tgoop.com/keyralumma/1495
Last Update:
SEENAA NABI MUHAMMAD S.A.W
@Keyralumma By @Ibnu_surur
✅ KUTAA 🔟FFAA
âś…G100- yaroo Ergamaa Rabbii (S.A.W) Makka gaye eenyuutu nagaya eenyuu jalatti Makka seene?
D> nagaya Mux'im bin Adiyyi jalatti seene.
G101- tasa maaltu Nabi Muhammad (S.A.W) argate?
D> sadarkaa Rabbi biraa taheen mi'iraaja (samii bahe)
G101- imaltuun israa'a wal mi'iraaj(samii bahuu) yoom tahe?
D> baatii Rajab 27ffa amata 10 eega Nabi Muhammad (S.A.W) ergamee kessa tahe.
G102- imaltuun israa'a wal mi'iraaj(samii bahuu) essarraa eegale ?
D>Masjidul Haraam Makka irra Masjidul Aqsaa beeytul Maqdistti, Masjidul Aqsaa irraa gara samii torbanii olii.
G103- maalif samii bahuun barbaachise?
D> Kabajaa Rasuula Rabbiitiif (S.A.W) obsa daradra irratti obseef jacha,yoo warri dachii irraa garagale warri samii isa simata,nabiyyoota malaaykoota Rabbii guddaa isa uume hindi isaanii isa simatan.
D104- amni samii bahuu akkam ture?
D> dura yaroo 7 Ka'abaa xawaafe,eegasii waan lafarra deemu buraaq ja'aniin yaabbiif itti fidan,Nabi Muhammad (S.A.W) Jibriilii wajji Buraaq yaabbatanii Masjiul Haraam Makka irraa gara Masjidul Aqsa deeman (bararan),Buraaq qa'ee Masidul Aqsaa kessa qubatanii achitti hidhan,hogguma sun Masjidul Aqsaan Nabiyyootaan Aadam irraa hamma Iisatti (A.S) guuttameeti jira,hundi isaanii Nabiyyii Maayyii simachuu fii akka isaaniin raka'aa lama salaatuun eegaa jiran,eegas booda Jibriil weelkaa aannan ifii farshoo itti kennee Ergamaan Rabbii (S.A.W) weelkaa aannanii filate jibrii “fixraa ati fii ummanni kee irra jirtuu filatte” je'een.
G105- Anbiyoota Nabi Muhammad (S.A.W) gaafa samii bahe qunname eenyufaadha?
D> Samii duraa Abbaa keenya Aadam (A.S) qunnameen.
> Samii lammaddaa Nabi Iisaa fii Yahyaa (A.S) qunnameen.
>Samii sadaffaa Nabi Yuusuf (A.S) qunnameen.
>Samii afuraffaa Nabi Idriis (A.S) qunnameen.
>Samii shanaffaa Nabi Haaruun (A.S) qunnameen.
>Samii jahaffaa Nabi Muusaa (A.S) qunnameen.
>Samii torbaffaa Nabi Ibraahiim (A.S) qunnameen.
G106- Ergamaan Rabbii (S.A.W) fakeenya warra ibiddaa gaafa samiii bahe arge,maal arge?
D> ibidda kessa ummata qeensa nahasa qabu kan fuula isaanii fii qoma isaanii kotteeysan argee eenyu akka tahan Jibriil gaafate, “ummata foon namaa nyaatu (nama hamatu ifii naamusa namaa cabsu” je'een,kana malees azaaba ummata Ribaa yookaa dhala nyaatu,ummata horii yatiimaa nyaatu,ummata sagaggaalumma godhu,ummata zakaa dhoorgatu,ummata sheekoolee fitnaa uumuu,ummata amaanaa nyaatu,ummata salaata laaffisu,ifii kanneen malees hunda isaanii akkaataa itti azzabaman arge.
G107-Ergamaan Rabbii (S.A.W) gaafa Samii bahe ajaa'iba arge maalfaadha?
D> Malaaykaa waardiyyaa Azaabaa kan hin kofalle argee Jibriil gaafate “guyyaa Rabbin isa uumee as koflee hin beeku,osoo namaaf koflee siifi kofla” je'een.
>Baytal Ma'amuur arge,akka warra dachiitiif ka'abaa warra samiitiif beeytal Ma'amuuriitu jira,guyyatti Malaaykaa kuma 70 kessatti salaatan abaditti hindeebi'an.
>Sidratul Muntahaa,(muka qurquraa) Muka guddaadha, hundeen samii jahaffa jira xarafni samii torbaffa kessa jira.
>Jannata arge,samii torbanii olitti argama,isii kessatti waan takkaa ijji argitee hinbeeyne,waan qalbiin takkaa hin yaanne,waan takka gurri hindhageenyeetu kessa jira.
>Arshii,moggaa isaa Malaaykaa lakkoofsa isaanii Rabbi malee hin beeyneetu jira,irra gurguddoo Malaaykaa afuriitu isa ba'ate,guyya qiyaamaa ammoo Malaaykaa saddeet tahan
>Qalama qadara katabu sagalee isaa dhagaye.
>sagalee Rabbii guddaa (s.w) kan azal sun kan sagalee ilma namaa hin fakaanne sun dhagaye.
G108-imaltuu kana kessatti maaltu nurratti dirqama godhame?
D> Salaata,salaata 50 dirqa... ITTI FUFA .. insha'allaah amma dhumaatti nuhordofaa ✍️
G109-
-------> @B_Islaamummaa <-------
----------->@abu_abdalah1 <----------
-----------> @amirtemam1 <---------
----------> @Ibnutemiya6 <----------
---------> @hafiz_jihad <-------
BY 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE
Share with your friend now:
tgoop.com/keyralumma/1495