Kitaabni seenaafi Seenesssi Dhuunfaa waladda!
Tibbana wanta ajandaa fakkaatu wayii tokkotu qilleensarra jira. Kitaaba seenaa nama dhuunfaa ofkeessaa qabu maxxansuuf dirqama namichi lubbuun jiraachuu hinqabuudha. Dhimmi sun kitaaba keessatti waa'een Tokkummaa Fiixee ka'uu akka hinqabnetti eerame. Garuu, wanti kun akkami? Gama saayinsii seenaatiin ilaalamamoo miti?
Seenaan maali? Seenessi dhuunfaawoo? Seenaan 'history' isa jennuudha. Seenaan taateewwan yeroo ykn waggoota darban keessa raawwataman hammata. Sun gocha gaarii ykn daba nama dhuunfaan ykn gareen siyaasaa tokko raawwate, gareen hawaasaa garee biroo irratti dalage tahuu danda'a. Walumaagalatti, dhimma siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, jiruufi jireenya ummataa dimshaashaan hammata.
Seenessi dhuunfaan immoo (Auto Biography or Biography) ta'ee muuxannoo jiruufi jireenya nama dhuunfaa ofkeessa qaba. Kallattii addaddaan jiruufi jireenya hawaasa naannichaa waliin hidhata qabaatus irruma caalaa waan namni sun ummatasaaf godhe, hariiroo inni garee hawaasaa kaan waliin qabutu ibsama. Toltuu namni sun godhetu agarsiifama. Tarii dogoggorasaatu mullifamuu mala. Balleessaafi gaarummaa inni godhetu barreeffama. Irruma caalaa waan dhaloonni irraa baratutu barreeffama. Daandiin milkii isaa akkamiin fulla'e? Namoonni kitaaba sana dubbisan maal irraa baratu kan jedhutu ilaalama.
Seenessi dhuunfaan gosa lama qaba. Inni tokko kan abbaan barreeffatu. Sun 'Auto-biography' jedhama. Inni kun kan namni tokko daandii irra deemee darbe irratti mudannoo jireenyasaatii, muuxannoo jiruu isaatii, tooftaa ittiin waan rakkoo isa mudate bira darbe, dhiibbaa hawaasummaa isarra gahe, rakkoo siyaasaa irra gahe, dinagdee dhabeefi argate irratti ofumasaan yaadannoo guyyuusaa qindeessee kitaaba taasisee maxxansa. Kun utuu namichi jiruu harkuma isaan barreeffamee maxxanfama.
Inni biroon seenessa dhuunfaa waa'ee nama tokkoo namni biroon barreesdlsuudha. Kun immoo, 'Biography' jedhama. Kun tarii namni sun lubbuunis haajiraatuu lubbuun darbeeras yoo tahe, muuxannoofi mudannoo jiruufi jireenya nama sana gama siyaasaan jiru, gama hawaasummaan toltuufi yartuu isa mudate, daandii inni ittiin dinagdee horate ykn dinagdeesaa dhabe hundaa qoratee (kallattiin namicharraa ykn nama nama sana beekurraa qorachuu mala) akkanaan kitaaba barreessa. Kitaabichis osoo namni sun jiruu barreeffamee maxxanfamuu danda'a. Erga inni du'ee qoratamee katabame yoo tahes nimaxxanfama.
Garaagarummaan seenaafi seenessa dhuunfaa maali? Seenaan akka jiruun taateewwan baroota darban keessa raawwataman, jiruufi jireenya ummataa, biyyaafi namootaa gama siyaasaadinagdeen, aadaafi hawaasummaan, qisaasama lolarratti raawwatame, waahee lubbii badeefi qabeenya.manca'eefi kkf ofkeessatti hammata. Seenichi ho'aattis barreeffamuu danda'a. Yookaanis, duuba qoratamee katabamuu mala. Garuu, turtii dheeraa booda maxxanfama. Hayyoonni tokko tokko waagaa 50 booda akka maxxanfamuu qabu akeeku. Sababnisaa, yoo qaamni gocha sana raawwate humna qabaate nama seenaa sana katabee irratti tarkaanfii fudhachuu mala sodaa jedhus nidabalata.
Seenessi dhuunfaan garuu dhimma nama dhuunfaa xiyyeeffata waan taheef seenaa irraa adda. Akka dhaloonni irraa baratutti ofeeggannoon waan katabamuuf toltuu namninsun rraawwates tahu muuxannoo jireenyasaa dhugaa bu'ureffatetu barreeffama. Sunuu waan hundaa osoo hintaane, waan barumsa tahutu xiyyeeffatama. Kutaabni barreeffame osoo namni sun lubbuun jiruu maxxanfamuu danda'a. Gocha gaarii inni godheef galateeffata daba inni raawwate yoo jiraates qeequudha.
Kanaaf, kitaaba seenessa dhuunfaa osoo namni sun jiruu maxxansuun sirrii miti kan jedhu asitti kufe jechuudha. Dhimmi ijoon ajandaa tibbanaa waa'ee kitaaba Kara Deemaa keessatti qabxiin muraasni waa'ee nama kabajamaa abbaa qabeenyaa Obbo Tokkummaa Fiixee ibsame. Innuu seenessa dhuunfaa nama kanaa guutummaatti hinhaammanne. Inumaayyuu, kitaaba guutuu barreessuun seenaa ajaayibaa namni kun keessa darbee barreessuutu irra ture. Sababnisaa, jireenya nama kanaarraa waan hedduutu baratama. Kara Deemaan kan barreesse gama gara laafinaafi arjummaa nama kanaa irraayi.

Kana ijoo.ajandaa godhatanii haasa'uun matumtisaa qaanii guddaadha. Yeroo hundaa waa'ee qarshii haasa'uunis salphina. Qarshiin mil.2 nuuf guddaa tahe malee nama sanaaf guddaa miti. Kara Deemaanis qarshii kanaan narraa bitaa jedhees hinhojjenne. Warri qarshiin yaadu garuu hamilee nama kana tuquu hindanda'u.
Walcabsuuf fiiguurra waltumsuu duudhaa haataasifannu.
Fedhasaa

Dubbisaa https://www.scribd.com/document/713611912/Wixinee-Akkaadaamii-Afaan-Oromoo-Hundeessuuf-Qophaa-e
Scribd
Wixinee Akkaadaamii Afaan Oromoo Hundeessuuf Qophaa'e
Wixineen kun tumsa Afaan Oromoof wiirtuun tokko hundaa'uu akka qabu kan akeekuudha. Yoo sun hinraawwatamu ta'e barumaan rakkoo afaanii haasa'uun itti fufa. Kanaaf namoonni dubbistanii hubachuun qabeenya keessan kanaaf akka dubbattan waamicha isiniif dhiyeessa.…
Addunyaa Kanarraa ummata Dhahaa mataasaanii qaban keessaa tokko Oromoodha. Akkka addunyaattuu ummata bara lakkaa'achuu jalqabedha.
Oromoon dhahaa mataasaa qabaatus, hanga yoonaatti, hin'ayyaaneffatamneef. Har'a miti dhaloota Kiristoos durayyuu waggaa 4000 oliif bara lakkaa'aataa akks ture ragaan ibsu bara bulchiibsa Gadaati. Kan inni ittiin hedamu bara bulchiinsa Gadaa yommuu tahu, ji'aafi urjii ilaalaniiti himu. Sana kan himus ayyaantuudha. Ayyaantuu jechuun beekaa jechuudha.
Akka Dha'aa Oromootti guyyaan ji'aan marsa. Torbaniin miti. Ji'a keessa guyyoota 27 maqaa ofiisaanii qabantu jiru. Walumatti guyyoonni 29.5 akka jirantu himama. Sun lak. 30 ta'uu danda'a... Dhahaa Oromoo kana keessa torbannis inuma jira. Ta'us, akka amma guyyoonni torbanniin hinmarsan; guyyaan 1ffaan deebihee kan dhufu ji'atti. Waan ofii beekuun murteessaadha!

Beeksisa qaxarrii Abbaa Alangaa aanaa 25 baaseedha. Warri isin ilaallatu dorgomaa!
Guutuu isaa dhaggeeffachuuf yutuubii https://youtube.com/@Caaya2024?si=nDetl-KgypH0wvWw seenaa
Subscribe godhaa!
Subscribe godhaa!
Leenjiin online kennu viidiyoosaa dhaggeeffachuuf https://www.facebook.com/100063699468197/posts/945999730866667/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
Subscribe godhaa!
Subscribe godhaa!
Facebook
Tajaajila Gorsaa Afaan Oromoo
Barnoota ogbarruu kutaa 1ffaa
Guutuu asii argattu
Guutuu asii argattu
Barnoota Ogbarruu kutaa 2ffaa
Nagaa jirtuu hunduu? Leenjii ogbarruu ani online kennaa jiru irraa fayyadamoo tahuu feetuu? Yutuubii kana subscribe gochuun hordofaa! https://youtu.be/11H2Aeohvjo?feature=shared
#Caaya Tube

YouTube
Barnoota Ogbarruu kutaa 2ffaa
Leenjiin kun namoota biyyoota addaddaa jiraatantu online barataa jiru. Qabiyyeen saayinsii ogbarruuti. Dhaggeeffadhaa!