KEYRALUMMA Telegram 1946
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Kutaa 3️⃣ffaa
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa

Abu Ubeeydaan amanamummaa isaa irraa gaafa Rasuulli s.a.w daldaltoota Qureeyishii afaan haa bahaniif ergu, waraanaaf waan siinqii hidhu dhabee tamira qalqalloo takka qofa hogganaa waraanaa sanii; Abu Ubeeydatti kenne. Innis ani amiira jedhee nyaata san ofiif hin kaawwanne. Hundaafuu tamira firee tokko tokko qoodeefii sanuma akka ilmoon harma haadhaa xuuxattutti xuuxxataa, bishaan irratti dhuguun, Rabbiin Barakaa keessa kaaheefii, sunummaan nyaata guyyaa tokko kan ganamarraa hanga galgalaa taateef.

Guyyaa duula Uhudis yeroo ummatni muslimaa cabee mushiriktoonni “gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa! gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa.” jechuun iyyutti seenan, Abu Ubeeydaan tokkoo tuuta kurnan Rasuularraa s.a.w laphee isaaniitiin xiyya mushirikitootaa warra dhorkaa turan keessaa tokko.

Erga waraanni qabbanaahe booda Rasuula s.a.w uffanni lolaa kan sibiilaa irraa tolfame (kombortaan sibiilaa) jabeenna dhahaa kaafirtoota irraa dhonfoora isaa lameen waraanee, ilkaan (qarriffaan) isaa cabde arganiin.

Abu Bakris sibiila dhonfoora Rasuulaa s.a.w waraane harkaan irraa buqqisuuf itti siqnaan, Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w hin dhukkubaa sodaatee “Rabbiin si qabe! Anatu irraa buqqisaa naaf dhiisi.” jedheen. Abbaan Bakriitis akkuma fedha Abu Ubeeydaa ni dhiiseef.

Abu Ubeeydaan sibiila Rasuula s.a.w konfoora waraane yoo harkaan buqqise Rasuula s.a.w laalessaaf sodaatee, ilkaan isaa tan fuulduraa lameenin cininna jajjabaa ciniinuun yeroo sossoosu, seerreen isaa duraa irraa cabde. Yeroo isa lammaffaas irraa buqqisuuf yaalus seerreen isaa tan hafte irra cabde. Akkasumatti sibiila dhonfoora lameen waraane irraa buqqise.

Abban Bakriis booda “Abu Ubeeydaan irra bareedaa shergeeti.” jechuun isa faarse.

Abu Ubeeydaan nama salphaa angodhaaf hin dheebonnee fi namoota birattis akkaan jaalatamaa ture. Yeroo Rasuulli s.a.w lubbuun jiranitti Abu Ubeeydaan hogganaa waraana guutuu ture. Kanuma keessa Rasuulli s.a.w ganda maqaan isii Balaa jedhamtu, tan haati Amri Binu-Aas keessa jiraattutti Amri Binu Aasin duula salaasilaatti hogganaa waraanaa godhuun erge.

Duula kanarratti Amris biyya haa cabsuuf itti ergame, tolaa fi gorsaan waan ummata to’annaa jala oolchuu dadhabeef, lolaaf waraana dabalata barbaade. Rasuullis s.a.w Abu Ubeeydaa hogganaa waraanaa gochuun “akka angoof wal hin dhabne.” jechuun Abu Ubeeydaa dhaameefi gara Amrii waraana dabalataa erge.

Yeroo inni achi gahes Amri ati hogganaa narratti hin tatu jechuun dide. Abu Ubeeydaanis nama gadi of-qabaa waan tureef hoggansa Amrii dhiisee jalatti bulee, ummataanis akka salaatu eyyameef.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakarii keessattis hogganaa hoggantoota waraanaa ture. Garuu Angoo tana diduun ofirraa buuse.

Kutaa 4ffaan itti fufa inshaallaah

tgoop.com/keyralumma/1946
Create:
Last Update:

BY 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE

Share with your friend now:
tgoop.com/keyralumma/1946

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Developing social channels based on exchanging a single message isn’t exactly new, of course. Back in 2014, the “Yo” app was launched with the sole purpose of enabling users to send each other the greeting “Yo.” fire bomb molotov November 18 Dylan Hollingsworth yau ma tei According to media reports, the privacy watchdog was considering “blacklisting” some online platforms that have repeatedly posted doxxing information, with sources saying most messages were shared on Telegram. To edit your name or bio, click the Menu icon and select “Manage Channel.”
from us

Telegram 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE
FROM American