tgoop.com/nidarba/240
Last Update:
Nabi Muhammad (صلى الله عليه وسلم) waa'ee irra caalaa nama yoo dubbataan akkana jedhan:
1). “Irra caalaan isa Qur’aana baratee barsiisudha.” (Bukhaarii- 5027) .
2). “Irra caalaan nama amala cimaa fi namuusa gaarii qabudha.” (Bukhaarii- 6035) .
3). “Irra caalaan namaa isa liqaa dafee deebisudha.” (Bukhaarii- 2305) .
4). “Irra gaariin nama kan waan gaarii qofa hojjaatu fi namootattii isa waliin ta'uun nageenyi itti dhaga’amudha.” (Tirmidhi- 2263) jedhu.
5). “Irra caalaan nama hiriyaa gaa’elaa isaaf gaarii ta’edha.” (Ibnu Habbaan- 4177)
6). “Irra caalaan namaa kan nama nyaachisee fi nagaa isaanii deebisudha.” (Bukhaarii- 3318)
7). “Irra caalaan kan namoota biroo tarree kadhannaa Isa keessatti keessummeessuudha (gargaaredha) .” (Targeeb wa Tarheeb- 234/1)
8). “Irra caalaan nama umrii dheeraa jiraatee hojii gaggaarii baay’ee hojjaatedha.” (Bukhaarii- 3279) .
9). “Inni hundarra gaariin isa namoota biroo baay’ee gargaarudha.” (Bukhaarii- 3289) .
10). “Irra caalaan nama Isa garaan qulqulluu fi dubbiin dhugaa dubbatu dha.” (Bukhaarii- 3291) .
Barnoota gaarii argachuuf channel kana join godhaa.
@Nidarba
BY Kunis Ni Darba
Share with your friend now:
tgoop.com/nidarba/240