraa fagaatee ishee jaalachaa jiraachuu waan murteesseef.
Meetoo jaalalti halaalaa kan Sabaaf yaade kun waan isheef hin tahiniif yaadicha hojitti hiikuuf murteessite.

Isheenis akkana goote. Sabaafiin ofitti deebisuuf dursa maatii ishee keessaa nama qooda guddaa qabu tokkotti yaada ishee himattee akka isaan bilisaan wal qunnamuu dandahaan gochuudha. Namni eenyu akka ta'uu qabu murteessite. Intalti shamara eenyutti akka yaada ishee himattu tilmaamuun nama hin rakkisu kaa, kanaaf isheenis Harmee ishee amansiifatte. Akka Sabaaf jaalattuufi waan isaaniin walqabataa hunda erga itti himatteen booda isa argachuu akka qabdu itti himte Harmeesheetti.
Egaa garaa haadhaa beektu, harmeen ishees akka intalti isaanii qalbiin jalaa hin cabneef ishee jajjabeessuu eegalte, yoo feete yeroo abbaan ishee hin jirretti akka mana isaanitti wal arguu danda'anis gooteef.

"Wayyoo! Mala dubartii!"

Amma kaa Meetoon Sabaafiin waliin haasa'uu eegalte. Kan kaleessaa akka darbeetti kan boruuf abdiidhaan waliin jiraachuu akka qaban murteessitee itti himuu eegalte. Cimsitees WAADAA jaalalaa akka waliif galuu qaban bilbilaan itti himte. Yeroo inni dhufeetti jechuudha.
Sabaaf akkamitti akka dubbichi sirraahuu danda'u hin beeku. Yaadni Meetoo kun bitaa itti galeera. Garuu waan isheen jette hunda tole jedhee ni fudhata. Kanaaf yaada biraa maddisiisuu irraa if qusateera. Darbee yoo isheen dubbiste waliin ni dubbata, yoo bilbilteef jalaa ni kaasa kanaan ala yaada isaafi gocha isaa isheerraa qabateera.

Osoo jedhanii Sabaaf barumsa waggaa lammaffaa xumuruun gara mana gale. Yeroo kana Meetoon teessee abdiin akka waadaa waliif galaniif isa eegaa jirti. Sabaaf ishee bira dhaquu waan sodaateef erga barumsarraa deebi'ees ji'a tokko guutuu osoo isheen waamtuu ishee bira osoo hin dhaqin turee dhaqe. Guyyaa dhaqe kanas haala isheen hin eegnetti...#ITTI_FUFA.


'Eenyummaan kee haa si ibsuu, ati of ibsuun dura'

By:- Shamil Nasir
For any comment @samii_koo

@dhwalaloo @dmwaamaraa
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
Kutaa 16ffaa

...Itti olseene. Yeroo inni olseenu akka carraa ta'ee isheefi harmee ishee qofatu mana keessa jira. Innis harmee ishee dubbisuun gara bakka jimaa itti qama'an seene. Meetoonis dhuftee isa bira teesse. Ija keessa wal ilaalan. Meetoo afaan ishee ni hoollata. Akka waan dubbachuu feeteeti. Sabaafis argaa ishee jibbee osoo hin taane dirqameeti kan isheerraa dheesseef kanaaf jaalalli isheef qabu amma ishee agarraan onnee keessaa gara alaatti bifa imimmaaniin yaa'uuf dirqamsiise. Sabaaf harka banee akka hammatuuf, isheen immoo imimmaan kukkurfaa fuula ishee maddii isheetirraan gadi naqaa itti maramte. Innis harka isaa dugda ishee gubbaan walitti fidee jabeessee hammateen. Ammas wal gadi dhiisanii ija keessa wal ilaalanii imimmaan haxaawaachaa walitti maraman. Wal dhungachaa wal gad lakkisan. Osoo isaan kanaan jiraniu harmeen ishee gola achi aanu keessaa "Meetoo" jette. Rifatanii wal gad dhiisanii taa'an. Meetoon sagalee qaqqabaa "o' ooyyee harmee" jetteen. Harmeen ishees "Tv banadhaatii qama'aa" jetteen. Sabaafis jimaa Harmeesheef kenneefi taa'anii barcaa godhaa Meetoodhaan ija keessa wal eegaa haasawuu eegalan.

Sabaaf ijaan ishee agarraan garaan isaa jaalala ishee akka jedhee ibsu hin qabu ture. Kanaaf harrallee irraa turullee kan dafee booji'ameef.
Akkanaan taa'anii waa hunda waliin haasawan. Sabaafis maaliif akka isheen dhimma maatii sanas isa dhoksite gaafatus Meetoon ija jaalalaan guutameen ilaalaa haala garaa isaa nyaatuun waa hunda itti himte.
Sana qofaa miti, hariiroo isaa waliin qabdu keessatti maal akka sodaattuufi maal akka shakkitus erga itti himteen booda maal akka godhuu qabaniis isa gaafatte. Sabaafis ija ishee arginaan murtoon murteessu hunda bifa ofitti amanuuni kan murteessu. Keessattuu jaalala isaanii keessatti jabeenyi isheefi akkamitti akka isheen isaa wajjiin jiraachuuf(isa oolfachuuf) karoorsitee itti deemaa jirtu baayyee akka inni jaabaatee ishee argachuu qabu of amansiise.
Kanaanis 'Jaalalli hunda caala, lolas jaalalaatu dursa' jecha jedhuun irra deddeebi'ee onnee ofitti himuun akka Waadaa isheef seenu of ajaje. Kanumaan isheenis Waadaadhaa jetteen. Waa hunda irratti erga walii galanii booda Waadaa waliif seenan. Waadaa kanarrattis rakkoo keessa jiran kanaaf akkamitti akka deemuu qaban, akkamitti akka wal arganiif, akkamittiifi yoom akka walfuudhan walii galuun mufteeffatan. Erga kana hunda waliin godhanii booda guyyaa tokko akka waliin qama'aa oolan waliin beellama qabatanii Sabaaf walaloo

Bidiruu jaalalaatiin
Onnee tiyya seentee
Furtuu onnee kootiis
Ofumaaf banattee
~
Waa meeqa agarree
Waa hedduus dhandhamnee
Wal hin gannu jennee
Walitti maramnee
~
Wal hin gannu jennee
Walitti deebinee
Jaalala wal soorraa
Ija keessa wal ilaallee

Gaafanni jedhuun, isheenis "yoom ija keessa qofa kana booda waa meeqa goonaa mi lubbuu koo" gammachuun hammattee geggeessiteen...#ITTI_FUFA.

'Barachuun beekuu hin ibsu, beekuun garuu barachuu ibsa'
Akkuma jedhan aadaafi eenyummaa ofii beekuun kankeeti jechuufi.

Barreessaan:- Shamil Nasir
Yaadaaf:- @samii_koo

@dmwaamaraa @orolovechats
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
Kutaa 17ffaa

...Jettee gammachuun hammattee geggeessiteen. Kanumaan borumtaa akka wal arganiif beellama waliin qabatanii addaan bahan. Haala kanaan Waadaa waliu galanis kennaa yaadannoo kan waadaa kanaan yaadatan osoo waliif hin kenniin ture kan adda bahan.
Kanaaf Sabaaf beellama boru qabatan kanarratti kennaa Oromummaa tokko kennuufii akka qabu murteesse.
Sabaaf ganama beellamaa kana waa hunda qophii xumuruun sa'aatii 10:00 osoo hin guutin Meetoo bira mana isaanitti itti dhaqe. Yeroo inni dhaqus Meetoon tottolfattee isa eegaa jirti. Osoo inni ol hin seenin hularratti itti gad baatee hammattee dubbisteenii waliin ol seenan. Wal daddarbaa, waliin koflaa walitti hirkatanii taa'anii qama'uu eegalan.
Haala duraan walitti siqanii hin beekneen hirkatanii, fuulaanis wal bira dhufanii walitti haasawaa qama'an. Fuula keessa yeroo wal laalan bakka jiran of dhabaa deebi'anii of birdhachaa taa'an.
Sabaaf harka Meetoo qabee "Meetoo koo jaalala daangaa hin qabnen siif qaba, ilma namaatiif jedhee gonkumaa sin lakkisu" jedheen. Onneen ishee bishaantu itti naqame, bakka jirtu wallaalte. Kanaan hin dhiifne Sabaaf harka ishee osoo gad hin dhiisin "Meetoo koo kunoo kun yaadannoo waadaa kiyyaati" jechuun Gumee harka isaarraa qabu baasee harka ishee kan mirgaatti kaaheef.

'Egaa Gumeen faaya aadaa oromoo tahee, kan harka mirgaarratti kaahamudha. Innis kennaa jaalalaatiif eenyummaa oromummaa bakkaa bu'uun akka nama eenyummaasaa dabrsee siif kennetti oromoo biratti laalamaa akka tahe beekamaadha'.

Kanaan Meetoon akka taatu of wallaalte, garaan ishee akka nama bishaan firiijii itti naqeetti qabbanoofte. Osoo of hin argin taa'umsumatti Sabaafirratti hirkattee "Sabakoo ani Kennaan siif kennu hin qabu kennaan ani siif qopheesse kunoo lubbuu kootidha, of sii kenneera" jetteen. Sa'aatiin 12:00 darbeera, sa'aatii 1:00 ga'uufi. Sa'aatii kana maatiin waan bobbaa irraa galaniif akka bakka jijjiiratan Meetoon itti himte. Kanuma harmeen Meetoo olseentee gara kutaa biraa deeman itti himte. Sababni Meetoon abbaa ishee baayyee waan sodaattuufi.

Kanumaan mana sana keessatti taa'anii waliin qama'uu eegalan. Isaan lamaan qofaa ta'anii. Sabaaf akka aadaa Harargeetti ciqilfatee taa'a isheen sarbaa isaarratti ciiftee ol jettee ija isaa keessa isa ilaalaa waliin dubbatti.
Utuu ija isaa keessa ilaaltuu bakka jirtu of dhabdi. Sabaafis harkaan ishee hammatee ija keessa ilaala. Isheen ijaan isa ilaalti hidhiin ishee ni hollatti, innis qaamni isaa ni rirrifata. Osoo jedhanii afaaniin walbira dhufan. Walbira dhufanii walirraa deebi'an. Isheen waan jettu dhabdee callifti, inni callisuu dadhabee waam jedhuus dhabee " maal jette jedha" isheen "humaa" jettee lafa laalti.
Ammas osoo hin beeyne dhufanii afaan keessa wal gahan. Wal dhungatan. Walitti xuxxuuxxatan. Bakka jiran wallaalan. Osoo akkanatti jiranii hulaan manaa 'qaw, qaw, joolle' jedhan. Namaatu irratti rurrukuta. Isaanis rifatanii wal gad dhiisanii...#ITTI_FUFA.


'Afaan keenya mallattoo eenyummaa keenyaati, kanaaf eenyummaa kee yoo jaallatte afaanicha guddisuun dirqama keenya'

Barreessaan:- Shamil Nasir
Yaadaaf:- @samii_koo

@dhwalaloo @Sammuukeef
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~Meetoo~~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
Kutaa 18ffaa

...Isaanis rifatanii wal gadhiisaanii tataa'an. Osooma isaan hin argin hulaan itti banamte. Isaan hulaa manichaa utuu hin cufin(hin danqarin) mi'aa jaalalaa mi'eeffachuu jala kutan.
Kanumaan namni kun olseene. Kunoo obboleessa hangafaa Meetooti. Meetoofi Sabaaf wal keessa seenanii, Meetoon sarbaa(gudeeda) Sabaaf irratti garaan ciiftee morma isaa jalaan isa ol eegaa jirtu yeroo obboleessa ishee tahuu bartu bakka jirtu wallaaltee. Rifaatuu keessa akka waan nama biraa taahetti of yaadde.
Obboleessi ishees yeroo isaan akkasitti argu waan jedhu wallaalee, waan dhufeefis wallaalee of duuba deebi'uun aariidhaan hidhik ciniinnataa gara manaa qajeele.
Obboleessi galee waan godhu hin beeynu, nus rakkoo akkamii keessa seennee jechaa yaadaan baduu eegalan. Osoo akkasiin jiranii Meetoon imimmaaniin guutamaa Sabaaf ija keessa ilaalaa "Saba koo ati rakkoo kanaaf jettee ana ni dhiiftaa" jetteen. Innis akka ishee hin dhiifneef abdii itti horee akka waliin baduu qabanis itti hime. Yoo akkanatti kan hafan tahe ishees ni dhaba kanaafidha.
Obboleessi ishee kun abbaa isheetti mari'atee akkamitti akka intalti tun nun hin xiqqeessine jechuun gara magaalaa Dirree Dawaa erguun achi Eessuma ishee tokko biratti akka barattu gochuuf murteessan.

Meetoon Sabaafiin amansiisuun akka gara manaa galtee waan isaan naan jedhan ilaalee walitti deebina jechuun gara manaa galte. Duraa harmeen ishee ishee waliin jirti waan ta'eef harmee isheetti himattee ishee jala seente. Garuu harmeen ishee murtii abbaafi Obboleessa guddaa dura dhaabbachuu hin dandeenye. Kanumaan Meetoo bilbila ishee irraa fuudhanii akka Sabaafiin wal hin agarre godhan. Torbee itti aantu wanta ishee barbaachisu hunda xumuruun gara magaalaa Dirree Dawaatti geessan.

Utuu isheen boochuu, utuu isheen hin jaalatin onnee isheetiin adda baasani. Silkii ishee bilbilee gaafa dadhabu nama erguun Meetoon eessa akka jirtu gaafate. Dubbicha dhagahe, mataan dhukkube. Waan godhuu dhabe. Bohaa oolus waan takka ishee hin argu isheenis isaaf hin dhageessu. Irraa fagoodha jirti kaa. Isheenis achii kophaa rakkatte waa meeqa tahaa jiraatti.
Guyyaa tokko bilbila intala Abbeera ishee fudhattee akkana jechuun barreessiteef
"Xalayaa jaalalaa.
Saba koo, akka maleetti addaan nu fageessani. Akka maleetti onneen koo si jaalataa turte, siin malee hin hojjettu. Ammallee dachaa meeqa jaalalli kee natti dabalaa jira. Osoon si jaaladhuu, osoon isa dhabuu hij danda'u jedhuunii dirqiisanii biyyaa na baasani. Ergasii bilbilaanis wal agarree hin beeynu, ati akkam keessa akka jirtu hin beeku. Kanaaf ani akka dur Caalaa amman si jaaladha. Garuu ati akkam na jibbite moo anuma jaalattaa?.
Jaalalle tee tan yeroo mara hanga du'atti sijaalattu Meetoo.
Lubbuukoo si Sabaafiif" jettee Xalayaa jaalalaa kana barreessiteef.

Sabaaf gaafa kana dubbisee ka'u waan jedhu dhabe, gammachuun of wallaale. Lafaa utaalee silkii isaa dhungatee dugdaan kufee "Alhamdulillaah" jedhee walaloo kana barreesseef

"Yaa kurfoo jaalalleetoo
Yaa takkittii akka dhibbaa
Garaa jaalalaa malee
An siif qabaaree jibbaa
~
Ija kan kee dheebottee
Onneen koo na dadhabaa
Warqiin daayimandii koo
Simalee maalan qabaa
~
Gamaaf gamana ilaalee
If biraa yoon si dhabuu
Akka waan of hin beeknee
Qal'aan kee nagaan qabuu
~
Somba koon wal bartee jirta
Akkam godheen sirraa citaa
Eenyuuf jedheen si dhiisaa
Maaltu sitti naaf gitaa
~
Ati anaaf qabeenya
Faaya koo gatii danuu
Yoomuu an simalee
Tan biraf garaa koon banuu
~
Tan sammuun too amanu
Ati naaf qaroo kootii
Eeyyeen an sin dhiisu
Yoomuu tiyyuma atii" jedhee barreesseef.

Haaluma dirqiisiisaa kana keessa gara waggaa tokko guutuu achi jiraatte.
Sabaafis barumsa isaa waggaa sadihi barachaa ture xumuree magaalaa Dirree Dawaatti hojiif qacarame.
Rabbiin kan waliin fedhu waliin barbaada jedhan mitii.

Akkuma hojii isaaf guyyaa jalqabaa achi dhaqeen Sabaaf magaalaa kana keessa Meetoon barbaacha eegale. Isheenis hiriyaa ishee tan biyyaa takkarraa dhageesseetti...#ITTI_FUFA.


Barreessaan:- Shamil N
@samii_koo
www.tgoop.com/dhwalaloo
Forwarded from Dhaamsa Jaalalaa 💝 via @like
$Ergaa! 💌💌📩📩📩💌

"Maal jedhee yoon eegale gaarii ta'a laata.
Anaaf ati akkuma tasaa yeroon ani fageenya dheeraa deemee sababa fira koo dubbisuuf naannoo ati jiraattu dhufe mana keessanitti ijji koo sirra buute.
Gaafuma sana summii natti facaafatte. Garuu guyyaa tokkollee wal jaalachuuf deemna jedhee yaadee hin beeku. Bareedinni bifa keetii karaa ija koon onnee koorra bu'ee na hiddus, sin argadha jedhee abdadhee hin beeku. Garuu ergan gara biyya kootti deebi'u ati guyyaa tokko bilbila kootirratti bilbilte. Yeroon kaasu sagaleen kee onnee koo na hate. Sossodaachaa Eenyu yeroon jedhu kunoo sidha. Waanin tahus wallaale, dhahannaan onnee koos dachaan dabale. Gaafasan achumaan saaqattee onnee koo boojite. Kunoo amma gubaan jaalala keetii gubee ana waxalaa jira. Garuu ati akkan nagayaan gale ana gaafatuuf tura kan bilbilteef.
@orolovechats
Lubbuu koo agartuun ija koo ergan si argee bubbuleera.
Haa jennu garuu ati waan jaalala na waliin eegaltu hin seene. Ati jaalala waan tahe ni beeyta hin seene. Warri keessanis manaa akka hin baaneef si danqu waan ta'eef.
Garuu dubbiin akkasi, guyyaan ani Sinjaaladha siin jedhu atis akka na jaalattu natti himte. Baayyeen gammade. Guyyichi bubbulus wal hin agarre.
Guyyaa tokkollee harka si qabadhee akka waliin hin bashannanne ni beeyta.
Guyyaafi galgalas kan wal agarru qaamaan osoo hin taane bilbilaani. Maal goona gaa haala jireenyaatu adda nu fageessee. Kan boruu rabbitu beeka. Carraa jaalala keenyatu na ajaa'ibe!.
Egaa lubbuuyyee ani jaaladheetin beeka siif garuu haarawa taha. Garuu jaalalti tee tan amma hirriba na dhoowwatte, gaafa xiqqoo nyaara natti guurte faa akkamin taha?. Kee kun ajaa'ibaa bar!.
Baayyee dubbadheef yaada koo ibsee fixuu hin danda'u. Garuu jaalala kee onnee koo irraa akkan si jaaladhu siif himuun fedha. Yeroof osoo hin taane boruufin si jaaladha.

Haalli fedhe dhufus
Hin kutadhu garaa
Jireenya lafaatu
Na fageessee sirraa
Rabbitti hirkannaan
Hundinuu ni dabraa
Hadaraa lubbuuyyee
Nan miidhin ofirraa!.

Kanan siif dhaame, yoo naaf obsuu baattee jaalala kootti qooste miidhamni koo haa si qabu.
Baayyeen si jaaladha.
Sirba Taaddalaa Gammachuu kanan si affeera, "Jaalallee tiyyaa... takkittii tiyyaa... qabamee naaf koottu... situ anaaf wayyaa..." Nagaatti.

Jaalalleetoo tanin jiruu boruutiif jaaladhuuf".
💌💌💌💌💌

@orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii (Shamil Nasir)
~~~~~~~Meetoo~~~~~~~
Asoosama gabaabaa
Kutaa 19ffaa

...Isheenis isarraa dhagahuu baattus hiriyaa ishee tokkorraa dhageesseetti. Guyyaa lama erga wal iyyaafataniin booda wal argatan.
Kunoo Sabaaf kan ishee irraa fageessan rabbiin fidee fuula ishee dura kaahe. Walitti maramanii wal dhungatanii qasa'aa erga oolanii booda, Meetoon Sabaaf dhiiftee akka hin galle murteessite. Biratti hafte, eegaa maal qabdiree eenyutu isheef yaada. Jaalalaan miidhamtee sammuu daa'imummaa dhabuu qabdii. Egaa haaluma kanaan biratti hafte (mana isaatti jechuudha). Firrishee kan isheen bira jirtu barbaaduu eegalan. Intalti eessa kutte jedhanii iyyaafatuu eegalan. Erga biraa baatee eessattin deemaa utuu itti hin himin itti hin deebine.
Yeroon booda Sabaaf akka waa yaade innis intalti isa biratti galteetti waan ta'eef, akkana godhe Hiriyootuma isaa walitti waammatee akka manguddootaatti gara mana Abbeera ishee kan amma bira jiraattuu kana erge. Sababni yoo gara maatii ishee erge, isaan duruu isaan dheessaa jiran waan ta'eef rakkootu isaan mudata. Yeroo kana Abbeerri ishee kunis dubbiin isatti hin tolle.

Abbeerri ishee kunis akka jedhu gaafa dhabu Abbaa isheerratti bilbilee waan kana gaheen. Maatiin ishees ni dhageesse. Baayyee gaddanii waan godhan mari'achuu eegalan. Akkana goona jechuun waliif galan.

Isaan lachuu qabnee mana hidhaa galchuu qabna. Ergasii akka goone goonee ishee ofirraa biyya tanaa baasuu qabna jedhanii murteeffatan.

Sabaaf fi Meetoon taa'anii dubbii eeggachaa jiran. Abbeerri ishee kana hunda kan godhu fuula joolleetti toleetuma (Abshiir) jechaaniiti. Guyyaa tokko erga turaniin booda joolleen itti deebite. Haalli badaa akka tahe itti himan.
Sabaaf amala warraa waan beekuuf dafee itti yaade. Isheedhaan maal gochuu akka qabdu itti hime.
Haaluma kanaan shira maatii isaanii kana fashalsuuf dura isheen gara maatii galuu akka qabdu godhe. Isheenis ni galte. Sabaafis gara maatii isaa galuu akka qabu murteesse.

Haaluma kanaan Meetoon galtee akkuma Harmeeshee amansiiftetti abbaa shees amansiisuuf kutatte. Kanas kan gootu karaa Harmeesheetiin akka tahe karoorsite.
Meetoon dubartii morma lamaati. Ammallee qulqulluu hin xuqaminidha. Garuu Abbaa ishee akkamitti amansiisuu akka dandeessu itti yaaddee kaatee Harmeesheetiin
Akkana jechuu akka jettuuniif ishee bira teessee ani isa waliin galeera, kanaaf bakka feetan na geessitanis isa biratti malee deebi'ee nama hin ta'u jetteen.
Harmeen ishees wanti intalli isaanii dubbatte kun isaan yaaddessuun abbaasheetti himte. Waan godhantu isaan dhibe.

Sabaafis maatiitti galeera. Maatiin isaa isa akka nama guddaatti isa waan ilaalaniif wanta inni jedhe hin tuffatan. Kanaaf haala maatii isaa erga hubatee booda akka fuudhuu barbaadu itti hime. Maatiin isaas tole jedhaniif. Garuu intala tuqaa nuun hin qabne, tan faanti qabbanaa amma sitti fuuna abshiir jechuun simatan. Inni akkana jedha "way akkam taana jarri kun ammas tuttuqaa hin dhiisnee" ofiin jedhee waa itti yaade.
Dubbii kana furachuuf Damiina(jaarsa biyyaa) jala seenee fuudha isaaf akka waa hundaaf bira dhaabbatu dubbii keessoon itti himate.

Maatiin Meetoonfaan abdii kutannaa intala isaanii keessa galaniiru. Isheen immoo waa yaaddeeti.

Guyyaa itti aanu Meetoofi Sabaaf walitti dhufuun akka cidha raawwatan nama ergan.
Maatiin lamaanuu ni nahan waan godhan dhaban. Isaan lamaanuu baayyee waan aaraniif Nikaa(waliitti hidhu) diduun gara walitti gaarreffannaan(loluun) itti fufe. Jarri lamaan waan dalagan dalaganiiru.
Abbaan ishee intala tana ajjeesetuman manatti galcha malee jedhee kutateera. Garuu Harmeesheefi obboleewwan ishee intala nama waliin galte akkamitti manattu nutti deebifta jechuun abbaa morman.
Jiddumaan hiriyoonni isaa waan ajaa'ibaa hojjetan. Inn tokko gama kaaniin inni biraa gama Sabaafiin Manguddoo biyyaa fiduun isaan bira dhaaban. Manguddoon biyyaa maatii tasgabbeessuun joollee walitti fuudhuun gara manaa galchan.

Guyyaa itti aanu maatii lamaan mataa buusee ture, haala ajaa'ibaatiin mataa ol qabatan.
Joolleen waan ajaa'ibaa hojjette, kunoo intalli isaaniin akkas jette mormi ishee lama. Qulqulluu seera uumaatiin boontudha.
Niin jira hamma tokko!!

Duraa duubaan qunca'ee
Seeneera jiruu rakkoo
Hin jiru akkaan hin jenne
Niin jira hamma tokko!

Nyaataan dhabe jedheellee
Dubbachuun ni ulfaata
Daabboo tokkoo fi bishaan
Naaf laataniiru irbaata!

Mana hidhaa jechuudhaaf
Ulaagaan hin guutamne
Dogongoraan gaaf tokko
Poolisiin na hin quune.

Jireenyaaree kiyya kun
Guyya guyyaadhaan rakkoo
Kanaafiin an siin jedhe
Niin jira hamma tokko!

Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
Forwarded from Shamil N Mohammed Officials (Shamil Nasir) via @like
Imala kee eegaltee
Gaafa eegaltu karaa
Obsaan qaxxaamuri
Bu'aa bahii mara

Rakkoon si gaadi'ee
Sitti tahus sakaallaa
Daandii tee gadhiiftee
Hin deemin me faallaa

Waan tahe hundumaf
Hin jedhin bade wayyoo
Cabaaf dhabas obsi
Galmaan gahi kaayyoo

Gufuun sitti baayyattee
Sitti dhipistus daandii
Imala kee itti fufi malee
Gonkuma hin kutin abdii

Karaanis sitti dheeratee
Dadhabbin sitti cimu
Kaayyoo kee hin jijjiirin
Ni injifatta rakkoo kamuu
Sabaaif_Nasir

@samii_koo
@Sammuukeef
Forwarded from Shamil N Mohammed Officials (Shamil Nasir) via @like
Milkaahuuf
_______________________
Yoo milkaahuu feete
Jireenya kee guutuu
Akka hundi siif dabree
Jiruun tee sirrooftuu

~~~~~~~~~~~~~~~

Yaada namaa dhiisi
Of ajaji mataakee
Sammuun siin hin deemin
Qajeelchi sammuu kee

~~~~~~~~~~~~~~~~

Fuulduratti dhiibi
Tarkaanfii jireenyaa
Akka hundi namaa
Si godhatu fakkeenya

~~~~~~~~~~~~~~~

Rakkina filadhuu
Yaali mee injifachuu
Yooniif ofiin moote
Akkasi jabaachuun

~~~~~~~~~~~~

An kanan si gorsaa
Qabadhu obboleessoo
Wanti guddaan garuu
Of ta'uudha keessoon.

© Shamil Nasir
________________________
@Sammuukeef @Sammuukeef
Forwarded from Dirree Aartii (Shamil Nasir) via @like
Karaa kiyya malee
Hin jedhinaa maaloo
Harka tokkoon kaanee
Haa baafannuu haaloo
~
Utuu nuti teenyuu
Hin dhabnu lammata
Qaroo jabeeffachuu
Dirqama godhataa
Yoo kaane haa kaanuu
Wal faana hiriirree
Du'a maaf sodaanna
Duruu kan wal barree
~
Kan dirreerra jiru
Wacee haa girrisuu
Inni bosonaammoo
Gubee haa ajjeesuu
Akkasiin yoo deemne
Homtuu nun deebisuu!.

Shamil N Mohammed
__________________________
@Sammuukeef @dhwalaloo
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#ILKEE_DHUKKUBAKEE

Ija kiyya hin baattu
Gaarummaa fakkaataa
Keessikee Qileedhaam
Asii gad fagaataa

Dhoksaa keetu mo'a
Irrikee Dansaadhaa
Haaloodhaan quucartaam
Afaaniin Baqsaadhaa

Kanaafan si dhiisee
Qajeeleem karaakoo
Xurree na baasurra
Hidhadhee Garaakoo

Siif jedhee rakkadhee
Yerookoo fixeeraa
Amma hunda dhiisee
Furmaatas fideeraa

Ati bayyaannadhu
Dhibee sitti jiruu
Gaafasin si wasaam
Sin dheessu yaa tiruu

Yeroon Kotokkotu
Ilkee dhukkubakee
Natti hin bu'in jettee
Maraatta Kophaakee

Jedhikaa nagaatti
Dhiisi nyaara guuruu
An sumaafan jedhee
Natti hin dhiibin uuruu

#Horaa_Bulaa
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
Umer Abdela:
#CUBBUU_MITI
🌻👍🌻🎤🤼‍♂📚📚
Addunyaa kanarra Namoonni Qaruuxee tahaniifi Beektonni hedduudha, Ani garuu Beekaa miti wallaalaadha, Qaruuxees miti Gowwaadha!
Ilaalchan uumamaan waliin dhaladhe faanan jiraachaa jira sanaanis Osoo akka garaa kootiiti nama gidduutti wal dhabdeen hin dhalatu, Namni maaliif Wal soba, maaliif Wal jibba, maaliif Wal darara, Akkasumas maaliif shira walitti xaxa? jedhee yeroon sammuudhaa dhiphadhus Namoonni baayeen na dhaggeeffatanii Ati gowwaadha Naan jechaa turan eeyyee sirriidha Anis Akkasitti yaaduun gowwaa akka na taasise hubadheera, Gowwaa tahuu kootti garuu baayeen boona Gowwummaatu Madaala hangaa namummaan ittiin safaramu tahee natti mul'ate! Erga Qaruuxummaafi Beekumsi Kiyyoo ittiin wal sakaalaniidha tahee, Erga Qaruuxummaafi Beekumsi Nama waliin wal fayyaduu osoo hin taanee Ofii fayyadamanii nama miidhuudha tahee, Akkasumas Erga Qaruuxummaafi Beekumsi Kabaja dhala namummaa walirraa mulquu tahee Isa kamree kan Namummaan ittiin ibsamu? Qaruuxummaan Osoo nama hin miidhin fayyadamuu Akkasumas Nama fayyadanii namarraa fayyadamuudha garuu Nama fayyadanii ofii miidhamuummoo miti! Beekumsis Akkasuma ture Malee kanarraa maqnaan Beekumsas Qaruuxummaas miti!

Tarii Addunyaadhuma kanatu Dalga Nama ilaala tahee Hin beeku malee Gaarii yaaduufi Hamaa jibbuun gowwaafi wal'aalaa nama hin godhu tureem! Erga gowwummaafi wal'aalummaatu akkasiin ibsama tahee Namni martuu fuulasaa Beekumsaafi Qaruuxummaa isa Michiin Biyya lafaa rukute sanarraa Fuulasaa Deebifachuu qabakaa!

#Waan_DUBBISTANIIF_Galatoomaa Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif 👉@UmerAbdela
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#LAGATTAAREE_BIYYOO?

Akka waan of tuuluun
Namummaa jabeessuu
Akka waan Goomattee
Galma kan kee geessuu

Humnaaf shira Dabaan
Gudunfitaam kiyyoo
Garuu waaqa taatee
Lagattaaree biyyoo

Hanga jiraattutti
Tolaa yaaduu mannaa
Biyya lafaarratti
Maa filattee hannaa

Wanta sin galchineef
Dagattee Ofiikee
Nama miidhuuf dhiibuu
Godhatteem Hojiikee

Karaarraa maaf baddaa
Salphattee maaf cabdaa?

Nama xiqqeessuudhaaf
Aalbee shiraa Qartee
Boriif si rakkisaam
Siin tahu akka bartee

Fakkeessaan jiraachuun
Turee si salphisaa
Kabaja namummaa
Ciree sirraa haphisaa

Bar Qullaa si dhaabaa
Boriikee san yaadii
Ani siifan dhaamaa
Dafii of barbaadii

Horaa Bulaa
Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif 👉@UmerAbdela
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#AKKA_WARRA_GUMAA
Hunduu akka yaadan
Eessaa namaaf ta'aa?
Itittuun dhadhaa dhiisee
Dhagaas namaaf bahaa

Osoo dhagaan jiruu
Dhadhaan cabsa qabee
Kanaaf nagaa wal dhorka
Namnis nagaa dhabee

Reeffa ciisu godhee
Jiruusaa busheessaa
Akka warra gumaa
Balfee wal mukeessaa

Gaaddidduu wal dhoksee
Gaaddisa wal dhorkaa
Lafeesaa hamatee
Foon walirraa Qorqaa

Gaaddisa dhaabbatees
Waliif hawwa saafaa
Miillas wal sakaalee
Wal taasisa Naafaa

Horaa Bulaa
2024/06/18 11:28:54
Back to Top
HTML Embed Code: