tgoop.com/oromoToo/10520
Last Update:
#JIREENYA_KOPPII
✍️Barataan gaafa qormaata qoramuu akka wal-irraa hin korojneef barsisonnii mala isaan fayyadamantuu jira innis qormaataaf koodii laachuudhani. gaafa kanaa barataan duruu hatuun amala isa itti ta'ee akkumaa amala isa biyyi nagaadha jedhe hiriyyaa isa irraa waraabatee gala. Gaafa bu'aan qormaata dhufuu garuu mucaan akka darbuuf ofitti amanamumman qormaata kooppii godhe sana abdiidhan eeggachaa ture sana kufee mataa gadii buusee abdi kutate of arga.
✍️Qajeelfamnii kun jireenya dhala namaafis dhugaadha. Nuti yeroo baay'ee kaayyoo namaa, karoora nama jiraachuuf rakkannna, akka ebeluu yoon ta'ee malee, waan ebeluun baratee yoon baradhe malee, akka ebeluun dubbisuutti yoon dubbisee malee akka ebeluutti yoon uffadhee, yoon nyaadhee, yoon, yoon.....fi kkkf jechuun jireenya namoota biroo irraa kooppii gochuun jiraachuuf yaalla garuu dhumni keenya kufaatiidha.
✍️Maalif seete beekta jireenyii koodii mataa ishee qabdi. Karaan isa tokkoof milkaa'insa ta'ee isa biraaf immoo kara kufaatitii, sababiin isa akkuuma qormaata sana jireenyas kooppii goonee waan jiraannuuf yeroo baay'ee kufaatiin nu mudata, Isa booda Abdi kutanna.
✍️Kanaaf Obboleessa koo jireenya jiraattuu tokko qabaadhuu, jireenya akkamii? Jireenya Qajeelfama namootan jirataamee osoo hin taane kan qajeelfama fi ilaalchaa sammuu keen fudhatamaa argatte keessii kee itti gammadee jiraachuuf tattaffadhuu gaafa sana kufaatii osoo hin taanee milkaa'insa goonfatta, jireenya boqonna qabus jiraatta. Sababiin isaas ati jireenya kan nama irra kooppii hin gooneeka.
"AKKA EBELUUTTIN SIRBAAN MORMA NAMA JAL'ISAA"
"Guyyaa bareedaa
qabaadha"
A_A dha...... YUUNIVERSIITII DIRE DHAWA irraa.
Join 👇
@Oromotoo
@Oromotoo
@Oromotoo
BY MADDA BEEKKUMSAA🌳
Share with your friend now:
tgoop.com/oromoToo/10520