IFARGANTECH Telegram 658
Adsense maali?
------------------
Akkuma beekamu addunyaa kana irratti yeroo ammaa kana internet gubbaatti hojii beeksisaa hojjetamuuf kaffaltii argachuudhaan namootni jireenya isaanii fooyyeeffataa jiru. Kana jechuun kubbaaniyyaan guddichi google beeksisa karaa garaagaraa hojjetamuuf kaffaltii namootaaf kaffalu qaba.
------------------
Namootni kaffaltii kana argatan eenyufaa dha?
1. Namoota Application hojjetatanii tolaanis ta'e gurgurtaadhaan uummataaf dhiheessan. Isaan kun akkaataan isaan itti kaffaltii argatan, google adsense irratti galmaa'uudhaan namni application isaanii download godhatee fayyamu hundi beeksisa second muraasaaf darbee darbee application isaanii irratti mul'atuuf kubbaaniyyaan google qarshii kennaaf.
2. Namoota Website (Marsariitii) qaban. Isaan kunis akkuma warra application qaban sanaatti beeksisa marsariitii isaanii irratti mul'atuuf qarshii argatu.
3. Warra Youtube irratti viidiyoo hojjetee gadhiisu. Egaan warri kun kaffaltii argachuudhaaf ulaagaalee ciccimoo eeguu qabantu jira. Isaan keessaatii warri ijoon:-
A. Viidiyoon youtube irratti gadhiisnu kan nama biraa ta'uu hin qabu. Yoo kan nama biraa gadhiisna ta'e nu jalaatii haqamuurra darbeeyyuu yoo namichi abbaan viidiyoo sanaa himata bane youtube channel keenya nu jalaatii cufsiisuu danda'a.
B. Audio yookaan sagalee viidiyoo keenyaa algorithm ittiin hubatu waan qabuuf muuziqaa namni biraan hojjete sekoondii tokkollee keenyatti dabaluu hin qabnu. Yoo namichi copy right irratti hingaafanne ta'ee fi muuziqaan sun tola ta'erraan kan hafe.
C. Ji'oota 12 keessatti yoo xiqqaate channel keenya watch-time sa'a 4000 yookaan sa'a 4000 namootaan ilaalamuu danda'uu qaba. Yookaan ammoo yoo xiqqaate namoota 1000n subscribe godhamuu danda'uu qaba. Yoo yeroo gabaabduu keessatti subscriber 1000 arganne dirqama ji'a 12 eeguun nurra hin jiraatu.
D. Walumaa galatti dabalata viidiyoon keenya wantoota akka ergaa Jeequmsa kaasan, Daa'imman miidhan, Qullaa namaa mul'isanii fi wantoota wal quunnamtii saalaa waliin wal qabatan qaban, Qabiyyeen isaanii kan miidhamuu namootaa mul'isan, Ergaa sobaa, Doorsisaa fi Mirga namootaa sarbuu waliin wal qabatan qabaachuun irra hin jiru.
--------------------------
Egaan Adsense kana dha kan irratti galmoofnee lakkoobsa herrega baankii irratti galchinee ammoo hamma channel keenya sirrii ta'uusaa fi account keenya sun qoratamutti xiqqoo turree sana booda viidiyoo nuti gadhiisnu irratti beeksisootni dhaabbatoota addunyaa akka filannoo keenyaatti yookaan viidiyoo jalatti, yookaan karaa mirgaa fi bitaadhaan, yookaan karaa hunda, yookaan ammoo guutummaa iskriinii uffisee kan second 5 booda baduu fi button skip jedhu tuqnee cufnu keessaa filannee kan beeksisoota irraatii qarshii akka argannu nu taasisu. Filannoon bakka itti argama beeksisoota kanaa murteessaa dha. Filannoo inni guutummaa iskiriinii uffisu sun qarshii guddaa nuu kennisiisa akka google jedhutti.
--------------------------
Hayyee erga kana hunda jenneetii maaliif yaada hojii uummattanii hojiitti hin dachaataniree? Yeroo fi fedha akkasumas kennaa hojii akkanaa qabdu taanaan viidiyoolee kanneen akka qoosaa, biyya lafaa wal barsiisu, barnoota garaagaraa kennuu, fayyaa, beekumsa walii galaa, oduu, qophii bashannanaa walii galaa fi kan kana fakkaatan kan qalbii namoota baayyee hawwachuu danda'an irratti yoo hojjettan qarshii guddaa argachuu dandeessu. Fakkeenyumaaf kaasuuf namootni youtube irratti yeroo kana oduu garaagaraa dabarsanii fi sirboota wellistoota irraa bituudhaan channel isaanii irratti mul'isan qarshii Itoophiyaatti ji'aan miiliyoonaan galii argachaa jiru. Hubadhaa baasiin keessan baayyee xiqqaa dha. Fakkeenyaaf namni dhuunfaan tokko afaan Amaariffaan oduu deemee funaanee miidiyaa warra gurguddaa caalaa dabarsuudhaan subsciber 290,820 qabaachuudhaan ji'aam doolaara kuma kudha lama yookaan qarshii itoophiyaa 346,920 ol yookaan walakkaa miiliyoonaa jechuu kan nu dandeessisu argataa jira. Internet gubbaatti qofa taa'ee viidiyoo hojjetee gadhiisuudhaan kun. Kanaaf yaada fudhatamuu danda'u qabadhaatii nuffii malee irratti hojjedhaa.

tgoop.com/ifargantech/658
Create:
Last Update:

BY Ifargan Gudeta Official ♉️

Share with your friend now:
tgoop.com/ifargantech/658

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Joined by Telegram's representative in Brazil, Alan Campos, Perekopsky noted the platform was unable to cater to some of the TSE requests due to the company's operational setup. But Perekopsky added that these requests could be studied for future implementation. With the sharp downturn in the crypto market, yelling has become a coping mechanism for many crypto traders. This screaming therapy became popular after the surge of Goblintown Ethereum NFTs at the end of May or early June. Here, holders made incoherent groaning sounds in late-night Twitter spaces. They also role-played as urine-loving Goblin creatures. There have been several contributions to the group with members posting voice notes of screaming, yelling, groaning, and wailing in different rhythms and pitches. Calling out the “degenerate” community or the crypto obsessives that engage in high-risk trading, Co-founder of NFT renting protocol Rentable World emiliano.eth shared this group on his Twitter. He wrote: “hey degen, are you stressed? Just let it out all out. Voice only tg channel for screaming”. As the broader market downturn continues, yelling online has become the crypto trader’s latest coping mechanism after the rise of Goblintown Ethereum NFTs at the end of May and beginning of June, where holders made incoherent groaning sounds and role-played as urine-loving goblin creatures in late-night Twitter Spaces. 6How to manage your Telegram channel?
from us

Telegram Ifargan Gudeta Official ♉️
FROM American