DHWALALOO Telegram 398
~~~~~~MEETOO~~~~~~
........Kutaa 7ffaa......

...Meetoon tan duraan jaalalti Sabaaf qophaa ishee akka aduu saafaa ishee gubaa ture arra garuu nama jaalattu argattee, yeroo isa biraa deebitu Meetoon intalti xiqqoon sun gammachuu of wallaaltee, akka nama hundarra guddattetti of ilaalte. Kanaanis sirba abbush kan inni affeere sana irra deddeebitee dhaggeeffachuun onnee of qabbaneessiti.
Ganamas galgalas yeroo Sabaaf Caaliifaa bira dhufu namni isa waliin nyaata nyaatus isheedha, bira darbees harka isaa isheetu dhiqaaf.

"Egaa jaalala jaalalaan injifatu" jedha mitiiree oromoon.

Onneen Sabaaf jaalala ishee qofaan booji'amuu bira darbee, gaafa ijaan ishee arguu oole ni dhukkubaan dubbisus kitaabni waan jedhu hin galuuf wanti hunduu ishee itti fakkaata. "Ahhhh yaa kurfoo haadha jaalalaa ana injifattekaa" jedhaan yeroo ishee arge mara.

Sabaaf barataa kutaa 12maa waan ta'eef yeroo baayyee dubbisarratti waan dabarsuuf jaalala ishee dhandhamuuf yeroo bayyee argachuu baatus(oolus) guyyaarraa sa'aatii murtaa'aaf ija Meetoo argu malee dubbisuu hin danda'u.
Keessattuu Sabaafirraa wanti ishee ajaa'ibe yeroo ishee waliin dabarsuuf qabu sa'aatiidhaan 'alarm' guuttachuun kan inni ishee waliin taphatu.

Erga nyaata waaliin nyaatan booda iddoo Meetoon itti dubbistu seenuun kan waliin taphatan, yeroo kana osoo isaan hin quufin 'alarm' iyyiti "Saba your rest is enough" jettiin. Yeroon boqonnaa kee dhumatee ka'i jechuusheeti.
Meetoon garuu otoo wal hinquufin haala saniin yeroo inni biraa deemu itti toluu baatus jaalalti dhugaa kaayyoo waliif eegurraa madda jedhee kan inni ishee amansiiseef obsiti.
Haala kana keessa otoo jiraanii Sabaaf 'entrance' fudhachuun barumsa kutaa 12 xumure. Qabxii gaarii fiduun Yuunibarsiitii Aamboo isa ga'e. Yeroo kana Aamboo dachee gootaatti barachuun gammachuu guddaa kan isaaf ta'e Sabaaf nama jaalala dhugaan dabaalee kaayyoo isaafis isa jajjabeessu nama akka Meetoo argachuun akka jaalala isheef bakka guddaa kennu taasise.
Meetoon maatii isaaniitiif dubara keessaa ishee quxisuuti waan taateef maatiin isaanii baayyee eeganiin. Sababa kanaa yeroo boqonnaarra turanis haala gaariin wal arganii mi'aa jaalala jalqabaa wal bahuu hanqatan. Osoo akkanaan jiranii Yuunibarsiitiin Aamboo joollee 'fresh' ykn waggaa jalqabaa ta'an waaman. Yeroo kana Sabaaf galgala sanbata xiqqaa gara Aamboo deemuuf borsaa isaa qabatee mana isaaniitti itti dhufee wal hammatanii Meetoon geggeessite. Sabaaf guyyaa wiixataa baha Oromiyaa irraa ka'uun giddu gala lixa Oromiyaa Aamboo gale.
Akkuma galeen Xalayaa kana walaleesseef.
"Yaa kurfoo jaalalleetoo
Yaa takkittii akka dhibbaa
Qaamaan sirraa fagaadhee
Cehee tulluufi tabbaa
~
Kunoo kophaakoon jira
Yaadaan qalbii koo hiraa
Jaalala kichuu dhaabbanne
Fagaadhee Aamboon jiraa
~
Onnee koo siif kudhaamee
Kee natu siif jabeessaa
Hadaraa yaa Meetoo koo
Onnee koos sitti dhiisaa
~
Kichuu jaalala keenyaa
Kan kaleessa laga turee
Awaash dabarraa kunoo
Galaana guddaa taree
~
Kunoo sirraa fagaadhee
Lixa oromiyaa keessaa
Meetooyyee naaf jiraadhu
Kiyyaa keetu siif barreessaa"... #ITTI_FUFA

Warri channel creater taatan karaa @Shaminasir na dubbisaa.

Barreessaan:- Shamil N
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@orolovechats
💥JION💥

tgoop.com/dhwalaloo/398
Create:
Last Update:

BY Dirree Aartii

Share with your friend now:
tgoop.com/dhwalaloo/398

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Developing social channels based on exchanging a single message isn’t exactly new, of course. Back in 2014, the “Yo” app was launched with the sole purpose of enabling users to send each other the greeting “Yo.” It’s easy to create a Telegram channel via desktop app or mobile app (for Android and iOS): With the sharp downturn in the crypto market, yelling has become a coping mechanism for many crypto traders. This screaming therapy became popular after the surge of Goblintown Ethereum NFTs at the end of May or early June. Here, holders made incoherent groaning sounds in late-night Twitter spaces. They also role-played as urine-loving Goblin creatures. During the meeting with TSE Minister Edson Fachin, Perekopsky also mentioned the TSE channel on the platform as one of the firm's key success stories. Launched as part of the company's commitments to tackle the spread of fake news in Brazil, the verified channel has attracted more than 184,000 members in less than a month. The group’s featured image is of a Pepe frog yelling, often referred to as the “REEEEEEE” meme. Pepe the Frog was created back in 2005 by Matt Furie and has since become an internet symbol for meme culture and “degen” culture.
from us

Telegram Dirree Aartii
FROM American