DEDRORO Telegram 5208
Kabajamoo Dr. Artist Alii Muhammad (Alii Birraa) eenyu ture?

- Artist Alii Birraa kan dhalate (bara 1940 Dh.K.D) fi kan guddate Magaalaa jaalalaa, tokkummaa kan taate dirre dawaatti.

- Maqaan haadha fi abbaan isaaf moggaasan Alii Muhammad jedhama.

- Maqaan "Alii Biiraa" jedhu bara 1963 magaalaa DirreDawaatti, yeroo dargaggoonni dandeettii muuziqaa qaban, ofii isaa Alii Mohaammad dabalatee, walitti qabamee gurmaa'anii muuziqaa Afan Oromoo taphachiisuf turetti, garee sana keessa Alii saditu ture (Ali Shebo, Ali Ahmed Ali / Ali Tuche, fi ofii isaatii Alii Mohammed) adda baasuuf, Hojii muuziqaa isa jalqabaa fi dinqisiifamaa "Birraan Bari'ee" jedhuun maqaa Alii Birraa jedhu argateera. Kana booda paaspoortii, ID isaa irratti Alii Biiraa jedhamee waamamuu eegale.

- Artiist Alii Birraa; Umurii isaa waggaa 14tti garee muuziqaa Dirredawa "Afranqalloo (The Four Children of Qallo)" jedhu keessatti hojii muuziqaa jalqabe. (Miseensonni baandichaa dargaggoonni garee B keessaa umuriin didiqqoo turan. Alii Birraan hojii isaa isa jalqabaa keessatti baay'ee beekamaa waan ta'eef garee A tti makame.)

- Artist Alii Birraa bara jireenya isaa waggaa 50 muuziqaa keessa ture. Albamii fi sirboota tokkicha hedduu hojjateera. Biyyoota addunyaa keessa naanna'ee hojiiwwan muuziqaa isaa dhiheesseera.

- Artist Alii Birraan Afaan Oromoo, Hadar, Somaalee, Amaariffa, Afaar fi afaan biyya alaa irraa afaan Ingiliffaa fi Ispeeniin sirbuu irratti dandeettii ajaa'ibaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaas taphachaa kan ture yoo ta'u, qindeessaa sirbaa fi walaloo ture. Afranqalloon alatti garee muuziqaa adda addaa keessattis hojjetee jira.

- Afaan guddinna Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, artistoota hojii aartii isaa waliin itiyoophiyanota walitti hidhuudhaan, jaallachuu fi wal bira qabuun ummata Oromoo guutuu fi ummata Itoophiyaa guutuu biratti artistii gammeessa jedhaman keessaa isa jalqabaati.

-Gumaacha gaarii bara jireenya isaa keessatti taasiseef; Biyya keessaa fi biyya alaa keessatti badhaasa hedduu badhaafameera.
Fkn: Dirredawaa fi Jimmaa irraa Doktarummaa kabajaa argatee, Dirredawaatti paarkiin tokko moggaafameef, Adaamatti  daandiin tokko moggaafamefi jira. Naannoo Oromiyaatti badhaasni addaa Nishaan kennameef... Beekkamtii fi badhaasa biroo hedduu argateera.

-Kabajamoo Dr. Artist Alii Birraa haadha warraa isaanii waliin ta'uun dhaabbata naamusaa "Birra Children's Education" jedhamu hundeessuun "barnoota daa'immaniif" deeggarsa taasisaniiru.

- Dr.Artist Alii Birraa kaleessa umrii waggaa 75tti addunyaa kanarraa boqote.

Kana qofa miti....Kun gabaabinnaani...

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

tgoop.com/dedroro/5208
Create:
Last Update:

BY JAARRAA ABBAA GADAA

Share with your friend now:
tgoop.com/dedroro/5208

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

As five out of seven counts were serious, Hui sentenced Ng to six years and six months in jail. Co-founder of NFT renting protocol Rentable World emiliano.eth shared the group Tuesday morning on Twitter, calling out the "degenerate" community, or crypto obsessives that engage in high-risk trading. Avoid compound hashtags that consist of several words. If you have a hashtag like #marketingnewsinusa, split it into smaller hashtags: “#marketing, #news, #usa. Activate up to 20 bots “[The defendant] could not shift his criminal liability,” Hui said.
from us

Telegram JAARRAA ABBAA GADAA
FROM American