Telegram Web
Yeroo garii Dammaquu fi of yaadachuuf miirri kee miidhamuun ykn laalachuun barbaachisaadha.
Hoggas ofirratti xiyyeeffachuu egalta.

@oroquotes
@ilmanesruu
Miira gad aantummaa si keessa jiruutu, akka ati olaantummaa nama irratti agarsiifattuuf si dhamaasa.

@ilmanesruu
"Borun godha ykn yeroo birootin godha" jechaa oolun Dhukkuba.
Dhukkubni hamaan abjuu kee ajjeesu isa.

@ilmanesruu
@oroquotes
Gaaffii kana of gaafadhu mee

Ati ilma namaa hunda ni jaalattaa??

Hin jaalattu nin beekaa..

Duuba ati maalif nama hunda biratti jaalatamuuf cinqii of keessa. Hanga feete dhamaatus Na amani Kun waanuma ta'uufillee hin teenye hundaan jaalatamuu hin dandeessu.

Ammas ammoo Namoonni gariin si jaalachuu dhaban jechuun ati rakkoo qabda jechuu miti.

Gaafa jaalala namaa argachuuf jattee eenyummaa fi amala ke dhistee nama biraa fakkaachuu egalte jaalala barbaaddu san qofaa miti kabajalle dhabda.

Santu rakkoo guddaadha jaalala namaa barbaaduu dhiisii off ta'ii jiraadhu.

@ilmanesruu
@oroquotes
Yoo kuftes fuula duratti kufi.

@Ilmanesruu
@oroquotes
waan akka sirratti hojjatamu hin feene, nama irratti hin hojjetin.

@oroquotes
@ilmanesruu
karaatti hin dhaabin, amma itti dararamii boru injifataa ta'ii jiraadhu.

@oroquotes
Forwarded from Sammuu kee jijjiiri (Invincible SN)
Namticha tokkootu taksii keessatti mucaa isa biraan taa'ee chocolate nyaatu jiruun "mucaa maal godhu jirta ilkee ke sirraa balleessaa dhiisi" ja'en
Mucaanis "akaakayyuun kiyya waggaa 110 jiraate" ja'een
Namtichi dubbiin tun isa dhibdee "maaltu walitti fide ree, moo chocolate nyaatudhaan hangas jiraatee?" Ja'ee gaafate.
Mucaan "Lakkii inni dhimma isa naqu malee waan isa hin laallanne seenuu dhabuuni" ja'ee deebiseefii namticha afaan qabachiise.

An @ilmanesruu ti
Yaadni keessan nu jabeessa waan ta'eef yaada keessan nun gaha.

@oroquotes
@oroquotes
Iccitiin Milkaa'ina keetii gocha Ati irra daddeebin guyyarraa gootu keessa Jira.

@oroquotes
@oroquotes
Deebisaa dhabuun mataan isii deebidha.

@oroquotes
@ilmanesruu
Forwarded from Sammuu kee jijjiiri (S Nesru) via @like
Kufaatin wantoota 5n armaan gadii kana na barsiiste.
An @ilmanesruu ti

1. Karaan ittiin milkaa'an tokko qofa akka hin ta'inin irraa hubadhe.

2. Kufaatin bilchina sammuu na kannite.

3. Yoo irraa baranne kufaatin mataan isiituu milkaa'ina.

4. akkan if danda'ee kophaa kiyya dhaabbadhuuf kufaatin jabina naaf kannite.

5.kufaatin namoota baaqaa fi callaa adda naaf baste.

@ilmanesruu
@oroquotes
@oroquotes
Sammuu tee miira keeti ol godhuu barachuu qabda, ta'uu baannan hallayyaa keessatti if agarta.

@ilmanesruu
@oroquotes
Forwarded from Sammuu kee jijjiiri (S N̸͟͞e̸͟͞s̸͟͞r̸͟͞u̸͟͞) via @like
Seelana/minxaafa dhukkee quufe tokko uleedhan wanni dhoytuf Seelana miidhuf osoo hin ta'in dhukkee irraa buusufi..

Akasuma

Dadhabina namaatis wanni itti himtuuf
Namni sun Dogoggora ofii beekee akka sirreefatuf malee abdii akka muratuufi miti.

@ilmanesruu
@oroquotes
@oroquotes
Furtuuwwan jireenya gammachuu 10n

Dr.Mehret Debebe tin
Afaan Oromoo tti kan hiike
Sherif Nesru ( @ilmanesruu )

1.Mataa kee kan biraatin wajji Wal hin madaalchisin:-

Hundi keenya Akkuma ashaaraa harka keenyatti amalaa fi fedhiin keenya haalan Wal dhaba, sababoota gammachuu nu dhabsiisan kessaa tokkoffaan ofiifi nama biraa Wal madalchisuudha,
Qurxummiin akka shimbirrootti gammachuu Isii qilleensa kessan barbaaddadha yoo jatte shimbirroon ammoo akka qurxummittin bishaan keessa barbaaddadha yoo jatte isaan lamanuu osoo hin gammadin hafu, kanaafuu gammachuu tee safartuu keetin safari, Yeroo Ati ka biraatti hinaaftu atis ka biraa akka sitti hinaafu beeki.

2.Xiyyeefannoo kee Waan hin qabne irratti osoo hin ta'in Waan qabdu irratti godhi:-

Wanni sirraa hir'ate Maali? Kan qabdu hoo? Yoo Wal madaalchiste kamtu caala? irra hedduun yaadotaa fi xiyyeefannoo keenyaa wan hin qabne irratti Waan ta'eef Waan qabnu osoo itti hin fayyadamin hafna, gammadaa ta'uuf waa hunda qabaachun sirraa hin eegamu gad qabdee yoo laalte Wanti amma qabdu gammadaa ta'uuf gahaadha, Sababnis miskiinni Waan Ati qabdu kanaaf hawwu heddudha.
....
Itti fufa....

@oroquotes
@ilmanesruu
2024/12/02 05:15:07
Back to Top
HTML Embed Code: