tgoop.com/bishaara_4/2179
Last Update:
"Education is the most powerful weapon which you can use to change the world."
– Nelson Mandela
Barachuun faaya!barnootaan ala wanti hojjatamu hunduu faallaa adeemsa abbaati.
Eeeee
Murtii fudhatamu hunda duuba argamatu jira, argama hunda duuba sababa gahatu jiraa xiinxalli.
Eee
Namni waan hunda tuttuqu waa hundatu itti ka'a, namni waan hunda barbaadu waa hunda dhaba, namni sodaaf waan hunda qoratu waan sodaatu hundarra bu'a,namni waa hunda dhugaa sehu waa hundaan sobama,namni waa hunda soba godhu waa hunda kasaara,namni waa hunda shakku waa hundarraa fagaata,namni faaya shakku meetarra bu'a,namni hariira shakke waaroon ukkaamamee du'aa taajjabi.
Yaa
Sammuu kee qabattee.Kophaa kee dhaabbachuu hinbarre taanaan,huuraa hurruma hunda ufirraa hargufutu si dhiba,boca qaama keetiitiifi jiruu keetii wallaalta,jabina ufii qabdu dhiistee tuulaa sobaa ormi sirra kaahee gaafa barbaade sirraa mulquuf qophaawu dhugaa seeta.
Jaaloo
Fuula kee dura laali,bakka manaa baateef argi,ija xixinnoo firii xaafii lafaa funaanuu malee gaara arguu hin dandeenye jalaa siqi,gufuu karaa irraa dhaabbatee si eegu irraa gori,daandii baldhaa eenyuyyuu yagutoo si wajji itti hinqabne faana bu'i.
Obbolaa
Dhungoo gowwaafi makkalaa irra,ulee hayyuufi nama baratee filadhu.
Yes
Yes, education is indeed a power.
Sufian Ousman ✍️
Join 👇
@bishaara_4
BY Bisharo Abdi official (Suheyla)
Share with your friend now:
tgoop.com/bishaara_4/2179