Telegram Web
Maatiin Ifargan Designs baga Ayyaana Qillee nagaan geessan. Ayyaanni kun kan nagaa fi kan ittiin milkooftan isiniif haa ta'u.
Torbee ayyaanaa sababeeffachuun product keenya hundumtuu 50% #discount qabu. Hojii design waliin wal qabatu hundaafuu nu quunnamaa, 50% is already paid!
Merry Christmas!
Guyyaa tokko obboleessa koo wajjin ta’een T-shirt bitachuuf suuqii tokko deeme. Anis T-shirt haalaan narraa miidhagu tokko argadheen qarshii 300n bitadhe. Yeroo kana obboleessi koos T-shirt ani bitadhe waan baay’ee jaalateef T-shirt wal fakkaataa bitachuu barbaade. Haa ta’u malee suuqii sana T-shirt akka sanaa kan biraan hin turre. Kanaaf suuqii biraarra deemnee barbaaduun bituuf murteessine.

Osuma suuqiirra deemnee barbaadnuu T-shirt gosa ani bitadhee sana suuqii tokkotti argine. T-shirt sunis obboleessa koo sanarraa baay’ee miidhagee nutti mul’ate. Gatii isa yoo gaafannu qarshii 350 nuun jedhe. Nus T-shirt walfakkaataa daqiiqaa muraasa dura qarshii 300n akka bitanneefi isa kanas qarshii 300n akka nuuf kennu gaafanne. Namni sun garuu akkas nuun jedhe, “T-shirt kun raawwatee tokko miti. T-shirt isin bittanii dhuftan kan biyya keessaati. Inni kun immoo kan alaati. Qulqullinni isa wal caala jechuudha, kanaaf 350 malee hin ta’u” jedhe. Walbira qabeen ilaale. Dhugaa dubbachuuf T-shirt sana lamaan gidduu raawwatee garaagarummaan tokkollee hin turre.
Haa ta’u malee falmii kaasee nama sana mo’achuu akkan hin dandeenyen hubadhe. Anis, “Dhuguma T-shirt kun garaagarummaa qaba. Akkuma ati jettes wal caala. Garuu qarshii kanaa ol hin qabanne; nuy barattootadha. Yoo fedhakee ta’e 300n nuuf kennin” jedheen. Innis, “Erga barattoota taatanii fudhadhaa egaa” nuun jedhe. Nus T-shirt sana fudhannee gara alatti baane.

Yoo ala baanu obboleessi koo sun, “Ifargan, T-shirt kun dhuguma garaagarummaa qabamoo maaf garaagarummaa akka qabu mirkaneessiteefii?” naan jedhe. Anis gaaffii kana na gaafachuu isaaf nan galateeffadheen. Itti fufees, “T-shirt kun raawwatee garaagarummaa hin qabu; garuu falmii isa mo’achuu waanan barbaadeefin yaadnisaa sirrii ta’uu isa mirkaneesseefi” n jedheen. Obboleessi koos dubbiin koo baay’ee bitaa akka itti gale ibsuun, “Amma yoom falmiisaa mo’atteree? mo’amtee harka laatte, yaadni kee dogoggoraafi yaadnisaa sirrii ta’uu mirkaneessiteef malee” naan jedhe.

“Mo’atamuun koo otuun T-shirt sana hin fudhatiin hafeera ta’ee ture. Amma garuu waanan barbaadu argadheera. T-shirt kun amman barbaadee jirutti kan biyya keessaas ta’ee kan biyya alaa yoo ta’e dhimma koo hin turre. Namtichi sun garuu sobduu jedhamuu dhabuuf yaadnisaa sun akka mirkanaa’uuf barbaada. Kanaaf, falmicha anatu mo’e, nan injifadhe” n jedheen.

Namni ati falmii waliin qabatte tokko yaadnisaa sirrii ta’uu dhabuu illee yoo bare soda mo’amuuf qabu irraa kan ka’e hamma lolli isin gidduutti uumamutti siin falmuu danda’a. Falmiin keessan tasumaa karaa nagaa furamuu hin danda’u jechuudha. Kana jechuun immoo carraan mo’uu kee dhiphaadha jechuudha. Yeroo kanatti filannoo lama qofa qabda. Inni jalqabaa hamma dhumaatti falmitee yaadakee amansiifachuun hariiroo nama sana faana qabdu dhabuu yookaan immoo yaada falmii kee achumatti dhiiftee hariiroo nama sana waliin qabdu cimsachuu. Eeyyee, kanuma lamaan qofa!

Ogeeyyiin xiinsammuu waan tokkorratti walii galu. “Falmiin hin mo’atamu.” Yeroo nama tokko wajjin falmiitti seentetti ragaawwan garaagaraa dhiyeessitee wal’aansoo nama sana waliin gootu irra ooluu dandeessa. Haa ta’u malee ilaalcha nama sanaa raawwattee jijjiiruu hin dandeessu. Ittumaa namni sun miirri mo’amuu waan itti dhagahamuuf diinummaa isa gadi fagoo ta’e akka siif horatu goota. Falmii mo’achuun akkamitti danda’amaree? Falmii dhiisuudhaan. Eeyyee, raawwattee falmii dhiisuudhaan qofa.

Guduunfaa: Falmii kan mo’attu, falmuu dhiisuudhaan qofa!

Madda: Qimmiiddaa Fuula 32 - 35
Barreessaan Ifargan Guddataa
Link kana tuquun seenaa mudannookoo dubbisaa - https://ifargantech.com/technology/linux-debian-and-ubuntu/
This is our facebook page cover picture - Follow us on F / Ifargan Technolologies
Muuxannoo fi Mudannoo koo Hojii Graphics Design keessattii... Link kana tuquun dubbisaa! https://ifargantech.com/technology/my-wacky-adventure-in-graphic-design-from-clueless-to-creative-genius/
In 2025, having a website is essential for any business looking to thrive in a digital-first world. A well designed website not only enhances your brand's visibility but also serves as a crucial platform for engaging with customers, showcasing your products or services, and driving sales.

At Ifargan Technologies, we specialize in developing and deploying seamless, stunning, and creative websites tailored to meet your unique business needs. Our team is dedicated to ensuring that your online presence stands out in a competitive market, helping you connect with your audience effectively.

Visit Our Website:
https://ifargantech.com

View Our Pricing:
https://ifargantech.com/website-development

View Our Projects:
https://ifargantech.com/projects

Contact us on Telegram:
https://www.tgoop.com/ifargan

Follow Our Facebook Page:
https://facebook.com/ifargandesigns

Call us:
0919778608

CC: Ifargan Gudeta Eticha, CEO
🌟 Exciting News! 🌟

We are thrilled to announce the launch a brand new blog website for Kedir Abdulatif 🎉 https://ifargantech.com/kadiir-abdullaaxif/

Since 2014, kadir has been a prominent voice in the blogging world, sharing insights across multiple domains. With this new platform, he focuses on a rich variety of topics including **folklore, academics, entertainment, health, literature, technology, and shopping! 📝

Dive into a treasure trove of knowledge and creativity as Kedir brings you engaging content that empowers and informs. Whether you're looking for the latest in health tips, captivating stories, or intriguing folklore, there’s something for everyone!

👉 Check it out now: https://kadiir.com and join us on this exciting journey!

Ifargan Technologies is dedicated and focused-on in developing and lanunching seamless and quality pro websites for entrepreneurs and organizations. Just Order us a new website now!

OUR PROJECTS
https://ifargantech.com/projects
👍1
As a CEO, on behalf of Ifargan Technologies, I want to extend warm wishes to all our valued Muslim customers and beloved friends on this special occasion of Eid-al-Fitr.
May your day be filled with joy, peace, and blessings. Thank you for being a part of our journey. Eid Mubarak!
#eidmubarak #ifargantechnologies
👍1
"Mana Abbaa Kootu Gubate"
Seenaa ajaa'ibaati. Link kana cuqaasuun dubbisaa. https://ifargantech.com/mana-abbaa-kootu-gubate/
Bara duriiti jedhama. Namicha ogeessa, akkanuma waa beekuu danda'u tokkotu muka jala taa'ee kadhata godhata ture. Yeroo kadhannaaf ol jedhu kana, mukicha irraa imimmaan fuula isaatti gad cophuu eegale. Kadhannaa isaa xumuratee yommuu ol ilaalu, quuroo (Raven) tokko mukicharratti arga. Quuroon kun akka malee boo'aa jira. Imimmaan fuulasaatti cophaa ture edaa quuroo kana irraati. Yeroo kana argu namichi, "Yaa Quuroo nanaa, maal taatee boossa? Maaltu si mudate?" Jedhee gaafatan. Quurichis ... Link kana tuquun itti fufaa dubbisaa. https://ifargantech.com/isa-qabnurratti-haa-xiyyeeffannu/
Miirri yakkamtummaa gadi fagoon utuu natti dhaga'amuu waliigaltee ittiin wal hiiknu; kan manni, konkolaataan keenya, parsaantii kaampaanii keenyaa 30 akka isheen fudhattu kan eerun dhiyeesseef. Sirriitti erga ilaaltee booda addaan tatarsaafte. Dubartiin umurii ishee keessaa waggoota kudhan na waliin jiraatte nama biraa taate. Yeroo, humnaa fi anniisaa ishee na biratti gubateef dhiifaman gaafadhe, onnee guutuun Jeeniif kenne deebisee irraa fudhachuu waan hin dandeenyeef. Dhumarratti waanuman ani irraa eegaa ture, sagalee guddaadhaan fuuldura kootti kuftee boosse. Anaaf boo'ichi ishee homaa miti. Yaadi wal hiikuu...
Seenaa garaa nama nyaatudha. Barruu kana itti fuftanii dubbisuuf Link kana hordofaa: https://ifargantech.com/hamma-duuti-addaan-nu-baasutti/
2
2025/07/13 20:30:29
Back to Top
HTML Embed Code: