DHWALALOO Telegram 467
~~~~~~Meetoo~~~~~~~

...Asoosama gabaabaa
kutaa 11ffaa...

...Garuu Meetoon waa yaaddeeti kan kana goote. Sabaaf Meetoo baayyee jaalateera. Jaalalli isheen isaaf qabdu garuu waan himamee dhufu miti. Dhimmi maatii kan ishee mudate garuu madaa laagaa itti taheera.
Guyyaa Caalii lubbuun dabarturraa kaasee haalli maatii Meetoofaa fi maatii Caaliifaa adda fagaachaa dhufe. Addaan fagaachuun isaanii kun dhimma fuudhaafi heerumaarratti yoo ta'u, waldhabdeen sunis otuu hin furamin hafe.
Meetoon Sabaafiin onneerraa waan jaalattuuf haadha manaa isaa tahuuf hawwii qabdi ture. Garuu haalli maatii kun gufuu isheetti tahuun yaaddoofi gadda keessa ishee waan galcheef murteessu dadhabde. Sababnis maatiin isaan lamaanii dhimmicha kana dhiifama walii godhanii yoo furan malee asiin booda walirraa fuudhuufi walitti kennuu hin danda'an. Kanaaf Sabaafiif bilbiluun waliin haasawuu dhaabuuf murteessitee jirti. Garuu Sabaaf homaa irraa hin beeku.
Kanumaan murtee ishee kana booda bilbilteefii nagaa gaafattee osoo dhimma biratti hin ce'in addaan bahan. Lamaan isaanii jaalala isaanii mi'ooftuu sana keessa yeroo walii bilbilan qoosaafi taphaan kan dabarsan arra garuu jalaa qabbanaahaa bilbila cufaachuun Meetoo isa yaachisuun hin oolle. Xiqqoo turuun guyyuma kana gama galgalaa bilbileef, silkiin ishee hin hojjettu. Irra deddeebi'ee bilbiluufis ammas hin hojjettu. Isheen garuu bilbila ishee cuftee lafa keessee jirti. Sabaaf guyyaa tokkollee bilbila isheerratti yaaluu hin dhiifne.
Haala kanaan turuu isheef waan godhu wallaallaan yaada isaa baasee bifa walalootiin barreessee akkana jechuun ergeef.

Isaatu na yaada jettee
Hin fagaatin naduraa
Hanguma narraa fagaattun
Si dagachaa jiraa
~
Heloo! Siif jira nan jedhi
Ganamaa fi waaree
Akkan sin daganne
Nama biraa baree!...

Jechuun barreessuufillee garuu bilbilli ishee cufaa waan tureef ishee hin agarre. Meetoon waan garaa kutatte fakkaata Sabaaf lubbuu isheerra jaalattullee rakkoon gama maatiin isaan qunname akka isa argachuu hin dandeenye itti fakkeesseera. Daa'imummaadhaan nama onnee ishee seene dhabuunis ba'aa itti taheera. Ganamaafi galgalaas otuu isa hin yaadatin ooltee hin beektu, keessattuu akka itti waliin turaniifi akkamitti akka itti wal jaalatan yoo yaadattu otuu isheen hin beeyne imimmaan ija kukkuula sanirraa yaa'a. Haaluma kana keessaa jiraachaa osoo sagalee Sabaaf hin dhagahin ji'a 2 guutteerti. Sabaaf garuu guyyaarraa yaada isheef dhiphachaa ooluus, hiriyoota isaa kan biyya jiran kan ishees beekan gaafachuun akka isheen nagaa qabdu hafuura ishee bare. Sababa kanaaf dhiphuun isaa irraa fooyya'eera. Meetoon maaliif akka bilbila cufatte hin beekuu, gaafatees nama irraa baru hin qabu.
Rakkoo maatii isaanii lamaan jidduu jiru kanas hin dhageenye. Kanaaf erga jiraachuu ishee hiriyoota isaarraa baree booda Meetoon waan ittiin naaf bilbiltu dhabdeeti jedheetuma hanga ijaan ishee arguu abdiin ishee eegaa jira. Sabaaf barumsa seemisteera lammaffaa ji'a lamaafi bultii 15 baratanii waan jiraniif qorumsaafi assaayimantiinis itti baayyattee waan jirtuuf akkam akka tahuu qabuufi maal gochuu akka qabu murteesseera. Kanaaf akkana gochuun narra jira jedhe, hanga qorumsa 'final' qoramutti dubbisaa hanga isheen bilbiltuu eeguun qaba jedhe.
Kanumaan Meetoon gara ji'a salgaffaa irratti jechuun erga Sabaafiin wal dhagahuu dhiisanii ji'a sadii 3 booda bilbila ishee banatte. Akkuma bilbila ishee banteen misseejii Sabaaf isheef barreessee ture agarte. Gaafa dubbistu ni naate, onneen ishee akka farda irra gulufsiisaa jiranitti dhahatti. Ijji ishee imimmaaniin fuula ishee kurfaa sana coollesseera. Kana hunda kan taate turtii hanga kanaa booda dhaamsa akkasii kan Sabaaf namni lubbuuf jaalattu erge arguu isheeti.
Rafaatuun ishees sirruma kaa, ergaan walalichaa ishee naasiseeti. Kanaaf Meetoon waan gootu wallaalte. Akkam akka taatus dhabde...#ITTI_FUFA!.

'Nama ogummaadha, of beekuun garuu Qaruuxummaadha'
~Kanaaf aadaafi aartii kee bari.

Barreessaan:- Anuma
Yaadaaf :- @Shaminasir qunnamaa.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@orolovechats
@dmwaamaraa
www.tgoop.com/dhwalaloo

tgoop.com/dhwalaloo/467
Create:
Last Update:

BY Dirree Aartii

Share with your friend now:
tgoop.com/dhwalaloo/467

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

bank east asia october 20 kowloon The SUCK Channel on Telegram, with a message saying some content has been removed by the police. Photo: Telegram screenshot. Ng Man-ho, a 27-year-old computer technician, was convicted last month of seven counts of incitement charges after he made use of the 100,000-member Chinese-language channel that he runs and manages to post "seditious messages," which had been shut down since August 2020. The Standard Channel Co-founder of NFT renting protocol Rentable World emiliano.eth shared the group Tuesday morning on Twitter, calling out the "degenerate" community, or crypto obsessives that engage in high-risk trading.
from us

Telegram Dirree Aartii
FROM American