HAACAALU Telegram 267
Albamiin haaraa Hacaaluun hojjete 3ffaan mataduree ‘‘Maal Mallisaa’’ jedhuun walleelee 14 kan qabu yoo ta’u dhimmoota Oromummaa,
jaalalaa, gootummaa, hawaasummaa, jaalala maatii, haadha warraa fi daa’imaa fi kkf of keessatti kan hammattedha.
Albamiin kun CDdhaan gabaatti dhiyaachuuf qophaa’eera. Biyya keessatti CDn gara walakkaa miliyoonaa ykn 500,000 dhiyaatu
qophaa’eeera. Biyyoota alaatti ammoo ‘online’ gama Amazon, Itunes, Spotify fi kkf irratti gurguruuf qophaa’eera.
Kana malees hojiilee Haacaaluu uummata biraan gahuu fi kallatti odeeffannoo madda tokkorraa taasisuuf akkasumaas galii achirraa
argamu irraa maatiin akka fayyadamuuf yaadamee toorri miidiyaalee hawaasaa garaagaraa banamee hojiitti seenameera. Isaan keessaa
yeroo ammaa fuula Feesbuukii fi Yuutubiin maqaa isaan banamee fi maatiin hogganamu hojiirra ooleera, warreen hafanis dhiyootti
uummata beeksifna.
Uummanni keenya biyya keessaa fi biyya alaa jirtan jaallatootni fi leellistootni goota kanaa hojiilee isaa haala gaariin hojjetame kana CD
orijinaala bituun, warri toora interneetaa fayyadamtanis achirraa qofaa bittanii dhaggeeffachuun amanamummaa Haacaaluuf qabdan
akka agarsiiftan maatiin isin hubachiisa.
Albamni Hacaaluu 3ffaan biyya keessatti guyyaa Wiixataa irraa eegalee godinaalee Oromiyaa, Finfinnee fi naannolee biraatti raabsuuf
qophiin xumurameera. CD Hacaaluu haaraa 3ffaa kana karaa seeraan alaa namootni irraa fayyadamuuf socho’an yoo argitan eeruu
kennuu fi qaamolee seeraatti himuu hin dagatiinaa, adaraa jenna.Eebbi albamii Hacaaluu Maal Mallisaa fi yaadannoon waggaa tokkoffaa ajjeefamuu isaa Wiixata dhufu Waxabajjii 28, 2021 sagantaa guddaan bakka keessumootni kabajaa, maatii fi jaallatootni isaa argamanitti Finfinnee Hoteela SkyLight keessatti ni geggeeffama.
@haacaalu

tgoop.com/haacaalu/267
Create:
Last Update:

BY Haacaaluu hundeesaa

Share with your friend now:
tgoop.com/haacaalu/267

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

When choosing the right name for your Telegram channel, use the language of your target audience. The name must sum up the essence of your channel in 1-3 words. If you’re planning to expand your Telegram audience, it makes sense to incorporate keywords into your name. Those being doxxed include outgoing Chief Executive Carrie Lam Cheng Yuet-ngor, Chung and police assistant commissioner Joe Chan Tung, who heads police's cyber security and technology crime bureau. With the administration mulling over limiting access to doxxing groups, a prominent Telegram doxxing group apparently went on a "revenge spree." The administrator of a telegram group, "Suck Channel," was sentenced to six years and six months in prison for seven counts of incitement yesterday. Done! Now you’re the proud owner of a Telegram channel. The next step is to set up and customize your channel.
from us

Telegram Haacaaluu hundeesaa
FROM American