Telegram Web
πŸ—£ Raajii Waa'ee "PENIS CAPTIVUS" Jedhamuu Dhageessaniitii Beektuu Laata?

πŸ‘Œ Wantin har'a isiniif qoodu icciitiidha. Adaraa nama biraatti dabarsitanii nan himinaa!

😁 Sababni isaas namni kamiyyuu amanuuf ni rakkata. Garuu na amanaa dhugaadha! "Dhugaa Saayinsiin" mirkanaa'eedha!

πŸ‘‰ "Yeroo wal qunnamtii saalaa qaamni dhiiraa qaama dubartii keessatti hafee keessaa ba'uu dide" kan jedhu dhageessanii beektuu?

πŸ‘‰ Kun gama Fayyaan "Penis Captivus" kan jedhamu yoo ta'u, innis darbee darbee akka tasaa namoota tokko tokkorratti mul'ata.

πŸ‘‰ Taateen akkasii kunis Jalqaba karaa Fayyaan kan gabaafame bara 1979 ture.

πŸ‘‰ Penis Captivus kan dhufu sababa maashaawwan naannoo qaama saalaa dubbartootaa garmalee kottoonfatuun kan dhufudha.

πŸ‘‰ Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa hiddoonni qaama saalaa dhiiraa irratti argaman dhiigaan waan guutamaniif qaamni saalaa dhiiraa baay'ee guddata. Maashaawwan qaama saalaa dubartootaa garuu ni kottoonfata.

πŸ‘‰ Maashaan kun garmalee hedduminaan yoo kottoonfatu qaamni saalaa dubartootaa baay'ee dhiphachuun qaamni saalaa dhiiraa akka keessaa hin baane taasisa.

πŸ‘‰ Taateen kunis amma dubartoonni fedhii isaanii bahaniitti (hanga maashaan qaama saalaa isaaniii ofiin diriirutti) ykn hanga qaamni dhiiraa ka'ee ture ciisutti (dhiigni qaama dhiiraa keessaa yaa'utti) turuu danda'a.

✍ Sochiin qaama saalaa miidhu ykn dhukkubbii biroo dabaluu kamiyyuu ni dhorkama.

πŸ‘‰ Kana jechuun qaama saalaa dhiiraa, qaama saalaa dubaraa keessaa humnaan baasuuf yaaluun miidhaa hamaa fida.

πŸ‘‰ Dibatni dabalataa kan qaama saalaa laaffisuu kamiyyuu taaticha furuu hin danda'u!

πŸ‘Œ Kanaaf furmaatni isaa obsaan hanga maashaan naf-saalaa "ofiin of gadhiisutti" tasgabba'anii turuun barbaachiisaadha.

πŸ‘‰ Yeroo baay'ee turtii sekoondota muraasaa waan ta'eefi, taaticharraa hanga boqotanitti boqonnaa ofiif kennuun gaariidha.

πŸ‘‰ Turtii daqiiqaa muraasaa booda wal lakkisuu yoo dide garuu namoota "Yaalii Arifachiisaa" kennaniif bilbiluun dirqamadha.

πŸ‘‰ Isaanis qoricha maashaa kottonfatee ture diriirsu (muscle relaxer) kennuun namoota lameeniifuu boqonnaa laatu.

✍ Maddi:

1. https://en.m.wikipedia.org/wiki/

2. https://www.healthline.com/health/

3. @Dr Nafyad Getu (Barreessaa kitaaba "Faaya Fayyaa").

4. https://www.bbc.com/news/ma

______Itti Fufa__________

~ By: @Yonathan7939

~ Onkololessa 20, 2020!

~ Amboo, Oromiyaa, Afrikaa!

πŸ™ Galatoomaa! Oolmaa Gaarii Isiniif Haa Ta'u!!!

πŸ‘Œ Yaadaafi qeeqa yoo qabaattan karaa: @Yonathan7939 ykn @Yordi143 nuun gahuu dandeessu!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Sheeyxanoota kurnan:
*******************
Dhukkuboonni sanyii dhala namaa lubbuu balleessuun akka addunyaatti sadarkaa 1ffaa haga 10 ffaa jiran kanneen armaan gadii yoo ta’an, kan sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irra kan jiran qofti waliin ta’anii waggaa takka qofaatti (bara 2016), lubbuu miliyeena 15.2 (15,200,000) galaafatan.
*******************
10ffaa: Dhukkuba Tiibii (tuberculosis).
9ffaa: Dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease).
8ffaa: Balaa tiraafikaa (road accidents).
7ffaa: Dhukkuba sukkaaraa (diabetes mellitus).
6ffaa: Kanserii sombaa fi tiraakiyaa (Ujummoo qileensaa kan qilleensa gara sombaa geessu).
5ffaa: Dhukkuba sammuu kan Alzheimer’s. jedhamu, namoota umuriin raagan baay’inaan hubu.
4ffaa: Infeekshinoota ujummoo qilleensaa gara gad-aananii (lower respiratory tract infections).
3ffaa: Dhukkuba sombaa kan yeroo dheeraa (Chronic obstructive lung disease).
2ffaa: Dhukkuba istirookii (stroke).
1ffaa: Dhukkuba onnee (ischemic heart disease).
*******************
Fayyaan faaya
Hirmaannaa keessaniif Galatomaa.
Chaanalli kun iddoo walqunnamtii aartii fi artistoota Oromooti. Seenaan sirni dudhaan Oromoo kan ittin ibsamu dhaabbata keessan kan eenyummaa fi sirna Oromoo ittin barsiisnee barru dhaabbata Oro-wood movie dha.
Diramoota gaggababoo dhimma haala yeroo ammaa keessa jirru irratti akka hojatamu yoo barbaaddan toora @sindurab jedhuun link keenyarratti erguun nu waliin dhaabbadha.
1. Gorsa xiin-sammuu (psychology) yoo barbaaddan.
2. Gorsa jaalalaa yoo barbaaddan.
3. Gorsa tooftaa milka'iinaa yoo barbaaddan.
4. Namoota dhiifama gaafachuu fi gochuufi yoo barbaaddan akka fedha keessaniitti isiniif qindeessinee toora You Tube keenyaan isiniif gadi dhiisna.
Aartii Oromoo guddisuuf chaanaalii keessan kan ta'e Oro-Wood Movie=> @sindurab share fi add gochuu hin dagatiina! Dirqama Oromummaa keenya haa baanu!
πŸ—£ Kabajamtootaa fi jaallatamtoota maatii @joinGalaaJireenyaa kan taatan hundaaf:

~ Nageenyi keenya bakka jirtanitti isin haa dhaqqabu jechaa sagantaa keenya addaan citee ture bifa haaraa fi qindaa'een yoo eegallu gammachuu guddaatu nutti dhagahama.

~ Sagantaalee haaraa keenya kanaanis dhimmoota:-
--> Humna dhiifamaan wal qabatan,

--> Fayyaa keenyaan wal qabatan,

--> Iccitii milkaa'ina namoota bebbeekamoo Addunyaa tokko tokko ibsan,

--> Gorsoota Xiin-sammuu rakkinaa fi muddama nama oolchan, fi

--> Sagantaa Addaa kan ogummaa ittiin shamarran ykn dhiirota fedhan jaalalaan kuffisan ykn booji'an namaaf kennu kan isin biraan geenyu ta'a.

✍ Maarree isinis miseensa maatii toora marsarii hawaasummaa keenya @joinGalaaJireenyaa kanaan hirmaattotaa fi qooddattoota sagantichaa ta'an dhaamsa keenya!

πŸ‘‰ Galanni keenya guddaadha! Bakka jirtanitti fayyaa keessan eeggadhaa!

πŸ‘ Yaadafi qeeqa toora @joinGalaaJireenyaa irratti qabdan karaa @Yonathan7939 fi @Yordi143 nuun gahuu hin dagatiinaa!

πŸ‘Œ Nutis isin jaallanna! Oolmaa gaarii isiniif haa ta'u!
πŸ—£ ~ Galaa Jireenyaa!!! ~

~ Kutaa Sadaffaa, Qajeelfama 6ffaa:-

✍ Akkuma qajeelfama 5ffaa ykn Iccitii Sooqiraaxis jalatti, Namoota waliin yeroo mari'annu marii keenya gaaffiilee deebiin isaanii " Eeyyee" ta'aniin eegaluu akka qabnu ilaalle, har'a immoo qajeelfama addaa, ajaa'ibsiisaa dandeettii "Utuu Hin Mufachiisin Akkaataa Namoota Ceepha'anii Yaada Isaanii Dogoggoraa Sirreessuu fi Jijjiiruun Itti Danda'amu" namaaf kennu waliin ilaalla.

πŸ‘‰ Namonni hedduun baay'ee haasa'uudhaan yaada namootaa gara ofii fedhanitti waan jijjiiran se'u.

πŸ‘‰ Kanaanis waa'ee dhimmaa fi rakkoo kee si caalaa akka siif beekanitti haasa'u.

πŸ‘‰ Waa'ee isaanii baay'ee haasa'un waan isaan milkeessu itti fakkaata.

πŸ‘‰ Garuu amalli fi gochi akkanaa baay'ee badaa fi balaa kan qabudha!

πŸ‘‰ Sababni isaas, namoonni akkanaa ofii haasa'uu malee gonkumaa nama hin dhaggeeffatan!

πŸ‘‰ Akka haasoftuufis carraa siif hin kennan!

πŸ‘‰ Kun amaluma uumamaa dhala namaati!

πŸ‘Œ Ati garuu hariiroon namootaan qabdu akka qajeelu, jireenya gaarii waliin akka jiraattu fi yeroo gabaabaa keessatti hojii gaarii argachuu feeta yoo ta'e, qajeelfamoota armaan gadii kana jireenya kee keessatti hojiirra oolchi:-

πŸ‘‰ Hiriyyoonni kee yeroo sitti haasa'an yeroo bal'aa kenniifiitii dhaggeeffadhu!

πŸ‘‰ Fedhii isaanii akka haasa'aniif carraa kenniifii qalbii guutuunis isaan dhaggeeffadhu.

πŸ‘‰ Yaadaa fi miira isaanii gidduutti hin kuchisiisiin.

πŸ‘‰ Hanga dhumaatti obsaan isaan dhaggeeffadhu.

πŸ‘‰ Gocha kana kan namni hundi fedhu!

πŸ‘‰ Iccitiin namoota milkaa'oos kan isaan ittiin gufuu fi kufaatii injifatanis isuma kanadha!

✍ Filoosoofariin Faransaay, Laa Rookiifookaaldi akkas jedhee ture: "Diinota horachuu barbaadda taanaan akka isaan caaltu hiriyyoota keetti himi. Hiriyyoota horachuu barbaadda taanaan immoo hiriyyoonni kee akka si caalaan sitti haa haasa'an."

πŸ˜‚ Maaliif akkas jedhee laata?

πŸ‘Œ Sababni isaa hiriyyoonni kee akka si caalan sitti yeroo himatan ati qalbii guutuun dhaggeeffannaan, miira ofitti boonuu ykn barbaachisummaatu isaanitti dhagaa'ama!

πŸ‘Œ Garuu nuti akka isaan caallu isaanitti haasofnaan, miira gad aantummaatu isaanitti dhagaa'ama.

✍ Namoonni biroon waa'ee isaanii akka haasa'an gochuun waan barbaannu argachuun filannoo hin qabu!

✍ Kanaaf, yaadaa fi miira namootaa qalbii guutuun dhaggeeffachuu qofaan yaada dogoggora isaanii ceepha'uu fi jijjiiruun haala itti danda'amu beekaan dhaamsa keenya!

πŸ—£ Qajeelfama 6ffaa:

~ Namoonni baay'ee akka haasa'aniif carraa kenniif!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 7ffaan "Akkaataa Tumsa Namootaa Itti Argatan" kan jedhu itti fufa...............!

πŸ™ Galatoomaa! Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ Hiriyyoota keessaniif qooduu fi miseensa maatii @joinGalaaJireenyaa taasisuu hin dagatiinaa!
πŸ—£ ~ HUMNA DHIIFAMAA ~

πŸ‘Œ ~ Kutaa Tokkoffaa:

πŸ‘‰ Ilmi namaa jiruu fi jireenya isaa keessatti gochoota gaariis ta'ee badaa dalaguun Addunyaa kanarraa godaana.

πŸ‘‰ Hariiroo isaa guyyaa guyyaa keessattis akkuma gammachuun jiru walitti bu'insiis inuma jira.

πŸ‘‰ Walitti bu'insi hariiroo gaarii namootni waliin qaban booressuun garaa fi qalbii isaanii walirraa fageessa.

πŸ‘‰ Kun immoo yaadaan akka walirraa fagaatan, akka amantaa walirraa dhaban, akka guyyaa rakkoo fi gidiraa wal utubanii jala wal hin dabarsine taasisa.

πŸ‘Œ Seerri uumamaa jiruuf jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaa ta'e tokko jira.

πŸ‘‰ Seera kanaaf yoo ajajamne jireenya keenya keessatti hin jeeqmnu; namootaan walitti hin buunu; hiriyyoota dhugaa hedduu nuuf gumaacha.

πŸ‘‰ Garuu seericha cabsinaan walitti bu'insa dhuma hin qabne keessa galla.

πŸ‘Œ Seerichis kunoo isa kana, "Yeroo mara namootatti miirri gaariin akka dhagaa'amu ykn akka ofitti gammadan gochuudha!"

✍ Kanas, Onnee dhiifamaa fi qalbii miira gaabbiin guutameen balleessa keenyaaf "Dhiifama" yoo gaafanne, onnee nama mufaachiisne sanaa firomfachuu dandeenya!

πŸ‘Œ Jecha Abraham Liinkan kana caalaa wanti jireenya keenya jijjiiru hin jiru: "Hammeenyi nama kamiyyuu hin fayyadu. Gaarummaan garuu nama hundaafi!"

✍ Kanaaf, yaadaa fi miira namootaa hubdeetta yoo ta'e, dhiifama gaafachuun hiriyyeeffadhuun dhaamsa keenya!

πŸ—£ Qajeelfama 1ffaa:

~ Namootaaf Onnee Dhiifamaa qabaadhu!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 2ffaa "Coba dammaa hiriyyummaa Onnee kee keessa jiru" kan jedhu itti fufa..........!

πŸ™ Galatoomaa! Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ Hiriyyoota keessaniif qooduu fi miseensa maatii @joinGalaaJireenyaa taasisuu hin dagatiinaa!

πŸ‘‰ Yaadni fi qeeqni keessan nu jajjabeessa waan ta'ef, karaa @Yonathan7939 fi @Yordi143 nuuf qoodaa!
πŸ—£ ~ Galaa Jireenyaa!!! ~

~ Kutaa 3ffaa, Qajeelfama 7ffaa:-

πŸ‘‰ Yaada namni biraan siif hime caalaa, yaada ati ofii keen keessa keetii maddisiistetti amanta.

πŸ‘‰ Kanaaf akkas taanaan, atis yaada kee namoota birootti fe'uu yaaluun gaariidhaaree?

πŸ‘‰ Ati yaada kee qofa ibsitee isaan ofii isaaniin murteeffachuu ykn hubannoo mataa isaanii qabachuu hin wayyuu?

✍ Ati yaada kee qofa haasofta taanaan isaanis yaada isaanii qabatanii turuu barbaadu malee siif jedhanii kan isaanii gatanii kan kee hin fudhatan!

✍ Garuu waa'ee fedhii isaanii akka haasa'an yoo goote, isaanis yaada keef qalbii isaanii banu.

✍ Namni kamiyyuu yaada kee fedhee fudhachuu malee akka ati dirqisiistu hin fedhu!

✍ Hundi keenyayyuu namni biraan yaada isaa akka nurratti fe'u hin feenu!

✍ Waa'ee fedhii, hawwii fi yaada keenyaa gaafatamuu feena!

πŸ‘Œ Namoonni yaada kee akka kan ofii isaaniitti akka yaadan gochuun akka si tumsan isaan godha!

πŸ‘Œ Kanaaf namoonni yaada kee akka tumsan gochuuf yaadichi kan mataa isaanii akka ta'eetti akka yaadan godhi.

πŸ‘‰ Kanas jalqaba namicha erga sirriitti barteen booda, yaada kee sammuu isaa keessa keessee yaada isaa jijjiiruuf, yaada kee sana garaa isaarraa akka inni fedhu, fedhiisaan yaadicha akka inni tumsu gochuu qabda!

πŸ‘Œ Kanaaf namoonni tumsa akka siif godhan ykn yaada kee akka deeggaran gochuuf, fedhii isaaniin akka yaada kee fudhatan taasisi!

πŸ—£ Qajeelfama 7ffaa:

~ Namoonni yaada kee akka kan isaanii ta'etti akka fudhatan godhi!

πŸ‘Œ Qajeelfama 8ffaan, "Foormulaa Waan Ajaa'ibaa Ittiin Hojjettu" jedhu itti fufa.......!

πŸ™ Galatoomaa! Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ Yaadaaf qeeqa yoo qaabattan karaa @Yonathan7939 ykn @Yordi143 nuun gahuu hin dagatiinaa!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ ~ Galaa Jireenyaa!!! ~

~ Kutaa 3ffaa, Qajeelfama 8ffaa!

πŸ‘Œ Foormulaa Waan Ajaa'ibaa Ittiin Hojjettu:-

πŸ‘‰ Yeroo tokko tokko namoonni akka isaan dogoggoran dhibbaan dhibba utuma beektuu dogoggora isaanii amanuu diduun, akka waan yaadni isaanii sirrii ta'etti yeroo of fudhatan argita.

πŸ‘‰ Yeroo akkanaa gonkumaa dogoggora isaaniif isaan hin balaaleffatin.

✍ Isaan hubachuuf yaali.

✍ Nama hubataa qofatu akkas gochuu danda'a!

πŸ‘‰ Namoonni waan yaadanii fi godhaniif SABABA qabu.

πŸ‘‰ Wanti akkanatti akka yaadan ykn akkana akka godhan isaan godhu jira jechuudha.

✍ Kanaaf sababa kana sakatta'ii baasi!

✍ Furtuun yaada namoota akkanaa ittiin jijjiirtus isuma kana qofaadha!

πŸ‘Œ Kana argachuufis, bakka nama sanaa of kaa'ii yaadi!

πŸ‘‰ "Osoo anatu nama kana ta'ee maaltu natti dhagaa'ama? " jedhii of gaafadhu.

✍ Kunis, yaada fi gochaa namootaatti akka hin aarree fi isaan hin jibbine si godha.

πŸ‘‰ Akkasumas, dadeettiin namoota waliin hariiroo gaarii uumuu kee ni dabala.

πŸ‘‰ Kanaanis, namoonni yaada kee akka tumsan isaan taasisa.

✍ Yaada nama tokkoo bakka nama sanaa bu'anii ilaaluun, muddama namni sun keessa jirullee ni salphisaaf.

πŸ‘Œ Bakka nama tokkoo bu'anii yaadaaf gochaa isaa hubachuun ulfaachuu danda'a. Garuu diinota horachuurraa si baraaree hiriyyoota dhugaa waan siif baay'isuuf barachuu qabda.

✍ Hubadhu: Qajeelfama kana keessatti, akkaataa yaada namootaa bakka isaanii buutee ilaaltee, yaada keen wal qabsiiftu qofa hubatte taanaan, kun qofti riqicha milkaa'ina hojii keetti si ceesisu siif ta'a!

πŸ—£ Qajeelfama 8ffaa:

~ Yaada Namootaa Bakka Isaanii Of Buusii Qalbeeffachuu Yaali!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 9ffaan "Waan Namni Hundumtuu Barbaadu" kan jedhu itti fufa..........!

πŸ™ Galatoomaa! Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ Yaadaaf qeeqa yoo qabaattan karaa:- @Yonathan7939 ykn @Yordi143 nuun gahuu hin dagatiinaa!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ ~ Galaa Jireenyaa!!! ~

~ Kutaa 3ffaa, Qajeelfama 9ffaa!

πŸ‘Œ Waan Namni Hundumtuu Barbaadu:-

πŸ‘‰ Yeroo namoonni falmii sitti baay'isan jecha ittiin falmii isaanii kana dhaabsistee, akka si dhaggeeffatan gootu qabaachuu hin hawwituu?

πŸ‘‰ Ni hawwita mitii? Akkas taanaan jechi falmii namootaa ittiin ofirraa dhaabdu kunooti!

✍ "Yaada kee kanaaf sitti hin murteessu. Anis osoon si ta'ee akkuma kee kanattan yaada, waan ati gochaa jirtu kanan godha." jechuun yaada isaa deeggaruu kee himiif.

πŸ‘‰ Jechi kun garaa isaanii laaffisa. Namoota guyyaa guyyaatti si mudatan keessaa 75% beelaa fi dheebuu gara laafummaa qabu.

πŸ‘‰ Kana jechuun nama bakka isaanii bu'ee miira isaanii hubatu barbaadu jechuudha.

πŸ‘‰ Kanaaf waan isaan barbaadan kana kenniif. Isaanis deebisanii si jaallatu.

✍ Hubadhu: Bakka namootaa bu'anii yaada isaanii qalbeeffachuun keemikaala onnee namoota jabaatee laaffisu ta'uu isaa beeki!

✍ Tooftaalee namoota waliin hariiroo gaarii akka qabaattu si godhan keessaa tokko yaada namootaa deeggaruun, miira isaanii qooddachuudha!

πŸ‘‰ Kanaaf, namoota gara yaada keetti isaan deebisuu ni barbaadda taanaan miira keessa isaanii jiru qabatamaan agarsiisiif!

πŸ—£ Qajeelfama 9ffaa:

~ Yaada Namootaa Deggari. Miira Isaanii Qooddadhu!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 10ffaan, "Wanta Namni Hundi Ta'uu Jaallatu" jedhu itti fufa..........!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ ~ Kutaa 3ffaa, Qajeelfama 10ffaa!!!

πŸ‘Œ Wanta Namni Hundi Ta'uu Jaallatu:-

πŸ‘‰ Dhalli namaa hundi keenyayyuu gaarii akka taanetti of ilaalla. Kanaaf gaarii taanee mul'achuu barbaadna.

πŸ‘‰ Namoonni gaarummaa keenya akka haasa'an feena. Namni nama ajjeesellee gaarummaa isaa akka haasoftu barbaada.

πŸ‘‰ Kun amaluma nama maraati. Namni kamiyyuu nama gaarii akka ta'etti of ilaala. Nama gaarii ta'ee beekamuus barbaada.

✍ Maqaa gaarii kana argachuufis gochawwan gaariis, badaas ni godhu.

πŸ‘‰ Inni yakka hamaa hojjetes akka nama qulqulluu waan gaarii yaadeetti of ilaala malee kan nama badaa akka ta'etti of ilaalu hin jiru!

✍ Namoonni yeroo mara wantoota gurguddoo lamaaf waa godhu: Inni duraa, waan gaarii ta'ee isaanitti mul'ate garuu ta'uu dhabuu maludha. Inni lammaffaan immoo waanuma qabatamaan gaarii ta'edha!

πŸ‘Œ Jireenya keessatti sirrii taatus wanti waan hundumaaf hojjetu hin jiru. Wanti namoota hundumaa gammachiisu hin jiru.

✍ Kanaaf, waan hojjechaa jirtutti ni gammadda taanaan jijjiiruun maaliif si barbaachise? Garuu hin gammaddu taanaan maaliif hojjetta?

✍ Hubadhu: Waan hojjechuu barbaaddu ykn jaallattu irratti xiyyeeffadhu!

πŸ—£ Qajeelfama 10ffaa:

~ Waan namoonni biroon ta'uu barbaadan ykn waan isaan baay'ee jaallatan irratti xiyyeeffadhu!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 11ffaan, "Waan Fiilmii fi Televiiziniin Gochuu Danda'an Ati Akkamitti Gochuu Dadhabda?" jedhu itti fufa..............!

πŸ™ Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ ~ Kutaa 3ffaa, Qajeelfama 11ffaa!!!

πŸ‘Œ Waan Fiilmii fi Televiiziniin Gochuu Danda'an Ati Akkamitti Gochuu Dadhabda?

πŸ‘‰ Seenaa dhugaa osoo qabduu, olola sirratti oofameen qalbiin namootaa sirraa fagaatee hin beekuu?

πŸ‘‰ Eeyyee dhugaadha. Dhugaa dubbachuun kee qofti qalbii namootaa hawwachuuf ga'aa miti.

πŸ‘‰ Kanaaf dhugaa dubbatte qabatamaan namootatti agarsiisuu qabda.

πŸ‘‰ Dhugaan kee qalbii namootaa keessa akka seenu gochuuf haala hawwataa fi namatti toluun dhi'eessuu qabda.

✍ Namoonni baay'eenis Fiilmii fi Televiizinii irratti kana kana gochuu danda'aaniiru! Kanaaf atis qalbii namootaa ofitti hawwachuu ni barbaadda taanaan gochuu danda'u qabda!

πŸ‘‰ Ogeessonni foddaa TV irra hojjetan humna guddaa diraamaan qabu sirriitti beeku.

✍ Hojii ykn yaada keenya bifa diraamaan agarsiisuun humna guddaa qalbii namootaa gara keetti hawwatu qaba.

✍ Dhugaa kana qalbeeffachuuf mee beeksisawwan TV irratti tamsaa'an xiyyeeffannoon qalbeeffadhu!

πŸ‘‰ Atis hojii fi yaadni kee qalbii namootaa akka hawwatuuf bifa diraamaan agarsiisuu qabda.

πŸ‘‰Baay'ee salphaadha! Tooftaan kun jireenya manaa keessatti illee hojiirra ooluu danda'a!

~ Hubadhu:- Qalbii nama jaallattuu ofitti hawwachuuf jechoota jaalalaa qofa haasa'uun ga'aa miti! Jechoota jaalalaa kanneen qabatamaan jaalallee keetti agarsiisuu qabda!

πŸ—£ Qajeelfama 11ffaa:

~ Yaada Kee Bifa Diraamaatiin Dhi'eessi!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 12ffaan, "Tooftaan Hundumtuu Yeroo Siif Milkaa'uu Didu Kan Itti Aanu Kana Yaali!" jedhu itti fufa...........!!!

πŸ™ Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ ~ Kutaa 3ffaa, Qajeelfama 12ffaa!!!

πŸ‘Œ Tooftaan Hundumtuu Yeroo Siif Milkaa'uu Didu Kan Itti Aanu Kana Yaali:-

πŸ‘‰ Wanti tokko akka hojjetamu gochuudhaaf wal morkiin akka jiraatu gochuu qabna.

πŸ‘‰ Kana jechuun koos wal morkii maallaqa argachuu osoo hin taane fedhii caalanii argamuu namoota keessatti uumuudha!

πŸ‘ŒHubadhu: Adeemsa jireenyaa keessatti bu'aa bahiin hin dadhabamu! Namni kamiyyuu bu'aa bahii jireenyaa ni sodaata. Garuu goota qofaatu sodaa kana lafa kaa'ee fuulduratti tarkaanfata!

✍ Sodaa keessa keenyaa injifannaan gufuu guddaan nu sodaachisu maaltu jiraree? Homtuu hin jiru!

πŸ‘‰ Kanaaf akkuma namni kamiyyuu fedhii caalee argamuu qabu, atis fedhii caaltee argamuu qabaadhu!

✍ Ilaalcha kee isa hojiif si kakaasus hojichuma mataa isaa godhadhu.

πŸ‘‰ Qarshii, haala hojii gaarii fi faayidaa garaagaraa hojicharraa argamutti hin xiyyeeffatin!

πŸ‘Œ Hubadhu: Hojiin kan namatti toluu fi gaarii taanaan, hojicha hojjetanii bu'aa gaarii argamsiisuun nama hawwisiisa!

πŸ‘‰ Kun waan namoonni milkaa'oon hundumtuu barbaadanidha.
πŸ‘‰ Sababni isaas carraa mataa isaanii ittiin ibsatan kennaafi!

πŸ‘‰ Carraa ga'umsaa fi bu'a qabeessummaa isaanii ittiin agarsiifatanidha!

πŸ‘Œ Adeemsi kun carraa isaan caalanii argamuuf qaban milkeessaaf!

πŸ—£ Qajeelfama 12ffaa:

~ Sodaa Bu'aa Bahii Jireenya Keessa Kee Jiru Injifadhu!

πŸ‘Œ Cuunfaan Qajeelfama Kutaa Kanaa Itti Fufa...............................!!!

πŸ™ Halkan Gaarii!!!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ ~ Cuunfaa Qajeelfamota Kutaa 3ffaa!!!

πŸ‘‰ Yaada Namootaa Gara Yaada Keetti Jijjiiruudhaaf:

πŸ—£Qajeelfama 1ffaa:

~ Karaan Tokkichi Falmiirraa Bu'aa Argachuu Dandeessu, Falmii Baqachuudha.

πŸ—£ Qajeelfama 2ffaa:

~ Yaada Namootaa Kabaji. Gonkumaa Dogoggorteetta Namaan Hin Jedhin.

πŸ—£ Qajeelfama 3ffaa:

~ Yeroo Dogoggortu Dogoggora Kee Garaa Keerraa Amani.

πŸ—£ Qajeelfama 4ffaa:

~ Jalqaba Miirri Hiriyyummaa Isin Gidduutti Akka Uumamu Godhi.

πŸ—£ Qajeelfama 5ffaa:

~ Gaaffilee Deebiin Isaanii 'Eeyyee' Ta'an Gaafadhu. Hanga Dhumaattis "Eeyyee" Akka Jedhan Godhi.

πŸ—£ Qajeelfama 6ffaa:

~ Namootaaf Carraa Baay'ee Haasa'uu Kenniif.

πŸ—£ Qajeelfama 7ffaa:

~ Namoonni Yaada Kee Akka Kan Isaanii Ta'etti Akka Yaadan Godhi.

πŸ—£ Qajeelfama 8ffaa:

~ Yaada Namootaa Bakka Isaanii Bu'uun Ilaaluu Yaali.

πŸ—£ Qajeelfama 9ffaa:

~ Yaada Namootaa Deeggari. Miira Isaaniis Qooddadhu.

πŸ—£ Qajeelfama 10ffaa:

~ Madda Kaka'umsa Namootaa Guddichatti Fayyadami.

πŸ—£ Qajeelfama 11ffaa:

~ Yaada Kee Bifa Diraamaatiin Agarsiisi.

πŸ—£ Qajeelfama 12ffaa:

~ Sodaa Keessa Keetii To'adhu.

πŸ‘Œ Kutaan 4ffaa itti fufa...............!!!

πŸ™ Halkan Gaarii!!!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939.

πŸ—£ Guutummaa Qajeelfamichaa Argachuuf Link Armaan Gadii Kana Cuqaasuun Miseensa Maatii Garichaa Ta'i.

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
-------------- KUTAA ARFAFFAA --------------

~ DANDEETTII GAGGEESSUMMAA GABBIFADHU!!! ~

✍ Kutaa barnoota kanaa jalatti dandeettii "Osoo Namoota Irratti Dhiibbaa Humnaa Hin Godhin Yookiin Osoo Ofi Hin Komachiisin Akkaataa Yaada Namootaa Itti Jijjiiran" siif kennu goonfatta.

πŸ‘‰ Kanaaf, tokkoon tokkoon Qajeelfama Kutaa kana jalatti dhiyaatan sirriitti duuka buutee hordoofuun barbaachisaadha.

πŸ‘‰ Qajeelfamoota hordofte kanneenis qabatamaan jireenya kee keessatti shaakaltee gabbifachuun filannoo hin qabu.

πŸ‘‰ Akka nama jijjiiramaa taate sin beeka. Namni jijjiiramaa immoo waan sirrii hin taane karaa sirrii, yeroo sirriitti dandeettii furuu qaba.

πŸ‘‰ Atis barnoota kutaa kanaa irraa "Dandeettii ykn malawwan Salgan osoo hin mufachisiin namootni yaada isaanii akka jijjiiran gochuu itti dandeessu" si badhaasu duukaa buutee gonfadhuun dhaamsa keenya!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 1ffaa'n "Dogoggora Sirreessuu Barbaadda Taanaan Tooftaa Itti Aanu Fayyadami" jedhu itti fufa..................!!!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
-------------- KUTAA ARFAFFAA ----------------

~ DANDEETTII GAGGEESSUMMAA GABBIFADHU!!! ~

1. Dogoggora Sirreessuu Barbaadda Taanaan Tooftaa Itti Aanu Fayyadami!!!

πŸ‘‰ Yaadaa fi amala namootaa jijjiiruu ni feetaa? Tole, anis sin deeggara!

✍ Tooftaa yaadaa fi amala namootaa jijjiiruu irratti humna guddaa qabu tokkoon sitti hima.

πŸ‘‰ Tooftaan kun qawwee ykn dullaa ykn gubboo/matta'aa kennuu si hin gaafatu!

πŸ‘‰ Hojii kee keessattis baay'ee si barbaachisa.

πŸ‘Œ Innis, kunoo isa kana "Cimina namootaa erga isaanitti himtee booda, dhumarratti dadhabina isaanii itti himuun mufannaa malee yaada kee akka fudhatan godhi!"

πŸ‘‰ Hubadhu:-

~ Namni ati yaadaa fi amala isaa jijjiiruuf adeemtu badii kan dalage yoo ta'eyyuu, jalqaba irratti badii isaa itti hin dubbatiin.

~ Jalqaba cimina isaa haasoftee qalbii namichaa erga bantee booda gara dogoggora isaatti darbi!

✍ Tooftaan kun Hakiimoonni ilkaanii yeroo ilkaan buqqisuuf jedhan waan isaan dursanii hojjetan waliin wal fakkaata!

πŸ‘‰ Hakimiin ilkaanii ilkaan buqqisuu isaan dura, foon naannoo ilkaan buqqifamutti aanee jiru adoocha.

πŸ‘‰ Namni ilkaan buqqaafatu sun foon ilkaansaa ni urama garuu daawwaan sun dhukkubbii ni hir'isa!

✍ Qajeelfama kana namoota dandeettii geggeessummaa qabantu fayyadama!

πŸ—£ Qajeelfama 1ffaa:

~ Cimina Namootaa Haasa'uun Eegali!!!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 2ffaan, "Osoo ofitti hin mufachiisin akkaataa namoota itti ceephaa'an" jedhu itti fufa............!!!

πŸ™ Halkan Gaarii!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
---------------- KUTAA ARFAFFAA ---------------

~ DANDEETTII GAGGEESSUMMAA GABBIFADHU!!! ~

2. Osoo Ofitti Hin Mufachiisin Akkaataa Namoota Itti Ceephaa'an!!!

πŸ‘‰ Dogoggora namootaaf karaa nagaa isaanitti dubbachuun kee ilaalcha gaarii akka siif qabaatanii fi ajajaman taasisa.

πŸ‘‰ Namoota dheekkamuu fi ceepha'uun furmaata itti fufiinsa qabu fiduu hin danda'u.

✍ Osoo namoota hin mufachiisin ceepha'uf, akkaataan itti fayyadama jechoota keenyaa murteessaadha!

πŸ‘‰ Jechi tokkittiin mufannaa kaasuus hanbisuus dandeessi.

πŸ‘‰ Namoonni yeroo baay'ee cimina nama tokkoo erga dubbatanii booda, "garuu" jechuun ceephoo itti aansu. Kun sirrii miti!

πŸ‘‰ Sababni isaa jechi yaadota wal faalleessan lama gidduu galu "garuun" waan jiruuf!

πŸ‘‰ Namni kamiyyuu yaada kee hanga jecha 'garuu' jedhu bira gahutti hamileen isaa ni jabaata.

πŸ‘‰ Garuu isa booda bitaa isatti gala. Jalqabarratti kan isa jajje soba akka ta'etti yaada.

πŸ‘‰ Kanarraan kan ka'es amala namootaa akka feetetti jijjiiruu hin dandeessu.

✍ Namoota kallattiin ceepha'uun waan isaan aarsuuf, osoo isaan hin beekin qalbii isaanii gara dogoggora ykn dadhabina isaanitti deebisuu qabda!

πŸ‘‰ Kanas jecha yaadota wal falleessan lama giddutti galu 'garuu' gonkumaa itti fayyadamuu dhiisuudha.

πŸ‘‰ Kanaanis, osoo namootni hin beekin amala isaanii gara amala barbaadnutti jijjiiruu dandeenya!

πŸ—£ Qajeelfama 2ffaa:

~ Osoo Namoonni Hin Beekin Qalbii Isaanii Gara Dogoggora Isaaniitti Deebisi!!!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 3ffaan, "Jalqaba Of Ceepha'uun Eegali" jedhu itti fufa..................................!!!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
---------------- KUTAA ARFAFFAA ------------
~ DANDEETTII GAGGEESSUMMAA GABBIFADHU!!! ~

3. Jalqaba Ofii Kee Ceepha'uun Eegali!!!

πŸ‘‰ Namni tokko dogoggorasaa dursee yoo nutti haasa'u dogoggora keenya dhaggeeffachuun nutti hin ulfaatu.

πŸ‘‰ Jechoota muraasa fayyadamnee of ceepha'uun, nama of tuulaa fi arraba dheeratu jajuun yeroo gara hiriyaa dhugaatti jijjiirruu hagam akka ofitti boonnu tilmaamuun nama hin rakkisu.

πŸ‘‰ Dhugumatti immoo shakkii tokko malee ni danda'ama, akka danda'amus ni agarta.

✍ Dogoggora kee sirreessuu baattus yoo dursitee amantee, cimina namootaa haasofte amala namootaa jijjiiruu dandeessa!

πŸ‘Œ Kanaaf, dogoggora nama tokkoo sirreessuu barbaadda taanaan dheekkamsa, adabbii fi dirqisiisuun dura dogoggora keef of ceepha'uun eegali. San booda innuu of sirreessa!

πŸ—£ Qajeelfama 3ffaa:

~ Utuu Namoota Hin Ceepha'in Dura Dogoggora Keef Of Ceepha'uun Eegali!!!

πŸ‘Œ Qajeelfamni 4ffaan, "Namni Kamiyyuu Ajaja Fudhachuu Hin Fedhu" jedhu itti fufa.............!!!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

πŸ‘‰ By:- @Yonathan7939

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
2024/07/01 05:21:22
Back to Top
HTML Embed Code: