Warning: Undefined array key 0 in /var/www/tgoop/function.php on line 65

Warning: Trying to access array offset on value of type null in /var/www/tgoop/function.php on line 65
- Telegram Web
Telegram Web
Gaafaan du'ee biyyee
Boraafadhee ciisu
Gaafaan gu'ee iyyee
Fedhiin qabu dhiisu
>> >> >>
Gaafaan jaalalleedhaan
Wal arguuf rakkannu
Dharraa waliif qabnu
Wal bahuuf hanqannu
>> >> >>
Gaafaan humna malee
Dirqamaan mudadhu
Lubbuun kophaa bahuu
Dirqamaan fudhadhu
>>             >>          >>
Mee gaafa san dhiiroo
Haalli koo akkami?
Gaariin dalagadhe
Dhaalli koo hangami?
Jireenya kee keessatti, jechaafi gochaan amanamaa tahi. Nama jechi bareedu, kan gochi fokkotu osoon taane, nama jechaafi gochi wal simu tahii jiraadhu. Jiruunuu gabaabduudha.
Jalqabbiin isaanii sin sossobin. Gaafa duraa Sheeyxaanninuu gaarii ture.
Tokko yoo yeroo dantaa ati irraa qabdutti sirraa fagaate, tokko yoo yeroo dantaa sirraa qabu fixate sirraa fagaate, tokko yoo nama sirra caalu waan argateef sirraa fagaate, tokko yoo jireenya siin ala akka jiraachuu dandahu hubatee sirraa fagaate, kamtu irra garaa jabaate?
Namni jaalatu, nama jaalatutti, garaa hin jabaatu, dhama yaadatutti yaadannoo hin hifatu, qaama jaalaturraa hin baqatu, qalbii jaalatu hin tuffatu, onnee onneen isaa jaalattu sanirraa addaan bahee, dandahee hin jiraatu, yeroo tokkoofis osoo taatee, miira jaalatu san hin gowwoomsu. Kanaan achi, nama jaalala hin hubatin ykn dhugaa jaalalaa hubatee hin fudhataniidha. Jaalalti beekkumsa!
Jaarsa khaasaa, jaarsa baasaa, jaarsa daasaa kamtu irra gaariidha? Sababni?
Yaa nama jaalalaan qabame...
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡β€οΈπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Namni dhugaan si jaalatu, yeroo haraamiin sitti dabarsurra, halaaliin akkamitti akka sitti dhiyaatu beeka. Yeroo, qabeenya, haala keeysa jiruun osoon taane, Qulqulluu jaalalaatiin jiraatuutu itti mullata.

Waaniin siin ja'eefiin qaba.
Namni dhugaan si jaalatu...
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Jaalala dhugaatiin, akka wal argattaniif waan dandahu hunda taasisa. Garuu Hireen qooda Rabbii taatee yoo wal dhabdan, jaalalumaan garaa keeysaa akka sitti toluuf Rabbi siif kadhata. Jaalalti argachuu caala jaalachuu beekuudha.

https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Namni dhugaan si jaalatu...
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Jaalala siif qabu, jecha caalaa gochaan siif ibsa. Maaliif akka si abdatu fedhii qaama isaa, isa bu'ee caamu, sitti baafachuu caalaa, jaalala dhugaa keessa onnee isaatii miira keetiif dhaamuun siif cimsa. Hammannaa lapheetti si qabatu caalaa, qabannaa akka hapheetti sitti maxxanee jiraachuuf addunyaa tanarraa suma qofa barbaada.

https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Namoonni tokko tokko, dantaa isaaniitiif jecha si yaaduu bira dabranii siif yaaduu jalqabu.
Atis Umrii dheeradhuuf!
Maal qaba... Dhukkuba malee, Wanti hundi osoo akka jalqabaa bareedee...
Yeroo tokko tokko akka yaadde osoo siif tahee, kana caalaa dhukkubsatta.
Ee waanuma lama.
1. Jireenya keenya fuulduratti oofna.
2. Jireenya dhiifnee duunee awwalamna.
Yoo gammachuun keessa kee hin jiraanne, if jajjabeessun akkamiin dandahama...
Namni akkamiin if dagata?
Jireenyi kun akkana...
Guyya tokko tokko, guyyaa ati jaalattu, guyyaa tokko tokko, kan ati hin hubanne, guyyaa tokko tokko, kan akka gar malee yaaddu si taasisu, guyyaa tokko tokko kan maaliif akka jiraattu wallaalchisee si naasisu, guyyaa tokko tokko kan osoo akka dhufuu eegaa jirtu, Garuu dhufuun isaa kan tasa hin yaadamneetu si mudata. Mee ati guyyaa kam kamiin qoramtee jirta?
Namoonni milkaa'oon yeroo hunda nama gargaaruun gammachuu argatu. Garuu namoonni dadhaboon, nama gargaaruu irraa bu'aa maal akka buufatan yaadu. Garaagarummaa jireenyaati.
Rabbi waan ati hin dandeenyeen sin mokkoru. Obsi humna kee amanii jiraadhu.
- Waan arra facaafatte boru haammatta. Waan facaaftu hubadhu. Akka boru yeroo haamtu qoreen hin diramneef.
Sababuma hedduu dubbatteef malee, sababa hedduu callisteef namni ati dhabdu tokkolleen hin jiru. Dubbii xiqqeeffadhu.
2025/02/22 13:28:42
Back to Top
HTML Embed Code: