tgoop.com/marroodiinayaas/8544
Last Update:
SALAALE
Boo’ichi keenya waggaa shanii oliif waan adda citee hin beeknef akka sirbaa baramaa ta’ee xiyyeeffannoo dhabnee laata?
Waggoota shanan kana guutuu uummanni Salaalee akka waan gaafa xiiqii fincilee hin fincilchiisnee, akka waan saba bal’aa of duubaa hin qabnee, kallattii garaa garaan alagaan itti hammaachuun hanqatee
Manaaf alaa gidirfamee roorroo biyya tana keessatti mul’atee hin beekne keessummeessaa jira.
Salaale Jaarraa tokkoof walakaaf alagaaf jilbiinfatee hin beekne,
Salaale tuqan malee nama hin tuqne,
Salaale shimalaan rasaasa qolatu,
Salaale gaafa gamtee namaaf birmatu,
Salaale dhukkuba Oromoo maraa dhukkubsatu,
Har’a akka waan biyya hin qabnee akka waan qomoo hin qabnee, akka waan qe’ee alagaa dhaqeetti, lafa saamamee, qabeenya saamamee, lubbuu saamamee yeroo qe’ee fi qabeenyi isaa gubatu, yeroo lubbuun kumaatamaa badheetti hafu, yeroo maatii guutuu jumlaan ajjeefaman, yeroo dirooniin samii irraa ibidda itti roobsuun lubbuu badheetti hafte awwaalchaf allaattii hanqisuun bobeessu Oromoon maaf callise? Salaale waggoota Shaniif halkaniif guyyaa boo’u, dhiigu, qe’eef qabeenyi gubatu maaf guyyaa tokko aara galfii dhabe? Salaale maaf birmannaa dhabe?
Salaale har’a haati fi abbaan reeffa ilmoo ofii irraa dhorkamanii karaa irratti daawwachaa allattin marsaa oolu!
Salaale har’a namni maatii maatii achii qabu eessa ooltan yoo jettanii gaafattan oolmaan guyyaa hundaa awwaalcha guyyaatti nama kudhan ykn shaniiti.
Salaale har’a duuti waanuma salphaa fakkaatee reeffa argatanii awwaallachuun immoo carra qabeessummaa ta’e!
Salaale har’a kan humna qabu keessaa baqatee hiyyeessi qe’ee isaatti du’aaf guyyaa eeggata!
Salaale har’a qamni hidhate kamiiyyuu yoo haaloo sirraa qabaate, yoo si shakke tarkaanfii kamiiyyuu yoo sirratti fudhatame hin gaafatamu!
Salaale har’a machooftuu hidhatetu ilmoo hiyyeessaatti rasaasan harka hiikkata!
Salaale har’a nama isaa jalaa ajjeesanii “maal ta’e eenyutu ajjeesen” hin jiru!
Uummanni kuni gamtaan bahee boo’ee nagaa kadhatee akkamitti nagaa dhabe, Akkamitti birmannaa dhabe!?
“Biyya badde Harreedhan garmaaman” qe’ee gootaa har’a dabeessi uummatatti taphata!
Sirni daangaa kee fi nagaa kee siif hin eegne siif diina!
Oromoon biyya keessaaf alaa nuuf lallabaa!
Yaa uummata koo qoqqodamnee bilisoomurra tokkoomnee gabroomuu wayya jennee waadaa waliif gallee turree barri darbuu hin ooluu waliif haa birmannu!
By Etika Teferi
BY OROMIA TIMES™°°°!!
Share with your friend now:
tgoop.com/marroodiinayaas/8544