DHWALALOO Telegram 443
~~~~~~Meetoo~~~~~~~

Asoosama gabaabaa
kutaa 10ffaa...

...Garuu yeroon boodas deebisee yoo itti bilbilu ammas silkiin ishee hin hojjettu. Meetoon bilbila ishee cufatteet jirti. Sabaaf guyyaa hunda ganamarraa jalqabee hanga ijji isaa hin cufaminitti numa bilbila garuu inni ammallee waan ta'e hin beekne.
Meetoon haalli hedduun irratti wal xaxeera, heddummina rakkoorraa kan ka'e abjuun ishee jalaa dukkanaa'eera. Kanaafidha waan gootu wallaaltee bilbila cufatteef. Garuu jaalalli isheen Sabaafiif qabdu osoo baqaqsanii baasanii waan ishee keessaa baduu miti.
Onnee isheerratti mana ijaarrateera. Garuu isheen intala daa'ima, kana gubbaanis aadaa hawaasa keessa jiruun walqabatee intalti dhalaa(shamaraa) takka fedhii ishee maatiitti ibsachuu hin dandeessu.

Akka oromootti dubartiin safuu qabdi, akkuma safuu qabdu seeraafi heera Gadaa keessatti bakka guddaa qabdi. Dubartiin araarsituudha, dubartiin jinfuudhasi.
Garuu jireenyi gabrummaa kun ummata keenya waa hedduu dhabsiise. Aadaa keenya nu lagachiisuun, akka nuti of wallaallee ilmaan keenya kanaafillee qixafi gita hin keenye nu taasise. Kanumaan amma abbaan ilma dhiiraafi intala dubaraa walqixatti hin ilaalu. Yoo ilmaaf yaadanii qooda(handhuuraa) godhan intala dubaraaf immoo waa laachuu mitii miidhama isheefuu waa hin gumaachan. Yaa waan ofii, yaa of wallaaluu!.

Kanadha kan Meetoos rakkise, haala hamaa irratti wal gahe kana akka itti ibsattu dhabde, ibsattus eenyutu hubataaf ree.
Way jaalala kana ahhhh!

Meetoon erga bilbila ishee cufattee guyyaa sadaffaatti bilbila ishee banatte. Obsuu dadhabde kaa, yoonuma sagalee Sabaaf xiqqoo dhagahe jetteeti.
Sabaaf silkii cufachuun ishee erga dubbii wahii dhagahee itti qabbanaahus sagalee ishee yaadeera. Keessattuu jecha tokkicha sana jetteenii callisuu ishee osoo argatee gaafachuu fedha. Erga ishee akkas jetteen dubbii gaddisiisaa ta'e dhagahe. Isheen bilbilteefii guyyaa lammaffaa namni wahii karaa 'message' akkas jechuun ergeef "Sabaaf baayyeen gadda, gadda keessa dabrees sagaleen sitti dubbachuu waanin dadhabeef asiin sii barreesse sababnis Caaliidha dhabne, eeyyenn Caalii. Dhukkubsatteet duute. Ati barumsaaf biyya ormaa baatee akka hin jeeqamne. Hadaraa!" Jechuun yeroo erguuf waan tahus dhabe. Mataatu gara gale, waliin as gahan kaa isatu guddise, dhiiga ofiit dhabe. Haala jireenyaatu isa fageesse, bakka jiruttis nama akka garaa isaa bira waan hin jirreef nama gadda kana keessaa isa baasu hin qabu. Kanuma keessa Meetoo dhabuunis baayyee isa miidhe. Yeroo kophaa isaa tahe hunda nu booha ni gangalata. Haala kana keessattidha Sabaaf kan barumsa yuunibarsiitii isaa seemisteera lammaffaa eegale.
Meetoon guyyaa sadaffaa booda silkii banattus rakkoon sammuu ishee mudate qaama guutuu kottee hanga hanga harkatti waan ishee hadoocheef manaa hin baatu. Kanaa f teessee bilbila isaa qofa eeggatti. Kana keessatti torbee tokko turan. Amma Sabaaf isheef bilbile, kunoo silkiin ishee ni waama. Sabaaf yeroo isheen jalaa kaaftu maaf otuun an qaama koo walakkaa dhabee jiruu jecha tokko qofaan narraa badda, sanuu achumaan bilbila kees cufattee jechuun gaafate dubbii ariitiin. Inni maaliifi akkan dhiphadhu na goota jechuu isaati. Meetoonis intala bilchaattuu tahuu ishee haaluma salphaadhan garaa isaa qabbaneessite, "Saba waan biraa miti akka dhiphattee gaddaan hin jeeqamne barbaadeeni, kanaaf yoon sitti hime waan darbeef najalaa dabarta jedheeti" jetteen. Kanumaan Sabaafis dhiiseef, waan jabaaf isa jalaa akka usteetti fudhateera. Garuu Meetoon waa yaaddeetti kan kana goote...#ITTI_FUFA.

'Keenyaan boonna hin feenu kan alagaa'
Keenya dubbisnee keenyarraa waa barra
#Oromootaafi.

💥Share💥share💥

Barreessaan:- Anuma.
Admin:- @shaminasir
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@orolovechats
🔥JOIN🔥

tgoop.com/dhwalaloo/443
Create:
Last Update:

BY Dirree Aartii

Share with your friend now:
tgoop.com/dhwalaloo/443

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Co-founder of NFT renting protocol Rentable World emiliano.eth shared the group Tuesday morning on Twitter, calling out the "degenerate" community, or crypto obsessives that engage in high-risk trading. As of Thursday, the SUCK Channel had 34,146 subscribers, with only one message dated August 28, 2020. It was an announcement stating that police had removed all posts on the channel because its content “contravenes the laws of Hong Kong.” Commenting about the court's concerns about the spread of false information related to the elections, Minister Fachin noted Brazil is "facing circumstances that could put Brazil's democracy at risk." During the meeting, the information technology secretary at the TSE, Julio Valente, put forward a list of requests the court believes will disinformation. The administrator of a telegram group, "Suck Channel," was sentenced to six years and six months in prison for seven counts of incitement yesterday. Developing social channels based on exchanging a single message isn’t exactly new, of course. Back in 2014, the “Yo” app was launched with the sole purpose of enabling users to send each other the greeting “Yo.”
from us

Telegram Dirree Aartii
FROM American