tgoop.com/nidarba/220
Last Update:
Kaleessakee Yaadadhu!
Beekamaa taatus haalli ati keessa jirtu dhaloota akka hingufachiifneef gochakee itti yaadi!
Saadiyoo Maanee jedhama. Lammii Senegaal yoo ta’u, ALA bara 1992 Baanbaliitti dhalate. Baanbalii bulchiinsota naannoo Senegaal 45 keessaa takka. Abbaansaa imaama masgiida guddaa Baanbaliitti argamuu yoo ta’an, oggaa Sa’idoon umriisaa waggaa torba gahu ture addunyaa tanarraa boqotan
Maatii harka qal’eeyii Senegaal keessaa kan argame Maaneen erga abbaansaa boqotanii daa’imummaasaarraa kaasee waan argate mara warreen rakkatan gargaaruun beekama. Hojii arjummaa kanaaf ka’umsa kan ta’eef abbaansaa wayita imaama Masgiida Daakaar turanitti harka qal’eeyyiif waan argatan qooduudhaan beekamtii qabachuusaaniiti.
Ganamumaan arjummaa kan amaleeffate Maaneen harka qal’eeyyii daandiirra jiraatan, kanneen balbala masgiidaafi iddoowwan addaddaa taa’uudhaan kadhatan deeggaruufi gargaaruudhaan beekama.
Maaneen taphataa beekamaa fi hordoftoota hedduu qabu yoo ta'ellee altokkoof ganda dhaloota isaa iyyummaan rakkattu dagatee hinbeeku. Kilaboota jaallatamoo garaagaraatiif taphatullee haala kanfaltii isaa ilaalchisee kan isa yaaddessu hiyyeesota biyyasaa warra harka isaarraa nyaatanii beela ba'uu qaban sanadha.
Mannetii barnootaa, tajaajila neetwoorkii, tajaanila yaala fayyaa, tajaajila kuusaa bobaa'aa fi kan birootiin qee'ee isaatiif harkasaa diriirsaa jira. Doolaarii miiliyoona tokkoofi kuma 700fi 194n hospitaaloota sadarkaasaanii eeggatan sadii magaalaa Baanbaliilitti ijaaruun rakkoo ummatichaa salphisuun gargaarsa irraa eggamu bahaa jira.
Erga Liiverpuul irraa gara Bahermuunikiin cee'ee, torban kana keessa suurri miidiyaa hawaasaarra naanna'u tokko dhaloota ammaatiif barnoota nuuf kenna jedheen yaade. Gareen kubbaa miillaa isaa hundi dhugaatii harkatti qabatanii gammachuu isaanii yoo ibsan, inni garuu ofqabuudhaan sagantaa isaaniitti hirmaate.
Egaa dargaggootni keenya miidiyaa hawaasaa kana irratti walbeeknu ana dabalatee sadarkaan nuti itti jirru maal jennee ofgaafachuu qabna. Beekamtii muraasaa fi beekumsa yartuudhaan walii keenya gammachiisuuf miidiyaa hawaasaa kana irratti jechoota safuu cabsaniin wal faarsaa ykn jajaa oolla.
Ilaa obbolleessako, obboleettiiko beekumsii fi beekamtiin tokko miti, tokko ta'us ykn walfaana si quunnamus kaleessakee hindagatin, haalli ati keessa jirtu waan hindarbine sitti fakkaatee gorsa siif kenname hintuffatin. Beekamtiinis beekumsis ni darba, garuu haalicha keessa teessee wantati gootetu seenaa taa'a. Sikomachiisa ykn si arboomsa. Hidhatakee fi jajjootake gammachiisuuf jettee jechootaa fi gochoota riqicha seenaa gamatti si hambisanii dhalootaf naaffisan irraa of eegi. Godaannisni jireenyaa ati kaleessa hawaasa keessatti ilaalaa guddatte sun mooraa sitti ijaaree si eeguu qaba, atis naannoo fi hawaasakee hindagatin. Isuma kaan yoo dadhabde maatiikeellee hindagatin. Gammaduun hin barbaachisu jechuukoo miti, haaluma gammachuukee ibsattu keessatti dhaamsa dhaloota daandiitti deebisu of harkaa hindhabin. Gochaankee dhaloota gara doggoraatti oofa yoo ta'e irraa ofqusadhu!
@Nidarba
@Nidarba
BY Kunis Ni Darba
Share with your friend now:
tgoop.com/nidarba/220