tgoop.com/marroodiinayaas/8553
Last Update:
3/12/2024
Hidhattoonni Faannoo Aanaa Amuruutti lammiilee nagaa shan ajjeesuun himame.
Haleellaa hidhattoonni Faannoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessatti ALI Wiixata Sadaasa 23, 2017 raawwataniin lammiileen nagaa shan ajjeefamuu jiraattonni fi Aangawaan Aanichaa himan.
Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaa, hidhattootni kun ''namoota konkolaataadhaan deemaa jiran ganda Jawajaa jedhamu bakka addaa naannoo Laga Abbayyaatti haleellaa lubbuu nama shanii dabarsee fi sadiimmoo madeesse raawwataniiru" jedhan.
Namoonni haleellaan irratti raawwatames ‘’dargaggoota gabaa daldalanii jiraatanidha” kan jedhan bulchaan aanichaa, “qabeenya konkolaataa Isuzu tokkos bakka sanatti barbadeessanii deeman” jedhan.
Namoonni haleellaan irratti raawwatame “konkolaataa Isuzu jedhamurratti hoolaa fe’anii gara iddoo Caaboo jedhamutti imalaa turan. Hidhattoonni Faannoos Laga Mormor (Abbayyaa) irratti eeggachuun dhukaasa itti bananii ijoollee shan battala lubbuu baasan” jechuun kanneen haleellaa sanarraa hafan himaniiru.
“Ijooleen lubbuunsaanii bahe kun daldaltootadha. Hoolota kana gama ceessisanii Oromoo gama jiranitti gurguratanii deebi’u. Kaleessammoo lubbuunsaanii akkasitti wareegame” jedhan.
Haleellaan guyyaa Wiixataa kun hidhattoota Faannoo lakkoofsaan naannoo 30 ta’aniin raawwatamuusaa Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaa dubbataniiru.
Jiraattonni Aanichaa sababa hidhattoota Faannootiin yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuu kan himan yoo ta'u, dabalataanis Sodaa nageenyaa qabaachuu fi of-eeggannoon isaaniif godhamus laafaa akka ta'e ” himan.
Taatee Wiixata darbe raawwate kanaan gaddi guddaan akka itti dhagahame kan himan Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaan gama isaaniitiin komii ‘gama mootummaatiin laafinni jira’ jechuun jirattota biraa ka’eef yeroo deebisanis, “karaa aanaa keenyaa dhugaa dubbachuuf mootummaan hinteenye, hojjetamaa jira” jedhan.
Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhihoo dubbii taasisaniin hidhattoota Faannoof haala kan mijeessu hidhattoota 'Shaneedha' jechuun himachuunsaanii kan yaadamuudha.
Hidhattootni WBO badiiwwan garagaraaf himatamanis, himannaa dhugaarraa fagaateedha jechuun waakkachaa turaniiru.
#BBC wabeeffanne.
@QarooPost
BY OROMIA TIMES™°°°!!
Share with your friend now:
tgoop.com/marroodiinayaas/8553