OROARTST Telegram 259
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Kaayyoo lama baadheen
Badaa lamarraa gubadha
TOKKOON jaalala keen
Eeletti guggubadha
TOKKOON rakkoo sabaafin
Daggalatti qubadha
Abshiir numan baadha
Ulfinni Koo lakkuudha
Tokkoon ulfina keef
Sabaa ijaan arkuudha
Tanaaf hanga kana
Hubadhu naan wallaaltuu
Nyaaphee haadha kooti
Gubeetin gubadhaa
Waa'ee yaada keetii
Dhufeetin dubbadha
Ragaa jaalala keetiif
Abjuurraan dubbadha
Rakkoo sabaaf je'een
Ibidda fafakkaadhe
Malee jaala tantoo
Yoomin si irraanfadhe
Jabeenya sabaaf je'een
Areeda alanfadhe
Jaalalti tiyyaaf tee
Guutudha Yoon jiraadhe
Diina koonjifadhee
Yoon biyyatti deebi'ee
Jaalli kee qaalidha
Onnerrattin kaa'ee
Miira wajjiin qajeele
Diina faana dhehee
Tanaafu Wal argaan
Yoo rabbirraa tehe
Abshiir siifin dhufa
Jaalala kankee tehee
Abdii samii gubbaa
Duumeysa siif tehee
Akka ji'aa seenee
Akka biiftuu behee
Siif ifuufin jira
Samii irraa baqee
Bakka dhaqi jette
Ergaa teetin dhaqee
Bakka hafi jette
Gorsa keetin hafee
Tanaafin dhaamsa koon dafee
Obsiin si hangafee
Tanaafuu naaf obsii
Guyyaan hedduut hafee
Kan gammachuun nu keeysaa
yaa'u akka caffee
Tanaafuu jabaadhu
Obsaan cabsi lafee
Warqii onnee teetii
Garaadhan siif laafee
Carqii aahdii teetii
Onnerran siif afe


✍️ @fileebar18


JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny



tgoop.com/oroartst/259
Create:
Last Update:

Kaayyoo lama baadheen
Badaa lamarraa gubadha
TOKKOON jaalala keen
Eeletti guggubadha
TOKKOON rakkoo sabaafin
Daggalatti qubadha
Abshiir numan baadha
Ulfinni Koo lakkuudha
Tokkoon ulfina keef
Sabaa ijaan arkuudha
Tanaaf hanga kana
Hubadhu naan wallaaltuu
Nyaaphee haadha kooti
Gubeetin gubadhaa
Waa'ee yaada keetii
Dhufeetin dubbadha
Ragaa jaalala keetiif
Abjuurraan dubbadha
Rakkoo sabaaf je'een
Ibidda fafakkaadhe
Malee jaala tantoo
Yoomin si irraanfadhe
Jabeenya sabaaf je'een
Areeda alanfadhe
Jaalalti tiyyaaf tee
Guutudha Yoon jiraadhe
Diina koonjifadhee
Yoon biyyatti deebi'ee
Jaalli kee qaalidha
Onnerrattin kaa'ee
Miira wajjiin qajeele
Diina faana dhehee
Tanaafu Wal argaan
Yoo rabbirraa tehe
Abshiir siifin dhufa
Jaalala kankee tehee
Abdii samii gubbaa
Duumeysa siif tehee
Akka ji'aa seenee
Akka biiftuu behee
Siif ifuufin jira
Samii irraa baqee
Bakka dhaqi jette
Ergaa teetin dhaqee
Bakka hafi jette
Gorsa keetin hafee
Tanaafin dhaamsa koon dafee
Obsiin si hangafee
Tanaafuu naaf obsii
Guyyaan hedduut hafee
Kan gammachuun nu keeysaa
yaa'u akka caffee
Tanaafuu jabaadhu
Obsaan cabsi lafee
Warqii onnee teetii
Garaadhan siif laafee
Carqii aahdii teetii
Onnerran siif afe


✍️ @fileebar18


JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny

BY Art.Yoosan Geetaahun


Share with your friend now:
tgoop.com/oroartst/259

View MORE
Open in Telegram


Telegram News

Date: |

fire bomb molotov November 18 Dylan Hollingsworth yau ma tei Add up to 50 administrators Ng Man-ho, a 27-year-old computer technician, was convicted last month of seven counts of incitement charges after he made use of the 100,000-member Chinese-language channel that he runs and manages to post "seditious messages," which had been shut down since August 2020. Co-founder of NFT renting protocol Rentable World emiliano.eth shared the group Tuesday morning on Twitter, calling out the "degenerate" community, or crypto obsessives that engage in high-risk trading. Users are more open to new information on workdays rather than weekends.
from us


Telegram Art.Yoosan Geetaahun
FROM American