tgoop.com/oroartst/284
Last Update:
~ Jecha beektotaa~
✅ "Mo'attoonni waan adda ta'e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta'een hojjetu."
Shiiv keeraa
👉"Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay'ata."
Shiiv keeraa.
✅"Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu."
M. Gaandii
"
✅"Hin danda'amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha."
N. Maandellaa.
✅"Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari'u; jaalalatu jibba ari'a."
Maartiin Luuter Kiingi.
✅"Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta'uu qaba, hin jedhin."
Maartiin Luuter Kiingi.
✅ "Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har'a sanyii facaasuu hin dhiisu."
Maartiin Luuter Kiingi.
✅ "Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama."
Riichaard Niiksoon.
✅"Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha."
Albeert Inestaayin.
👉"Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu."
Albeert Inestaayin.
👉"Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda'e."
Iyezak niiwtan.
👉"Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha."
Biil Geet.
👉"Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha."
Biil koosbiil
👉"Kun hundumtuu ta'ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada."
Haannaa Firaank.
👉 "Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi."
Joon F Keenedii.
👉 "Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha."
Heelen kiiler.
✅"Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati."
Naappooliyoon Hiil.
✅"Carraatti cimseen amana, yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana."
Toomaas jeefersen.
✅"Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha."
Miratuu shaanqoo
T.me/gaaddisa_dhugaa
BY Art.Yoosan Geetaahun
Share with your friend now:
tgoop.com/oroartst/284