tgoop.com/ibadurehman5/1233
Last Update:
Maaleziyaa 'n loltoota ishee gara Gazzaa 'tti erguuf qophii xumuruu ishee beeksiste!
Akka walii-galtee Ministeerota Maaleziyaa 'tti "waraana keenya gara baha giddu-galeessaa 'tti erguun keenya cabiinsa seera idil addunyaa osoo hin taane mirga namoomaa kabachiisuu waan ta'eef shoorri keenya jajjabeeffamuu malee qeeqamuu hin qabu" jedha Ministeerri Raayyaa ittisa biyyaa Maaleziyaa.
Ministeerri Raayyaa ittisa biyyaa Maaleziyaa Ismaa'il Saabir ibsa har'a kenne kanaan:-
"Waraana naga kabachiistota keenya kanneen leenjifamoo fi dammaqoo ta'an hojii seera kabachiisuuf gara Gazzaa erguuf qophii xumurree jirra!" jechuun ibsanii jiru.
Israa'il haleellaa Lammiilee nagaa Filisxeen irratti fudhachaa jirtu itti fuftee kan jirtu yoo ta'u, guyyoota 8 kanatti lubbuu Lammiilee Filisxeen 200 ol galaafachuu ishee hordofuun ture Maaleziyaa 'n humna nagaa kabachiisu gara Gazzaa 'tti erguuf kan murteessite.
#Palestine.
Odeeffannoo haala yeroo Muslimaa kan ta'e dhimma Qudsii akkuma nu qaqqabeen wal duraa duubaan kan isin qaqqabsiisnu ta'a, Isinis Share gochuun qoodaa Islaamummaa keessanii ba'adhaa.
#AlQuds2020
#AlQuds
©Jechoota Gaggaarii
#LikeFollowShare
@Fursaan_Media
@Fursaan_Media
T.me/Fursaan_Media
BY IβΔDURΣHMΔΠ MULTIMEDIA

Share with your friend now:
tgoop.com/ibadurehman5/1233