IFARGANTECH Telegram 655
Yeroo baay'ee yaada keenyaan of miina. Namoonni maal naan jedhu? Namootatti maal fakkaadheen mul'adha? Haalli uffannaa koo, bocni qaama koo namoota biratti akkami laata jennee yaada keenyaan of dhiphifna. Isaan kunimmoo mul'ata keenya coolagsiisu, ofitti amanamummaa keenya ajjeesu. Isaawwan kana hunda akka daawwitii xuraa'aattin fudhadha. Amma barbaadde qaama kee qulquleessitee otuu daawwitii xuraa'aa keessatti of ilaaltee xuraawaa taatee ofitti mul'atta. Ofitti fokkifta, of jibbitas. Lammaffuu deebitee daawwitii sana keessatti of ilaaluu hin barbaaddu. Haamileen kee cabeetu fuula kee guurtee of duuba deebita. Maal ani namni fokkataa akkasii jettee jecha nagatiivii ta'e ofitti dubbatta. Ofitti amanamummaan kees ni du'a. Garuu daawwitii sana osuu qulqulleesitee keessatti of ilaaltee ofitti bareedda, caalchiftee of jaalatta, deddeebitee of ilaalta. Sa'aatii of ilaaltu kanas ni seeqxa, seequun kee kunis onnee kee irraa waan ta'eef boqonnaatu sitti dhagahama. Ofitti amanamummaan kee ni dabala. Fuula kee, rifeensakee, boca qaamakee as garagalchitee achi garagalchitee ilaalta. Yeroo kana hundaa ofitti bareedda. Kunneen hundi gatii kee akka beektuu fi mul'ata keetti akka cichituuf si gargaaru.

Egaa wantootnis ani jalqaba kaases isaanuma kana. Namoota keessatti of ilaaltu, namoota waliin ooltu filachuu dhabuun miidhaa akkamii akka qabudha. Filachuu qabda, naannoo kee qulqulleesuu qabda. Hiriyummaa kee qulqulleessuu qabda. Jechoota namoonni siin jedhan hundaan miirrikee hin faalamiin, namoonni waa'ee kee eeyyama kee malee dubbachuu akka hin dandeenyes barsiisi. Namoonni akka kabaja kee sharafan tasumaa hin eeyyamiifiin. Waanta namoonni jedhan hundumaas gara dhuunfaa keetti maxxansitee hin fudhatiin. Namoota waa'umee waliin ooluu, haasawuu fi hojjechuu irraa of dhorki. Barruuwwan beekumsa siif dabalan dubbisi, hojiiwwan maallaqa account kee irratti guddisan hojjedhu, nyaata fayyaa qaama keef filatamaa ta'e filadhuu sooradhu. Yeroo ofiif kennii waa'ee kee waan sirrii ofitti dubbadhu, Yeroo murtaawe murtaaween sosochii qaamaa taasisi, fuula kee fi qaama keetiifis sukkuummaa (Massage) godhiif. Sa'aatiidhuma hojii hojjettee maallaqa argattetti waan gaarii ta'e tokko ofiif godhi. Of badhaasuu shaakali. Isaan kunneen hunduu daawwitii qulqullaa'aatti fakkeeffamu. Akkaataa kanaan nama mu'ataa, nama milkaa'aa, nama of jaalatuu fi nama namootaan jaalatamu taata.

Ifargan Guddataa Itichaa
Coba wayii, yaada galaanarraa!

tgoop.com/ifargantech/655
Create:
Last Update:

BY Ifargan Gudeta Official ♉️

Share with your friend now:
tgoop.com/ifargantech/655

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

It’s yet another bloodbath on Satoshi Street. As of press time, Bitcoin (BTC) and the broader cryptocurrency market have corrected another 10 percent amid a massive sell-off. Ethereum (EHT) is down a staggering 15 percent moving close to $1,000, down more than 42 percent on the weekly chart. How to Create a Private or Public Channel on Telegram? Click “Save” ; How to Create a Private or Public Channel on Telegram? As five out of seven counts were serious, Hui sentenced Ng to six years and six months in jail.
from us

Telegram Ifargan Gudeta Official ♉️
FROM American