NIDARBA Telegram 243
Akka nama rabbitti Amanee tokkotti....

Ummata Muslimaa kan #Irreecha dhaquuf deemuuf hundi keenyaahuu itti gaafatamna.
※※※※※※※※※※※※※※※※※
(Yoo xiqqaate #SHARE gochuun itti gaafatamummaa keenya haa baanu)
※※※※※※※※※※※※※※※※※※

√ Ummata Irreecha irratti hirmaatu keesaa Dhibbeentaan 70 ol Muslimoota tahuutu tilmaamama. Sababni Ummanni kun Irreecha irratti hirmaatuudhaf dhiheessu immoo "Iddoo tokkummaa fi baay'ina Saba keenyaa itti argisiifannudha" jedhanii waan yaadaniifi.

√ Irreechi Shirkii tahuu wayita dubbatamu immoo deebin nama heddurraa dhufu "Irreechi Aadaa dha malee, Amantii miti, Wanti shirkii jechisiisu hin jiru" jedhu. Gariin isaanii immoo "Irreechi Shirkii tahuu isaa amanneerra, garuu Faayidaa siyaasaatif hirmaanna" jedhu.

√ Kanaafuu, Hubannoon Hawaasa kanaaf kennamuu qabu Deebiwwan kanneen Ijoo Lameen irratti. Irreechi Shirkii tahuu fi, Shirkiin immoo waan akka Salphaatti ilaalamtee, "Shirkiidhas taatu inuma dalagna" jedhamu tahuu dhabuu Sirnaan barsiisuu barbaachisa.

√ Akkuma Beekamu, Itti gaafatamummaan Dhaabbilee Islaamaa akka #Majliisaa, #MiidiyaaleeIslaamaa, Daa'iwwanii, ImaamotaMasjiidaa... fi Kan biroos Dhimma Hawaasa Muslimaa ilaallatu Fuulduratti bahanki sirreessuudha. Dhimmoota hunda keessaa mataan immoo Amantii Hawaasa Muslimaa eeguudha. Waan Islaamummaan itti ajajjutti waamuu fi waan irraa dhoorkitu irra dhoorkuu....

√ Waan Islaamummaan itti ajajurraa mataan #Towhiida, Kan dhoorkamurraa mataan #Shirkii tahuun beekamaadha. #IrreechiShirkii tahuu irratti immoo Muslimoota biratti garaagarummaa yaadaa uuma jedhamee gonkumaa hin yaadamu. Kanaas Xiqqaa guddaan, Aammif-Ulamaan carraa addaa addaatin ragaa yoo bahan argaa jirra.

√ Kanaaf qaamonni Dhimma Hawaasa muslimaatif dhaabbatan jedhaman kanneen olitti tuqaman kunniin dhimma kana irratti duula godhanii ummata muslimaa Waan amantii isaa guutumatti balleessu kana irraa dhoorkuuf maaf Carraaqqii isaanirraa malu yoo taasisan hin agarre kan jedhj gaafiidha!!!
Ulamoota muraasa dabree dabree dubbatan, Imamota Masjiidaa fi Fayyadamtoota Marsaalee Miidiyaa (fkn facebook, Youtube, Telegram) fayyadaman Jala-Bultii irreechaa faa irratti waa dubbatan malee, Qaamni itti-gaafatamummaa qabu hundi gamtaadhan yoo irratti dalagan argaa hin jirru.

√ Kuni immoo Hunda nama gahee qabuu kan gaafachiisuudha. Ergamaan Rabbii ﷺ Hadiisa isaanii beekamaa Abdullaah Ibnu Umar ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻬﻤﺎ gabaase keessatti;-
”ﺃَﻟَﺎ ﻛُﻠُّﻜُﻢْ ﺭَﺍﻉٍ، ﻭَﻛُﻠُّﻜُﻢْ ﻣَﺴْﺌُﻮﻝٌﻋَﻦْ ﺭَﻋِﻴَّﺘِﻪِ(الحدیث)
"Hubadhaa cufti Keessan tiiksitee/eegduudha, Hundi keessan waan eegdanirraa ni gaafatamtu" (Muslimii fi Bukhaariitu gabaase) jedhan. Maarree Nuti Itti gaafatamuummaa Waan nurraa eegamuu baanee jirraa?! Jennee of gaafachuu qaba.

√ Ummanni hanga barbaade qeebalee, Kan dide didus nuti itti gaafatamummaa keenya bahuu qabna. Seenaa Warra Banii Israa'iil irraa Rabbiin wayita nuuf himu, Umanni gariin isaanii- Ummata Da'waa godhuun; Osoo Ummanni isaanirratti diduu maalif Waamicha akka godhan gaafatamnaan; Deebin isaanii Akkas ture:-
”ﻭﺇﺫ ﻗﺎﻟﺖ ﺃﻣﺔ ﻣﻨﻬﻢ ﻟﻢ ﺗﻌﻈﻮﻥ ﻗﻮﻣﺎ ﺍﻟﻠﻪ ﻣﻬﻠﻜﻬﻢ ﺃﻭ ﻣﻌﺬﺑﻬﻢ ﻋﺬﺍﺑﺎ ﺷﺪﻳﺪﺍ ﻗﺎﻟﻮﺍ ﻣﻌﺬﺭﺓ ﺇﻟﻰ ﺭﺑﻜﻢ ﻭﻟﻌﻠﻬﻢ ﻳﺘﻘﻮﻥ“ - ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻷﻋﺮﺍﻑ - ١٦٤
"Isaan keessaa Ummanni taate wayita jetteen 'Tuuta Rabbiin isaan halaakuf jiru Yookin adabbii jabduu isaan adabuuf jiru maalif (hamturraa) dhoorkitan' Wayita jedhaniin, (isaanis) 'Deebisa gara Rabbii akka nuuf tahuu (Gaafii toltutti waamuu fi hamtuu irraa dhoorkuu dhabuun dhuftu jalaa bahuu) Yookin Akka (yoo kan tole jedhan tahe) Rabbii ofii Sodaataniifi' Jedhan" (Suuraa A'raaf, 164)
===========

- Eeyyen, Namni Da'waa godhu waanuma Lamaan tanaaf godha. Yoo Kan irraa qeebalan tahe, Akka Rabbii ofii Sodaataniif, Yoo Kan didan tahe immoo Fuula Rabbii duratti itti gaafatamummaa jalaa bahuudhaafi. Maarree dhimma Kanarrattis Gamtaanis tahee dhuunfaadhan gahee nurra jiru baanee jirra moo hin jirru kan jedhu gaafii keenya hunda.

Sheer waliif godhaa.
By Qilleensi Nasrii Bubbise

tgoop.com/nidarba/243
Create:
Last Update:

BY Kunis Ni Darba

Share with your friend now:
tgoop.com/nidarba/243

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

According to media reports, the privacy watchdog was considering “blacklisting” some online platforms that have repeatedly posted doxxing information, with sources saying most messages were shared on Telegram. A Hong Kong protester with a petrol bomb. File photo: Dylan Hollingsworth/HKFP. Hui said the messages, which included urging the disruption of airport operations, were attempts to incite followers to make use of poisonous, corrosive or flammable substances to vandalize police vehicles, and also called on others to make weapons to harm police. Don’t publish new content at nighttime. Since not all users disable notifications for the night, you risk inadvertently disturbing them. Today, we will address Telegram channels and how to use them for maximum benefit.
from us

Telegram Kunis Ni Darba
FROM American