Telegram Web
πŸ—£ Forforii Rifeensaa (Dandruff)

✍ KA'UMSA

πŸ‘‰ Ka'umsi foriforii fangasii "Malassezia Furfur" jedhamuun akka nama qabu amanana.

πŸ‘‰ Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keessatti argama.

πŸ‘‰ Keessumatti ammoo umrii waggaa 14 haga 30 kan namoota rakkisudha.

✍ MALLATTOOLEE ISAA

πŸ‘‰ Rifeensa mataa keessaa wanti akka daakuu harca'uu (keessattuu yoo harkaan haxaa'an ykn filtuu mataan filan).

πŸ‘‰ Yoo xiqqoo sanarra jabaate ammoo garmalee hooksisuu fi waan akka qolaa harcaa'uu fa'i.

πŸ‘Œ FURMAATA ISAA

1. Shaampoo qabiyyee farra fangasii of keessaa qabuun rifeensa ofii haga foriforiin badutti ittiin dhiqachuu.

2. Qorichoonni dabalataa akkuma cimina foriforii nama qabe sanaatti oggeessa fayyaan kennama.

3. Foriforiin takkaa erga rifeensa irraa badee booda namatti deebi'uunsaa hin hafu. Kanaaf erga namarraa badee boodas gidduu gidduutti ( fkf: torbanitti altakka) shaampoo farra fangasii of keessaa qabuun rifeensa dhiqachuun barbaachisaadha.
πŸ‘Œ AJAA'IBOOTA ONNEE!!!

1. Onneen dubaraa kan dhiiraa caalaa daddaftee dha'atti, kan dhiiraa ammoo guddinaan xiqqoo kan dubartootaa ni caala.

2. Guddinni onnee nama tokkoo haga aboottee harkaa (fist) isaa geessi.

3. Rukuttaan onnee kan eegalu micireen garaa haadhaa keessatti uumamtee torbee afuraffaattidha. Torban 4'tti jechuudha.

4. Onneen keenya giddu galeessaan daqiiqaatti al 72 dha'atti. Nama waggaa 70 jiraate tokkoof osoo adda hin kutiin si'a biliyoona 2.6 ol dha'atti jechuudha.

5. Onneen giddu galeesssaan dhiiga liitira 7,600 gara qaamaatti rabsiti.

6. Madda ka'umsa sochii kan matashee waan qabduuf onneen qaama irraa addaan baatee rukuttaa ishii itti fufu dandeessi; hanga oksiijiinii ga'aa dhabdee duututti jechuudha.

7. Onneen qaama hundumatti naannoo seelii tiriiliyoona 75 ta'anitti dhiiga kan rabsu yeroo ta'u, "Koorni'aa ijaa" qofatu dhiiga hin argatu.

_____XUMURAMEERA_________

πŸ™ Fayyaan hunda dursa fayyaa kee eeggadhu!
πŸ—£ JECHOOTA HAAYYOTAA

πŸ‘‰ "Ifa guyyaa argachuuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama." Wiiliyaam Shekispiir.

πŸ‘‰ "Kaleessaaf gaabbuufi boriif dhiphachuun guyyaa har'aa balleessuudha." Maaksim Tiroobey.

πŸ‘‰ "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa ba'uu hin dandeessu." Wiiliyaam Shekispiir.

πŸ‘‰ "Namni dogoggorasaa mul'isee himatu akka nama kosii mana keessaa haruuti." Maatammaa Gaandii.

πŸ‘‰ "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka'i!" Jecha Warra Ingilizii.

πŸ‘‰ "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru." Jecha Warra Morookoo.

πŸ‘‰ "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii qabatee ba'a." Jecha Warra Arabaa.

πŸ‘‰ "Namni suuta deemu dafee bakka yaade ga'a." Jecha Warra Chaayinaa.

πŸ‘‰ "Daandii bakka yaadde sigeessisu utuu hin beekin adeemsa hin jalqabin." Jecha Warra Ingilizii.

πŸ‘‰ "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda'u qofa hawwummoo nama ogeessa." Jecha Warra Aayilaandi.

____ITTI FUFA!!!___________

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ JECHOOTA HAAYYOOTAA

✍ Dhugaa jireenya keessa jiru tokko haa ilaallu: Ofii keenyaa yommuu gammachuu argachuu barbaannu, gammachuu dhabuu ni dandeenya, nama biraa gammachiisuuf yommuu yaallummoo ni gamnanna.

πŸ‘‰ "Nama tokko dogoggora isaarraa deebisuun hojii guddaadha."Abirahaam Liinkan.

πŸ‘‰ "Namoonni hammuma gammaduuf of qopheessan gammadu." Abirahaam Liinkan.

πŸ‘‰ "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namootaaf gochuu dandeenyu gochuufii yoo dhiisne, burqaa gammachuu tokko akka gogsine beekuu qabna." Rey Liiman Wiilber.

πŸ‘‰ "Gammachuu fi shittoon wal fakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiif urgeeffatu." Raaliif Waaltoo Imarsan.

πŸ‘‰ "Maallaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. Maallaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. Maallaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. Maallaqni hojjettoota malee amanamtoota hin bitu." Heenrik Ibsan.

πŸ‘‰ "Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu hawwiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har'aa guyyota hundumaarraa guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har'aa harkaa kee keessa seentee jirti." Chaarles Koltan.

________ITTI FUFA!___________

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ JECHOOTA HAAYYOOTAA

πŸ‘‰ "Wanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qofaadha." Fiaankiliin Ruuzvelti.

πŸ‘‰ "Baay'inni rifeensaa, baay'inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye, baay'inni rakkinaas sammuu nama mul'ataa xureessuu hin danda'u. Namni akkasii madaala jireenya isaatii ni eega." Seneekaa.

πŸ‘‰ "Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqisne, akkasuma namnis yoo rakkinaan qaramee ba'e malee Addunyaatti mul'achuu hin danda'u." Konfiishiyes.

πŸ‘‰ "Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari'adhu." Robert Luwis Istevens.

πŸ‘‰ "Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba" Andiree Morwaa.

πŸ‘‰ "Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala." Laawoo 8ffaa.

πŸ‘‰ "Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa. Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha." Kanan Fireedirik Furaar.

πŸ‘‰ "Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan utuu hin taane, yommuu kufanis ka'uuf tattaaffii gochuudhaanis ni madaalama." Oliiver Gold Ismiiz.

_______ITTI FUFA___________

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ JECHOOTA HAAYYOOTAA

πŸ‘‰ "Irra deddeebi'anii yaaluun salphina miti. Carraa gaarii ta'uusaatu ittiin safarama." Joorji Maatiyaas.

πŸ‘‰ "Wanti nama beekamaa sitaasisu wanta ta'uu barbaaddu taatee argamuudha." Sookiraataas.

πŸ‘‰ "Sammuun kee foddaa ittiin Addunyaa kana ilaaltu waan ta'eef yeroo hundumaa banaa taasisi." Joorji Barnaand Show

πŸ‘‰ "Namootni hedduun gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman immoo beektota qofaadha." Toomaas Taakiyoos

πŸ‘‰ "Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu, gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda'utu siduraa dhaabbata." Aantuwaan Teekoov

πŸ‘‰ "Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha. Innis muddamaa fi sodaa humna keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha." Monten

πŸ‘‰ "Utuu of hin gargaarin eenyuuniyyuu gargaaruu hin dandeessu." Giris Mori

________ITTI FUFA!____________

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ OF BEEKUU ykn OF BARUU!!!

πŸ‘‰ Namni lubbuun jiru hundi "jiraachaan jira" ofiin jedha yoo ta'e, ogummaa fi hiikkaa jireenyaa hundumaa beeka jechuudha. Garuu yeroo ammaatti lakkoofsi namoota kanaa baay'ee xiqqaadha.

πŸ‘‰ Sababni isaas baay'een keenya "jiraa-du'aa" taaneedha. Jiraa-du'aa jechuun nama osuma lubbuun jiruu akka du'aatti dhiibbaa uumuu hin dandeenye jechuudha.

πŸ‘‰ Namni osuma lubbuun jiruu "jiraachaa hin jiru" ofiin jedhu immoo nama hiikkaa fi faayidaa jireenyaa hin hubatiin akkanumaan warreen du'anidha.

πŸ‘‰ Namootni akkanaa kun "Namoota utuu muuziqaa waliin sirbanii akkasumaan du'an jedhamu!" Shaarlook Holmis

πŸ‘‰ Namootni akkanaa kun utuu hojii ija qabu hin hojjetin darbuun isaanii nama gaddisiisa, kun immoo balleessaa "Uumamaan Mormuu" waliin wal qixa.

πŸ‘‰ Kanaaf "Ogummaa Uumamaan Qabnutti" fayyadamuun rakkoowwan har'a keessa jirruuf furmaata ta'uu akka dandeenyu amanuun jireenya keenya milkeessuu ni dandeenya.

πŸ‘‰ Kanaaf humnaa fi dandeettii keessa keenya jirutti haa amannu. Yoos "Of argachuu ykn Of baruu" dandeenya.

πŸ‘‰ Of beeknaan immoo ilaalcha gaarii ofiif qabaanna. Jireenyi keenyaas rakkoo keessa hin seenu.

πŸ‘‰ Ofitti amanamummaan keenya dabaluun jajjaboo, nama hundumaarra cimoo, injifattoota taana.

πŸ‘‰ Eenyummaa keenyaas amannee fudhaachuun cimoo, namoota qabxii gaarii galmeessisisuu, injifattoota taana.

πŸ‘‰ Namootni Addunyaa kanarra jiraatan harki caalaan garuu eenyummaa isaanii hin fudhatan. Isa kanaaf sababa tokkichatu jira. Innis eenyummaa isaanii wallaaluudha!

" EENYUMMAA KEEF BAKKA GUDDAA KENNI!!!"

_________ITTI FUFA___________

✍ Dhaamsa: Akka ati nama guddaa taate, gatiin kee guddaa akka ta'e amani. Kana booda injifannoo guddaa akka gonfattu nan abdadha!

✍ Maddi kitaaba "ICCITII MILKAA'INAA" Dr.Normaan V. Piil'n barreeffame.

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ Guyyaan Qorumsi Biyyaaleessaa Itti Kennamu Beekame:

πŸ‘‰ Qorumsi biyyaaleessaa seensa yuuniversiitii seensisu kan kutaa 12 guyyaan itti kennamu #Sadaasa 28 - #Mudde 1 ta'uun beekameera.

πŸ‘‰ Barataan qorumsa kana fudhachuu danda'u barataa kutaa 11 xumuree fi kutaa 12'ffaa simisteera duraa hordofe ta'uun beekameera.

✍ Akkasuma qorumsi ministirii ykn qorumsi kutaa 8ffaa #Sadaasa 22 - 23'tti akka kennamu beekameera.

πŸ‘‰ Barataan qorumsa kana fudhachuu danda'u barataa kutaa 7 xumuree fi kutaa 8'ffaa simisteera duraa hordofe ta'uun beekameera.

✍ Maddi: MoE!!!
Forwarded from Sadam(Ψ΅Ψ―Ψ§Ω…)
πŸ—£ Waamicha Eebbifamtoota Bara Kanaaf!

✍ Barattootni Sadarkaa Olaanoo irraa bara 2012 A.L.I eebbifamuu qaban garuu sababa Covid-19'tiin hin eebbifamiin hafaniif guyyaa har'aa waamichi taasifameeraafi.

✍ Akka ibsa guyyaa har'aa karaa qaamoolee barnoota olaanoo fi saayinsii biyyattii laateetti, Yuunivarsiitiin hunduu Fulbaana 1 - Sadaasa 30'tti barattoota eebbifamtootaaf waamicha akka taasisaan beeksiseera.

✍ Maddi: @bbc_amharic1
😍 SIRBA MASQALAA:

πŸ‘‰ Yeroo kabaja Ayyaana Masqalaa kan dubartiin qofaa sirbitudha.

❀️ ABAABOO MASQALAA

Abaaboon Masqalaa,
kabaawwanii, (2)
Mana haatiyyoo,
kotiin lachuu sanaawwanii.

Abaaboo Masqalaa,
kan guuranii, (2)
Yaa dureecha koo!
Qaniin har'aa, kan dubarii.

Abaaboon Masqalaa,
yaa boodaree, (2)
heerumuun duruu jiraa,
qalloon maa boochiree.

Abaaboon Masqalaa,
adii cobxee, (2)
Haati durba deechee,
gurgurtee kophaa raftee.

Abaaboon Masqalaa,
adii gurraa, (2)
yaa dureecha koo!
si marartee qodaan durbaa.

@ Fulbaana 16, 2013

πŸ˜‚ By: @Yonathan7939

πŸ™ Ayyaana Gaarii!!!

πŸ—£ @joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ @joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ @joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ Dhugaawwan Hawwatoo Waa'ee Sirna Wal-hormaata Dhala Namaa!

πŸ‘‰ Sirni wal-hormaata dhala namaa, amala addaa (unique characteristics) karaa sanyii (genes) isaanii dabarsuuf gargaara.

πŸ‘‰ Dhugaawwan hawwatoo sirna wal-hormaataa:

1. Dubartiin bara jireenyashee keessatti haga daa'ima 35 dahuu dandeessi.

2. Sirni wal-hormaataa dandeettii seelota xixiqqoo (firii dhiiraa) fi gurguddoo(killee dubaraa) qaama namaa keessatti oomishuu qaba.

πŸ‘‰ Firiin dhiiraa fi killeen dubaraa dheerina 0.03 - 0.05 mm fi diyaameetira 120mm dha.

3. Cidhaan dhiira fayyaaleessaa guyyaatti firii dhiiraa (sperm) haga miiliiyoona 500 oomishuu danda'a.

πŸ‘‰ Yeroo wal qunnamtii saalaas firii dhiiraa miiliiyoona 75 hanga 200 ta'u dhangalaasa.

4. Yeroo dhalootaatti oovaariin dubartii killee miiliiyoona 1 - 2 qaba garuu killee 300,000 qofaatu dargaageetti ishee taasisa.

5. Killeen gadi lakkifamtee sa'a 12-24 yoo jiraattu, firiin dhiiraa garuu hanga sa'a 36 jiraachuu danda'a.

6. Adeemsi oomisha firii dhiiraa (spermatogenesis) layida baratamoo qaamaa (normal body temperature) irraa 2-3Β°C gadi kan ta'e layida mijaawaa (optimal temperature) barbaada. Kanaafi qolli cidhaanii, kan cidhaan haammatee jiru, qaamaan alatti kan argamu.

7. Hoormooniin furdina sagaleef, rifeensa qaamaaf, dheerina fi guddina maashaaleef gahee guddaa dhiirota keessatti taphatu "Andiroojiinii" jedhama.

8. Alkoolii, tamboo aarsuu fi araadni qorichootaa raawwii wal qunnamtii saalaa yoo hir'isan, sochiin qaamaa fi nyaatni fayyaaleessi garuu ni fooyyeessu.

9. Marsaa laguu keessatti guyyaan gidduu ykn walakkaa yeroo carraan ulfaa'uu dubaraa itti guddatudha. Yeroon kun yeroo hoormooniin ulfaa milkeessu itti hedduumatudha.

10. Gadameessi dubaraa dheerina inchii 3 fi bal'ina inchii 2 kan qabu yoo ta'u, yeroo ulfaa garuu harka 20'n bal'ina isaa dabala. Gadameessi maashaa cimaa qaama dubaraa keessaa tokko kan ta'e qaba.

11. Ujummoon faalopiyaanii (fallopian tube), bakka wal fudhatni sanyii dhiiraafi killeen itti gaggeeffamu, dheerina 12 cm kan qabuufi bal'ina qaawwaa lilmoo hodhaa huccuu kan qabdudha.

12. Buqushaan (vagina) affeertuu baakteeriyaa hedduu kanneen qaama wal hormaata dubaraa faalama alaarra ittisan qaba. Baakteeriyaan kun naannoo asidawaa keessa waan jiraatuuf, PH buqushaa hir'isa.

13. Qaamooleen cimoo akka sammuu, onnee, gogaa fi garaachaa torban 8'ffaa ulfaatti kanneen guddatan yoo ta'an, dheerinni micirees (embryo) hanga abbuudduu (thumb) dargaggeessa tokkoo safara.

14. Qaamni daa'imaa gadameessa keessatti rifeensa haphiin kan haguugamee yoo ta'u yeroo daa'imti dhalattu ni bada.

✍ Maddi:

1. Interesting Body Facts About Reproductive System -(https://www.medindia.net/know_ur_body/interesting-body-facts-about-reproductive-systems.asp)

πŸ‘Œ Hiikaan: @Yonathan7939

πŸ™ Galatoomaa! Halkan Gaarii!!!

πŸ—£ @joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ @joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ @joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ DHUGAAWWAN HAWWATOO WAA'EE IQ KEE!

✍ Hundi keenya hiikkaa IQ akka waan beeknutti yaadna, garuu dhugumaan hubanneetii jirraa?

πŸ‘‰ Lakkoofsi IQ waa'ee beekumsa keetii siin oliitti ni ibsa jettee yaaddaa?

πŸ‘‰ Kanaa hunda beekuuf dhugaawwan hawwatoo waa'ee IQ waliin haa ilaallu:

1. IQ'n gabaajee "Intelligence Quotient" jedhu kan ibsu yoo ta'u, hiikkaan isaas safartuu beekumsaa ykn dandeettii yaaduu dhala namaa lakkoofsan kan ibsudha.

πŸ‘‰ IQ nama tokkoo beekuuf jalqaba qorumsa "dandeettii sammuu madaalu" ykn "Intelligence Test" jedhamu kennuufiin dirqamadha.

πŸ‘‰ Bu'aa qabxii qormaatichaa umrii namichaaf erga qoodnee booda, dhibbaan baay'isuun arganna.

πŸ‘‰ Kana jechuun:

IQ = (Qabxii qorumsa madaallii dandeettii sammuu / Umrii nama sanaa) x 100.

✍ Qorumsoota ammayyaa IQ hedduu keessatti qabxiin giddu galeessaa 100 dha!

✍ Ramaddii IQ:

πŸ‘‰ Bu'aa hirama armaan oliirratti hundaa'uun IQ'n akka armaan gadiiti qoodama:

Hanga IQ Ramaddii IQ

a. 130 - 144 ----> Kennaa kan qabu ykn Baay'ee ol'aanaa (Gifted or very advanced)

b. 120 - 129 ----> Caalaa (Superior)

c. 110 - 119 ----> Giddu galeessa ol'aanaa (High average)

d. 90 - 109 ----> Giddu galeessa (Average)

2. IQ'n walakkaa uummata Addunyaa qabxii 90 - 110 gidduutti argama.

3. Namootni qabxii 160 fi isaa ol galmeessan, namoota "Baay'ee Gamnoota" jedhamuun beekamu.

4. Qabxiin olaanaa IQ kana dura galmeeffame 210 dha. Kunis nama lammii Kooriyaa kan ta'e "Kim Ung-Yung" jedhamuun ture.

5. IQ'n dhibbeentaa 80 (80%) sanyiin (genetics), dhibbeentaa 20 (20%) barnootaan (learned) akka argamutti yaadu ogeessonni saayinsii (scientist). Ilaalcha kana irrattis waliigaltee hin qabani.

6. Loltoonni Yuunayitid Istet (U.S) yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa gita hojii sirriitti kan ramadaman IQ kanaanidha.

7. IQ'n jalqaba kan eegalame akka "meeshaa qorannoo qaamaaf" (medical diagnostic tool) tajaajiluuf ture.

πŸ‘‰ Amma garuu qabxii IQ'n:

~ ramaddii barnootaa taasisu,

~ hir'ina beekumsa sammuu qoratu,

~ dorgomtoota ykn qacarrii hojii ittiin madaaluu.

8. Harma hoosisuun IQ daa'imaa hanga qabxii 8'n dabaluu danda'a.

9. Akka qorannoon agarsiisutti namootni IQ olaanoo qaban ofitti amanamummaa guddaa qabu.

πŸ‘‰ Namootni IQ gadi aanaa qaban immoo, "ofiin of ajjeesuun" beekamu.

10. Duraa duubni dhalootaa IQ irratti dhiibbaa hin qabu.

11. Guddinni mataa (head size) IQ irratti dhiibbaa qabaachuu fi qabaachuu dhabuu isaa ogeessonni saayinsii (scientist) ilaalchaa tokko hin qaban.

12. Garaagarummaa xiqqootu qabxii giddu galeessa dhiiraa fi shamaraa gidduu jira.

13. Dhiironni qorumsa hubannoof (awareness test) kennamu caalatti yoo hojjetan, shamarroonni garuu gaaffiilee guddina afaanii (language development questions) caalaatti qabxii galmeessisu.

✍ Maddi:

1. 16 Interesting Facts about Your IQ.

2. IQ classification - Wikipedia (Stanford-Binet Intelligence Scale Fifth Edition).

________Itti fufa!____________

~ By: @Yonathan7939

~ Onkololeessa 4, 2020!

πŸ™ Galatoomaa!

πŸ‘Œ Dhugaawwan hawwatoo waa'ee IQ nuti daganne ykn irranfanne qabduu?

✍ Tole! Karaa: @Yonathan7939 ykn @Yordi143 nuuf qoodaa!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ DHUGAAWWAN HAWWATOO WAA'EE IQ KEETII!!!

πŸ‘‰ Biyyootni Addunyaa qabxii IQ giddu galeessaa galmeessan irratti hundaa'uun "Ramaddii Sadarkaa" argatanii jiru.

πŸ‘‰ Ramaddii kanaanis qabxii IQ gadi aanaa (59) galmeessisuun biyyi sadarkaa dhumaa irratti argamtu "Equotorial Guinea" yoo taatu, biyyootni "Singapore fi Hong Kong" qabxii ol'aanaa (108) galmeessisuun sadarkaa duraarratti argamu.

πŸ‘‰ Kooriyaan kibbaa qabxii IQ 106'n sadarkaa lammaffaarra yoo teessu, biyyi Chaayinaa fi Jaappaan qabxii walqixaan (105) sadarkaa sadaffaa qabataniiru.

πŸ‘‰ Itiyoophiyaan qabxii IQ giddu galaa 69'n sadarkaa 43 keessaa sadarkaa 37 irratti argamti. (i.e: Biyyoota 183 keessaa 161 irratti argamti.)

πŸ‘‰ Kanaanis qabxii IQ gadi aanaa galmeessun biyyoota "Sub-Sahara Africa" kanneen akka Somaaliyaa (68) fi Sudaan (71) waliin tarree tokko hiriiruu dandeesseetti.

✍ Akkamiin IQ keenya guddisuun danda'ama?

πŸ‘‰ Malootni dandeettii yaaduu dhala namaa guddisuun IQ dabalan:

1. Sochii qaamaa salphaa ta'e guyyaatti daqiiqaa 15 - 20 taasisuu.

πŸ‘‰ Sammuun keenya si'aawaa akka ta'uuf qaamaan si'aawaa ta'uun dirqama. Kunis dhiigni gara seelota sammuu fi qaamaatti sirnaan akka tamsa'u taasisa.

2. Nyaata uumamaa ( kanneen akka fuduraafi muduraa) fi pirootiinaan badhaadhe (kanneen akka baaqelaa, atara, killee, foon, qurxummii, fi kkf.) baay'inaan soorachuu.

πŸ‘‰ Nyaatni baala biqiltuu "Ginkgo Biloba" jedhamu irraa argamu dandeettii yaaduu sammuu dhala namaa kan ariifachiisu fi kan cimsudha.

πŸ‘‰ Kana malees ujummoolee dhiigaa ni bal'isa, "Free Radicals" kan jedhamu sammuu fi qaama keenya irraa ni ittisa, adeemsa glucose sammuu keessaa ni saffisiisa, daddarbiinsa neuron ni si'eessa, dandeettii yaadachuu, yaaduu fi hubachuu ni foyyeessa.

πŸ‘‰ Nyaatni biroon oksijiina gara seelota sammuu fi qaamaatti daddabarsuuf gargaaru kan biroon immoo "Vitamin B Complex" jedhama.

πŸ‘‰ Dhukkubsattoonni yaaduu fi yaadachuu dadhaban Vit. B-complex, nyaata fayyaaleessatti dabaluun yaalamu. Kunis dandeettii yaaduu fi yaadachuu isaanii foyyeessa.

4. Keemikaalota alaa kanneen sammuu fi qaama miidhaan irraa of qusachuu (Yeroo hedduu alkoolii fi tamboo fayyadamuu irraa of ittisuu).

5. Dhiphina hir'isuu. Sababni isaas dhiphinni seelota sammuu barbadeessa.

πŸ‘‰ Dhiphinni ujummoolee dhiigaa dhiphisuun, dhiigni gara onneetti akka hin deebine taasisa.

6. Hoormoonii uumamaafi nagaa kan hojii sammuu si'eessu fayyadamuu.

7. Shaakala sammuu walitti fufiinsaan taasisuun dandeettii yaaduu dabala.

~ Namootni muuxannoofi muddama garaagaraan sammuu isaanii guutan, dulluma sammuu ittisuun seelotni sammuu haarawoon akka oomishaman taasisu.

✍ Maddi:

1. World Ranking of Countries By Their Average IQ - 2020.

2. How to increase your IQ - part one and two.

---------------XUMURAMEERA---------------

~ By: @Yonathan7939

~ Onkololeessa 14, 2020!

πŸ™ Galatoomaa!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
2024/10/01 14:17:01
Back to Top
HTML Embed Code: