tgoop.com/keyralumma/1903
Last Update:
KUTAA đFFAA
Kutaa 9ffaa dubbisuu Hubadhaa
â Ammas mallattoo dadhabina iimaanaa irraa tokko yeroo musiibaan wahii uumame rifachuufi sodaachuu:
⢠Yookiin immoo yeroo rakkoon wahii uumame kan qomni isaa rommu madaala gadi dhiisu sammuu dhabuufi ija samiitti ol kaasuu taâee argita. Yeroo balaan wahii isa tuqe ni dhamaâa; qaawwi hundinuu ija isaa duraa cufama. Gaddi hundinuu isa yaabbata. Waan isatti uumame kana sammuu raggaâaafi qalbii cimaa wahiitiin fuuldura hin dhaabatu. Kun hundinuu sababa dadhabina iimaana isaati. Odoo iimaanni isaa cimaa taâee silaa raggaâaa taâa. balaa guddaa kana caaluyyuu humnaafi raggaâiinsaan fuuldura dhaabata ture.
âş Kan biraa immoo falmii qalbii gogsu baayâisuudha.
â Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan:
âummanni tokko booda qajeeluma irra turaniitii yoo falmii kennaman malee hin jallatanu.â Ahmadtu Musnada keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaamiâiin keessas ni jira.
⢠Falmiin ragaadhaan maleefi niyyaa gaariidhaan malee geggeeffamu karaa sirrii irraa nama jallisuutti geessa.
⢠Guyyaa harâaa falmii sobaa maaltu akkana baayâise! Beekumsa qajeelfamaafi kitaaba ifaa taâeen maleetti wal falmu. Gochatti arrabsamtuu kana dhiisuudhaaf jechi
Ergamaa Rabbii (SAW) namaaf gaâa: âani nama odoma haqa qabaatuu falmii dhiiseef mana walakkaa jannataa
keessaa isaaf of qaba.â Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaamiâiin keessas ni jira.
â Kan biraa immoo qalbiin duniyaatti rarraâuu ishee jaalachuufi gara ishee qofatti haara galfachuudha.
â Qalbiin namichaa hanga yoo carraan duniyaa tokko kan akka qabeenyaa kabajaa sadarkaafi manneen wahii isa
tare baayâee laalatu tokko itti rarraâa. Kana booda waan namni biraa argate waan hin arganneef jecha lubbuu isaa
gowwoomfamaa carraa dhabaatti lakkaaâa.
⢠Yeroo obboleessi isaa Muslimaa tokko waan isa jala tare argate immoo laalannaa baayâeefi walitti butamuu guddaatu isa mudata. Isa waanyuudhaan niâimaan isaa irraa deemuu hawwuun isaas ni mala. Kun immoo isa Ergamaan Rabbii âqalbii gabrichaa keessatti iimaanniifi hisdiin walitti hin qabamuâ jechuun irraa nu sodaachisaniidha. Nasaaâiitu gabaase. Inni Sahiih Aljaamiâiin keessas ni jira.
â Sammuu isaa qofa irratti hundaaâuu:
â Mallattoon biraa immoo haasaa namaa fi adeemsa isaa kan sammuu qofa irratti hundaaâe fudhatee mallattoo iimaanaa tokkollee dhabuudha. Haasaa nama kanaa hanga dubbii isaa keessatti mallattoo ragaa Qurâaanaa hadiisaa yookiin haasaa salafaa keessaa dhabdu tokko achi fagaata.
âż Nafsii isaatti xiyyeeffachuu keessatti daangaa dabruu:
â Waan nyaatamu waan dhugamu uffatamu mana jireenyaafi geejjibaatti akkaan xiyyeeffachuu. Warra kana
guutuutti akkaan xiyyeeffata. Huccuu irraa isa lallaafaa bituufi mana bareechuu keessatti lubbuu isaa qabsoo
cimaa qabseessa. Kana tottolchuu keessatti qabeenyaafi yeroo baayâee wareega. Isheen immoo waan dirqamniifi dhimmi itti isaaf jiruu miti. Yeroo inni kana hojjatu immoo obboleessa isaa Muslimaa irraa nama akkaan qabeenya kanatti haajomaarutu jira. Sababni kana hunda hojjatuuf
qananii fi quufa dhorgamaa keessa daangaa dabruudhaafi. Hadiisa Muâaaz bin Jabal keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo gara Yamanitti isa ergan isaaf dhaamanii ni jedhan: âqananiâuu irraa of fageessi! Gabroonni Rabbii warra of qanansiisanuu miti.â Abuu Naâiimtu Hilyaa keessatti gabaase.Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.
Kutaa 11ffaan itti fufa inshaallaah....
BY đKEYRAL-UMMA-TUBE
Share with your friend now:
tgoop.com/keyralumma/1903