HAFIZ_JIHAD Telegram 491
Forwarded from Keyralumma
KUTAA 1️⃣9️⃣FFAA
BARNOOTA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
Kuta 18fa dubisu Hubadhaa

0️⃣2️⃣ GUDDINA RABBII BEEKUU  MAQOOLEE FI SIFAATA ISAA
BEEKUU:

✺ Ammas Rabbiin ol ta’e guddina isaatirraa Waan hundaa beekumsaan marseera Waan hundaa lakkoofsa isaanii hubateera Dhageettuun isaa sagaleewwaan hundaa wal ga’eera isarratti wal hin rukuttu Wal Isarratti hin fakkaatu Inumaayyuu wal dhabbii lughaa isheetiifi dhimmi ishee adda adda ta’uu waliin waca ishee hunda dhaga’a Tokko dhaga’uun tokkorraa isa hin shaagaltu Kadhaan baay’achuun isa hin dogongorsiisu haasaan warra himataa arraba jallaa harka jallachuun dubbii isarratti waliin hin maku Agartuun isaa waan argamu hunda waliin ga’e.

Deemsa mixii gurraattii halkan dukkana keessa dhagaa duudaa irra deemtus ni arga Ghaybiin (fagoon) isa biratti dhihoodha iccitiin isa biratti ifaadha wantoonni samiifi dachii keessa jiran hunduu isa kadhatuu inni yoomuu dhimma keessa jira Dilii araarama Gadda wahii fura rakkoo wahii saaqa Cabaa supha hiyyeessa duroomsa Jallataa qajeelcha Dhama’aa karaa akeeka Muddamaadhaaf birmata Beela’aa quufsa Daaraa (kan huccuu dhabe) uffisa Dhukkubsataa fayyisa Mokkoramaa nagaa taasisa Tawbaa qeebala Gaarii hojjataa mindeessa Miidhamaa tumsa Boonaa cabsa Qullaa haguuga Sodaataa nagaa godha Ummata wahii ol kaasa Kan biraa gadi taasisa Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra Rabbiin sodaatuu ta’anii sun mootummaa isaa irratti homaa hin dabalu.

Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra jallataa ta’anii sun mootummaa isaa irraa homaa hin hir’isu Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii
jiraataafi du’aan isaanii jiidhaafi gogaani isaanii dirree tokko irra dhaabbatanii isa kadhannaan hundaafuu kadhaa isaanii kennee sun waan isa bira jiru irraa hanga madaala atomiiyyuu hin hir’isu Inni jalqaba isa dura isaa homaa hin jirreedha Dhuma kan booda isaatii homaa hin jirreedha Gubbaa isa kan isaa ol homaa hin jirreedha Keessoo kan duuba isaa homaayyuu hin jirreedha Inni khayriin isaa baay’atee ol ta’ee irra haqa godhataa waan faarfameeti Warra gabbarame cufarraa kan haqa godhatuudha Irra caalaa warra galateeffatameeti Irra mararfataa waan moo’eeti Irra arjaa warra kadhatameeti Inni mootii shariika hin qabneedha Tokkicha qixa hin qabneedha.

Of danda’aadha ilmoo hin qabu Ol ta’aa fakkii hin qabneedha Fuula isaa wanti hundinuu ni bada Mootummaa isaa malee wanti hundinuu ni dhabamti Eeyyama isaatiin malee ittiin hin bulamu Beekumsa Isaatiin malee hin fincilamu Ittiin bulamnaan ni galateeffata Diliin hojjatamnaan araarama Adabbiin isaa hunduu haqa Qananiin isaa hunduu tola isaati Irra dhihoo as jiruudha Dhihoo hubataadha Sammuus ni qaba Dalagaa hundaa galmeessa Beellama barreessa Qalbiin isaaf dhaqqabduudha Iccitiin isa biratti mul’ataadha Kenni isaas haasaadhaani adabbiin isaas haasaadhaan Ajajni isaa yeroo waa tokko fedhe ta’i jechuudha Achumaan ta’a Haasaan Ibn Alqayyim asitti xumurame.

0️⃣3️⃣ BARNOOTA SHARI’AA BARACHUU:
◉ inni barumsa isa isa argachuun gara sodaa Rabbiitiifi iimaanni dabaluudhaan nama dhaqqabsiisuudha.

Rabbiin ol ta’e ni jedhe gabroota isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa Iimaanni warra waa beekaniifi waa hin beeknee wal hin qixxaa’u Akkamumatti namni sharii’aa adda adda baasee beeku hiika shahaadatayniifi dirqama ishee waan du’a booda jiru kan akka fitnaa qabrii cinqii dirraa mahshar dhaabbii Guyyaa Qiyaamaa qananii jannataa hikmaa sharii’aan waan tokko halaala godhuufi haraama godhuu keessatti qabu seenaa Nabiyyii ﷺ fi gosa barnoota sharii’aa kan biroo kan beeku isa amantiifi ahkaama isaa waan sharii’aan waa’ee ghaybii nuuf hime hin beekneen akkamitti iimaana keessatti wal qixxaa’a! inni kun qoodni isaa jaaminaan nama biraa hordofuudha Wanti inni beekumsa irraa qabu xiqqoodha jedhi! Sila warri beekanuufi hin beekne wal qixxaa’uu? (hin qixxaa’u)

tgoop.com/hafiz_jihad/491
Create:
Last Update:

BY 🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜

Share with your friend now:
tgoop.com/hafiz_jihad/491

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Telegram channels enable users to broadcast messages to multiple users simultaneously. Like on social media, users need to subscribe to your channel to get access to your content published by one or more administrators. Add the logo from your device. Adjust the visible area of your image. Congratulations! Now your Telegram channel has a face Click “Save”.! The public channel had more than 109,000 subscribers, Judge Hui said. Ng had the power to remove or amend the messages in the channel, but he “allowed them to exist.” But a Telegram statement also said: "Any requests related to political censorship or limiting human rights such as the rights to free speech or assembly are not and will not be considered." While the character limit is 255, try to fit into 200 characters. This way, users will be able to take in your text fast and efficiently. Reveal the essence of your channel and provide contact information. For example, you can add a bot name, link to your pricing plans, etc.
from us

Telegram 🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜
FROM American