tgoop.com/dedroro/5245
Last Update:
Maallaqaan guddachuu barbaaddaa?
Addunyaa kanarraa namni fedha maallaqaa dhabe hin jiru. Namni kamuu gama maallaqaan guddachuu ni barbaada, garuu hojjechuu hin barbaadu. Wantan hojjedhun dhabe akka jettu beeka, animmoo maaltu hojjetamen siin jedha.
Namoonni hedduun waan xiqqoon eegaleen iddoo guddaa ga'a jechuu irra tokkichumaanan iddoo guddaa gahuu qaba jedhanii yaadu. Dandaa'amnaan gaariidha. Wanta hin dandaamneef garuu yeroo balleessuu irraa waan qabaniin eegaluun bilchina.
Fedhiin tokkichaan maallaqaan guddachuu gurgurtaan lootariin akka baballatu taasiseera. Kanaaf namoonni hedduun hojii hojjechuu irra lootarii kutuu filataniiru.
Akkuman duratti kaase namni maallaqaan guddachuu fedhu hedduudha. Garuu dhugummaan fedha guddinaa hin qaban! Utuu qabaatanii harka maratanii carraa lootarii hin eegan.
Hojiin hin jiru jettee teessa taanaan bara baraan teessa malee yeroo hojiin siif argamu hin dhufu. Maaliifan wanti hojjetame hin jiru siin jedhe beektaa? Wanta biyyoota guddatanitti hojjetame keessaa hammamtu ykn maaltu biyya keenyatti hojjetame? Beeka haalli keessa jirru rakkoodha, garuu rakkoodhuma keessa teenye rakkoon ol tahuuf hojjechuu qabna. Maaltu magaalaan keessa ykn baadiyyaan keessa jirutti hin hojjetamne jedhii of gaafadhu. Hojii jechuun rakkoo furuu jechuudha? Bakka ati jiraattutti uummati maal bitee fayyadamuu barbaada, akkasuma maal immoo hedduminaan argachaa hin jiru? Of gaafadhu gaafa deebii argatte rakkoo sana furuuf hojjedhu.
Kan biroo kennuudha. Business jechuun kennuu jechuudha. Nama kennuuf immoo dachaan kennamaaf. Uummataaf hamma dhiyeessitu argatta, caalattis argatta. Kana jechuun ati product dhiyeessita hawaasni product kee fudhachuuf maallaqa siif dhangalaasa. Amma argitee rakkoo furte jechuudha. Yaadi hojjedhuu carraan hojii keessa jiraa. Taa'umsa keessa carraa hin eegin!
Dhuma irratti, fedhii qofti gahaa miti fedhiin amantii fi hojiin dabaalamuu qaban siin jedha. Sana booda jijjiramaa fi guddina jedhame fida. Kanaaf yaadi, amani, hojjedhu guddina barbaadde sana gonfadhu.
@DEDRORO
BY JAARRAA ABBAA GADAA
Share with your friend now:
tgoop.com/dedroro/5245